Heera, aadaafi duudhaa ganamaa Oromoofi qabiyyeewwansaanii

Kutaa 2ffaa

Gumaa daalacha jechuun maal jechuudha? Akkuma jalqaba kaafame imimmaan haqataa xumureen gaariin ambaa (jaarsa ambaa) faajjii qabatee gaaddisatti jidduu taa’ee beellama qabamerratti gumaa kafaluun araara buusuuf waa’ee araaraa dubbachuu eegala.

Adeemsa hijaa qabachuun ykn tasa, utuu itti hin yaadin gosa tokko keessaa nama harki danaawerraa gara gosa nama ajjeefameef kafaltaan (beenyaan) kafalamu gumaa (dhiiga) jedhamee beekama.

Adeemsa gumaan itti kafalumu keessatti akkaataa gosti harki bade hayyuun ykn jaarsi jiddoo gaaffii gosa dhiigichaa ittigaafatanii araaraaf dubbachuu eegalaniitu jira.

1) Dheeraa naa gabaabsi?

2) Gabaabaa naa dheeressi?

3) Xiqqaa naa guddisi?

4) Guddaa naa xiqqeessi? jechuun gaafatama.

Gaaffiilee kanneniif hayyamamaa ta’uuf hayyuun gamaafi gamasii gaaddisa tokkotti walitti dhufuun hijaa (mufanna) irbuu jidduu kaa’uun gumaa nama du’e sana dhugaafi haqa eeggatanii dubbachu eegalan.

Gumaan dhibba daalacha, bal’aa gosaa nama hijaan ykn danuun ajjeefame sana irraa loon, gaalaafi maallaqa shallagamu danda’a walitti qabun, hayyuun faajjii qabatee dhaabbachun beellama qabame sanarratti dhiiga gosa namni irraa du’eef kafalamu jechudha.

Bakka fidaa ykn iddoo gandi keessaa godaane ona keessatti ykn gandarraa achi (waxxee) baasun, ciisichatti geessuun, walitti qabanii gosa namni irraa du’eef kennama. Dhibba daalacha loon 30 dhiheessanii gaariin (qondaala) gosaa gama lamaan dhaabbatanii lakkaa’an.

Dhibbi daalachi bal’aa (mara ykn hunda) gosarraa guurame, hayyuun faajjii qabatee bal’aa gosaa (namoota gosa sana keessatti abbaa warraa ta’an hunda) abbaa dhiigaa ta’eef kennama. Dhiigni kan bal’aa gosaati(kan gosaati) jedhama. Duruma rabbiin heera Oromoo keessatti waan eeree jiruuf hanga ammaa kennaa uumaasaarraa argate jabeeffachuun itti hojjachaa jira.

Dhibba daalacha kafala kan jedhameef itti eerame malee akka jedhametti hinkafalamu. Qoriin, ciicoo (qabeen) aannaniifi jimaa akka raadaatti lakkaa’un gumaan 100 guute jechuudha. Gosa namni irraa du’eefi harki ittigale gaariin (qondaalli) faajjiin iddoo irratti waliigaluu danda’an sanatti dhibii daalachi kafalama.

Gara biraatiin heerri Oromoo obbol (shariika) akka jabaa jaalalaan waliin jiraatan lafatti hindhiisu. Sa’a bareedaafi guddaa hanqina hinqabneefi kan obbol ittigammadee irraanfatu “obsii” jechuun kennamaaf.

Raada gumaa dhibba fixxu

Raaddi gumaa dhibba guuttu intala “durba” jechuudha. Dubartiin gosa nama harki danaawe gosa namni irraa du’e yoo ilma dhiiraa qabaniif kennamu ykn soddaa taaasisuun hijaa garaa fixachiisan jechuudha.

Dubartiin gumaa dhibba fixxu gosa bal’aa ykn tan gaarii gosaati malee warraa qofa miti. Yoo rakkoon uumame gaarii gosa itti kennamte (heerumte) ykn gaarii gosa ishee biratti sokkiti.

Tan gaarii (damiina) gosaati waan jedhamuuf namni ija itti diimeesse (ija diimtuun ilaale), nyaara itti guureefi arraba badaa itti baase qondaala gosaatiin adabama.

