Hiriira deeggarsaa; galata milkii jijjiirama kanaan galmaa’eef

Bitooteessa 24 guyyaa seenaa qabeessaafi isa addaa, kan booruun hedduu itti qarare, kan rimaan jijjiiramaa itti dhalateedha. Kana qofaa osoo hintaane, tanaan dura seenaa hundeeffamashee irraa kaasee mootummaan gara aangootti dhufu hundi humna meeshaa waraanaatiin ta’uun kan itti aadaa ta’ee ture Itoophiyaan, Bitootessa 24 bara 2010tti garuu yeroo jalqabaatiif aangoon siyaasaa biyya kanaa qaama biyya bulchaa turerraa karaa nagaatiin gara qaama haaraa filatameetti kan itti darbe guyyaa seenaa qabeessaafi seenaa biyyattii gama siyaasaatiin tures kan jijjiireedha.

Jijjiiramni siyaasaa Bitooteessa 24 bara 2010tti akka biyyaatti dhufe kun immoo lafumaa ka’ameet, yookiin immoo sirni mootummaa yeroo sana ture barbaadeet osoo hin taane, fincilli qeerroofi qarree Oromoo hayyootaafi qonnaan bultootaan deeggarame mootummaa yeroo sanaa bahaa gala dhorkuudhaan dirqamee gara jijjiiramaatti akka galu kan taasiseedha.

Adeemsa siyaasaa kamuu keessatti walmormiifi waldura dhaabbannaan qaamolee lama gidduutti taasifamaa ture tokko boodarra tokkoof injifannoo, kaaniif injifatamuu fidee dhufuunsaa waan hinoolleedha. Qaamni injifatamuu baree osoo miidhaan hamaa ta’e hin qaqqabne karaa nagaatiin aangoo gadi lakkisee qaama injifateef dabarsu akka abshaala siyaasaatti lakkaa’ama.

Waggoota shanan qabsoo jijjiirama kanaan dura turanittis qaamni biyya bulchaa tureefi sirnisaa boodarra dubbiin jabduu ta’uu hubatee qabsoo dhukaasa malee karaa nagaatiin irratti taasifamaa tureef harka kennatee jijjiirama fudhachuuf qophaa’uunsaa isaaniifis ta’ee biyyattiif oolmaa gaarii oolanii biyyas kufaatii irraa hambisaniiru waan ta’eef ce’uumsi aangoo nagaa akka gaggeeffamuuf carraa banuu keessatti shoorasaanii bahataniiru.

Ilaamee…! Jijjiirama dhukaasa qawwee tokkoon maletti karaa nagaatiin qabsoo taasifameen osoo lammiilee biyyattii unkuraaf hinsaaxilleefi biyyattii gatii olaanaa hin kanfalchiine dhufe kun har’a eenyuun gammachiisee, eenyuun immoo naasise?, eenyutu deeggaree, eenyutu immoo humnaan kuffisuuf albee qaratee itti geerare? Warri tokko walqixxummaa argametti gammaduun warra olaantummaa bareef naasuu itti ta’e malee qaamni yookiin sabni qophaatti jijjiiramni kun dhufeefis ta’e ittidhufe hinjiru.

Sirna haaraa ijaaramu kamuu keessatti waggoota shan jalqabaa kan jeequmsi ittibaay’atu, walshakkiifi mufiin itti heddummaatu, diinni dhugaafi firri dhiigaa sirnaan itti gargar bahuu dhabee namni rakkatu waqtii hunkuraati.

Erga jijjiiramni siyaasaa aarsaa qeerroofi qarree Oromoo hedduun biyya kanatti dhufee kaasee waggaa waggaadhaan karaalee garaa garaatiin kabajamaa jiru guyyaan seenaqabeessi Bitooteessa 24 kun, baranaas torbee kana akka Oromiyaatti hiriira deeggarsaafi dhaadannoowwan gara garaatiin kabajamee ooleera.

Mataduree, “Nageenya keenya ni eegganna jijjiiramicha niwaareessina” jedhuufi kkfn godinaaleefi magaalota Oromiyaa hundatti haala addaatiin kan gaggeeffame hiriirri deeggarsa mootummaa jijjiiramaa kun shakkii qaamotni tokko tokko akka waan mootummaan jijjiiramaa kun amanamummaa ummataa dhabaniitti, ummataan jibbamaniittiifi abdiis irraa kutataniitti hamatamaa ture kan itti fashalaa’eefi ammas taanaan ummatni bal’aanis ta’ee qeerroofi qarreen jijjiirama kana fiduuf aarsaa kanfalaa turan jijjiirama kana tikfachuufis aarsaa barbaachisu kanfaluuf qophii ta’uu kan irratti mirkaneessaniidha.

