Duudhalee jaalalaafi waliin jireenyaa Ramadaanaa hanga Ramadaanaatti

Soomni Ramadaanaa baranaa gama hundaan adda ture. Yeroo soomaa kana dura bu’oota amantiilee adda addaarraa hanga hoggansa biyyaa olaanaatti darbees hanga tokko tokkoo lammiitti miirri jaalalaafi waliinummaa calaqqisaa ture kan daran namatti toluudha.

Keessumaa sagantaa Afxiraa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Godambaa Yaadannoo Adwaatti Bitootessa 19 bara 2016 qopheesserratti dura bu’oonniifi hordoftoonni amantiilee Kiristaanaa (Ortodoksii, Kaatolikii, Pirotestaantii, Adiventistii) argamuun obbolootasaanii Musliimaa wajjin maaddii qooddataniiru; ergaawwan jaalalaafi heddummina cimsanis dabarsaniiru.

Sagantaa qooddannaa maaddii kana kan qopheessan Kantiibaan Magaalaa Finfinnee, Aadde Adaanachi Abeebee ergaa dabarsaniin, “Finfinnee heddumminaan miidhagdeefi hundi waljaalatee waliin jiraatu har’a galgala soomana Ramadaanaafi soomana guddaa sababeeffachuun maaddii abbootii amantaa Musliimaafi Kiristaanaa, obboloota akkasumas hordoftoonni amantaa hundaa irratti hirmaatan waaloomaafi jaalalaa waliin qooddachuun (Afxiira gochuun) baga geessan waliin jechuun waliin kadhannaa taasisneerra” jedhan.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmadis (PhD) lammiilee Finfinneetti karaarra jiraatan waliin maaddii Ifxaar qooddataniiru. Akkasumas dhalattoota 2ffaa Itoophiyaa ammaan tana Itoophiyaatti argamaniifis affeerraaa Ifxaar Masaraa Mootummaatti taasisaniiru.

Sirni Ifxaar daandiirraa guddichis Finfinnee dabalatee magaalota naannolee adda addaatti adeemsifameera. Kana malees manneen hojii mootummaafi dhaabbileen dhuunfaa sirna Ifxaaraa gaggeessuudhaan jaalalli lammiileen waliifqaban akka cimu, heddumminni amantiilees miidhagina ta’uu mirkaneessaniiru.

Ministirri Muummee Abiyyi ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniinis, “Ramadaanni baatii hawaasni Musliimaa hundi yaaduufi hawwiidhaan eeguudha. Baatiin kun kan balbaloonni Ahzaabaa itticufaman; kan balbaloonni Jannataa bal’atanii ittibanamanidha.

Baatiin Ramadaanaa kan itti Musliimni soomaafi ibaadaadhaan uumaasaa waliin walitti dhiyaatu, zikiriin ittibaay’atu, kan gaarummaan cimee ittimul’atu, baatii araaraafi eebbaatii.

Akka lakkoofsa baraa Hijiraa baatii 12 of keessaa qabuufi marfata baatii/ji’aa irratti hundaa’uudhaan diriirfameetti, baatiin Ramadaanaa baatii Shabaanitti aanee dhufa. Hamma baatiin qajeelummaa Ramadaanni dhufutti mu’immiin baatiiwwan qorumsaa 11 darba. Hamma Ramadaanni dhufutti hedduu obsuu, hojii gaariidhaaf cimanii dhama’uutu eegama.

Bitootessi akka Ramadaanaati. Hamma ifni abdii baatii Bitootessaatti mul’ate dhufutti qorumsa hedduu, bu’aa bayii hedduu, obsa hedduu gaafatee ture. Akkuma baatiiwwan kudha tokko booda Ramadaanni dhufuun waan hin oolle ta’e, jijjiiramichis waan hinoolle ture.

Yaada yeroonsaa gahe humni lafarra dhaabuu danda’u hin jiru. Dukkanni hagam dheeratuyyuu ifa guyyaa hanbisuu hindanda’u. injifatamee ifaaf bakka ni gadhiisa. Naannoowwan bantiiwwan Kaabaafi Kibbaa baatii jaha guutuu dukkanni isaan mudatullee dhugaa kanaaf ragaa ni bahu.

