“Oggaan hidhi Haaromsaa bishaan qabachuu eegaluufi humna maddisiisuu jalqabuu dhagahu imimmaantu ija na guute” – Amaan Alii (Kaadhimamaa ‘PhD’)

Ijaarsi Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa waggaa 13n kana, Bitootessa 24 bara 2003 qajeelfama, “Injiinaroonniifi maddi maallaqaa numa” jedhuun jalqabamee harka 95 irra gaheera. Waggaa 13ffaan ijaarsi hidhichaa itti eegalame kun barana mataduree, “Gamtaadhaan dandeenyeerra” jedhuun kabajama.

Adeemsa ijaarsa hidha Haaromsaa kana keessatti namoonni adda addaa akka ummanni hirmaatu gochuufi ofiifis gumaachaa adda durummaan of kennanii yeroo dheeraaf hojjetaa turan jiru. Bu’uura cimaa kaa’aniis hoggansa ittaanutti dabarsaniiru.

Namoota haala kanaan yeroo dhagaan bu’uuraa ijaarsa hidhichaa kaa’amerraa eegalee hojii bu’aaqabeessa seenaan yaadatu hojjetan keessaa tokko Amaan Alii (Kaadhimamaa ‘PhD’)ti. Amaan Waajjira Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaa waajjiricha hundeessuurraa kaasanii milkaa’ina hidhichaatiif of kennanii hojjetaniiru.

Gaazexaan Bariisaas yeroo isaan barnootasaanii Chaayinaatti hordofaa jiranirraa boqonnaaf gara Itoophiyaa dhufanitti argatee turtii ittaanu isaan waliin taasiseeraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Waajjira Pirojektii Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Hidha Haaromsa Guddichaa Naannoo Oromiyaa yoomii hanga yoomitti hoggantan?

Amaan: Waajjira kana erga dhagaan bu’uuraa ijaarsa hidhichaa kaa’amee kaasee hanga baatii Fulbaanaa gara jalqabaa bara 2012tti hogganeera; waggoota sagaliif jechuudha.

Bariisaa: Waajjirichi hoo sanaan dura hinturree akkamiin hojii qabatamaatti seentan? Hirmaannaan ummataa gara jalqabaa ture hoo akkamitti ibsama?

Amaan: Dhugaadha, waajjirichi sanaan dura hinturre, maqaansaas hinjiru. Waajjiruma haaraatu ijaarame. Duwwumarraa kaanee caasaasaa ijaarree dambiin ittiin bulmaataas akka qophaa’u goonee ga’ee hojii waajjirichaa baafnee, qajeelfamoonni adda addaa akka bahan taasifame.

Hojjettoota manneen hojii adda addaarraa walitti fidnee erga ijaarree booda gaheen hawaasaa maal ta’uu qaba kan jedhu adda baafame. Kanarratti hojii guddaan ummanni ijaarsa hidhichaarratti akka hirmaatuuf kakaasuudha. Waajjirichi ummanni dhimma hidhichaafi ijaarsasaarratti gootummaa akka gonfatu gochuu akka akeekaatti hundaa’ee ijaarame.

Haaluma kanaan egaa hojjettootas mindeessinee, waajjiraalee adda addaarraas fidnee waajjirichi sadarkaa naannootti ijaaramee hogganuu dandeenyeerra. Kaka’umsi ture daran olaanaadhayyu. Haalichi ammas hinqabbanoofne. Ho’inuma sana eeggateeti kan deemaa jiru. Oggaa miira yeroo sana ture yaadannu baay’ee nama gammachiisa.

Keessumaa ummanni naannoo Oromiyaa, “Dhimmi kun kooti, na galcha, kanin hiyyummaa keessaa ittiin bahuudha, kallattii murteessaafi guddaa ibsaa dabalatee faayidaalee adda addaa kanneen akka sharafa alaa irraa argadhuudha” jedhee kaka’umsa olaanaadhaan hirmaachaa ture.

Akkasumas hirmaannaan ummataa kun ilaalchi biyyoonni gara garaa hidhicharratti qaban akka fooyya’u taasisa, miirawwan aangoon fayyadama qabeenya uumamaa koorratti qabun shaakala jedhaanfaan hawaasatti dhaga’amee hunduu daangaa hanga daangaatti gurmuunis ta’e dhuunfaadhaan socho’aa ture. Ijaarsa hidhichaarratti lammiileen Itoophiyaa hundi qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, hojjetaa mootummaa… jedhamee otoo adda hinba’iin kan lubbuudhaan ardii kanarra socho’u marti hirmaateera jechuun nidanda’ama.

