Biyya keessatti omishuun hirkattummaa dinagdee jalaa ba’uuf shoora olaanaa qaba

Finfinnee: Biyya keessatti hirkattummaa dinagdee biyyoota addunyaa jalaa ba’uuf shoora olaanaa qabaachuu Hayyuun Dinagdee Yunivarsitii Hawaasaa Waganee Maarqos (PhD) ibsan.

Doktar Waganeen tibba darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, omishni biyya keessaa omisha alaa galu bakka bu’uun hirkattummaa dinagdee ormaa jalaa ba’uuf faayidaansaa olaanaadha. Baasii omishaalee alaa galchuuf ba’u hir’isuun galiin sharafaa akka dabalu taasisa jechuun ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, biyya keessatti omishuun carraa hojii uumuun hojidhabdummaa hir’isa. Kanaafis, seektara qonnaa akka fakkeenyaatti kaasanii omishni qonnarraa argamu galtee industirii ta’ee guddina industirii biyyaaf gumaacha olaanaa qaba. Omishni garbuu biqila warshaa biiraaf galtee ta’uu himanii; qamadiin omishamus haaluma walfakkaatuun warshaalee daakuuf galtee ta’uun wabii midhaan nyaataa biyya keessaa mirkaneessuurra darbee alergiif galtee ta’uun guddina diinagdee ariifachiisa jedhaniiru.

Seenaan guddina dinagdee biyyootaa akka ibsutti, guddina dinagdee hundaaf bu’uurri seektara qonnaati. Qonna irratti xiyyeeffatamuu akka qabu himanii; seektarri omishaalee qonnaa akka galteetti fayyadaman maanifaakchariingiin walqabatee deemuu qabas jedhan. Dabalataanis, albuuda qonnaafi maanufaakchariingiin walcina bu’aa barbaachisu dinagdee keessatti akka fidaniif fayyadamni teknolojii murteessaa waan ta’eef duraa duubaan irratti hijjetamuu akka qabu dhaamaniiru.

Maanufakchariingii, turiizimii, qonnaafi kanneen biroo seektaroota dinagdee biyyaa guddisuuf kallattii mootummaan qabatee jiru gaarii ta’us imaammata hordoffii jabeessuun qaala’iinsa gabaa tasgabbeessuuf tarkaanfiin fudhatamaa jirus guddina dinagdeef gumaacha mataasaa qaba jedhan.

Seektaroota omishaafi omishtummaa guddisuun humna namaa guddaa mindeessuu danda’aniif liqaa baankii mijaa’uu qaba. Omishni biyya keessaa dinagdee keessatti gumaacha isaanirraa eegamu akka hinbaaneef hudhaaleen jiran furamuu akka qabanis dhaamaniiru.

Keesumaa, warshaaleen galteensaanii omisha biyya alaa galurratti rarra’ee jiru qaala’iinsa gatii meshaalee bu’uura godhachuun omishni biyya keessaa akka hir’atu taasisa. Daldalli seeraan alaan omishaalee biyya alaa galan gatii omishaalee biyya keessaa kufaa taasisuun omishtoota gabaan ala waan taasisuuf to’atamuu qabu jedhaniiru.

Kaffaltii gibiraa gurgurtaafi bittaa omishaa miidhuun omishtoota gabaa keessaa baasuurra darbee galii mootummaa waan miidhuuf kaffaltii gibiraa irratti to’annoon cimuu qaba. Kanaaf, kallattiin dijitaalaayizeeshinii mootummaan qabatee jiru cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru.

Rakkoon nageenyaa darbee darbee naannolee tokko tokkotti mul’atus omishaaleen qonnaaf maanifaakchariingii bakkaa bakka biraatti akka hinsochoone taasisuun guddina dinagdee akka hingufachiifneef irratti hojjetamuu qaba jedhan.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You