“Nageenya naannoofi ollaa keenyaa yoo eegneedha nageenya biyyaa mirkaneessuu kan dandeenyu”- Obbo Indaashaawu Xaasawu

Keessummaan Bariisaa maxxansa kanaa Pirezdaantii Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa Obbo Indaashaawu Xaasawu yoo ta’an, gaafdeebii dhimmoota nageenyaa, bu’uuraalee misoomaa, galii, qonna, barnoota, fayyaa, invastimantii, hojiirra oolmaa sagantaa ‘Maaddii Guutuu’ carraa hojiifi walitti hidhamiinsa gabaa uumuuufi kanneen biroorratti xiyyeeffachuun torban darbe isaan waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Bariisaa: Naannoon Itoophiyaa Giddugugaleessaa yoom hundaa’e?

Obbo Indaashaawu: Naannoon Itoophiyaa Giddugaleessaa Hagayya 13 bara 2015 ifatti hundaa’e. Naannichi godinaalee torbaafi aanaalee addaa sadii qaba. Naannichi akkuma hundaa’een hoggantoota gurmeessuufi hojiitti galchuun yeroo fudhatus dafnee hojiitti akka galan taasifneera. Hoggantoota sadarkaa naannootii hanga aanaatti jiran kuma afuriifi 500 keessaa yeroodhaaf hoggantoota naannoo gurmeessinee gara hojiitti galchineerra.

Hoggantoota sadarkaa godinaa, aanaafi bulchiinsa magaalaatti jiran ammoo sadarkaa sadarkaan kan gurmeessinu ta’a. Naannichi yeroo ammaa hojjettoota siiviil sarvaantii kuma 120 ol qaba. Hojjettoota kunneen haala guutuudhaan hojiitti galchuun hojii keenya isa jalqabaa ture.

Gurmaa’inni naannichaa kilaastaroota torba qaba. Hosaa’inaan teessoo pirezdaantii naannichaati. Buttaajiraan teessoo kilaastara dinagdeeti. Walqixxeen teessoo kilaastara bu’uuraalee misoomaafi mana mareeti. Halaabaan teessoo kilaastara haqaati. Duraameen teessoo kilaastara qonnaati. Waraabeen ammoo teessoo kilaastara hawaasummaati. Kilaastaroota kunneen gurmeessanii hojii jalqabsiisuunis hojii keenya jalqabaa ture.

Erga kilaastaroota kunneen gurmeessinee booda Onkoloolessa 17 bara 2016 Hoosaa’inaatti bakka pirezdaantonni naannolee, ministiroonni, abbootiin qabeenyaa, poolisoonniifi keessummoonni biroon argamanitti naannichi hundaa’uu ifatti beeksifne. Naannichi erga hundaa’ee amma ji’a ja’a ta’eera.

Bariisaa: Hojiilee guguddoon erga naannichi hundaa’ee as raawwataman maalfa’i?

Obbo Indaashaawu: Erga naannichi ifatti hundaa’ee as godinaalee torbaniifi aanaalee addaa sadanitti kutaalee hawaasaa waliin marii bal’aan adeemsifameera. Yaadonni hawaasaa maricharratti ka’an karoora naannichi baafatuuf galtee ta’aniiru. Yaadota hawaasni wayita marii kaaserratti hundaa’uun karoora guyyoota 100 baafannee hojiitti seenne. Raawwiin karoorichaas daran bu’aaqabeessa ture. Isatti aansuudhaan ammoo karoora guyyoota 100 marsaa lammaffaa baafannee hojjechaa turre. Karoorri guyyoota 100 marsaa lammaffaa kun Bitootessa 10 bara 2016 milkaa’inaan xumurameera.

Hojiileen naannichatti raawwataman hedduu ta’anis keessumaa dhimma nageenyaafi tasgabbii, omishaafi omishtummaa qonna guddisuu, galii guddisuu, barnootaa, fayyaafi carraa hojii uumuu, misooma gabaa, invastimantiifi bu’uuraalee misoomaa hojiilee guguddoo xiyyeeffannaa addaatiin raawwatamaa turaniifi jiraniidha. Bu’uraaleen misoomaa tajaajila eektirikii, bishaan dhugaatii qulqulluu, bilbila, daandii magaalaafi baadiyyaa of keessatti qabata.