Kanaafuu gara warra ishee ykn haadhaafi abbaa ishee hinsokkitu. Roorroon itti hingaltu, gaariifi gostishee gosa (gaarii) itti heerumsiisan waliin dubbachuun mirgashee kabachiisan.

Kanaan dura Oromoon gaafa dubara walirraa fuudhu gabbara kafala ture. Dubartiin gumaa dhibba tokko gosasheerraa fixxu warra itti heerumterraa gabbara hinqabdu.

Gosa itti heerumte keessatti rakkachuun safuudha. Kanaaf rakkoonshee gariin hordofe irraa furuun gammachiisa. Haala kanaan Oromoon tumaa heeraa odaa jalatti garaa qulqulluun waaqni kenneefi tumatee irratti waliigalee hanga ammaa itti gargaaramaa jira.

Erga raadi gumaa dhibbaa fixxu kennamteefii booda gumaan biraa humaa hinkennamu. Gumaan dhumate jechuudha. Hijaanis hinjiru. Jaarsi jiddoo (hayyuun) hijaafi galata maal walbiraa qabdan jedhee gaafata. Galata herragachuun qooda walbiraa qaban walii kaa’anii nagaafi jaalala waliif qaban waldhageessisan.

Miidhaa irra gahe heerri Oromoo akkamiin heere?

Heerri Oromoo yoo namni waldhabee miidhaa qaamaa walirraan ga’e akkaataa itti ilaalu tumamee lafa jirurratti waliigaluun ittifayyadamaa jiru qaba.

Shaffee

Shaffee jechuun namni waldhabee ykn tasa miidhaa qaamaa salphaa akka madaa salphaa walirraan ga’e qullubbii diimaan ho’ifama. Dur akka ammaa waan manni yaalaa hinturreef qullubbii diimaan ho’isan shaffee jedhamee beekama.

Adeemsa shaffee keessatti hanga qaamni miidhame deebi’utti nyaanni qaama magarsu ykn ijaaru ni kennamaaf jedhama.

Calka

Adeemsa qaamni hir’achuun kan lafeen hincabin muramuu qaamaafi kkf yoo ta’e calka jedhama. Nama haala kanaan miidhame nyaata garbuu nyaachisu, dhadhaa obaasaniifi re’ee itti qalanii hanga qaamni hir’ate fayyutti nyaachisan “Calkaa” jedhama.

Buula

Sadarkaalee olitti tuqaman kanneen bira darbee akka malee qaamni hir’achuun lafeen cabxee(miidhame) fi lafeen cabxe re’ee, gaala, raada goromsaa itti qaluun, garbuu nyaachisaniifi dhadhaa obaasuun hanga qaamni cabee fayyuttu jaarsa jiddoo (gaarii) bira ciibsanii fayyutti tursiisan kun “buula” jedhama.

Sadarkaa buulaatti jaarsa jiddoo dubbatee tajaajlli godhamuun hanga fayyutti waantota barbaachisan hunda akkaataa murtaa’een ogeessi bira taa’ee nyaachisa.

Sadarkaa kanatti gumaan hinjiru. Dubartii warra miidhaa irraan ga’e kan qaamaa miidhameef kennamuun soddaa taasisuun hijaa jidduu fixuun araarsan.

Gumaa hindhumne maali?

Heerri Oromoo gurra duude ykn murameefi ija beqe yoomiyyuu hindhumu jedhee heereera. Gaaffii, maaliif jedhuuf namni gurri murameen “gurra kuteefi kan duude duudaa” yoo jedhan ykn dhukkube gumaa haaraatti gaafachuu danda’a. Kanaaf heerri Oromoo gumaan gurraafi ijaa hindhumu jedhee heere.

Kutaa qaamaa keessaa muraasa kan gumaansaa caalu kami?

Kutaalee qaamaa keessaa akka fakkeenyaatti yemmuu ilaallu dubbiin akkana.

Gumaan harka bitaa dhiiraa kan mirgaa nicaala. Sababni gumaan harka bitaa kan mirgaa caaluu danda’eef yeroo dubartii wajjin rafan kan hammatu harka bitaa ta’uufi diina qaamatti dhufe gootummaan dura dhaabbata jechuudha. Gumaan miilaa akkasuma ta’a jechuudha.

