“Qaamni kamuu olola qabatamaa hintaane tamsaasuurraa of qusachuu qaba” – Mootummaa Naannoo Oromiyaa

Ajjeechaan miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaa irratti raawwates ta’e, ololli ittigaafatamummaa isaa mootummaadhaaf kennuuf deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama hinqabu.

Mootummaa Naannoo Oromiyaa ajjeechaa qaama hinbeekamneen miseensa ABO Obbo Battee Urgeessaa irratti raawwate mootummaan ni balaaleeffata; kun Kanaan osoo jiruu miseensi ABO kun mootummaa waliin garaagarummaa ejjennoo siyaasaa waan qabuuf duwwaa akka gochaan kun qaama mootummaatiin raawwatametti ololli deemaa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne ta’uu mootummaan cimsee beeksisa.

Miseensi ABO Obbo Battee Urgeessaa qaama hanga ammaatti adda hinbaaneen magaalaa Maqiitti lubbuunsaanii darbee argamuun ni beekama. Gochaan kun qaama kamiinuu yoo raawwate bu’uura kamiinuu fudhatama kan hin qabneedha.

Kun Kanaan osoo jiruu, Obbo Battee Urgeessaa garaagarummaa ejjennoofi kaayyoo siyaasaa mootummaa waliin waan qabuuf qofa, ajjeechaan kun akka waan qaama mootummaatiin raawwatee ololli bitaa mirgaa faca’aa jiru haala kamiinuu fudhatama kan hin qabne akka ta’e mootummaan cimsee beeksisa.

Aadaa siyaasaa biyya kanaa jijjiiruuf qabsoo obsa fixachiisaa taasifameen bu’aan adeemsa jijjiiraa waggoottan jahan darban keessatti argame keessaa tokko dirree siyaasaa bal’isuu akka ta’e ni beekama.

Obbo Battee ta’ees jaarmiyaaleen siyaasaa qabsoo karaa nagaa filatan hundi carraa kanatti fayyadamuun ejjennoo siyaasaa qaban walabummaan tarkaanfachiisaa jiru.

Mootummaan bal’ina dirree dimokraasiif aarsaa kaffalaa as gahe sababa garaagarummaa siyaasaatiin qaama qabsoo karaa nagaa gaggeessurratti tarkaanfii ajjeechaa fudhata jedhanii yaaduunis ta’ee, carraa kanaan qaawa siyaasaa guuttachuuf yaaluun gonkuma fudhatama hinqabu.

Qaamoleen siyaasaa kasaaraan siyaasaa isaan qaqqabe carraa kanatti fayyadamuuf tattaaffii humnaa olii taasisaa akka jiran mootummaan taajjabbii qaba.

Dhumarrattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa yakka ajjeechaa Obbo Battee Urgeessaarratti raawwate adeemsa qorannoo seeraa hordofee ummataaf kan ifoomsu ta’uu beeksisaa, hanga qaamni nageenyaa qorannoodhaan adda baasee ummataaf ifoomsutti ittigaafatamummaa gochaa ajjeechaa kana qaama kamiifuu kennuun kan hindanda’amne ta’uun hubatamee, qaamni kamiyyuu olola qabatamaa hintaane tamsaasuurraa akka of qusatu cimsee beeksisa.

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You