Hojiilee nageenyaafi tasgabbiirratti raawwatamaa turaniin qaamolee nageenya naannichaa booressuufi hoggantoota naannichaa gidduutti walqoodiinsa uumuufi haasaa jibbiinsaa facaasaa turan akka gochasaaniirraa of deebisan ta’eera. Dargaggoonni bakkawwan gara garaatti daandii cufaa turanis akka seera kabajan taasifameera.

Tarkaanfiin seera kabachiisuu kun karaawwan sadii raawwatamaa ture. Inni tokkoffaan barsiisuudhaan namoonni yakka raawwataa turan gochasaaniirraa akka of deebisan taasisuudha. Lammaffaa hawaasa mariisisuudhaan yoo ta’u, sadaffaan seera kabachiisuudha. Hojiilee gama kanaan raawwatamaniin nageenyaafi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu dandeenyeerra. Haalli nageenyi naannichaa yeroo ammaa sadarkaa gaariirra jira.

Walitti bu’iinsi saboota Masqaaniifi Maaraqoo gidduu tures yeroo ammaa araaraan xumuramee saboonni lamaan nagaan waliin jiraachaa jiru. Namoonni saboota lamaan gidduutti walitti bu’iinsa uumaa turan gama lamaaniinuu qabamanii dhimmisaanii seeraan ilaalamaa jira. Haalli nageenya naannichaa guutummaatti ta’uu baatus sadarkaa gaariirra jira. Nageenyi bu’uura waan hundaa waan ta’eef hunduu nageenya eegsisuurratti hirmaannaa irraa eegamu bahachuu qaba.

Naannoon Itoophiyaa Giddugaleessaa nageenya naannichaa qofa utuu hintaane nageenya naannoleefi godinaalee ollaasaa eegisisuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Yoo nageenya naannoofi ollaa keenyaa eegneedha nageenya biyyaa mirkaneessuu kan dandeenyu.

Bariisaa: Hojiileen omishaafi omishtummaa qonna naannichaa guddisuuf raawwatamaa turaniifi jiran akkamitti ibsamu?

Obbo Indaashaawu: Naannichi lafa dhiphaafi ummataa bal›aa waan qabuuf omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuun dhimma jiraachuufi jiraachuu dhabuu taasisuun irratti hojjechaa jirra. Naannichi ummata miliyoona 7.5 ol ta’u qaba. Omishaafi omishtummaa qonna guddisuuf lafa qonnaaf oolu hunda sirnaan fayyadamuun barbaachisaadha. Bara 2016 hojiilee misooma qonna qindaa’aarratti hirmaannaa olaanaa taasisaa jirra.

Carraawwan naannawa keenya jiran adda baasuun hojii keenya jalqabaa ture. Damee qonnaa kamirratti yoo hirmaanne bu’a qabeessa taana kan jedhus adda baafannee karoorfachuudhaan hojiitti seenne. Bokkaafi filmaatawwan bishaanii jiranitti fayyadamuudhaan waggaa guutuu omishuuf hojjechaa jirra. Hojiin qonna bonaa yeroo xumuramu hojii qonna arfaasaafi gannaatu ittifufa. Roobaafi jallisii fayyadamuun hojiin misooma qonnaa naannichatti waggaa guutuu adeemsifamaa jira.

Hawaasni Halaabaa, naannawa Simbixxaa jedhamu jiraatu waggoota 20f gargaaramaa ture. Hawaasni naannawichaa yeroo ammaa tiraaktaraan qotaa jira. Omishasaa torban lama dura dhaqee ilaaleeraa achitti timaatimii kiiloon tokko qarshii ja’aan gurguramaa jira.

Omisha naannawichaatiif walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf hojjechaa jirra. Naannawichi yeroo ammaa of danda’ee gandoota biraa deggaruu jalqabeera. Naannawichatti bishaan lafa jalaa meetira shanii hanga 10tti waan argamuuf hawaasni naannawichaa boolla bishaanii qotanii jenereetaraafi soolaarii fayyadamuun baasanii misooma jallisii bal’inaan hojjechaa jira. Bu’aan kun rooba, lageeniifi bishaan lafa jalaa qotanii baasuun hojii qonnaa waggaa guutuu adeemsisuudhaan kan argameefi hojii akka muuxannoo gaariitti qoodamuu qabuudha.

