Heera, aadaafi duudhaa ganamaa Oromoofi qabiyyeewwansaanii

Kutaa 3ffaafi isa xumuraa

Meedhicha ittikaa’uu

Erga sirni gumaa kafalamee dhume booda meedhichi sangaa baalaa qalamu sanarra miila bitaarraa baasuun nama harka danawettii kaa’ama. Kan miila mirgaarraa baafamemmoo nama namni irraa du’e meedhicha kaa’anii walitti hidhuun tokko ta’aa jedhanii eebbisan.

Dhumarratti hayyuu kormasaa fudhanii akkuma kabajaan manaa fuudhanitti kabajaan gara manasaaniitti kormaan galchan.

Garaagarummaa heeraafi seeraa

Heerri hijaa fixachiisee obboleessa taasisa. Safuun Oromoo galataafi hijaa qaban himachiise obboleessa taasisee irratti galata galchisiisee walirraa fixee araara buusa.

Heerri akkaataa ittiwalkabajan, waldhaga’aniifi nagayaa eeggachuu qabanirratti irbuu jidduu kaa’ee sodaachisuun hijaa jidduu fixa.

Heera immoo gooroo bobbaaseefi malkaa obaasee hijaa jidduu fixa. Irbuun torba gadiifi torba olii yoo hijaa garatti qabattan isin qabdu jedhee sodaachisuun obboleessa taasisan. Dubartii walitti kennuun akkuma soddaan sodaadha jedhamu akka walkabajan taasisa.

Heerri Oromoo lakkaa’amee hindhumu. Namni nama ajjeese sanumaa heera ittidarban mirgi uumamaan qabu nikabajaniif. Heerri kan hiyyaa bahe biyyatti deebisee gumaa irraa kafalee obboleessa walitti taasisa.

Heerri Oromoo nama yakka raawwate biyyarraa hingodaansisu, achumatti aadaa bareedaa qabuun jidduu taa’ee araarsuun warra miidhameef gumaa ykn beenyaa kafalee irbuu jidduu kaa’ee hijaa jidduu fixee araarsee warruma keessa jiraachisa.

Seerri hiyyaa hinfixu

Seerri hiyyaa hinfixu hidhaa fixa malee jedhama. Manni murtii idilee hidhaa fixa malee hiyyaa hinfixu. Namni hidhame nibahe malee irbuun jidduu waan hinjirreef hijaan hindhumne. Gaafa mana murtiitti hidhame heera diinaatti ajjeefte jedhee walitti aara.

Obboleessa yeroo hidhamee bahee booda hiyyaan hindhumne waan ta’eef hidhaatu dhume malee diinummaansaanii hindhumne. Seeratti namni hidhamee bahe booda hijaa hinirraanfanne waan ta’eef biyya jijjiirrata. Namni hidhamee walarge hijaa yaadata waan ta’eef hiyyaa jijjiirrata.

Dhaamsa maanguddootaa

Dhaamsa mana murtii aadaa ol dabarfataa sadarkaa aanaa maanguddoo Aadam Karaabaafi mana murtii gandaa maanguddoo Alii Waaqoo Torchee dhaloota Oromoo yeroo ammaa jiran hundaaf dhaamsa dabarsan.

Oromoon uumaa kaleessa ittiin bultu qabdi. Gaariin obboleessa badaati, badaaniis obboleessa gaariiti. Obboleessa gaarii saniif jecha badaa dhabuun oboleessatti himatta. Oromoon yoo walajjeese hiyyaa walitti hinqabatu takka nidhoksa, takka ni obsa sadaffaa walitti baafata.

Oromoon xiyyoo walitti hindarbu. Waleeggatee waldanda’ee waliin jiraata. Lolli obbboleessaa dhiiga ilkee waan ta’eef hijaa walittiqabatanii walmiidhuu dhiisuu qaban.

Lolli obboleessaa kan warraa hinta’u. Lolli warra kan balbalaa (ibiddaa) hinta’u. Lolli balbalaa kan gosaa hinta’u, lolli gosaa kan ambaafi sabaa hinta’u. Lolli sabaa kan diinaa waan hintaaneef Oromoon xiyyoo walii eeggatee walkabajee xiqqaan guddaa kabajee waliin jiraachuu qaba jechuun dhalootaaf dhaaman.