Baatiin Ramadaanaa qormaatawwan bifa lamaa qaba. Utuu hindhufiin dura qormaata baatiiwwan 11 dheeratutu isa mudata. Erga dhufee boodammoo sooma eebbaafi garalaafinaa akka hintaane sheexanni qormaata biraa ittifida. Amantaa dhugaan lachanuu dandamatee jabaatee keessa darba. Jijjiiramni Bitootessaas akkasuma. Utuu hindhufiin dura baroota hedduuf eegamaafi yaadamaa tureera.

Aarsaa dhaloota hedduus gaafateera. Erga dhufee boodammoo humnoota biyyi akka hinjijjiiramneefi hinbadhaane barbaadaniin qormaatni hedduun isa mudateera. Wanti dinqisiisaa hin taane, qormaatileen lachanuu kan nama qoran garuummoo kan injifataman ta’uusaaniiti.

Baatiin Ramadaanaa barana dabarsine nagaqabeessa, hiyyeessotaafi harkaqal’eeyyii baay’ee kan itti gargaarre, kan walii keenya ittiwaldeeggarre, kan Itoophiyaanonni amantaalee garaagaraa qaban tokkummaasaanii sabdaneessa ciminaan itti argisiisan ture.

Isaan kunniin daandii keenyaaf mallattoo ibsaati. Qormaatawwan numudatan tokkummaadhaan taanee cehuu akka dandeenyu nuhubachiisu. Jechamni ‘namni gamni Ramadaana hamma Ramadaanatti turfata’ jedhu jira. Eebba, humna hafuuraafi humna diina injifachuu sooma Ramadaanaatiin argate hamma Ramadaana isa dhufuutti ittifayyadama. Duubatti hindeebi’u jechuudha.

Nutis duudhaawwan jijjiirama Bitootessaatiin arganne hamma boqonnaa ittaanu kan badhaadhina keenya itti mirkaneessinu geenyutti qabannee adeemuu qabna. Nagaan, dhiifamaafi jaalalli duudhaawwan keenya. Jaalalaan ida’amuufi dhiifamaan cehuun qajeeltoo keenya isa ijoodha.

Cabawwan seenaa suphuufi tokkummaa keenya sabdaneessa cimsuun mul’ata keenyadha. Ida’amuun daandii keenya, badhaadhinni galma keenyadha. Duudhaawwan kunneen qormaatawwan bara jijjiiramaa keessa numudatan kan ittiin bira darbinuufi galma itti aanu kan ittiin geenyudha. Galmi sunis badhaadhina Itoophiyaa waahundaati” jedhan.

Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaas, “Baatiin Ramadaanaa kan guyyaa soomaan, halkan sagadaan dabarsan, kan Quraanni Rabbii itti qaraa’amu yeroo labsii nagaafi araaraati. Raahamata waliif yaaduu, kan beela’e nyaachisuufi maaddii waliin qooddachuun, kan daare uffisuufi kan dhibame gaafachuun, nagaafi nageenya buusuufi qaamaafi qalbiin walbira dhaabbachuun qajeeltoo amantaa Islaamaa ta’eetu beekama.

Ayyaanni Sooma Hiikaa waggaan 1445ffaan tibba nagaafi araara itti labsinudha. Nageenyi bu’uura waa maraa ta’uu qajeeltoon amantaa Islaamaa ni labsa. Kanaafis hordoftoonni amantichaa baatii kana keessa nageenya labsu, nageenyaaf dhaabbatu.

Nageenya labsuun, nageenyaaf hojjechuun bu’uura waamaraa ta’uufi tokkummaa ummata keenyaa hundee jabaa irratti dhaabuuf daran barbaachisaadha. Kanaaf ammoo abbootii amantaafi hordoftoota amantaa naannoo keenyaa hunda irraa ammas hojii guddaatu eegama.

Hordoftoota Amantaa Islaamaafi ummatni naannoo keenyaa hundi walqixxummaa amantaa heeraafi seera biyya keenyaatiin gonfannetti fayyadamaa, harka tokkoon nageenya mirkaneessaa, harka biraatiin ammoo misoomni rogdaneessi jalqabne akka libsuu ijaatiifillee boodatti hindeebineef xiiqiifi kutannoon hojjechuun dhimma egeree biyyaa dinagdee jabaa irratti dhaabuufi biyya badhaate dhaloota dhaalchisuuti.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas yeroo kamuurra biyya keenyatti nageenya waaraan akka jiraatuuf, dinagdeen dandamataa qilleensaan hinraafamne akka lafa qabatuuf, walqixxummaan amantaa akka mirkanaa’u, namni kamuu daangaa mirga seeraafi uumamaan qabu keessatti ifaafi bilisaan hojjetee guddina biyyaas tumsaa jiruufi jireenyasaas akka jijjiiruuf kutannoon hojjachaa jira.