Naannawichatti hojiin fuduraa haala hinbaratamneen kilaastaraan omishamaa jira. Inisheetiiviin misooma fuduraalee 30/40/30 bal’inaan hojiirra oolaa jira. Kana jechuun qonnaan bulaan tokko bara jalqabaa fuduraalee 30, bara ittaanu fuduraalee 40 waggaa sadaffaatti 30 waliigalaan waggoota sadii keessatti fuduraalee 100 qe’eesaa keessaa akka qabaatu taasisa. Namni tokko waggaa sadii keessatti fuduraalee 100 yoo qabaate waggaa afuriifi shan keessatti omisha ittiin maatiisaa bulchuu argata. Fuduraaleen waggaa tokko keessatti omisha kennuu jalqabanis jiru.

Hawaasni naannawichaa harki caalu nyaata qaachoo fayyadama. Qaachoon affeelamee ni nyaatama. Qoccoofi bullaan warqeerraa hojjetama. Biqilaan warqee nyaataan ala waantota hedduuf fayyada. Biqilaansaa waan gogiinsa dandamatuuf omishicha babal’isuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Dhibee biqilaa warqee mudatee ture to’achuufis hojjetamaa jira.

Naannawichatti hojiin baargamoo muranii bakkasana kuduraaleefi muduraalee gara garaa dhaabuus bal’inaan adeemsifamaa jira. Baargamoon hidda lafa keessa gadfageeffachuun bishaan lafa keessaa xuuxee lafas ta’e madda gogsa. Baargamoo dhaabuun hojii nama dhibaa’aati.

Baargamoon erga si’a tokko dhaabamee waggaa torbaafi isaa ol keessatti waan ga’uuf bu’aan waggaa waggaan omisha kanarraa argamu hinjiru. Hawaasa naannawichaa amansiisuudhaan hojiin baargamoo ciranii bakkasaa kuduraaleefi fuduraalee gara garaa dhaabuu bal’inaan adeemsifamaa jira. Hojiin baargamoo ciranii hundeesaa buqqisuun bakka sana kuduraaleefi fuduraalee gara garaa dhaabuu kun Aanaa Silxeetti erga jalqabee waggaa sadii ta’eera.

Hojiin baargamoo ciranii kuduraaleefi fuduraalee gara garaa dhaabuu kun yeroo ammaa aanaalee hedduutti babal’atee jira. Lafti baargamoo yeroo ammaa biqilaa maangoo, avokaadoo, muuziifi kuduraalee gara garaatiin bakka bu’aa jira.

Omishaafi omishtummaa qonna naannawichaa guddisuuf hojiin qonnaa galteewwaniifi teknolojiiwwan qonnaatti fayyadamuun adeemsifamaa jiru. Lafti qonnaa tiraaktaraan qotamaa jira. Rakkoo raabsa xaa’oorratti mul’achaa ture furuuf barana raabsi xaa’oo karaa haqaqabeessaan qonnaan bulaa biraan ga’uuf hojjetamaa jira. Rakkoo qarshii xaa’oo walittiqabuun walqabatee mul’achaa ture furuufis barana qonnaan bultoonni utuu xaa›oo hinfudhatin dursanii kaffaltii akka raawwatan ta›eera.

Hojiilee misooma qonna qindaa’aa sadarkaa gandaatii hanga naannootti haala qindoomina qabuun adeemsifamaa waan jiraniif bu’aa qabatamaa galmeessisaa jiru. Shunkurtiin kiiloo tokko qarshii 140-180n naannichatti gurguramaa ture yeroo ammaa qarshii 50-60tti gurguramaa jira. Timaatimiin kiiloon tokko hanga qarshii 100tti gurguramaa ture ammoo yeroo ammaa qarshii qarshii 15-20n gurguramaa jira.

