Inistiitiyuutichi jijjiiramaa as sanyiiwwan haaraa akaakuuwwan garagaraa 127 ifoomse

Finfinnee: Inistitiyuutiin Qorannoo Qonna Oromiyaa jijjiiramaa as sanyiiwwan haaraa gosa garaagaraa 127 ifoomsuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti qoodasaa ba’achuu ibse.

Daarektarri Olaanaan Inistiitiyuutichaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa sanyiiwwan haaraa 34 qorannoodhaan argaman ilaalchisee kaleessa wayita miidiyaaleef ibsa kennan akka jedhanitti, inistiitiyuutichi jijjiirama dura waggaatti yoo baay’ate sanyiiwwan haaraa 10 ifoomsa ture. Jijjiiramaa as garuu xiyyeeffannoo mootummaan kenneen waggaatti sanyiiwwan haaraa 34 ifoomsuun seenaa biyyaa keessattuu jijjiirama guddaa galmeessisaa jira.

Sanyiiwwan haaraan ifooman kunneen 11 kan ta’an sanyiiwwan midhaanii wabii nyaataa mirkaneessuurratti xiyyeeffatan yommuu ta’an 19 ammoo sanyiiwwan midhaan alergiif oolan kanneen sharafa alaa guddisuufis nigumaachu jedhaniiru.

Kana malees, sanyiiwwan haaraan afur omishtummaa nyaata beeyiladaa dabalan jiraachuu eeranii, sanyiiwwan haaraan kunneen hanqina roobaafi rooba garmalee dandamachuun oggaa kanneen idileen walbira qabaman omishtummaansaanii dhibbantaa 15 hanga 50 kan caalu ta’uu ibsaniiru. Sanyiiwwan haaraa ifooman keessaa qamadii, garbuu nyaataafi akaawwii, ruuzii, daagussaa, mosee, mixaaxisaafi mixmixa fa’i.

Inistiitiyuutichi jijjiiramaa as sanyiiwwan haaraa omishtummaansaanii olaanaa ta’e kanneen dhibeefi ilbiisota dandamatan 127 ifoomsuu Obbo Tashoomaan yaadachiisanii; walta’iinsa Giddugalawwan Qorannowwan Sinaanaa, Jimmaafi Machaaraatiin sanyiiwwan bunaa sanyiiwwan duraaniirra omishtummaansaanii dhibbantaa 150n dabalu naannawa kanaan dura hinbaratamne godinaalee Baaleefaatti madaqsuun danda’amuu dubbataniiru.

Sanyiiwwan qorannoon ifooman kunneen wabii nyaataa mirkaneessuufis ta’e alatti ergamanii sharafa alaa argamsiisuuf qonnaan bulaa biraan ga’uun barbaachisaadha. Ogeessotni qonnaas deeggarsa barbaachisu taasisuu fedha. Kanuufuu, milkaa’ina yaadame galmeessisuuf tumsi hundaa barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

 Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You