Hojii misooma Dhagaa Dhaabbii Xiyyaa jalqabsiisuuf qophiin xumuramaa jira

Walqixxee: Hojii misooma Dhagaa Dhaabbii Xiyyaa jalqabsiisuuf qophiirra jiraachuu Pirezidaantiin Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa Obbo Indaashaawu Xaasewu himan.

Pirezidaantichi gaafdeebii dhiyeenya kana garee gaazexeessitoota Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, naannichi qabeenya hawwata turistii uumamaa, namtolcheefi kiliyaa (hinqaqqabatamne) ajaa’ibaa hedduu qaba. Iddoowwan hawwata turistii naannicha misoomsuudhaan galii damee turizimiirraa argamu guddisuuf hojjechaa jira.

Finfinneerraa kiiloomeetira 87 fagaatee kan argamu Dhagaan Dhaabbii Xiyyaa galii kitaaba ‘Dhaloota Ida’amuu’ kan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad barreessanii naannichaaf kennanirraa argameen misoomsuuf hojjechaa jiraachuu himanii, hambaan kun erga ‘UNESCO’n galmaa’ee qabeenya naannichaafi Itoophiyaa qofa utuu hintaane qabeenya addunyaa waan ta’eef hunduu hojii misooma hambichaarratti akka hirmaatuuf waamicha dhiyeessaniiru.

Dizaayiniin ijaarsa Dhagaa Dhaabbii Xiyyaa haala aadaafi ammayyummaasaa eegeen qophaa’uus himanii, dizaayinichi ogeessota dhimmichi ilaallatuun erga mirkanaa’ee booda ifa taasifama jedhan. Hojii ijaarsa pirojektii Dhagaa Dhaabbii Xiyyaa jalqabsiisuuf qophiirra jiraachuus himaniiru.

Abbootiin qabeenyaa, embaasiiwwaniifi namoonni addunyaarratti beekaman hedduun ijaarsa pirojektichaarratti ni hirmaatu jennee abdanna kan jedhan pirezidaantichi, iddoowwan hawwata turistii biroo ammoo ummataafi abbootii qabeenyaa waliin misoomsuuf marii adeemsisaa jiraachuus eeraniiru.

Hagayyaa hanga Onkoloolessaatti ayyaanonni hawwata turistii kiliyaa ta’an kanneen akka Ayyaana Masqalaa, Yaa Hodeefi, Masalaafaan haala ho’aadhaan naannichatti kan kabajaman ta’uu himanii, bara dhufurraa eegalee dhalattoonni naannawichaa biyyoota gara garaa jiran wayita ayyaanota kunneen kabajuuf gara biyyaa dhufan saboota gara garaa waliin dhufanii akka kabajaniif irratti hojjechaa jirra jedhan. Ayyaanni Masqalaa keessumaa saba Guraagee biratti haala addaatiin kabajama. Haadiyyaatti ammoo Yaa Hodeen haala ajaa’ibaatiin bakkee bal’aarratti kan kabajamu ta’uu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You