Kun omishaafi omishtummaan qonna naannichaa dabalaa jiraachuu agarsiisa. Omishaalee kunneeniif walitti hidhamiinsa gabaa uumuuf naannichatti gabaan Sanbataafi Dilbataa 93 akka hundaa’u ta’eera. Kun gahaa waan hintaaneef kana caalaa babal’isuu qabna. Gabaa torbanii qofa utuu hintaane qonnaan bultoonni torbanitti yeroo sadii ol akka gurgurataniif gabaa babal’isuu qabna. Qonnaan bulaafi bitattoonni kallattiin akka wal argan taasisuun daldaltoota seeraan alaa gatii dabalan gabaa keessaa baasuun gatii gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Bariisaa: Galii naannicharraa walittiqabamu guddisuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Indaashaawu: Humna galii naannichaa guddisuuf sirna galiin ittiin walittiqabamu seera qabeessa taasisuudhaaf hojiileen gara garaa raawwatamaa turaniiru. Hoteelonni tajaajila kennaniif nagahee akka kutaniifi galii walittiqabanirraa %15 yeroodhaan mootummaaf akka galii taasisan taasifneerra. Galiin barana walittiqabame kan bara darbee yeroo walfakkaatu waliin yoo madaalamu qarshii biiliyoona 1.5n fooyya’iinsa agarsiiseera.

Bariisaa: Qulqullina barnootaa mirkaneessuufi qabxii barattootaa fooyyessuuf hojiileen raawwataman yoo jiraatan?

Obbo Indaashaawu: Bara darbe barattoonni naannichaa qormaata kutaa 8ffaa darban %19 yoo ta’an, kan qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa darban ammoo %2.7. Qabxiin kun baay’ee saalfachiisaa waan ta’eef barana qabxii barattootaa fooyyessuurratti xiyyeeffannee hojjechaa turre.

Qabxii barattootaa fooyyessuuf barana barsiisota kuma 10fi qindeessitoota manneen barnootaa 700 ta’an Yunivarsitiiwwan Walqixxee, Waraabeefi Waachaamootti haala barnoonni ittiin kennamuufi qormaanni ittiin qophaa’urratti leenjii akka argatan ta’eera. Qabxii barattootaa fooyyessuudhaaf hundumtuu barataan, maatiin, barsiisaafi hoggansi barnootaa gahee irraa eegamu bahachuu qabu.

Bariisaa: Hojiileen gama fayyaatiin raawwatamaniifi bu’aaleen argaman akkamitti ibsamu?

Obbo Indaashaawu: Gama fayyaatiin dhimmoota lamarratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Tokko eksteenshinii fayyaa laafee ture jabeessuu yoo ta’u, lammaffaan lakkoofsa miseensota Inshuraansii Fayyaa guddisuudha. Namni tokko miseensa Inshuuraansii Fayyaa ta’uuf qarshii 800 hanga 1,000tti kaffaluun waggaa guutuu tajaajila wal’aansa fayyaa argata. Kanaan dura akka naannichaatti miseensota Inshuraansii Fayyaa kuma 800 qabnaayyu. Barana miseensota Inshuraansii Fayyaa kuma 600 dabalachuuf karoorfannee hojjechaa jirra. Dhuma baranaatti waliigalaan miseensota Inshuraansii Fayyaa miliyoona 1.4 qabaachuun fayyadamtoota tajaajilichaa ni taasifna.

Hojii ekisteenshinii fayyaa jabeessuuf raawwatamaa tureen dhibeewwan akka weeraraatti ka’an kanneen akka gifiraa, koleeraafi kanneen biroo yeroo gabaabaa keessatti to’achuun danda’ameera. Hojiin gama damee fayyaatiin raawwatamaa ture milkaa’aa waan ta’eef gara fuulduraattis cimee kan ittifufu ta’a.

Bariisaa: Carraa hojii uumuun walqabatee hojiileen hanga ammaatti raawwatamaniifi bu’aaleen argaman maal fakkaatu?

Obbo Indaashaawu: Hojiin carraa hojii uumuun invastimantii waliin walqabata. Hojiin carraa hojii uumuuf hanga ammaatti raawwanne gaarii ta’us haala barbaadamuun milkaa’eera jechuu hindandeenyu. Gareelee carraa hojii eeggatan lamatu jiru. Isaanis dargaggoota yunivarsitoota gara garaarraa eebbifaman yoo ta’u, lammaffaan dargaggoota baadiyyaarraa gara magaalaatti godaananii hojii malee jiraniidha. Naannichatti magaalummaa %28 irra gaheera. Godaansi baadiyyaarraa gara magaalaatti taasifamus daran dabalaa jira. Kun ammoo lakkoofsi namoota carraa hojii barbaadanii daran akka dabalu taasiseera.