Bariisaa: Sababiin hirmaannaa ho’aa kanaa maalinni laata? Hirmaannaan kunoo maaliin ibsama?

Amaan: Sababiinsaas yeroo sana namni gaala, sangaa, hindaanqoo… bitee kennaa ture. Barattoonni xixiqqoonillee waan maatiin maastikaafi buskutiidhaaf kennuufiin boondii abbaa qarshii 25, 50, 100… bitaa turan. Ijaarsa hidhichaarratti qaamni hinhirmaanne hinjiru, hunduu otoo korniyaan, sabaan, umriidhaan…adda hinbahiin jechuudha.

Namoonni galii xixiqqaa qabanillee humnasaaniitii ol bittaa boondiirratti hirmaachaa turaniiru, jirus. Kanneen arjoomanis jiru. Akkasumas horsiiseefi qonnaan bulaan arjoomaafi boondii bituutti dabalee kunuunsa qabeenya uumamaarratti bal’inaan hirmaataniiru.

Sababiinsaas qabeenyi uumamaa kunuunfamuun hidha haaromsaatiif hiika guddaa qaba. Akka biyyoon aramee deemee hidhicha keessatti kuufamuufi hidhicha hinmiineef, akka qilleensis hinjijjiiramne gochuun waan guddaa gumaacheera. Eegumsi biyyoofi kunuunsa qabeenya uumamaa akka burqaan gabbatuuf, bokkaanis yeroosaa eeggatee roobuuf gahee olaanaa waan qabuuf qabeenyicha kunuunsuurratti qonnaafi horsiisee bulaan keenya waan guddaa gumaacheera; gumaachaas jira.

Bariisaa: Hirmaannaa ho’aan akkanaa keessumaa warra akka keessan hojicha qindeessanitti miira akkamii uumaa ture?

Amaan: Yommuu hirmmaannaafi kaka’umsawwan kanneen ilaaltu egaa, daran gammadda, namattis tola. Oggaa haala ture akka waliigalaatti ilaallu ummanni biyya kanaa hojii seenaqabeessa ta’e kana milkeessuutu hubatama.

Hidhi Haaromsaa waan akka salphaatti ilaalamee dhiifamu miti. Ummanni biyya keenyaa yeroo adda addaatti seenaawwan gara garaa hojjeteera; kanneen akka Adwaa. Yeroo ongeefi weerarri adda addaa mudatuttis walfaana dhaabatee qolachuun seenaa guddaa hojjeteera. Kunis waanuma seenaa sana wajjin walbira qabamee ilaalamuudha. Hidhaa Haaromsaatiin walqabatee seenaa guddaatu hojjetame.

Bariisaa: Dhiibbaa alaa ture, humna maallaqaafi ogummaadhaan walqabatee shakkiin dhuguma milkaa’innaa jedhufaa keessa keessan hinturree?

Amaan: Milkaa’inasaarratti tokkollee hinshakkinne. Ololli naannawa Misir fa’ii afarfamaa ture kan waggoota dhibbaatama lakkoofsise waan ta’eef shakki ijaarsi hidhichaa eessa ga’inna jedhu kan keessa hinturre. Ummanni olola Misir gadilakkiftuun burjaaja’aa ture yeroo sana.

Burjaajicha dhabamsiisuun xiqqoo yeroo nu jalaa fudhata ture. Fakkeenyaaf misir olola ijaarsi dhaabachuufi, jedhu geggeessiti. Nidhaabsisna jechaas turte. Addunyaarratti iddoowwan adda addaa deemtee dhaabsisuuf sochii gochaa turte. Garuu akka ijaarsichi hindhaabanne qalbiin keenya dhibbaa dhibbatti nibeeka.

Ta’us ummanni hundi sadarkaa walfakkaatuun nihubata jechuun waan hindanda’amneef sana hubachiisuuf adeemsa deemamutu xiqqoo yeroo fudhata malee milkaa’inasaarratti shakkii hinqabnu ture yeroo sanatti. Misir bineensi, seexanni achi keessaa bahe jettee suuraa hintaane saxaxxee (diizaayin gootee) gadidhiisuun ummataafi namoota achi keessa hojjetan doorsisaa turte.