Gaggeeffamuun hiriira deeggarsaa naannoo Oromiyaatti mootummaa jijjiiramaaf taasifame kun sochiiwwan misoomaa jijjiirama kanaan eegalamaniifi guddinni dinagdee gama misooma qonnaatiin waggoota muraasa kanneen keessatti galmaa’aa jiru cimee akka ittifufuufis hamilee kan ta’uudha.

Jijjiirama qilleensaa akka Addunyaatti mudachaa jiru dandamachuuf sagantaa Ashaaraa magariisaa eegalchiisanii biyyoota Afrikaa hedduuf muuxannoo hiruu eegaluun, tanaan dura yaalamee kan hinbeekne bona qamadii omishanii gabaa biyya keessaarraa hafee seenaa biyyattii keessatti yeroo jalqabaatiif biyyattiin akka qamadii gabaa alaatiif ergitu taasisuun hojiiwwan guguddoo mootummaan jijjiiramaa kun itti milkaa’e keessaa isaan muraasa.

Kanaafis deeggarsi ummatni mootummaa jijjiiramaa kanaaf qabu hamma ittifufetti hojiiwwan akkanaa akka raawwatamaniifis mootummaadhaaf hamilee kan ta’uudha.

Hiriirra deggarsaa ummanni Oromiyaa taasise ilaalchisuun Pirezidaantiin BMNO Obbo Shimallis Abdiisaas, “Sirna Federaalizimii obbolummaa sabdaneessa irratti ijaaruun bu’uura qabsiisuu, duudhaa haammannaa Oromoos cimsuun saboota, sablammootaafi ummattoota biroo waliin ta’uun kabaja biyyatti horuu eegalle cimsinee ittifufna.

Roobaafi qorra hamaa tureen utuu hindaanga’iin dambaliin hiriira deeggarsaa guutummaa Oromiyaatti guyyaa har’aa gaggeeffames aantummaa ummanni keenya mootummaa sagalee isaan filateef qabu kan agarsiiseefi kana caalaatti cimnee akka isaaf hojjennuuf hamilee addaa kan nutti horedha.

Akkuma isin guyyaa har’aa jijjiirama argame waliin dhaabbachuun imala badhaadhinaa milkeessuuf waadaa keessan irra deebiin haaromsitan Mootummaan Naannoo Oromiyaas mareefi marabbaan nageenya naannichaa mirkaneessuu, misooma naannichaa ittifufsiisuufi saffisuun manii badhaadhinaa qabame milkeessuuf hojii eegale cimsee kan ittifufu ta’uu irra deebiin isiniif mirkaneessuun barbaada.

Waadaa ummata keenyaaf galle osoo hinharcaasiin gochaan dhugoomsaa qormaatilee nu muudatan maqsuun badhaadhina milkeessinee naannoofi biyya keenyatti kabajaafi ulfina ni horra!” jedhan.

Ijaarsi hidha guddichaas shakkii jiru keessaa bahee sadarkaa dhumaa irra akka gahuuf qoodni mootummaa jijjiiramaa kan haalamuu miti

Laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf yeroo jalqabaatiif bara Faranjootaa 1922 qorannoon jalqabaa kan gaggeeffame yemmuu ta’u, yeroo sanatti mootummaan Biriitaaniyaa ka’umsa Laga Abbayyaa beekuufi lagicharratti hidha ijaaruuf karoorfatee jila qorannoo gaggeessu gara magaalaa Daangilaatti ergee ture.

Bara Faranjootaa 1927 jilli qorataa lafaa lammii Ingiliz Roobart Ernast Chiiziin durfamu qorannoo gaggeessee kan ture yemmuu ta’u, bara 1958 Itoophiyaanis laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf yaaltee turte.

Yaalii mootiin Hayilesillaaseen mootummaa Ameerikaa waliin ta’uun laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf karoorfatanii turan mootummaa Biriitaaniyaatiin kufee mirgi Itoophiyaan laga garaa ishee keessaa maddutti fayyadamuudhaaf qabdu sirnoota koloneeffatootaaniin daanga’e.