Baadiyyaatti dameen qonnaa carraa hojii bal’aa akka uumuuf irratti hojjetamaa jira. Magaalaatti ammoo dargaggoonni gurmaa’anii hojii qonna magaalaarratti bal’inaan akka hirmaatan taasisaa jirra. Qonni magaalaa loowwan aannanii horsiisuu, horsiisa kanniisaa, horsiisa lukkuu, omisha kuduraaleefi fuduraaleerratti akka hirmaatan ta’aa jira. Naannichatti hojiin carraa hojii uumuuf raawwatamaa jiru gaarii ta’us sadarkaa barbaadamuun raawwatameera jechuun hindanda’amu.

Dargaggoota waldaadhaan gurmaa’anii hojii gara garaa irratti bobba’an deggarsa qarshii liqii, bakka gurgurtaafi omishaa akkasumas leenjii akka argatan taasisuun deggaraa jirra. Omishaalee isaan dhiyeessaniifis walitti hidhamiinsa gabaa uumaafii jirra. Galii argatanirraas akka qusatan taasisaa jirra. Namni liqii barbaaduufi qarshiin qusatamu walsimuu dhabuun rakkoo tajaajila qarshii liqiirratti mul’achaa jiruudha.

Dargaggoonni hojii barbaachaaf gara biyyoota alaa deeman karaa seera qabeessaan akka deemaniif irratti hojjechaa jirra. Shamarran hojiif gara biyyoota Arabaa deeman leenji’anii akka deeman ta’aa jira. Lammiileen biyyoota Philippiinsi, Hindii, Siriilaankaa baay’een biyyoota Arabaa deemanii hojjetanii qarshii walitti qabatanii deebi’anii biyyasaaniitti invasti gochaa jiru.

Biyyoonni kunneen lammiileesaaniii gara biyya Arabaatti erguun dura ni leenjisu. Ministeerri Hojiifi Ogummaa Federaalaas kana lammiilee biyyattii gara biyya alaa deeman leenjisee ergaa jira. Hojiin kun gara fuulduraattis cimee ittifufuu qaba. Dargaggoonni hojiidhaaf gara biyya gara garaa deeman waan hojjetan karaa ammayyaa’aa ta’een akka hojjetaniifi haala isaan itti qarshii argatan qusachuu danda’anirratti akka leenji’an taasifamaa jira.

Bariisaa: Invastimantii naannichaa babal’isuufi guddisuuf hojiileen hanga ammaatti raawwataman maalfa’i?

Obbo Indaashaawu: Invasimantii naannichaa guddisuufi babal’isuuf pirojektota invastimatii naannicha keessa jiran qulqulleessuurratti xiyyeeffannee hojjechaa turre. Utuu naannichi hinhundaa’in dura iddoowwan 141 invastimatiif kennamanii turan. Akkuma gara hoggansaatti dhufneen koree hundeessinee invastimantoonni kunneen akka qorataman taasifne. Qorannoo adeemsifameen invastaroota141 keessaa 77 ulaagaalee invastimantii guutanii darbaniiru.

Invastaroonni 35 ulaagaa invastimantii %60n guutuun ulaagaalee %40 isaan hafe ji’a lama keessatti akka guuttatan ta’eera. Invataroonni 29 ulaagaalee invastimantii barbaachisan waan hinguunneef utuu hindarbin hafaniiru. Invastaroota ulaagaalee invastimantii guutan jajjabeessuuf hojiilee gara garaa raawwachaa jirra.

Bariisaa: Hojiileen daldalaafi misooma gabaan walqabatanii hanga ammaatti raawwataman maal fakkaatu?

Obbo Indaashaawu: Hojiin daldalaafi misooma gabaa waliin deemu. Hojii daldalaa seera qabsiisuun hojii bal’aa gaafata. Hojii daldalaa kana sirna qabsiisuuf garee hojii daldalaa to’atuufi seera qabsiisu hundeessineera. Gareen kun daldaltoonni meeqa naannicha keessa akka jiran, isaan keessaa sirna daldalaa keessa kan jiran meeqa akka ta’an akkasumas haala isaan ittiin omisha dhiyeessan to’achuun naannichatti sirni daldalaa seera qabeessi akka jiraatu taasisuuf hojjeta. Garichi omishni omishame daldaltoota seeraan alaatiin utuu hindhokfamin fayyadamaa bira akka ga’u taasisuun gatii gabaa tasgabbeessuufi kontirobaandii to’achuun sirna gabaa seera qabeessa taasisuuf hojjeta.

