Komiin misooma koriidarii Finfinneetiin walqabatee dhiyaate furamaa jira

Finfinnee: Komiin misooma koriidarii Magaalaa Finfinneetiin walqabatee dhiyaate furmaata argachaa jiraachuu bulchiinsi magaalattii beeksise.

Bulchiinsa magaalattiitti Ittigaafatamaan Waajjira Qindeessaa Sirna Dimokraasii Obbo Mogos Baalchaa ibsa Kamisa darbe miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, misoomni koriidarii magaalattii misooma bal’aa kallattiilee guguddoo shaniin hojjetamaa jiru gandoota hedduu kan tuttuquudha. Misoomichaan walqabatee kaafamtoota misoomaa biraa komiiwwan 249 qofatu dhiyaate.

Kanneen keessaa 83 haqa qabeessummaansaanii hubatamee yoo furmaata argatan, 54 ammoo adeemsarra jiru. Komiiwwan 176 garuu haqaqabeessa akka hintaane ibsameeraaf.

Komiiwwan dhiyaatanii, haqaqabeessaa miti jedhamanii adda baafaman keessaa caalaatti carraadhaan manni jireenyaa waliinii kaafamtootaaf oggaa dabarfamu, warri darbii 5ffaan ykn 6ffaan isaan qaqqabe darbii isaan barbaadan akka hintaane komii dhiyeessaniiru.

Finfinnee magaalaa bareedduu (‘smart city’) taasisuufi magaalaa teessoo dippiloomaatota idiladdunyaa miidhagina maqaashee gitu gonfachiisuuf waggaa tokkoo oliif hojii qo’annoo hojjechuun misoomni koriidarichaa eegalame jedhan.

Bulchiinsi magaalattii misooma koriidarichaa saffisaan xumuree gara hojii misooma birootti ce’uuf teknolojiin deeggaramee boqonnaa tokko malee hojjechaa jira kan jedhan Obbo Mogos; misooma koriidarichaa keessaa hojiin daandii Meksikoo-Saarbeet xumuramaa jiraachuu eeran.

Misoomni daandii Gootaraarraa-Walloo Safar ammoo sababa kanaan dura gamooowwan baay’een naannawichatti ijaaramaa turan daandiitti daran dhiyaataniifi diigamuu qabaniif misooma koriidarii kallattii sanaa akka harkifatu gochuu hubachiisaniiru.

Misoomichaan walqabatee akka jiraattotni magaalichaa hinmiidhamneef hojiin hubannoo uumuufi hawaasa mariisisuu durfamee hojjetamuu himanii; misoomichaaf namootni mana gandaa keessa, mana mootummaarraa kireeffataniifi mana dhuunfaasaanii keessa jiraatan fedhiisaanii gara birootti akka kaafaman taasifamuu ibsaniiru.

Hojiin misoomichaa walta’iinsa abbaa taayitaa daandiiwwan magaalattii dhaabbilee biyya keessaafi alaatiin adeemsifamaa jiraachuu himanii; misoomni koriidarichaa namoota 4,600 carraa hojii uumuu eeraniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You