“Warraaqsi keenya diina ofirraa qolachuurra darbee ollaaf wabii ta’uudha” – Obbo Geetuu Gammachuu

Mammaaksa tulluu darban biddeenni tulluudha jedhuun biyya keessatti qabsaa’ee diinasaa injifachuu osoo danda’uu biyyaa ba’ee karaatti kan hafe tokko lama miti. Haala qilleensaa mijataa hojjetanii diina ofii seenaa gochuun danda’amu keessa osoo jiranii diida ilaaluun kanneen eeggattummaaf saaxilamanis hedduudha.

Oromoon akka biyyaa bahuuf sababa ta’aa kan turan siyaasni biyyattii waalta’uu dhabuufi qe’eefi qabeenyasaarratti abbummaa dhabuu yoo ta’an, cunqursaa farra eenyummaafi dinagdeesaa ta’e kana hurreessuuf irree gamtoomeen itti bobba’uun raajii dhalootaaf darbu hojjeteera.

Warraaqsa siyaasaa qabsoo hadhaa’aafi obsa fixachiisaan erga ofirraa qolee as Oromoon kallattii qabsoosaa gara warraaqsa dinagdee keessumaa dinagdee damdaneessaatti jijjiiruun mammaaksa tulluu darban biddeenni tulluudha jedhu sana qabsoo, “tulluu hiyyumaa diigan biddeenni tulluudha” jedhuun warraqsa dinagdeetti fuulleffateera.

Qabsoo teknolojii ammayyaatiin deeggaramee guutuu Oromiyaatti taasifamaa jiruun imalli dinagdee damdaneessaa qabatamee ka’e milkaa’uurra darbee sadarkaa ollaatiif wabii ta’uurra gahamuusaanis akka biyyaatti Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD)itti badhaafamaniiru.

Injifannoo cululuqaa warraaqsa siyaasaatiin argame warraaqsa dinagdeetiin dabaaluun Oromiyaa badhaate ijaaruuf sochiin jiru maal fakkaata isa jedhuuf Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu waliin gaafdeebii taasisne akka armaan gadiin dhiyeessineerra dubbistootaa oluma nooraa.

Suurri Haddush Abrahaatiin

Bariisaa: Oromoon warraaqsa siyaasaa olaantummaan injifatee warraaqsa dinagdee Oromiyaa badhaate ijaaruuf qabatee ka’e milkeessuuf sochiin akka misooma qonnaatti jiru maal fakkaata?

Obbo Geetuu: Oromiyaa misoomteefi badhaate ijaaruuf qabsoo dinagdee damdaneessaa afur milkeessuuf kutannoon hojiitti seennee injifaannoowwan guguddaa galmeessisneerra ammas ittuma jirra.

Isaan kunis wabii midhaan nyaataatiin of danda’uu, omisha alaa galu biyyuma keessatti omishuu, biyya keessatti omishuun alergii eegaluufi dhaloota hojii barbaacha biyyaa ba’u baraaruuf carraa hojii uumuurratti xiyyeeffannee hojjetaa turreerra.

Bariisaa: Qabsoowwan dinagdee damndaneessaa qabatamanii ka’an kanneen dhugoomsuuf tarkaanfiiwwan fudhatamaa jiran maal fakkaatu?

Obbo Geetuu: Tarkaanfiiwwan gama kanaan xiyyeeffannoon kennamee irratti hojjetamaa jiran keessaa inni guddaa makanaayzeeshinii qonna ammayyaa babal’isuu, ittifayyadama teknolojii qonna ammayyaa waliingahuun omishaafi omishtummaa dachaan dabaluudha.

Gama biraatiin omishoonni keenya wabii midhaan nyaataatiif qofa kan oolan osoo hintaane galii ykn sharafa alaa argamsiisuu akka danda’an gochuufaati.

Hirkattummaa roobaa jalaa bahuun aadaan misoooma jallisii teknolojiidhaan deeggarame akka babal’atu taasisuun imala qabame milkeessaa jirra.