Oromoon takka waliif dhoksa; lammaffaa waliif obsa; sadaffaa walitti baafata hubachuu qaba. Kanaaf Oromoon waldhoksee, waliif obsee, hammeenyasaa tolatti jijjiiruun hammeenya xiqqeessee nagaa walii barbaaduun jaalala baay’isee obbolummaa jabeeffachuu qabas jedhan.

Dhadhaan “Ofiif jedhii nadhugii?” jedhee, kanaaf dhaloonni ammaa mataa ofii jedhee nama kabajuu qaba jedhan.

Muka qorichaa yoo balleessan “qoricha dhabda” jedhama.

  1. Ofii jedhii nama kabaji, nikabajamtaa.
  2. Nama guddisi niguddattaa
  3. Jaaladhu nijaalatamtaa
  4. Ofii jedhii xiqqaa barsiisi, galata qabdaa
  5. Gaarii namaaf yaadi, gaariin sii yaadama jedhama.

Dhalli namaa obboleessatti hammaachuu hinqabu “Abbaan waan facaafate murata” jedhama.

Nama hinjibbiin nijibbamtaa

Nama hinxiqqeessiin nixiqqaattaa

Sadarkaasaa malee gadi hinbuusin nikuftaa

Oromoon lama jedhama. Isaanis obboleessaafi soddaa waliif ta’an jedhan. “Dhukkuba nama ajjeesuufi soddaa lafaa nama kaasu hinbeekan” jedhama. Dhukkuba nama ajjeesuufi soddaa nama kaasu hinbeekan jedhan.

“Soddaan sodaadha” kabajamuu qaba. Jaartiin ganda soddaa irraa fuudhuu baattus kabajamuu qabdi. Yoo kabajuu baatte hamaan dirraa qalanii, garafamee waan adabamuuf Oromoon amma walkabajuu dhabee safuu cabsun mul’achaa jira. Aadaafi duudhaa ganamaatti deebi’ee walkabajuu qaba jechuunis gorsaniiru.

Obboleessasaafi kan rabbii jechuun waliin jiraachaa turte ykn gargaaruu dhiifte gaafa rakkoon sirra ga’e atis gargaarsa dhabda. Dhimmi nama sanaa kabajaan hinkennameefi hinilaalamu jedhan.

Oromoon qooda waliin qooda walqaba, malkaafi gooroo waan waliin qabuuf waljibbuu dhiisee walkabajee obolummaasaa cimsatee nagaafi araara buusuun irraa eegama. Abaabuu (hortee) ofii hintuttuqan, gosa ofii hinquuqan, boruu hintolleef dhaban jedhama. Kanaaf waan xiyyoo waliif eeggataniif Oromoon walkabajuu qaba jedhan.

“Kabajaafi eelee (qibaaba) waan buddeena ittitolchan abbaatu ofirratti qaba” ykn “kabajaan daduu (qanqalloo) mishingaa irra ulfaatti” jedhama. Oromoon duuti dhufnaan waliin duuti waliin jiraatti.

Dhaloonni ammaa walkabajuufi walgammachiisuu akka qabu maanguddoonni ni gorsu. Xiqqaan guddaa kabajuu dhabuufi guddaan xiqqaa kabajuun heera Oromoo barsiisuu dhiisuun diina waliiti ta’uun waan walajjeesaa jiruuf dhaloonni safuufi duudhaa ganamaatti deebi’uu akka qabu maanguddoonni dubbisne Aadam Karaabaafi Alii Waaqoo Torchee dhaloota ammaatiif dhaamaniiiru.

Pirezidaantiin mana murtii idilee Aanaa Horsiisee Bulaa Gumbii Bordoddee Obbo Alishuu Amiinis akka jedhanitti, Oromoon dur irraa eegalee sirni gumaa waldhabdee ittiin furataniifi qabeenyaa ykn beenyaa kafaluun rakkoo uumame ittiin furachaa tureefi yeroo ammaas ittiin tajaajilamaa jira.

Sirni gumaa kafalanii waldhabdee uumame qabeenyaafi lubbuu namaa bahe beenyaa walbeenyeessuun damma harkarraa walarraabsisuun irbuu jidduu kaa’anii itti buusuun lafee jidduutti cabsanii hijaa jidduu fixachiisan kun saba aadaa gaarii qabu ta’uu ibsan.