Imalli jijjiiramaa rogdaneessi eegalle abdachiisaadha; biyyi ijaaramaa jirtus hundarraa, hundaafi hundaan waan ta’eef bu’uura cimaa hinraafamnerratti jabeessaa jirra. Kun ammoo hunda keenyaaf injifannoo guddaadha.

Nageenya naannoo keenyaa mirkaneessuuf mareefi marabbaa cimsuun dhimma filannoof dhihaatu miti. Kanaafuu qaamoleen walittis ta’e ormatti mufatanii manarra bosona, mareen dubbii hiikuurra qawween dubbii jabeessuu, ummataaf nagaa buusuurra nageenya booressuu, bu’uuraalee misoomaa jajjabeessuurra barbadeessuu, jaalalaan ce’uurra jibbaan xaxamuu filatanii tokkummaa Oromoo laaffisuuf waxxifatan hundi gochasaaniitti gaabbanii waamicha mootummaan naannichaa irra deddeebiin dhiheessu dhaga’anii nagaan gara qe’eesaaniitti deebi’uun misooma biyyaaf akka tumsan irra deebiin waamichakoo dabarsuun barbaada. Kanaaf ammoo mootummaan naannichaa waan irraa eegamu hunda kan raawwatu ta’uun mirkaneessa.

Ummanni Musliimaas akkuma hiikoon amantichaa nagaa jechuu ta’e, imala jalqabne milkeessuuf biyya keenyatti nageenya waaressuuf kutannoon akka hojjettan dhaamsakoon dabarsa” jedhan.

Afayaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abduraamaanis “Aayyaana Iid Al-faxiritti inni qabu kan hinqabne kan itti yaadatu, guyyaa harkaqal’eessiifi yatiimni itti yaadatamee jaalalaafi walii qooduun kabajamuudha.

Ji’a Ramadaanaa xumurame kanatti jaalala, walii yaaduufi waan qabnu walii qooduudhaan duudhaa waliin jireenyaa keenya caalmaatti cimsachaa kan itti turreefi barumsa guddaa irraa arganneedha jechuun nidanda’ama.

Hordoftootni amantaa Islaamaas ta’e hordoftootni amantiilee biroo nagaafi tokkummaa cumsuudhaan nageenya waaraa naannoofi biyya keenyaa mirkaneesuuf gahee irraa eegamu bahuu qabu.

Rakkoolee gama kanaan nu qunnamanis mariifi marabbaadhaan hiikuudhaan walii abboomamuu aadaa taasifachuu qabna. Rakkoon nageenyaa naannoo keenya keessa jiru tattaaffii mootummaan taasisaa jiruufi hirmaannaa ummataatiin gara yerootti fooyya’aa dhufeera.

Haata’u malee ammas nageenya waaraa mirkaneessuudhaan hawaasni keenya yaaddoo nageenyaarraa bilisa ta’ee akka jiraatu gochuuf hojmanee hedduutu nu eeggata. Hojiin nagaafi nageenya mirkaneessuu kun immoo tattaaffii mootummaa qofaan milkaa’uu waan hindandeenyeef hirmaannaan hawaasaa yeroo kamuurra barbaachisaa ta’uusaa hubachuudhaan gahee keenya haabaanu jechuun barbaada. Hawaasni keenya tokkummaasaa cimsachuudhaan qe’eefi naannawasaa bifa gurmaa’een eeggachuun barbaachisaadha.

Gama mootummaatiin ammas carraalee jiran hundatti fayyadamuudhaan rakkinicha furuuf fedhii guutuun akka jiru hawaasni keenya hubachuu qaba.

Ji’a Ramadaanaa xumurame kana keessatti muxannoon duudhaa waliin jireenya amantiilee cimsuuf irratti argame olaanaafi gara fuula duraattis caalmaatti cimee ittifufuu kan qabuudha.

Keessumaa godinaalee hedduufi hawaasa naannolee ollaa hirmaachisuudhaan sagantaan marii obbolummaafi afxiira waliinii taasifamaa ture adda addummaa keenya keessatti tokkummaa keenya cimsachaa walhubannaafi tumsa walii taasisuun dhaabbilee amantaa garagaraa keessatti guddachaa dhufe caalmaatti jajjabaachuu kan qabuudha” jedhan.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You