Omishni bilisaan akka socho’uuf keellaawwan hir’isneera. Keellaawwan tokko tokko nageenyaafi tasgabbii naannichaa eegsisuuf sakatta’iinsa taasisan ittifufaniiru. Omishaaleen qonnaa baay’inaan gara magaalotaa galanii akka gurguramaniifis iddoowwan gurgurtaa mijeessineerra. Cancala hojii daldalaa dheeressan gabaabsaa jirra. Omishaalee akka sukkaaraafi zayitii mootummaa federaalaarraa nuu ergaman karaa shamattootaa hawaasaaf akka raabsaman gooneerra. Hojiileen daldala seera qabsiisuuf raawwatamaa jiran cimanii kan ittifufan ta’u.

Bariisaa: Hojiileen bu’uuraalee misoomaatiin walqabatanii raawwatamaniifi bu’aaleen argamaa jiran maal fakkaatu?

Obbo Indaashaawu: Hojiin bu’uraalee misoomaa baadiyyaafi magaalaatti raawwatamaa jiru. Humna bajataa keenyaarratti hundaa’uun daandiiwwan baadiyyaafi magaalaa hojjechaa jirra. Ijaarsi daandiiwwan tokko tokoo hanga waggaa ja’aa duubatti kan harkifatan jiru.

Kanaan dura pirojektonni daandii tokko tokko riqicha hinqaban. Daandii kan jedhamu riqichaafi bo’oo lolaa dabalata. Pirojektota daandii rakkoo akkasii qaban sirreessineerra. Erga naannichi hundaa’ee as daandiiwwan hirmaannaa ummataafi bajata mootummaatiin hojjetaman jiraatanis fedhii daandii hawaasaa guutuuf hojii bal’aatu nu hafa.

Ijaarsa daandii Alamganaa-Buttaajiraa-Hosaa’inaa-Walaayittaa Sooddoo-Jiinkaa jalqabuuf dizaayiniin qophaa’eera. Ijaarsi daandii kun mootummaa Federaalaatiin hojjetama. Ijaarsa daandii kana jalqabsiisuuf naannichi hundaa’ee ji’a lama booda iktara Bulchiinsa Daandiiwwan Itoophiyaa Injinar Mahaamad Abdurahmaan wajjin Hosaa’inaatti mari’anneerra. Ijaarsa daandii Alamganaa-Hosaa’inaa jalqabsiisuuf caalbaasiin ba’aa jira. Bulchiinsichi suphaa daandiiwwaniis bal’inaan adeemsisaa jira.

Hojiin bishaan dhugaatii qulqulluu dhiyeessuu bakkeewwan gara garaatti raawwatamaa jira. Kanaan dura Magaalaan Walqixxee ji’atti yeroo tokko qofa bishaan argachaa turte. Magaalattiin yeroo ammaa guyyoota 3-10 keessatti bishaan argachaa jirti. Magaalattiin guyyaa guyyaan bishaan dhugaatii qulqulluu akka argattuuf hojjechaa jirra. Hoteelonnis bishaan roottootti walittiqabuun fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiru.

Hojiin ijaarsa bishaan dhugaatii bajata guddaa barbaada. Barana pirojektoota bishaanii haaraa hojjechuu utuu hintaane kanneen kanaan dura jalqabamanii jiran xumuruurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Rakkoo bishaanii keessumaa kan Magaalaa Walqixxeetti mul’atu furuuf hoteelonni boolla bishaanii qotanii akka ittifayyadaman taasisaa jirra.

Bishaan dhugaatii qulqulluu jedhamee dhiyaatu dhugaatii qofaaf utuu hintaane uffanniifi konkolaataan bishaan dhugaatii kanaan miiccamu. Manni Fincaanii bishaan dhugaatiif dhiyaatuun qulqulleeffama. Biqiltuuwwanis bishaan dhugaatiif dhiyaatuun obaafamu. Bishaan dhugaatiif dhiyaatu dhimma biraaf itti fayyadamuufi bishaan dhugaatii erga omishamee booda hanga fayyadamtoota bira ga’utti karaatti qisaasa’uun sababoota guguddoo bishaan dhugaatii akka hanqatu taasisaniidha.

