Birraa makarachuuf qonna arfaasaatiif xiyyeeffannaa

Amma tibba arfaasaa keessa jirra. Bitootessi, Ebliifi Caamsaan waqtii arfaasaa keessatti ramadamu. Akka gannaa ta’uu baatus, akka zoonii qilleensaa biyyi keenya itti argamtuutti, yeroon kun yeroo roobaati. Arfaasaa nirooba; midhaantu facaafama; margis nibiqila. Ameessis waqtii kanatti aannan mirgisti.

Dabalataanis waqtii kun yeroo qonnaan bulaan lafa qonnaa ittiqopheeffatu, facaasuufi qonnaa gannaatiif qophiin duraa ittitaasifamuudha. Akkuma Inistiitiyuutiin Meetiworolojii Biyyaalessaa Itoophiyaa irranatti ibse bokkaan arfaasaa iddoowwan baay’eetti roobuu jalqabeera. Lafas jiisaa jira.

Arfaasaa qotan malee waanti birraa makaratan waan hinjirreef hunduu gama gamasaatiin raaga kenname akka galteetti fudhachuun humna guutuudhaan hojii qonna tibbanaatti seenee bokkaa roobaa jiru yeroodhaan saammachuu qaba.

Kanaafis qonnaan bulaan of dagannaa tokko malee dafee hojiitti seenuu qaba. Qaamni dhimmi ilaallatus galtee qonnaa tibba arfaasaa kanaaf barbaachisu dafee qonnaan bulaa biraan ga’uu qaba. Qoodni hojjettoota misooma qonnaas as keessatti olaanaa waan ta’eef gumaacha irraa eegamu bahachuu qabu.

Jiruufi jireenyi ummata Itoophiyaa qonnaafi hojiilee isaan walqabatanirratti kan hundaa’e waan ta’eef milkaa’ina omisha qamadii boneerratti galmeessisne ammas cichinee hojjechuudhaan qonna arfaasaafi gannaatiin irradeebi’uu qabna.

Omishni sharafa alaa argamsiisuufi galteen industirii kan argamu dameedhuma qonnaa kanarraa ta’uun sirriitti hubatamee akkasumas kan amma facaafame birraa makarachuuf hunduu tattaafachuu qaba.

Muuxannoo cimaan naannoon Oromiyaa hojiilee damee qonnaarratti qabu fakkeenyummaa gaariidhaan kan eeramu waan ta’eef qonnarraa soorata argachuuf qofa osoo hintaane, damicharraa galii olaanaan akka argamuuf tokko tokkoo sa’aatiifi guyyaatiif gatii kennanii socho’uun barbaachisaadha; arfaasaa qotanii birraa makarachuuf.

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You