Namoonni muraasni yeroof dhugaadha moo miti jedhanii shakkii keessa galuu mala. Haa ta’u malee hojii gabbisa hubannoo kennamuun haalichi guutummaatti akka jijjiiramu taasifameera. Adeemsa keessa garuu waanti fedhe yoo ka’ellee ummanni waa’ee olola gaggeeffamuu hubatee waliyyuu hubachiisuu jalqabe. Kanaaf yeroo sanatti Misir wajjin walqabatee sodaan kana jedhamu natti dhagahamee hinbeeku.

Akkaataan mootummaan yeroo sanaa kaasee hanga ammaatti dhimmicha qabatee ittihordofaa ture mataansaa sadarkaa Misir deemtutti miti. Akkaataan dippilomaasiin ittiqabames gaariidha.

Bariisaa: Oggaa hirmaannaa ummataarratti hojjettan waanti akka addaatti isin dinqe ykn isin marare yoo jiraate? Keessumaa haati hiyyeessaa otoo hinhafiin waanuma qabduun sabbatashiirraa hiiktee boondii bituun hirmaachaa waan turteef.

Amaan: Waanti si dhibu, kun namarare, sun na hinmararre jedhamu achi keessa hinturre. Yeroo tokko tokko oggaa waadaa galamufaa niboonya ture; dhimmichi ykn haalichi daran miira keenya tuttuqaa waan tureef. Akkaataan waadaan ittigalamu, kaka’umsi ummataa adda ture. Namni waan qabu otoo hintaane waanuma hinqabnerraa ofii rakkatee dabarsee of kennuun akka ijaarsi hidha haaromsaa milkaa’uuf yaadaa ture.

Baay’eedha garuu kanneen keessaa kanin gonkumaa hindaganne waa’ee gumaacha Magaalaa Shaashamanneetti dubartiin cilee (kasala) gurguran tokkooti. Kanin hindaganneefis dubartiin tun al tokko qofa bitanii hindhaaban. Abdiis hinkutatan. Yeruma hunda bitu. Oggaa kasala gurguranii saantimni bicuun (qarshii kuma tokkos ta’e lama) wayii harkasaaniitti walittiqabamu dhaqanii boondii bitu ykn arjoomaan kennu.

Utuma bitanii jedhanii hanga qarshii kuma 40 ga’uusaanii nan yaadadha. Kan dubartii tanaa hunda keessaa baay’een ajaa’ibsiifadha. Kan dubartii tanaatu qalbiidhaa na baduu dide malee barattoonni saantima maatiin maastikaadhaaf kennuuf walittiqabatanii boondii bitachuu jechuun daran ajaa’iba. Hojjetaan mootummaa mataansaa utuma rakkoolee adda addaa keessaa jiruu marsaa marsaadhaan yeroo hanga torbaafi saddeettiitti mindaasaarraa kutee hirmaachaa ture.

Kun mataansaa mee daran ajaa’iba. Kutannoon hojjetaan mootummaa milkaa’ina ijaarsa hidhichaatiif qabu sirriitti kan agarsiisuudha. Hirmaannaa kun ammoo kan dinqisiifamuufi beekamtiin kennamuufi qabuudha. Qonnaafi horsiisee bulaanis boondii bituutti dabalee hojiin isaan kunuunsa qabeenya uumamaarratti hojjetan daran kan ajaa’ibsiifamuufi abdiis namatti horuudha.

Bariisaa: Ummanni naannichaa sosochii waancaa hidha guddichaatiin walqabatee hirmaannaa akkamii taasisaa ture?

Amaan: Ummata dhimma kanarratti kakaasuuf maloota adda addaa dhoofnee fayyadamaa turre. Kanneen keessaa tokko hidha haaromsaatiif kaka’umsa uumuuf waancaa kana kan fayyadamne. Waancaan bakka dhaqee waa keessa kaa’an malee duwwaasaa hindeebi’u, keessumaatu isinitti dhufaa jirra jenneefaa ummata sochoosaa turre.

Yeroo sana godinaaleerratti, magaalotarratti socho’aa turetti kaka’umsi ummataafi akkaataan ittisimatee of bira tursiisaa ture ajaa’ibsiisaa ture. Isaan walqabatees bittaa boondiifi arjoomaanis bal’inaan hirmaachaa ture. Miirrumti ummanni ijaarsicha ittideggaraa ture daran cimaadha.

