Dubbiin mareefi marabbaan gaaddisa jalatti furama

Nageenyi jireenya dhala namaatiif utubaadha. Kanaafis dhimma hawaasummaa gaggeeffachuu, dinagdee jabeessuufi siyaasa tasgabbii qabu hojiirra oolchuuf nageenyi jiraachuun akka furtuutti ilaalama.

Oromoonis nageenyaaf xiyyeeffannoo addaa kan kennu qofa osoo hintaane dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuuti jedhee amana. Oromiyaan akka waliigalaatti biyyi keenya qormaata rakkoo nageenyaatiif biyya saaxilamtee turteedha. Jijjiiramaan as boqonnaa walwaraansaa cufuun nageenya waaressuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jira.

Akka naannichaattis Mootummaan Naannoo Oromiyaa balbala nageenyaa banee harka nageenyaaf diriirsee boqonnaa walwaraansaa cufuun ummanni Oromoo qilleensa nagaa argatee hojii misoomaatti bobba’ee injifannoo argate dinagdeen akka cimsatuuf ejjennoo olaanaan hojjechaa jira. Milkaa’ina waliigalaatiif ammoo hunduu nageenyaaf meeshaa waraanaa osoo hintaane harka araaraa olkaasuun qe’ee Oromootti ulfina deebisuudha.

Balballi nagaa banamee harki araaraa diriirfame akka ulfoofi ulfina Oromootti kabaja maluuf argachuu qaba. Akka aadaafi duudhaa ummatichaatti wayita haati Siinqee, Siinqeeshee olkaaftu waldhibdeen jiru dhaabatee meeshaa waraanaa malee gara gaaddisaatti deebi’ama. Dubbiin mareefi marabbaan gaaddisa jalatti furama. Kun seera. Seenaa keessatti waldhibdee gaaddisni dadhabe hinjiru. Ammas kanumatu fala jechuun Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa dhaamsasaa dabarseera.

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You