Hojiirra oolmaa labsii kiraa manaa to’annoofi hordoffiin deggarame

Finfinnee: Fedhiin mana jireenyaa guddina baay’ina ummataa waliin dabalaa jiru qormaata guddaa ta’uunsaa bubbuleera. Fedhii kana guutuuf mootummaan gama dhiyeessii mana jireenyaatiin hojii bal’aa hojjetus ammayyuu rakkoon hanqina mana jireenyaa olaanaadha. Rakkoon kun xiyyeeffannoo mootummaa argachuun Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Kamisa darbe wixinee labsii kiraa manaa akka raggaasisu ta’eera.

Fedhiin mana jireenyaafi qaala’iinsa gatii akka biyyaatti jiru lammiileetti ba’aa ulfaataa waan ta’eef kiraa manaa gatii madaalawaan argachuun daran yaaddessaa ta’eera. Keessattuu daballiin gatii kiraa manaa sababaan hin dabaalamne magaalota gurguddoo akka Finfinneetti dacha ta’uusaan seerri mirga kireeffataafi faayidaa kireessaa qixa kabachiisu hojiirra ooluun amanamee gara gocha qabatamaatti ce’ameera.

Haala labsii kanaatiin waliigalteen kireessaafi kireeffataan taasisan yeroo ji’a tokko hincaalle keessatti qaama dhimmi ilaaluuf dhiyeessanii raggaasisu. Manni hingalmoofneefi waliigalteensaa qaama dhimmi ilaaluuf dhiyaate hinraggaasifamne akka waliigalteen hintaasifamnetti lakkaa’ama. Kireessaanis ta’e kireeffataan waliigaltee kiraa manaa sana qaama dhimmi ilaaluuf yoo hindhiyeesine akkuma ulfaatina yakkichaatti hanga qarshii kiraa manaa baatii sadiitti adabamuu danda’a.

Kireessaan tokko bu’uura labsii kanaatiin gatii kiraa manaa waggaatti altokko dabala. Ta’us akka kana duraa sababoota garaagaraatiin uumuun gatii dabalchiisuu yoo dide ammoo mana keessaa baasuun dhorkaadha. Waliigalteen kiraa manaa taasifame tokko hanga waggoota lamaatti waan tajaajiluuf yeroo jedhame hanqisuun adda kutuun hin danda’amu.

Sadarkaafi ulfaatinnisaa walhaa caalu malee hanqinni mana jireenyaa biyya kamuu keessatti rakkoodha. Biyyootni baay’een dhiyeessii mana jireenyaa furuuf manni mootummaanis ta’e nama dhuunfaan bu’uura seeraan bifa kiraan akka dhiyaatu taasifama. Labsiin kunis muuxannoo biyyoota Jarman, Chaayinaa, Hindii, Gaanaa, Keeniyaafi Gibxiifaa bu’uureffachuun qophaa’e.

Abbaan manaa mana kireesse dhaalaan, gurgurtaan, idaafi sababoota seera qabeessa ta’aniin qaama sadaffaaf kan dabarsu yoo ta’e baatii ja’a dursuun kireeffataa beeksisuu qaba.

Labsiin kun Finfinneefi Dirre Dawaa dabalatee magaalota itti waamamnisaanii naannoleef ta’an kanneen daballiin gatii kiraa manaa itti hammaatutti hojiirra kan oolu yoo ta’u, naannoleen haala qabatamaa naannoosaaniirratti hundaa’uun magaalotasaaniitti hojiirra oolchuu danda’u. Labsichi manneen mootummaan kireessu, hoteela, riizoortii, mana buufata keessummaafi manneen daldalaaf kireeffaman hinhammatu.

Waaqshuum Fiqaaduutiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You