Dubbii keenyarratti ummanni bal’aan hanga wareegama lubbuutti hidha haaromsaa kana eeguuf qophii ture. Waancichaanis walqabatee kutannoon eenyuyyuu, maaliyyuu haa dhufuu hanga wareegama lubbuutti hidha Haaromsaa cinaa jirra jedhus ummata biraa calaqqisaa ture.

Taateewwan kunniin waantota daran na ajaa’ibsiisaniidha. Ummata keenya misoomaaf kakaasta ykn sochoosta taanaan waan duubatti jedhuuf tokkollee akka hinqabneedha kanin yeroo sanatti hubadhe.

Bariisaa: Hidhi Haaromsaa isin haala kanaan ummata kakaastanii milkaa’inasaatiif ifaajaa turtan ijaarsisaa jidduutti hanga addaan cituutti qaqqabee ture. Kun ta’uun yeroo sanatti miira akkamii isinitti uume? Keessumaa gama hirmaannaa ummataa laafisinnaa jedhuun.

Amaan: Yeroo sanatti rifadheera. Xiqqooshii natti dhaga’ameera. Akkaataanitti natti dhaga’ames oggaa hojii wayii hojjettu naa milkaa’a jetteeti kan tattaafattu, deemtu. Shira, hanna, qumaara jiru hubachuu dhabuun nimala.

Oggaa deemtee deemtee gammaddee, ummata kakaastee, ummataan rakkoo hinqabu nimilkaa’a, haala gaariidhaan ijaaramaa jira, hanqina hinqabu, sassaabbiin galiis baankiitti gala, bittaan boondiifi arjoomnis karuma baankii raawwatama.

Yeroo sanatti qarshiin harka namaatti galu hinjiru. Saanduqa mootummaatti kan galaa ture; qulqullinasaa eeguuf jecha. Garuu qarshii saanduqa mootummaa keessa gale, akkaataan ittiraawwatame rakkoo qaba oggaa jedhamu waanti sitti dhaga’amu jira.

Akkasumas ummanni yeroo gaaffii qarshiin keenya ni nyaatamee, nibadee, eessa gale laata? jedhu kaasu sitti dhaga’ama. Sababiinsaas yeroo baatee ummata hirmaachisuuf kakaasaa turte afaan guuttee haasoftee, dhibbaa dhibbatti akka milkaa’u ibsaa turtee, rakkoon tokkollee ittidhufu hinjiru jedhamee dubbatamaa turee booda ammoo oggaa rakkoon akkanaa sababoota adda addaatiin adeemsa ijaarsa hidhichaa mudateera, qarshiinis akkaataa hinbarbaadamneen baheera, akkaataan ijaarsasaas rakkoofi hanqina qaba jedhamu uumamu daran sitti dhaga’ama.

Ati qulqullummaa Rabbiifi garraamummaa keetiin waan hunda kee aarsaa gootee (yeroo keefi kan maatii kee kennitee) otoo mindaas kuttee of kennitee hojjettu waanti akkanaa mudachuun sitti dhaga’ama. Ummata fuulduratti baatees deeggarsaafi hirmaannaa dabalataa gaafachuun sitti ulfaata.

Waanti guddaan lammata ummata fuulduratti baatee deggaraa, akkas godhaa, akkas hojjechuu qabdu, akkas hojjechaa jirra, ijaarsi hidha haaromsaa haala gaariidhaan deemaa jira jettee akka kanaan duraa ofitti amanamummaan ibsitee sassaabbii galii gochuurratti siqaba.

Kanaaf yeroo sanatti miirri akkasii na mudateera, yeroo waggaa tokkoofi wayitiif. Sana booda anis achumaanin mana barnootaa gale. Taateedhuma mudate sanaan waanti akka qaqabbanaa’uu mudatee ture. Haalli akkanaa optoo jiruu akkamitti ummatatti baanee gaaffii deggarsaafi hirmaannaa dhiyeessina kan jedhutu ture.

Boodarra garuu rakkoon uumamee tures furamee hanqinni hidha haaromsaarra qaqqabes mootummaan sirriitti hordofee dhimmicha sirreessee, gaggeessitootas sisirreessee jijjiiree namoota ogummaa qaban biyya alaatiiyis fidee, biyya keessaas hirmaachisee iddoo hanqina qabuufi diigamuu qabu diigsisee akka ijaarsi hidhichaa haala gaariidhaan hojjetamu taasifamuunsaa daran na gammachiiseera.