Harka bitaaf loon shantu kafalama. Dubartiif immoo faallaa dhiiraatiin harka mirgaaf gumaa caalutu kafalama.

Harki dubartii faallaa dhiiraa ta’a. Sababnisaas dubartiin yeroo dhiirsa (abbaa warraa ) ishee waliin raftu harka mirgaatiin dhiiraa hammatti jedhameeti. Miilarra harkatu caala. Akkuma harkaa sanatti dhiiraafi dubartiis ta’e gargaagarummaa qaba.

Galataafi hijaa walittidubbachuu

Oromoon kaabaafi kibba, bahaafi dhiha gammoojjii akkasuma baddaa jedhee walhinqoodu. Ija tokkoon ilaalee isin obboleessa jechuun araarsa.

Ta’ii uumamee duraafi boodaa tola waliif oolaniifi miidhaa walirratti gaggeessaniin walqabatee adeemsa gumaa kafalanii araara jidduu isaaniitti buusuuf galataafi hijaa himachiisan.

Hijaa gosa nama ajjeese sana keessaa yoo qabaate, walgaafachuun “Ebalu gaafa akkasii waan akkamiin narratti raawwate hijaa akkanaatiin biraa qaba” jedhee bal’aa gosaa hundaaf iddoo hayyuun jirutti lallabata.

Akkasuma yoo galata biraa qabatee waan tola ooleef sana dhaabbatee sagalee olkaasee “Ebalu biraa galata akkasiin biraa akkamiin biraa qaba ambayyoo” jedhee lallabata. Abbaan galata ol kaa’ateefi galateeffate isaan lachuu bal’aan gosaa jara lachuu ni eebbisa. Lamaan sa’a sadii sadii hanga shanii kennamuun galatteeffatanii araara buusan.

Hoolaa (sangaa baalaa) qaluu

Erga sirni gumaa raawwatamee booda hoolaan (sanga baalaa) ni qalama.

Sana booda hoola ykn sangaa baalaa qalanii(sangaan qalamu kun kan lafee jiddutti cabsuun nama waldhabe lamaan jiddutti araara buusan) qixxee dugdaatti addaan qoodanii gara mirgaa gosa namni irraa ajjeefameef kennama. Dugda sangaa baalaa gara bitaa immoo gosa namni isaanii nama ajjeeseef kennama.

Ergasii gurraan tola walii dhagahaa, ijji walitti hindiimatiin, arrabni keessan waan hamaa walitti hinbaasin jechuun heerri Oromoo gaaddidduu bishaan keessaati waan ta’eef eebbaafi abaarsa jidduu kaa’uun obboleessa taasisuun araara jiddutti buusan.

Gaarii (damiinni) gosa namnisaa nama ajjeese akkana jechuun gaafata.

A, Gooroo nabobbaasi?

B, Malkaa na obaasi?

C, Qoraffee (buqqee guutuu hinta’in) hadhoytuu narraa cabsi? jedhee gaafata.

Jaarsa jiddoo (hayyuun) gaariin gostisaa irraa du’e akkana jechuun deebisaaf. Malkaa si obaase, Gooroo si bobbaaseefi Qoraffee sirraa cabse jechuun deebisuun kabajaan adeemsa araaraa gara xumuraa deemama.

Nama harki danaawerraa qaama dhiquun, uffata irraa miiccuun qeensaafi rifeensa mataa hanga miilaa jiru irraa qulqulleessan.

Damma harkarraa wal arraabsisuun, dhadhaa garaa irra jalaa ol dibuufi aannan ciicoo tokko keessaa wajjiin obaasuun waliif mi’aawaa, hijaa garaa baafadhaa obboleessa waliif ta’aa jechuun walitti boochisanii eebbaafi abaarsa ykn irbuu torba gadiifi torba olii jidduu kaa’uun araara jidduutti buusuun obboleessa taasisan.

Abdumaalik Ahmad Daawweetiin (Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Gumbii Bordoddeerraa)

Itti fufa

Gumaa daalacha

 BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

Recommended For You