Keessumaa inisheetiivii guddistuu callaa, qamadii bonaafi gannaa, ruuzii, fuduraaleefi muduraaleerratti hojii hojjetaa jirruun warraaqsi dinagdee damdaneessaa keenya qabatamaan hojiitti hiikamee eebbasaas irraa qooddataa jirra.

Bariisaa: Gaafa makaanaayzeeshinii qonna ammayyaa jennu mala qonna duubatti hafaa teknolojiin deeggaruudha, mee gama kanaan dhiyeessiin tiraaktaraan jiru akkamiin ibsitu?

Obbo Geetuu: Dhugaa dubbachuuf gaafa makaanayzeeshinii qonna babal’isuu jennu inni ijoon mala qonna duubatti hafaa teknolojii tiraaktaraan bakka buusuudha. Waggaa sadii afur dura tiraaktarri akka Oromiyaatti jiru 400 kan hincalle ture. Booda kana garuu tiraaktaroonni kuma 10 ol guutuu Oromiyaa keessatti bobba’uun omishaafi omistummaan dachaan akkan dabaluuf qabsoo warraaqsa dinagdee saffisiisaa jiru.

Bariisaa: Hojiirra oolmaa tiraaktaraan aadaan waggaatti lamaafi isaa ol qotuu akka gabbatu taasiseera jedhamaatii kun akkamiin ta’e laata?

Obbo Geetuu: Aadaan qonna keenyaa kanaan dura ture waggaatti yeroo tokko qofa qotuu ture. Jallisiin bona qotuun badaa kan baratame hinturre. Kanamalees bona lafti qonnaa waan jabaatuuf qotiyyoon qotuun humna guddaa waan gaafatuuf itti bu’amee hinhojjetamu ture.

Amma garuu erga teknolojiin tiraaktaraa hojiirra oolee misoomni jallisii bona qotuu babal’ataa jira, faayidaan gama kanaan argamaa jirus daran olaanaadha.

Bariisaa: Fayyadamummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf humna guutuun hojjetamaa jiraachuuf agarsiistuuwwan hedduu jiru. Haata’u garuu haala kanaan dura baratameen qonnaan bulaa cimaa ta’e qonnan bulaa adda duree jedhanii badhaasa meedaaliyaa kennanii gaggeessuun ala wanni biraa hinturre; isin waan fooyyeessitan qabduu laata?

Obbo Geetuu: Dhugaa dubbachuuf haala kanaan dura baratameen qonnaan bulaa qaxalee ta’e waamanii badhaasanii gaggeessuun ala waan egereesaa jijjiirurratti hojiin hojjetame hinjiru. Nuti garuu hojmaaticha jijjiirreerra.

Qonnaan bulaan adda duree ta’ee badhafamuu qofti gahaa waan hintaaneef gara invastimantiitti akka cehuuf haala mijataa uumneerra. Tarkaanfiin kunimmoo qonnaan bulaa omishaawaa kumaatama akka horannu gochuurra darbee fayyadamummaansaa gama invastimantiinis akka mirkanaa’u haala mijataa uumaafii jirra. Kanamalees agroopirosesiingii keessa akka galuufi fayyadamummaasaas dachan dabalaa akka deemu taasifna.

Bariisaa: Qonnaan bulaan qonnarraa gara invastimantiitti, agroopiroosesiingiitti ce’uuf maallaqni isaan of harkaa qaban gahuufi gahuu dhiisuu danda’a. Gama kanaan fayyadamummaasaa mirkaneessuuf wanti yaadame jiraa?

Obbo Geetuu: Baankii wajjin walitti hidhamiinsa uumanii liqaa maallaqaa akka argatan haala mijataa uumneefiirra. Hojii misooma qonnaa duwwaarratti bobba’aanii jijjiirama fiduu waan hindandeenyeef warreen moodeela ta’an gara invastimantiifi agroopiroosesiingiitti ce’anii dinagdeesaanii cimsuun ala badhaadhina biyyaa keessattis akka bu’aa buusan ta’aa waan jiruuf kan nama jajjabeessuudha jechuun nidanda’ama.

