Naannichi alergii albuudaarraa galii doolaara miliyoona 38 argate

Finfinnee: Oromiyaatti ji’oota saddeet darbanitti alergii albuudaarraa doolaarri Ameerikaa miliyoona 38 argamuu Abbaan Taayitaa Misooma Albuudaa naannichaa beeksise.

Hogganaa ittaanaan abbaa taayitichaafi ittigaafatamaan Damee Qorannoofi Misooma Albuudaa Obbo Zawuduu Taaddasaa ibsa torbee darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kennaniin akka jedhanitti, poteenshaala albuuda naannichaa qorannoodhaan bira gahuuf hojiin qorannoo bara 2008 irraa eegalee karaa saayinsaawaadhaan  gaggeeffamaa jira. Bara 2008 hanga 2015tti lafa bal’innisaa iskuweer kiiloomeetira 4000 olirratti adda baafannaan qabeenyichaa gaggeeffameera.

Baranas lafa bal’innisaa iskuweer kiiloomeetira 1,302 irratti adda baafannaa qabeenyichaa gaggeessuuf kan karoorfate yoo ta’u, ji’oota saddeettan darbanitti lafa bal’innisaa  iskuweer kiiloomeetira 809 ta’erratti gaggeessuun danda’ameera. Qorannoowwan taasifameenis naannichi albuudawwan kanaan dura takkaa hintuqamne hedduu akka adda baafameera jedhan.

Qorannoo albuudaa gadifagoo bajata mootummaan naannoo ramadeen iddoowwan adda bahan afurirratti bishaan ashabaawaa, albuuda sibiilaafi albuuda dhakaa cilee gaggeeffamaa jira.

Galiin ji’oota saddeet keessatti argame potenshaala naannichi qabu waliin yommuu madaalamu daran gadaanaadha kan jedhan Obbo Zawuduun, hundaa ol kontirobaandiifi alseerummaan albuuda warqiirratti gaggeeffamaa jiru sababa ijoo galii xiqqaa argachuu ta’uu eeran.

Bara bajataa  kanatti  mala aadaatiin  warqii  kiiloogiraama 1883 omishuun Baankii Biyyaalessaaf dhiyeessuuf karoorfamee   hanga dhuma ji’a Guraandhalaatti kiiloogiraama 80 qofti  omishamee dhiyaayaachuus ibsaniiru.

Rakkoolee omishtummaa misooma albuudaa hir’isuuf hojjetamaa jiraachuu himanii, eeyyamoota aadaa waliigalaa 2,463 turan keessaa 1,662 irratti tarkaanfileen garagaraa fudhatameera jedhan.

Hudhaalee damicharratti mul’atan furuuf tattaaffiiwwan gara garaa taasifamus ammallee rakkooleen akka caaseffamaafi dandeettii raawwachiisummaa sektarichaa, alseerummaafi kontirobaandiin albuudaafi rakkooleen  nageenyaa naannawaa  albuudonni alergii itti omishamanitti mul’atan xiyyeeffannoo addaatiin hojjetamuu qabu jedhaniiru.

Ji’oota saddeettan darbanitti eeyyamni misooma albuudaa 1,244 qaamolee ulaagaa guutaniif akaakuufi sadarkaalee gara garaatiin kennameera. Karaa biraatin damee misooma albuudaatiin barana namoota kuma170f carraa hojii uumuuf karoorfamee hanga dhuma ji’a Guraandhalaatti namoota kuma 90fi 263f uumuun danda’ameera.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You