Milkaa’inoota argaman eegaa jijjiiramicha waaressuu

Seenaa Itoophiyaa keessatti Bitootessi 24, guyyaa seenaqabeessa mootummaan jijjiiramaa gara aangootti dhufeefi dhagaan bu’uuraa ijaarsa Laga Abbayyaa itti kaa’ameedha. Jijjiiramaa as yaada Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad maddisiisaniin pirojektonni guguddoon maqaa biyyattii sadarkaa ardiifi addunyaatti roga gaariin waamsisan hedduun Finfinneefi naannoleetti ijaaramaniiru; ijaaramaas jiru.

Pirojektiin ijaarsa laga Abbayyaa rakkoolee walxaxoo keessaa ba’ee sadarkaa xumuraarra kan ga’es jijiiramuma kana keessa. Ijaarsi pirojektichaa yeroo ammaa %95.8 ga’uun injifannoo guddaafi milkaa’inoota yeroo mootummaa jijjiiramaa kana keessa galmaa’an keessaa adda durummaan eeramuudha.

Pirojektota guguddoo kaka’umsa Ministira Muummee Doktar Abiyyiin Finfinneetti hojjetaman keessaa Paarkiiwwan Tokkummaa, Michummaa, Inxooxxoo akkasumas Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaafi ijaarsi Addababa’ii Masqalaa kanneen fakkeenyummaan eeramanidha. Misoomni koriidarii magaalattiitti adeemsifamaa jirus jijjiiramni eegalame milkaa’inaan ittifufaa jiraachuu kan agarsiisuudha.

Finfinneen alattis pirojektonni guguddoon kanneen akka Ikkoo Turizimii Wancii- Dandii, Koyishaa, Gorgoraa hojjetamaniifi hojjetamaa jiran kaasuun ni danda’ama. Qaamuma pirojektota kanneenii kan ta’an Haroon Wancii, Loojiin Halaalaa Kellaafi Cabaraa Curcuraan ijaarsisaanii xumuramee tajaajila kennaa jiru.

Sagantaa ‘Maaddii Guutuu’ jedhamuunis hojiilee qonna magaalotaafi baadiyyaatti addeemsifamaa jiran wabii nyaata maatii mirkaneessuurra darbanii madda galii ta’uun jiruufi jireenya lammiilee fooyyessaa jiru.

Sagantaa Ashaaraa magariisaatiin waggaa waggaan biltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabamaa jiru. Sagantaa kanaan barana biqiltuuwwan biliyoona ja’aa ol dhaabuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Hojiileen sagantaa ashaaraa magariisaan walqabatanii hojjetamaa jiran omishaafi omishtummaa qonnaa guddisuufi eegumsaafi kunuunsa biyyeefi bishaanii mirkaneessaa jiru.

Hojii inisheetiivii omisha qamadii bonaatiin bu’aa guddaan seenaa biyyattii jijjiiru galmaa’eera. Xiyyeeffannaa qonna qamadii bonaaf kennameen biyyattiin qamadii alaa galchuurraa gara alaatti erguutti ceeteetti. Biyyattiin yeroo ammaa eggattummaa qonna gannaa jalaa baatee waggaa guutuu omisha qonnaa jallisiidhaan deggarame adeemsisaa jirti. Omishaalee qonnaa kanneen kanaan dura gabaa biyya alaaf dhiyeessitee hinbeekne kanneen akka avokaadoofi qamadii erguu jalqabdeetti.

Jijjiiramaa as hojiilee guguddoon gama siyaas-dinagdeefi hawwasummatiin fayyadamummaa ummataa mirkaneessuurra darbanii maqaan biyyattii roga gaariin sadarkaa ardiifi addunyaatti akka ka’u taasisaniiru.

Jijjiiramootaafi milkaa’inoota biyyattiitti mul’achaa jiran deggeeruuf Kibxata darbe hiriirri deggersaa naannoo Oromiyaatti, kaleessa ammoo Magaalaa Dirre Dhawaatti kan adeemsifame yoo ta’u, har’a ammoo Finfinneetti adeemsifama. Hirmaattonni hiriirichaa hojiilee jijjiiramaa as yaada Ministirri Muummee Doktar Abiyyi maddisiisaniin raawwatamaniif beekamtii kennuun ittifufiinsa milkaa’inoota galmaa’aniitiifis gumaacha gamasaanii kan bahatan ta’uu ibsaniiru.

Milkaa’inootaafi injifannoowwan gama hundaan galmaa’aa jiran ittifufsiisuufi himala badhaadhinaa eegalme dhugoomsuuf ummanniifi mootummaan qindoominaafi waloodhaan hojjechuu qabu. Milkaa’inota gama hundaan argaman eegaa jijjiiramicha waaressuu waloon haa hojjennu.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You