“Maqaa, ummata bilisa baafnaatiin ofiifuu bilisummaa dhabne” – Miseensota Shanee harka kennatan

Maqaa ummata bilisa baafnaatiin ofiifuu bilisummaa dhabne. Kan naannichatti hamuummatus keessa gugatee ummata miidhe, jedhan, miseensonni Shanee godinaalee Wallagga Bahaafi Shawaa Lixaatti mootummaatti harka kennataniifi booji’aman.

Waldhabdee jiru karaa mariifi marabbaatiin furuuf yeroo addaa addaatti hoggansi olaanaan biyyaafi Naannoo Oromiyaa waamicha dhiheessaa turuun ni yaadatama.

Waamicha mootummaa cinaattis abbootiin Gadaafi jaarsoliin biyyaa dargaggoota beekaas ta’u utuu hinbeekiin daggala seenaniif waamicha koottaa galaa dhiheessaa turan.

Kana hordofees godinaalee Oromiyaa Wallagga afran Shawaa afraniifi godinaalee birootti tarkaanfii olaantummaa seeraa fudhatamaa jiru maddiitti miseensonni Shanee hedduun waamicha nagaa fudhachuun harka kennataa jiru.

“Nagaafi bilisummaa fidna jennee qe’ee baanee ofiifuu nagaafi bilisummaa dhabne, ergamtuu taane, gaafannee deebii dhabne, gaaffiinis cubbuu ta’e, ajjeesi, saami garuu maaliif jedhamee hingaafatamu. Kan beekuu qabdu waan sitti himameef hamma nuti sii eeyyamne qofa beekuu qabda” jedhamna jedhan.

“Sababa malee ajjeefne, saamne. Saamnee kan fuunus hoggansatti kennama. Waantota lamaan rakkanne; maaliif saamna, ajjeefna, waan ummatarraa saamnes saamneetu saamamne. Wanti namarrattis walirrattis raawwanne gurraaf hintolu” jedhan.

Kan du’e hinawwaalamu, kan dhukkubsate hinwal’aanamu, hiriyoota keenya baay’ee allaattiifi bineensatu goodaarratti irbaata godhate jedhu.

Waraana mootummaa keessas ijoolleedhuma Oromootu jira, nus ijoolleedhuma Oromooti, numatu walfixaa ture. Miilanammoo kan daran nu hube, garee faayidaafi naannummaan walqooduun hoggansi ijoollee walitti naqee walficcisiisuudha jedhan.

Inni baratu barnoota dhiisee, inni hojjetu hojii dhiisee, dhiitee bariitu olii gadi deemuun kisaaraa malee bu’aas hinargine jedhan.

Waggoota kanneenitti iddoodhaa iddootti miilaan socho’uurraa kan hafe waanti as qabanne ykn bilisoomsine jennu miila keenya qofa. Jireenya quruphee jiraataa turre” jedhu.

Garaa garummaan isaaniifi waraana mootummaa gidduus akka ‘hindaaqqoo qilxuutti buuteeti’ jechuun ibsu. “Ummataaf dhaabanna jennee baanee ummatarra dhaabanne. Ni bilisoomsina jennee ofiifuu garboomne, niwaraanna jennee walii walii keenyaanuu walfixne. Kun dhaabachuu qaba jennee waamicha karaa nagaa dhageenyee galle” jedhan.

Umurii keenyas, humna keenyas ummata keenyas hinfixnu jennee gaabbinee galle. Ormillee keessa gugatee ummata keenya hube, warri hafanillee carraa daandii nagaaf saaqame kanatti fayyadamuu qabu” jedhanii dhaamuusaanii OBNtu gabaase.

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You