ALI Bara 2003 Ityoophiyaan laga Abbayyaarratti hidha ijaaruuf murannoo qabdu gochaan agarsiiftee,Bitootessa 24, 2003 ijaarsa hidha haaromsaaf dhagaan bu’uuraa teessifte.Caamsaa 2005 ijaarsa hidhichaaf kallattiin laga abbayyaa yeroo jalqabaaf jijjiirrame.

Bara 2007 mariin biyyoota yaa’a gadii sadeen (Ityoophiyaa, Sudaaniifi misrii) gudduutti adeemsifamee hojichi walhubannaadhaan akka ittifuufis waliigalteen mallattaa’e.

Pirojektiin guddichi deeggarsa biyyoota alaas ta’ee dhaabbilee faayinansii guguddoo Annuyaa tokkoon alatti, sabbata haadholii Itoophiyaafi kiisii abbootii biyyattii qofa abdachuun eegalame kun baatii Adoolessaa bara 2012 guutinsi bishaanii marsaan jalqabaa meetir kiyuubiin biliyoonni 4.5 milkiin xumurame. Warra Itoophiyaan deeggarsaan malee ofiisheetiif pirojektii guddaa kana hojjachuu hin dandeessu jedhanii yaadaniif ergaa jalqabaa dhaame.

Garaa garummaa waggaa tokkoo qofattis baatii Hagayyaa 2013 guutinsi bishaanii marsaa lammataa meetir kiyuubiin biiliyoonni 13 milkiin raawwatamee dubbichi sadrkaa boodatti hin deebinerra gahamuu itti amaname.

Naannoo Beenishaangul Gumuzitti magaalaa hidha guddicha Haaromsa Itoophiyaa giddugaleessa godhate hundeeffamuuf ta’uu Ministirri Bishaaniifi Inarjii Itoophiyaa Injinar Habtaamuu Ittafaa yeroo mirkaneessanitti immoo faayidaan hidhichaa humna ibsaa kennuun ala kan lakka’amee hindhumne ta’uun hubatamee firri gammachuun, diinni immoo naasuudhaan waxalame.

Magaalaa hidha Haaromsaa naannoo Beenishaangul Gumuzitti hundeessuuf karoorfame hidhichaaf eegumsa akka ta’u, akkasumas baay’ina uummataa yeroo ammaa naannolee adda addaatti mul’atuuf furmaata kennuuf akka gargaarus Injiinar Habtaamuu ibsaniru.

“Carraan hidha guddichi Itoophiyaa uumu magaalaa haaraa hundeessuuf kan dirqisiisudha,” kan jedhan ministirichi, maddi qabeenya magaalaa haaraafi ammayyaa hundeeffamu kan ta’u bishaan hidhicha duubaan kuufamuudha

Hawwata turizimii bishaan hidhichaa uumuufi odolawwan keessatti uumaman, ilaalcha mijataafi hawwataan hidhichaa kiiloo meetira shan dheeratu uumu, qabeenyaafi oomisha qurxummiifi kkfn magaalaa haaraa akka uumamu dirqisiisu. Kanaaf carraa kanatti fayyadamuun barbaachisaadha,” jedhu Injinar Habtaamuun.

Kana malees, naannawa hidhichatti industiriiwwan babal’isuufis hojjetamaa kan jiru yemmuu ta’u, dhiheenya kanattis deeggarsi hawaasni biyyattii hidhichaaf taasisu cimee akka ittifufu kan taasisu temberiin haaraa hidha guddichaa kabaja waggaa 13ffaa baranaatiin ifoomeera.

Walumaagalatti; waggoota jijjiiramaa muraasa kanatti hojiiwwan qabatamaan mirkanaa’uu danda’an galmeessisaa kan jiru mootummaan jijjiiramaa, dhimmoota akka komiitti ka’aa jiran furuudhaan caalatti fudhatamummaa ummata biratti qabu cimsachuu qaba. Ijaarsi hidha guddichaas jijjiirama kanaan sodaafi shakkii keessa ture jalaa bahee gara xumuraatti akka kalaahu taasisaa jiraachuunsaa kan jajjabeeffamuufi ummannis deeggarsa jalqabe hamma xumura hidhichaatti ittifufsiisuun barbaachisaadha.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You