Gumaacha Invastimantiin Qonna Qindaa’aa Kana’aan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf taasisaa jiru

Invastimantiin Qonna Qindaa’aa Kana’aan Naannoo Itoophiyaa Giddugaleessaa, Godina Kambaataa, Aanaa Daamboyaa, Ganda Heegootti argama. Abbaan qabeenyaa invastimantichaa Obbo Adimaasuu Arficcoo jedhamu.

Gandichi omisha loowwan aannanii sanyiinsaanii fooyya’aa ta’an horsiisuufi omisha aannaniitiin beekama. Kanumarraa ka’uun Guyyaan Aannan Addunyaa bara 2012 bakkichatti kabajamee ture. Abbaan qabeenyaa kunis loowwan sanyii fooyya’aa horsiisuufi aannan gahaa dhiyeessuun naannawichi daran omisha aannaniitiin akka beekamu gochuuf hojichatti seenuu dubbatu adeemsisaan hojii invastimantichaa Doktar Taklee Hayilamaariyaam.

Doktar Takileen torban darbe garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaatti akka himanitti, hojiin invastimantii qonna qindaa’aa kun dhuma bara 2012 eegalame. Jalqaba lafa invastimantii kana kan fudhanne misooma bosonaatiif ture. Lafti heektaara 16 invastimantiif fudhanne kan manca’eefi hinmisoomne ture.

Lafa kana erga fudhannee booda heektaara 14 misoomsuun bosoneessine. Lafa heektaara lama irra ammoo sanyii nyaata beelladaa fooyya’aa facaasuudhaan magariisa taasifne. Erga lafichi misoomee booda hojii horsiisa kanniisaa, loowwan aannanniifi lukkuuwwanii kan jalqaban ta’uu dubbatu.

Akka Doktar Takleen jedhanitti, Invastimantiin Qonna Qindaa’aa Kana’aan kaappitaala qarshii miliyoona 10 ta’uun hojii kan jalqabe yoo ta’u, yeroo ammaa kaappitaala qarshii miliyoona 40 irra ga’eera. Invastimantiin kun goromsoota sanyiisaanii fooyya’an 17 qonnaan bultoota naannawaarraa bitee hojii horsiisa loonii jalqabe. Goromsoota kunneen sanyii kormaa jabbii dhaltuun akka dhalattu taasisu fayyadamuun mala namtolcheetiin kan mixxiqqeessan ta’uu himu.

Invastimantiin Qonna Qindaa’aa Kana’aan goromsoota 17 hojii horsiisa loowwan aannanii jalqabe waggaa sadii keessatti loowwaniifi goromsoota 65 horateera kan jedhan Doktar Takleen, loowwan kunneen keessaa 18 elmamaa kan jiran yoo ta’u, 12 ammoo rimaadha. Kanneen hafan goromsoota, kormootafi jabbilee ta’uu himu.

Loowwan elmamaa jiran keessaa olaanaan guyyaatti aannan liitira 36 gadaanaan ammoo liitira 18 kennaa jiraachuu himanii, loowwan elmamaa jiranirraa waliigalaan aannan liitirii 250-300tti argamaa jiraachuufi omisha aannanii kana gatii madaala’aan (liitirii tokko qarshii 50n) hawaasa naannawaafi mana urgoo magaalotatti argamaniif dhiyeessaa jiraachuus nidubbatu.

Dubartoota gurmaa’aniif ammoo aannan liitirii tokko qarshii 40n dhiyeessaafii jiraachuufi dubartoonnis aannan isaanirraa bitan itichanii dhadhaafi ayibii irraa baasuudhaan gurguranii ittifayyadamaa jiraachuus eeraniiru.

Akka Doktar Takleen jedhanitti, Invastimantiin Qonna Qindaa’aa Kana’aan qonnaan bultoota naannawichaaf tajaajila sanyii kormaa bilisaan taasisaafii jirra. Akkasumas kormoota sanyiinsaanii fooyya’aa ta’an Wiirtuu Leenjii Qonnaan Bultootaaf dhiyeessaa jirra. Yeroo ammaa qonnaan bultoonni ganda Heegoo %96 ta’an loowwan sanyiinsaanii fooyya’an horsiisiisuun akka aanaattis ta’e biyyaatti fakkeenya gaarii ta’aniiru.

Invastimantiin keenya qonnaan bultoota naannawaa fayyadamaa taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jira kan Doktar Takleen, tajaajila sanyii korma faayya’aa bilisaan qonnaan bultoota naannawaaf taasisaa jirra. Qonnaan bultoota jabbootaafi goromsoota sanyii fooyya’aa barbaadaniifis dhiyeessaa jirra. Garafuulduraatti yeroo hawaasni naannawichaa aannan gahaa dhiyeessuu jalqabu ammoo warshaa aannan qindeessu kan hundeessan ta’uufi warshichi guyyaatti aannan liitirii kuma 200-300 kan barbaaduufi qindeessu ta’uu himaniiru.

Yaaliidhaaf lukkuuwwan buuphaa buusan 300fi gaagura ammayyaa 30n hojii horsiisa lukkuufi kanniisaa jalqabuu ta’uu eeranii, lukkuuwwan kunneen haala nyaatasaaniirratti hundaa’uun guyyaatti buuphaawwan 250-280 buusu. Yeroo ammaa horsiisa kanniisaarraa omisha dammaa walitti qabuuf qophiirra jiraachuufi gara fuulduraatti horsiisa lukkuufi kanniisaa daran babal’isuuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.

Invastimantiin Qonna Qindaa’aa Kana’aan hawaasa naannawaatiif tajaajila daandii, bishaaniifi ibsaa akka argatan taasisaa jiraachuu eeranii, hojii misooma bosonaa, omisha nyaata beelladootaa, horsiisa loonii, lukkuufi kanniisaatiin dhaabbiidhaan namoota 30f carraa hojii kan uuman ta’uufi hojii yerootiin ammoo namoota 150-200f carraa hojii uumuu himaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You