“Dorgommii qaxxaamura biyyaarraa barumsa arganneerra”

  • Komishinara Garagaaraa Huseen Shiboo

Finfinnee: Dorgommiin qaxxaamura biyyaa kan jalqabame ALA Bitootessa 12 bara 1898 Faransaayitti jalqabama. Dorgommii Faransaayiifi Ingilaandi qofa hirmaachise kanaan Faransaayitu mo’ate. Dorgommiin qaxxaamura biyyaa haala kanaan jalqabame suutuma babal’atee biyyoota kaanis hirmaachisuu ittifufe.

Federeeshiniin Amaatarii Atileetiksii Addunyaas (IAAF) hundaa’ee dorgommichi akka adda addaatti adeemsifamu murteesse. Haaluma kanaan dorgommiin qaxxaamura biyyaa sadarkaa addunyaatti ALA Bitootesa 17 bara 1973 Beeljiyeemitti adeemsifame.

Kanarrattis biyyoota 21irraa atileetonni 286 kan hirmaatan yoo ta’u, walmorkiin kiiloo meetira 12n dhiirota beektota jidduutti adeemsifame. Dargaggoonni kiiloomeetira saddeet, dubartoota beektotaa kiiloomeetira saddeetiifi dubartoota dargaggootaan kiiloomeetira jahaan biyyoonni lixaa hirmaataniiru.

Ardiin Afrikaa kan hirmaatte shaampiyoonaa qaxxaamura biyyaa 9ffaa atileetota beektotaan ALA Bitootessa 28 bara 1981 Ispeenitti adeemsifamerratti. Ardittiirraa Itoophiyaan hirmaattee dhuunfaadhaan meedaaliyaa meetii, gareedhaan ammoo meedaaliyaa warqii argateetti. Meedaaliyaan meetii tan argamte Irreessaa Mahaammad Kadiriini.

Dorgommii dargaggootaa ALA bara 1982 Xaaliyaan, Romitti adeemsifameen ammoo Zuuribbaachawu Galaafi Addunyaa Lammaa tokkoffaafi lammaffaa ta’uun meedaaliyaa warqiifi meetii argamsiisaniiru. Biyyoota Afrikaa kaaniifis daandii injifannoo saaqaniiru.

Akkasumas dubartoota beektootaan Daraartuu Tulluu ALA bara 1991 shaampiyoonaa 19ffaa Beeljiyeemitti adeemsifameen lammaffaa ba’uun Afrikaan damee kanaan dubartootaan meedaaliyaa jalqabaa akka argattu taasisteetti. Atileetonni Keeniyaas bara 1994 irraa kaasanii olaantummaadhaan dursaa jiru.

Dorgommii qaxxaamura biyyaa Addunyaarratti atileetonni Keeniyaanfi Itoophiyaa osoo kanneen biyyoota biroo of jidduu hingalchiin tartiibaan walduraa duuba galuudhaan mo’chuun beekamu. Ugaandaa, Morookoo, Eriitiraafi Taanzaaniyaas dabalatee gabatee meedaaliyaa keessa galaa jiru.

Dorgommichi waggoota 44f biyyoota adda addaatti adeemsifamaa kan ture yoo ta’u, baranas yeroo 45ffaaf Sarbiyaa, magaalaa Beelgireeditti Dilbata darbe gaggeeffame olaantummaa Keeniyaatiin xumurameera.

Jilli atileetiksii Itoophiyaa Keeniyaatti aanee meedaaliyaawwan 10n addunyaarraa sadarkaa lammaffaa argatee Kibxata darbe gara biyyaatti deebi’eera.

Qabxii argame kana ilaalchisuudhaan leenjisaa garee atileetiksii toophiyaa Komishinara Gargaaraa Huseen Shiboo ibsa Roobii darbe addatti Gaazexaa Bariisaatiif kennaniin, qabxiin galmaa’e boonsaa ta’uu eeraniiru.

Dorgommiin kan adeemsisame beektootaan fiigicha kiiloo meetira kudhanii dhiiraaf dubaraan,kiiloo meetira saddeetti dhiiraan dargaggootaafi kiiloo meetira jahaa dubartoota dargaggootaan,akkasumas doegommii walmakaa (riillee) beektootaan ta’u adeesaniiru.

Akkuma kanaan duraa olaantummaadhaan xumuraa jiraachuus kaasanii, qophiin taasifamaa ture cima ta’uu kaasaniiru. Dorgommii qaxxaamura biyyaa jahaffaa Afrikaa, barana Tuuniziyaatti adeemsifameen atileetonni hirmaachuuf filatamaniin qabxichi argamuu eeraniiru.

Olompikii Paariis ji’oota afur booda adeemsifamuufis qophii gochaa jiraachuu eeraniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 28  / 2016

 

Recommended For You