Injifannoon atileetonni Itoophiyaa galmeessisaa jiran Olompikii Paariisiif galteedha

Finfinnee: Torban kana keessa dorgommiiwwan maaraatooniifi walakkaa maaraatoonii biyyoota adda addaatti adeemsifamanitti atileetonni Itoophiyaa koorniyaa lamaaniinuu injifannoo boonsaa galmeessisaniiru.

Dorgommiiwwan daandiirratti adeemsisamaniin atileetonni Itoophiyaa hedduun mo’achuudhaan miiniimaa Olompikii Paariis guuttachuuf dorgomuusaanii Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Obbo Yohaannis Ingidaa tibbana Gaazexaa Bariisaaf ibsaniiru.

Obbo Yohaannis akka jedhanitti, Olompikiin Paariis adeemsisamuuf ji’oota afur qofatu hafa. Atileetonni Itoophiyaa dorgommiiwwan adda addaatiin biyyattii bakka bu’an miiniimaa guuttachuuf biyyoota gara garaatti dorgommaa jiru.

Haaluma kanaan torban kana dorgommiiwwan atileetonni beekamoon addunyaa irratti hirmaatanirratti atileetonni Itoophiyaa korniyaa lamaaniin injifannoo olaanaa gonfachusaaniis himaniiru.

Dorgommii maaraatoonii Faransaay, Magaalaa Paariisitti adeemsisameen dubartootaan atileeti Mastaawoti Fiqiruu sa’aatii 2:20.45n tokkoffaa, Innaat Xirusaw sa’aatii 2:20.47n lammaffaa ta’uun mo’ataniiru.

Akkasumas dorgommii dhiirota jidduutti magaaluma kanatti adeemsifameen atileetiin Itoophiyaa Mulugeetaa Ummaa sa’aatii 2:05.33n tokkoffaa ba’uun injifateera.

Dorgommii walakkaa maaraatoonii Jarman, Magaalaa Barliinitti dubartoota jidduutti adeemsifameen atileetiin Itoophiyaa Mulaatuwaa Takilee sa’aatii 1:06.053n, Fitaaw Zargaa sa’aatii 1:07.22n tokkoffaafi lammaffaa ta’uun mo’achuusaanii ittigaafatamichi himaniiru.

Ispeen, magaalaa Maadriiditti ammoo atileet Abarraash Kabaddaa sa’aatii 1:08.31n xumuruudhaan tokkoffaa ta’uun kan injifatte ta’uus eeraniiru.

Koriyaa Kibbaa magaalaa Deeguttti dorgommii maaraatonii dhiiraan Jamaal Yimar sa’aatii 2:06.08n, dubaraan ammoo Yebirguwaal Mallasaa sa’aatii 2:19.36 mo’achuusaanii Obbo Yohaannis eeraniiru.

Akuma beekamu Itoophiyaan ALA bara 1960 irraa kaaftee Olompikii Romi, Tokiyoofi Meeksiikootti fiigicha maaraatooniitiin yeroo sadiif walitti aansitee mo’achuunshee ni yaadatama. Fiigicha meetira kuma kudhaniifi kuma shaniitiinis Olompiikii Baarseloonaa bara 1984 irraa kaaftee hanga ammaatti injifannoo dachaa gonfachaa jirti kan jedhan Obbo Yohaannis Olompiikii Paariis ji’a afur booda gaggeeffamurrattis qabxii olaanaa galmeessisuuf atileetonni keenya qophiirra jiraachuu himaniiru.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa Guraandhalarraa kaasee atileetonni biyyattii dorgommiiwwan biyya keessaa dhaabanii dorgommii qaxxaamura biyyaa Jaan Meedaa, dorgommii qaxxaamura biyyaa Afrikaa Tuniziyaatti, Taphawwan Guutuu Afrikaa Gaanaa Akraatti, dorgommii qaxxaamura biyyaa addunyaa Beelgireeditti akka hirmaatan taasisaa tureera.

Atileetota miiniimaa kana guuttachuuf Olompikii Paariis dabalatee shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa kan Caamsaa bara 2016 Kaameeruun, Yaawundetti adeemsifamurratti hirmaatan qopheessaa jiraachuus eeraniiru.

Dorgommiiwwan biyya keessaafi biyya alaatti adeemsifaman atileetota biyyattii bakka bu’uun dorgommiiwwan biyyoolessaarratti hirmaatan filachuuf kan gargaaru ta’uu himanii, akkasumas atileetota dargaggootaa kanneen dorgommii biyyoolessaarratti hirmaachuuf carraa hinqabne carraa akka argatan kan taasisu ta’uus eeraniiru.

Federeeshiniin Atileetiksii Itoophiyaa milkaa’ina Olompikii Paariisiif Koree Olompikii Biyyaalessaa Itoophiyaafi qaamolee dhimmamtootaa wajjin hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You