Komiishinara Gargaartuu Daraartuu Tulluu badhaafamte

Fifinnee: Pirezdaantii Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komiishinara Gargaartuu Daraartuu Tulluu Mootummaa Robii darbe Ambaasaadara Jaappaan harkaa badhaasa Nishaanii Warqii harkaa fudhatan.

Komiishinara Gargaartuu Daraartuun kanaan dura gummaacha karaa dipilomaasii ispoortiitiin taasisaniin Mootummaa Jaapaanii irraa Niishaanii kabajaa kan argatan ta’uun ni yaadatama.

Daraartuun dabalatamaan hojjii dipilomaasii ispoortii Mootummaa Itoophiyaafi Jaappaan jidduutti hojjeetaniin guddina ispoortiifi nageenyaa biyyaaf gumaacha taasisaniin amma ammoo badhaasa Nishaanii Warqii argataniiru.

Seenaa hariiroo Itoophiyaafi Jaappaan keessatti Itoophiyaan yeroo jalqabaaf Nishaanii Warqii kan argatte Daraartuudhaani. Daraartuun badhaasa kana Ambaasaaddar Jaappaan Shiibaataa Hiiroonoorii harkaa Kibxata darbe fudhachuusaanii Waajjirri Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa beeksiseera.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You