Aadaan harkaqal’eeyyii deeggaruu cimee ittifufuu qaba

Finfinnee: Baatii soomanaa ta’ee soomanaan ala aadaan garaagarummaa tokko malee harkaqal’eeyyii deeggaruu cimee ittifufuu akka qabu hirmaattonni ayyaana Iid Al Faxirii waggaa 1445ffaa ibsan.

Hirmaattonni kunneen Roobii darbe Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf akka ibsanitti, hawaasni musliimaa wayita soomanaas ta’e soomanaan ala deeggarsa harkaqal’eeyyiif taasisu cimsee ittifufuu qaba.

Gorsaan Dhimmoota Hawaasummaa Pirezidantii Mana Murii Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa Ustaaz Ahmaddiin Jabal akka jedhanitti, baatiin soomanaa hawaasni musliimaa gocha gaarummaa (keerii) danuu raawwatuudha. Isaan keessaa nama rakkate osoo amantaafi qomoon adda hinbaasiin gargaaruun isa tokko. Gochi gaariin kun soomanaan boodas cimee ittifufuu qaba.

Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Itophiyaatti ogeessi olaanaan umuraafi hajii Abbaa Salaam Haji Abbaamaccaa gamasaaniin, Islaamni tokko soomasaa guuttachuuf bu’uraalee amantaasaa raawwachuu qaba. Isaan keessaas zakaa (nama rakkate gargaaruu) isa tokko ta’uu ibsaniiru.

Akka ibsasaaniitti, namni tokkoo wayita soomu yoo xiqqaate waan qaburraa kiiloogiraama 2.6 nama rakkateef qooduu qaba. Gaafa ayyaana Iid Alfaxiris nama ollaasaa jiru osoo gosaan adda hinbaasiin waan qaban walii qooduun ayyaaneffatama. Ollaa jechuunis mana jiraaturraa gara bitaafi mirgatti manneen 40 akka hammatu eeranii; hanga dandeettiisaa qooduu akka qabu bu’uuraaleen amantaa Islaamaan taa’eera. Kunis jireenya hawaasummaa, obbolummaafi nageenya biyyaa cimsuuf shoora olaanaa qaba.

Tajaajilli Baankii Islaamaa (dhala malee) banamuun gaaffii hawaasni Musliimaa baroota dheeraaf gaafachaa ture jijjiiramaan deebii argachuutti kan gammadan ta’uus eeranii; kunis hirmaannaa hawaasni Musliimaa misoomaa biyyaa keessatti qabu akka dabalu taasisuun lammiin rakkate akka gargaaramuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru. Kanaafis, deeggarsi hoggantootaafi hordoftoota amantichaan cimee akka ittifufuuf gaheesaanii akka ba’an gaafataniiru.

Kutaa Magaalaa Gullalleetti walittiqabaan Mana Marii Dhimmoota Islaamummaa Aanaa 10 Ibraahimnuur Ibraahiim, hawaasni Islaamaa baatii soomanaa baatii waan qabuun nama rakkate itti gargaaru ta’uu dubbatanii; ollaa waliin araara buusuun, tokkummaa, obbolummaafi nageenya cimsuu keessatti caalaatti qoodasaa akka ba’atu yaadachiisaniiru.

Gammachuu Kadiriin

BARIISAA SANBATAA Ebla 5 Bara 2016

Recommended For You