Namni mana murtiitiin ittimurtaa’e tokko hijaa hawaasa jidduu hinfixu waan ta’eef gaafa murtii hidhaa xumuree bahu hijaa duraan ture yaadatee lammaffaa yakkatti seenuu mala jedhan. Mootummaan yeroo ammaa ummanni keenya aadaa ganamaasaatti akka tajaajilamuuf mana murtii aadaa deebisee hundeessuun mana murtii idilee cinatti filatanii dhimma qaban akka furatan taasisuun hundaa ol kan nama gammachiisu ta’uus himan.

Erga manni murtii aadaa mootummaan hundeessee eegalee baasiin fageenyarraa geejjibaafi daddeebi’uun bahu qe’umasaatti ilaallataa waan jiruuf rokkoon gama kanaan jiru manni murtii aadaa waan hundaa’eef baasiin geejjibaaf bahu irraa hafuu danda’eera jedhan.

Erga manni murtii aadaa hundaa’ee galmeen mana murtii idileerraa xiqqaachaa jiraachuus eeraniiru. Baranas baatiiwwan darbanitti galmeen hir’achuu waan danda’eef manni murtii aadaa hawaasa keenya fayyadaa jira jechuun ibsan.

Gara biraatiin akkuma gubbaa irraa mootummaan kallattii kaa’een namni murtii aadaa gandoota hundatti hundaa’e mana murtii ykn gaaddisa dubbii jalatti ilaalan hirmaannaa hawaasaatiin ijaaramaa jiraachuus himan.

Ummanni mana murtii aadaa ijaaramaa jiru kana haala aadaa keenya boonsuufi sirna Gadaa mul’isuu danda’uun osoo hinhirkifanne bareechanii haala walfakkaatuun ijaaruu akka qabus dhaamaniiru.

Ittigaafatamaan waajjira bulchiinsaafi nageenyaa aanichaa Obbo Aliyyii Muktaar gamasaaniin Oromoon kaleessarraa eegalee sirna gumaa kafalee waljidduutti araara buusaa ture qabaachuu himan.

Sirni gumaa kafaluu nageenya waaraa nama dhunfaa hanga hawaasa jidduutti araara buusaa tureen, jaalalaan hanga ammaattis nageenya jidduusaa jiru eeggachaa har’a ga’eera jedhan.

Nageenya waaraa buusuuf obboleessaafi obboleettii, hawaasa jidduttiifi daangaafi dangaa jidduutti kallattiilee garagaraatiin rakkoo nageenyaa uumamu hundaa waliin akka waajjirasaaniitti qindoominaan hojjachaa jiraachuu ibsan.

Rakkoo nageenyaa hawaasa jidduutti uumame aantiin gosaa jechuunis qondaalli ykn hayyuu waliin araara jidduusaaniitti buusuuf hojjachaa jira jedhan.

Yeroo ammaa mootummaan akka inisheetiviitti qabatee hawaasa jidduutti araara buusuuf mana murtii aadaa hundeessee tajaajila kennaa jiraachuunis faayidaa olaanaa akka qabu ibsan.

Manni murtii aadaa baasii fageenyarraa ka’uun bahaa ture hafee ummanni qe’umasaatti fayyadamaa jiraachuunis bu’aa biraati jedhan.

Ittigaafatamaan Waajjira Aadaafi Turizimii Aanichaa Obbo Yuusuf Umaris sirni gumaa sirnoota araaraa keessaa tokko ta’uu himan.

Hawaasni duudhaa waldhabdee araaraan xumuruun shoora olaanaa qabachuu ibsanii, aadaa gaarii lafee cabsuun irbuu jidduu kaa’uun obboleessa taasisan qabaachuu eeran.

Caffeen Oromiyaa mana murtii aadaa hundeessee hojiirra oolchuun waan haalaan jajjabeeffamu ta’uu eeranii, hojii manni murtii aadaa hojjatu jajjabeessaa waan jirruuf kana caalaa waajjira kominikeeshinii waliin qoronnoo taasisuu ittifufna jedhan. Sirna Gadaa bakka duraan turetti deebisuuf hunduu mana murtii aadaa cinaa dhaabbachuu qaba jedhan.

Abdumaalik Ahmad Daawweetiin (Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Gumbii Bordoddeerraa)

Kutaa qophiirraa

Hirmaataa keenya yeroo hundaa, Abdumaalik Ahmad Daawwee barreeffama bilchaataafi ergaa cimaa qabu nuu erguusaatiif maqaa dubbistoota keenyaatiin guddaa galateeffachaa dubbistoonni keenya kaanis haaluma kanaan akka hirmaattaniif isin affeerra.

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You