Bariisaa: Waanti gama agroopiroosesiingiin hojjetamaa jiru maal fakkaata, keessumaa ce’umsa qonnarraa indastiriitti taasifamu milkeessuuf?

Obbo Geetuu: Hojiilee loon diqaalomsuu kanneen akka ‘AI’. Raanchii, babal’isuun bu’aaleen aannanii, hojii loon furdisuufi omisha dammaarratti dabalataan akka hirmaatan gooneerra. Bu’aan gama kanaan galmaa’aa jiru jireenya qonnaan bulaa keenyaa fooyyessuurra darbee hanga sharafa alaa argamsiisuutti jijjiirama fidaa jiru.

Bariisaa: Misoomni dammaas inisheetiivota akka Oromiyaatti xiyyeeffannoon kennameefii irratti hojjetamaa jiru ta’uutu himamaatii sochiin gama kanaan jiru deeggaruuf hojiin hojjetamaa jiru maal fakkaata?

Obbo Geetuu: Oromiyaan dachee omisha midhanii qofaaf osoo hintaane kan bosonaan badhaate ta’uun walqabatee misooma dammaatiifis mijattuudha jechuun nidanda’ama.

Bu’uuruma kanaan yoo misooma dammaarratti bobbaane bu’aa olaanaan akka argamu irratti waliigalamuun waggaa darbe qofa gaagura ammayyaa kuma 325 raabsinee bu’aa guddaan argameera. Kanarratti hundoofnee baranammoo gaagura miliyoona tokko waliingahuuf karoorfannee hanga ammaatti kuma 700 ol qaqqabsiisneerra.

Jalqabbii amma jiru kanaan omishni dammaas gabaa alergiif akka oolu hojjetaa jirra. Misoomni dammaa qonna maddiitti hojii hojjetamuufi galii guddaan irraa argamuu danda’u waan ta’eef xiyyeeffannoon kennameefii irratti hojjetamaa jira.

Hojii gama kanaan hojjetamaa jiruun milkaa’inoonni guguddoon galmaa’aa waan jiraniif kan nama boonsuufi ammallee cimee irratti hojjetamuu qabuudha.

Bariisaa: Bu’aan inisheetiivota hundaan galmaa’aa jiru maal fakkaata? Bu’aqabeessummaansaa maalidhaan madalamaa? Keessumaa alergiin qamadii eegalamuun nihimamamaatii yoom eegalame, amma hoo maalirra jira?

Obbo Geetuu: Inisheetiviin qamadii xiyyeeffannoo argatee alergiifillee ooluu akka irratti hojjetamuu kan eegale 2011/12tti. Bara sana misoomni qamdii lafa hektaara kuma torba irratti eegalame. Lafa kanarraa qamadii kuntaalli kuma 120 hincalletu sassaabame.

Bu’uuruma kanaan bu’aan galmaa’e qorannoo qonna Oromiyaatiin madaalamaa deemuun lafa keenya hektaaraan dachaan waggaa waggaan kuma 100, kuma 360, kuma 680, boodas hektaara miliyoona tokko jechaa dachaan dabalaa deemuun har’a lafa hektaara miliyoona 2.8 irratti qamadii omishaa jirra.

Bariisaa: Afaan keessan dammaan qabee omishni qamadii lafa hektaaraan eerame kanarratti qabatamaan argamuusaa gabaasa waraqaa godaa ergamuunimoo teknolojiin deeggaramtanii hangasaa ibsaa jirtu?

Obbo Geetuu: Gaaffii gaariidha. Hangi lafaa qamadiin uwwifame jedhamu kun gabaasa waraqaa callisee ergamuun osoo hintaane teknolojii ‘GPS, GIS’, pooliigooniin hidhamee safaramuun eessatti omishamaa jira, hangisaa hammami, lafa hammamiirratti argama, godinaafi aanaa, gooxii kam keessa jira isa jedhu teknolojii kanaan adda baasna.

Haaaluma kanaan qamadiin jedhamu kun jiramoo hinjiru isa jedhu qorannaa teknolojii kanatti fayyadamuun taasisneen lafa hektaara miliyoona 2.7 irra omishni qamadii argama, haasa’aan keenyas waa’ee kuntaala miliyoonotaa, dhibbootaa saassaabame jedhamu waan qabatamaa lafarratti mul’atu kanarraati.