Akka qorannoon biyyoolessaa jedhutti bishaan dhugaatii omishamee hanga fayyadamtoota bira gahutti %6 ni qisaasa’a. Nu biratti garuu bishaan %42 ta’utu daandiirratti qisaasa’a jedhamee tilmaamama. Rakkoo kana furuuf xiyyeeffannaa guddaadhaan hojjechaa jirra.

Elektirikii kan bulchu nu ta’uu baatus qaamolee bulchan waliin ta’uun rakkoo addaan citiinsaafi dhiyeessa tajaajila elektirikiirratti mul’atu furuuf hojjechaa jirra. Ibsaan keessumaa magaalotaafi mandara industiriitti akka addaan hinciccinneef qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jirra.

Tajaajila Itiyoo Teelekoomii fooyyessuufis hojjetamaa jira. Distiriiktiin Hoosaa’inaa tajaajila Itiyoo Telekoom fooyyessuuf hojjechaa jira. Finfinneera fageenya kiilomeetira 170 irratti bakkeewwan tajaajilli bilbilaa sirriitti hindhaga’amne jiru. Rakkoo kana qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin furuuf hojjechaa jirra.

Hojiilee naannichi erga hundaa’ee as hojjeteen gama galii walitti qabuu, barnoota, fayyaafi invastimantiin bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’aniiru. Bulchiinsi lafa magaalotaa ammayyuu xiyyeeffannaa guddaa barbaada. Bulchiinsi lafaa malaamaltummaarraa bilisa ta’uu qaba. Hojii hojjechaa jirrurratti deggarsi ummataa, dargaggootaafi hayyootaa baay’ee gaariidha.

Bariisaa: Rakkoo walittihidhamiinsa gabaan walqabatee qonnaan bultoonni kaasan furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Indaashaawu: Naannichatti omishaaleen qonnaa daran dabalaa waan jiraniif rakkoon walitti hidhamiinsa gabaa uumamaa jira. Rakkoo kana furuuf walitti hidhamiinsa gabaa bal’inaan uumuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra.

Omishaaleen tokko tokko kanneen akka aannanii yeroo dheeraa turuu waan hindandeenyeef yeroon gabaaf dhiyaatanii gurguramuu qabu. Gabaa omisha aannaii furuuf warshaa aannan qindeessu hundeessuufi bakka raabsasaa babal’isuun barbaachisaadha. Qonnaan bultoonni naannichaa tokko tokko loowwan aannanii, lukkuuwwan, qamadii, kuduraaleefi kuduraalee gara garaa omishanii gurguruudhaan gara invastarummaatti ce’aa jiru.

Bariisaa: Hojiileen sagantaa ‘Maaddii Guutuu’ jedhamuun raawwatamaa jiraniifi bu’aawwan galmaa’aa jiran maal fakkaatu?

Obbo Indaashaawu: Sagantaa ‘Maaddii Guutuu’ jedhuun jiraattonni magaalaafi baadiyyaa dhuunfaadhaanis ta’e gurmaa’anii lukkuu, horii aannanii, kanniisa horsiisuufi kuduraaleefi fuduraalee gara garaa omishuudhaan midhaan nyaataan of danda’uurra darbanii galii dabalataa argachuun jiruufi jireenyasaanii fooyyessaa jiru. Sagantaa kanaan bakkeewwan gara garaatti mandaroonni dammaa, aannanii, buuphaa, kuduraaleefi fuduraalee hundaa’anii omishaa jiru. Sagantichi bakkawwan hundatti haala gaariin hojiirra oolaa jira. Bariisaa: Iddoowwan hawwata turistii naannichaa misoomsuufi galii turizimiirra argamu guddisuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Indaashaawu: Naannichi qabeenya hawwata turistii uumamaafi namtolcheefi hinqaqqabatamne ajaa’ibaa hedduu qaba. Iddoowwan hawwata turistii kunneen misoomsuudhaan galii damee kanarra argamu guddisuuf hojjechaa jirra. Dhagaa Dhaabbii Xiyyaa galii kitaaba ‘Ida’amuu’ kan ministirri muummee barreessanii naannichaaf kennanirraa argameen misoomsuuf hojjechaa jirra.