Bariisaa: Hektaara tokkorraa omisha qamadii hammamtu gala laata?

Obbo Geetuu: Omishtummaa keenya qamadii bonaa qofa fudhannee yoo ilaalle hektaara tokkorraa qamadii kuntaala 38 sassaabuuf karoorfannee turre.

Haaluma kanaan hektaararraa kuntaala 35-95 sassaabaa jirra. Kun waan ajaa’ibaati. Omishtummaan keenya dachaan dabalaa jiraachuuf agarsiistuu guddaadha.

Bariisaa: Omishni qamadii kuntaala miliyoonotaan sassaabamaa jira jechaa jirtu. Tarkaanfiin kun qamadii alaa galu hambiseeraa laata?

Obbo Geetuu: Akkaataa ragaa ‘CSIA’tti qamadiin dur alaa galu kuntaala miliyoona 17 hanga 20ti. Kana nuti waggoota lama dura bira geenyeerra. Kanaaf kan alaa galu hafeera.

Bariisaa: Omishuu qofti gahaa miti. Qonnan bulaan keenya wabii midhaan nyaataatiin of danda’eeraa laata?

Obbo Geetuu: Qonnaan bulaan keenya erga omishaafi omishtummaansaa dachaan dabalee as gabaaf dhiyeessuu danda’eera. Kaanimmoo kan bara darbee manaa qabu, gatii gaariin gurgurachaa jiru. Yoo kan baranaa itti ida’ame galiinsanii daran dachaan dabala.

Kanaaf qonnaan bulaan keenya wabii midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbee alergiifi sababa ongee mudateen obboleeyyansaa ollaa beela’aniif oolchuus danda’eera.

Bariisaa: Gara alergii qamadiittan isin deebisaatii Itoophiyaan oduu alergii qamadii eegalte jedhu battala dhaga’aniin gadi bu’anii osoo hinargiin qilleensarratti miidiyaaleen tokka tokko siyaasa qamadii sobaati jedhaa turan. Gama kanaan dhugaan jiru maali fakkaata? Qamadiin bara darbe alergiif oole hammami?

Obbo Geetuu: Dhimmi omishaafi omishtummaa olola feesbuukiin kan madaalamu osoo hintaane callaa qabatamaa lafarra jiruun madaalama jechuudha. Haaluma kanaan waggaa darbe qofa qamadiin alergiif oole kuntaala miliyoona 1.4dha.

Bariisaa: Qaala’insa gatii gabaafi ongee akka biyyaatti Itoophiyaa mudate furuu keessatti qooda omishni qamadii akka Oromiyaatti sassaabamee akkamiin madaalama?

Obbo Geetuu: Ongee Gujii, Harargeefi Booranarratti numudatee ture dhaabbileen idil addunyaa kanaan dura alaa bitanii deeggarsaaf oolchan doolaaraan nurra bitanii lammii biraan gahaniiru. Osoo nuti qamadii hinomishne ta’ee biyyoonni qamadii dhiyeessaa turan Yuukireeniifi Rashiyaan walwaraansa keessa waan jiraniif lammiilee ongeen hubaman kanneeniif bitanii dhiyeessuun rakkoo guddaa ta’a ture.

Hojii gama misooma qamadiin hojjetameen hawaasa beela’eefis yeroon gahuun danda’ameera. Kanaaf qamadiin omishnu gabaa tasgabbeessuu keessattis shoora guddaa taphateera.

Har’a mataasaa fudhannee yoo ilaalle naannoleen biyya keenyaa beela’aa jiran kanneen akka Tigraayiif dhiyeessaa jirra. Kun injifannoo guddaadha.

Bariisaa: Qamadii baranaarraa galii hammamiitu eegama laata?

Obbo Geetuu: Barana qamadii bonaarraa kuntaala miliyoona 105-7 sassaabama jedhamee eegamaa jira. As keessaa kuntaalli miliyoonni 45 sassaabameera.

Bariisaa: Barana qamadii hammamtu alergiif oola?

Obbo Geetuu: Qorannoo gama kanaan agrii biizinesootaan taasifameen qamadiin gannaa harki 26, kan bonaa harki 46 gabaaf dhiyaata jedhamee eegama. Qamadii kuntaala miliyoona 12 ol alergiif oolchuu dandeenya jennee cichoominaan hojjetaa jirra. Tilmaama amma jiruun nimilkoofna jennee abdanna.

Bariisaa: Biyyoonni omisha qamadiin nucaalan kanneen akka Misirfaa jiru. Haata’u garuu Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) gama kanaan badhaasa argataniiru. Iccitiin milkaa’inaa kun maali laata?

Obbo Geetuu: Gama kanaan Dhaabbanni Idil-addunyaa ‘UNEDO’/Agri Colla’ jedhamu badhaasa Minsitira Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyiif kenneera. Badhaasni kun hojiilee misooma qamadii lafarratti qabatamaan lakkaa’amuun madaalamanii kan badhaafamnidha malee callisamee kan kennameef miti. Kunimmoo daran nu onnachiiseera. Imala gaariirra jirra yaada jedhuun daran kanaa ol galmeessisuun tulluu hiyyummaa diiguuf hojjenna.

Bariisaa: Misooma qamadiin ala Oromiyaan inisheetiivii cichoominan irratti hojjetaa jirtuufi milkaa’ina argachaa jiran maal fa’i?

Obbo Geetuu: Dhugaa dubbachuuf inisheetiiviin keenya qamadii duwwaan kan daanga’e miti. Misoomni ruuzii, dammaa, avokaadoo fuduraafi muduraa ciminaan irratti hojjetamaa jiru. Akka fakkeenyaatti avokaadoo alergiif oolchineerra. Galiin gamasiin argamu akka dachaan dabaluuf kallattiin taa’ee hojiitti seenamee bu’aan galmaa’eera.

Bariisaa: Misoomni inisheetiivii omishaalee qamadii, ruuzii fuduraaleefi muduraalee godinaalee Oromiyaa maratti hojiirra ooleeraa, kanneen sababoota gara garaatiin carrichaa hinarganne hinjiranii?

Obbo Geetuu: Inisheetiivonni kunniin godinaalee muraasatti kan daangahan otoo hintaane hunda kan hammataniidha. Kaanaaf godinaalee Oromiyaa maratti hojiitti jirra.

Akka fakkeenyatti Godina Qellem Wallaggaa fudhannee yoo ilaalle misoomni ruuzii haala gaariirra jira. Tarkanfiin kun bakkawwan hundatti cimee ittifufa. Haata’u garuu bakkeewwan harkifannaan jiruufi rakkoo ikooloojiin walqabatee waliin hingahamnes itti deemnee hojjechuun qonnaan bulaa keenya fayyadamaa taasisnee hiyyummaa farra dhala namaa ta’e kana diiguuf humna guutuun hojjenna.

Bariisaa: Ruuzii alergiif dhiyeessuuf sochiin jiraa?

Obbo Geetuu: Yeroo gabaabaa keessatti ruuziis gabaa alergiif dhiyeessuuf hojjetaa jirra. Maashinaroota barbaachisan qonnaan bulaa biraan gahuuf hojiitti jirra. Kutannaa amma itti jirruun wanti nudangessu hinjiru.

Bariisaa: Gara dhiyeessiiwwan qonnaatin isin deebisaatii hanqinni dhiyeessiiwwan qonnaa omishaafi omishtummaarratti miidhaa qaqqabsiisuu danda’a. Rakkoo irra deddeebiin ka’u kana bu’uurarraa furuuf tarkaanfiin fudhatamaa jiru maal fakkaata?

Obbo Geetuu: Dhiyeessiiwwan qonnaa dhabamuun omishaafi omishtummaa keenya miidhuu akka danda’u eenyumaafuu ifa.

Bara darbe qofa fudhannee yoo ilaalle xaa’oon faddaaltotaafi daldaltoota seeraan alaatiin mankuusatti ukkaamfamee qonnaan bulaa keenya qoraa turaniiru.