Dhagaan Dhaabbii Xiyyaa ‘UNESCO’n erga galmaa’e qabeenya naannichaafi Itoophiyaa qofa utuu hintaane qabeenya addunyaati. Dizaayiniin ijaarsa qabeenya kanaa haala aadaafi ammayyummaasaa eegeen qophaa’aa jira. Dizaayiniin qophaa’e kun ogeessota dhimmichi ilaallatuuf kennamee akka mirkanaa’u ta’a. Ijaarsa pirojektii Dhagaa Dhaabbii Xiyyaa jalqabsiisuuf qophiirra jirra.

Dizaayiniin pirojektichaa haala daran nama ajaa’ibuun kan qophaa’e yoo ta’u, fuulduratti ifa ni ta’a. Ijaarsa pirojektii Dhagaa Dhaabbii Xiyyaarratti abbootiin qabeenyaa, Embaasiiwwaniifi namoonni addunyaarratti beekaman hedduun irratti ni hirmaatu jennee abdanna. Iddoon Hawwata turistii kun Finfinneerraa kiilomeetira 87 fagaatee argama. Iddoowwan hawwata turistii biroo ammoo ummataafi abbootii qabeenyaa waliin misoomsuuf marii adeemsisaa jirra.

Hagayyaa hanga Onkoloolessaatti ayyaanonni hawwata turistii kiliyaa (hinqaqqabatamne) kanneen akka akka Masqalaa, Yaa Hodee, Masalaa, Yaa Hoyeefi kanneen biroo haala ho›aadhaan naannichatti kabajamu. Ayyaanonni kunneen haala ho’aadhaan kabajamu. Bara dhufurraa eegalee dhalattoonni naannawichaa biyyoota gara garaa jiran ayyaanota kunneen kabajuuf gara biyyaa wayita dhufan saboota gara garaa waliin akka dhufaniif irratti hojjechaa jirra. Ayyaanni Masqalaa Guraagee biratti haala addaatiin kabajama. Haadiyyaatti ammoo Yaa Hoyeen haala ajaa’ibaatiin bakkee bal’aarratti kabajama.

Bariisaa: Rakkoo bulchiisaa saba Qabeenaa, Maaraqoofi Guraagee gidduu jiru furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Indaashaawu: Qabeenaafi Maaraqoon saboota Guraagee utuu hintaane Guraagee keessa jiraniidha. Naannoon Itoophiyaa Giddugaleessaa yeroo hundaa’e Godinni Guraagee akka bulchiisaaf mijatutti Godina Guraagee Bahaa, Godina Guraageefi aanaa addaa Qaabeenaafi Maaraqoo jedhamun bakka afuritti qoodameera. Guraageefi Qaabeenaa gidduutti walittibu’iisi akka uumamu kan taasisisaa jiru hoggantootaafi warra baranneerra jedhaniini.

Saboonni Qabeenaa, Maaraqoofi Guraagee baroota dheeraaf walfuudhanii walitti heerumsiisanii nagaafi jaalalaan waliin jiraachaa turan; har’as waliin jiraachaa jiru. Saboonni kunneen har’as masgiidaafi bataskaana tokkotti waliin sirna waaqeffannaasaanii adeemsisaa jiru.

Nuti geggeessitoonni jiraannus jiraachuu baannus saboonni kun darbanii waliin jiraatu. Walitti bu’iinsa hoggantoonniifi namoonni baranne ofiin jedhan saboota kunneen gidduutti uuman furuuf ummata, dargaggoota, maanguddoota biyyaafi qaamolee nageenyaa waliin mari’achuun rakkoo ture furreerra. Erga saboota kunneen gidduutti waliigaltee uumnee booda daangaa bulchiinsaa daangessine. Saboota sadan gidduu walitti bu’iinsi kan hinjirre ta’uu miidiyaanis hubachuu qabu. Namoota saboota sadan gidduutti walitti bu’iinsa uumuuf socho’an qorachuun seeraan akka gaafataman taasisaa jirra.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuuf kennitaniif galatoomaa.

Obbo Indaashaawu: Anis baay’een isin galateeffadha.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You