Amma gidduseentummaa sana furaa jirra. Yeroofi seera qabeessaan qonnaan bulaaf raabsinee omishaafi omishtummaa keenya dachaan dabaluuf hojiitti jirra.

Bariisaa: Barana dhiyeessii guddistuu callaa xaa’oon hammamtu qophaa’e?

Obbo Geetuu: Barana xaa’oo kuntaala miliyoona 8.2 dhiyeessuuf karoorfannee hojiitti seenneerra. Kana keessaa kuntaalli miliyoonni 4.5 biyya keessa galee nannawa boqqolloon omishamuuf dhiyaateera. Akka waliindhahinsi hinmudanneef baankii wajjin walitti hidhamiinsa uumuun akka gurguramu taasifameera.

Bariisaa: Dhiyeessii tiraaktaraafi kombaayinaraarratti hanqinni jira jedhamaatii kana furuuf maaltu hojjetamaa jira?

Obbo Geetuu: Qonnaan bulaan omishaafi omishtummaasaa dachaan dabaluuf ittifayyadama makaanaayzeeshinii qonnaa babal’isuun dirqama.

Nus kanuma bu’uureffannee dhiyeessii tiraaktaraa keenya kuma kudhanirra geessisneerra, kombaayinaras haaluma walfakkaatuun guutaa inisheetiivii Keenya qamadiin eegalame ruuzii, avokaadoo, damma, muuzii, fuduraafi muduraalee gara garaan utubuun Oromiyaa badhaate ofirra dabartee Itoophiyaaf wabii taatu ijaaruuf hojjenna.

Bariisaa: Kombaayinaroonni hojiirra jiran hoo gama qulqullinaatiin maal fakkaatu?

Obbo Geetuu: Dhugaa dubbachuuf kombaayinaroonni hojiitti bobbahanii jiran rakkoo qulqullinaa hinqaban jechuun nidanda’ama. Haata’u garuu rakkoo ittifayyadamaan walqabatee komiin ka’aa ture. Komiin kunis haala teessuma lafa qonnaan kan walqabatu yoo ta’u, duubarra irra deebiin ilaalamee ga’umsa gaarii akka qaban irra ga’ameera.

Rakkooleen xixiqqoon jiraachuu malu. Isaan kanammoo sirreessaa tajaajila barbaachisaa kennaa jiru. Komii ka’e bu’uureffachuun kombayinarri rakkoo hinqabu. Rakkoo qabaannaan deebiseen fudha jedhee baankiin nugaafatee tureera. Dhimmi kun irra deebiin ilaalamee akka rakkoo qulqullinaa hinqabne irra ga’amee amma haala gaariin hojiitti jira.

Kun gahaa waan hintaaneef dhaabbilee biroorraas kombaayinaroota biroo fudhannee fayyadamaa jirra. Borus kanneen omishaafi omishtummaa keenya dabalan filannee fayyadamna.

Bariisaa: Gama carraa hojii uumuun hoo hojiin akka biirootti hojjetame maal fakkaata?

Obbo Geetuu: Carraa hojii uumuun walqabatee dameen qonnaa dhibbantaa 60 kan haguugudha.

Hojidhabeeyyiin hedduu ofiin of ijaaruurra darbanii misoomawwan qonnaa inisheetiivota gara garaa keessatti hirmaachuun daldala beeladaafi bu’aalee beeladaarratti bobba’anii ofis lammiisaaniis fayyadamaa taasisaa asumaatti hojjetanii duroomuun akka danda’amu qabataman agarsiisa jiru. Nutis ogeessaan deeggarree baankii wajjin hidhata uumnee jaajjabeessaa jirra.

Bariisaa: Mul’anni keessan egeree maali?

Obbo Geetuu: Oromiyaa badhaate dachee eeggattummaafi hiyyumni seenaa itti ta’e dhaloota dhufuuf dabarsuudha.

Bariisaa: Turtii yeroo keessaniif galatoomaa.

Obbo Geetuu: Isinis galatoomaa.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016

Recommended For You