Keessumaa yeroo ammaa %95 irra gahuunsaa daran na gammachiiseera. Kanin Rabbiin otoo xumuramuu ijaarsa hidha Haaromsaa nan agarsiisiin nan ajjeesiin jedheen kadhachaa ture arguufan jedha natti fakkaata.

Bariisaa: Faallaa miira irratti ibsitaniitiin oggaa hidhichi bishaan qabachuu eegalee humnas maddisiisuu dhageessan hoo maaltu isinitti dhaga’ame?

Amaan: Yeroo sanatti biyya alaan ture. Garuu miidiyaadhaan hordofaan ture. Miira natti dhaga’ame maal jedheen sitti hima?! Imimmaantu ija na guute. Miirri, otoo yeroo kana achi jiraadhee jedhu natti dhaga’ame. Otoo gammachuu ummataa bira jiraadhee ilaalee jedhus keessa koo deddeebi’aa ture. Akkuma saani silga kennitutti, akkuma buna biqilchitee ykn kuduraafi muduraa dhaabdee ija ykn misiraachoo kennu wayiittin ilaale gaafa sana.

Bariisaa: Yeroo waajjira qindeessaa hirmaannaa ummataa keessa hojjetaa turtanitti ijaarsa hidhichaa yeroo meeqaaf daaw’attaniittu?

Amaan: Yoo xiqqaate yeroo torba daaw’adheera. Yeroo guyyaa dhagaan bu’uuraa ijaarsa hidhichaa ittikaa’ame kabajamutti wagguma waggaanin deemaa ture. Waggoota saglan waajjiricha keessa hojjedhe keessaa altorba deemeera. Kana malees oggaa gaggeessitoonni olaanaan akka ministirri muummee duraanii Obbo Hayilamaariyaam Dassaalanyifaa daaw’annaaf deemanis dhaqaa turre. Sababuma kanaan yeroowwan adda addaa daaw’adheera jechuudha.

Bariisaa: Keessumaa Hidhi Haaromsaa kun gama seenessa waloofi tokkummaa ummatoota Itoophiyaa cimsuutiin akkamitti ibsama?

Amaan: Eeyyee, tokkoomsuurratti hiikoo guddaa qaba; qabeenya waliin qabnu waan ta’eef. Amma akka biyyaatti qabeenyaafi seenaan waliin qabnu keessaa hidhi Haaromsaa isa tokko, isa ijoofi isa guddaadha. Isumayyuu ammoo qabeenya waliin qabnu, boru iftaanitti akka sa’a hortee tokkoo dhalaa walhoraa galii argamsiisa jechuu kooti.

Innumti mataansaa lageen biroorratti ijaaruu kan danda’u waan ta’eef qabeenya waliin qabnu kana ofisaatiif waldhalaa babal’isaa kan deemu waan ta’eef kana keessatti ummanni waa’ee kanaarratti yeroo mari’atu, hirmaatu waan ta’eef akka ilmoo waliin dahee ykn argateefi akka horii waliin horsiiseetti, akkuma faaya waliin faayeffatuufi uffatuufi qabuutti ilaala. Eenyuyyuu ammoo ilmoo waliin qaburratti waliigala; yaadnisaas tokko. Oggaa qabeenya waliinqaburratti mari’atu yaadnisaa tokko. Kanaaf hidhichi waliinummaa biyyaa uumuu keessatti ga’eensaa guddaadha.

Bariisaa: Waggaa 13ffaan ijaarsi hidhichaa itti eegalame sirnoota galateeffannaafi beekamtii kennuutiin Bitootessa 24 bara 2016 kabajamaatii kanarratti maal jettu?

Amaan: Tole. Dubbii keenyarratti, namoota hirmaannaa qaban badhaasuu jedhamu keessatti jalqabarratti kan badhaafamuu qabu ummatuma biyya kanaati. Gumaachi lammiileen Itoophiyaa ijaarsa hidhichaarratti taasisan daran olaanaadha.

Kanaaf ummanni biyya kanaa sadarkaa tokkoffaadhaan badhaafamuu qaba. Lammaffaa namoonni otoo waa hinqabaatiin waanuma xiqqaarraa, galii xiqqaarraa dhimmichaaf wareegama kanfalaniifis beekamtiin kennamuu qaba, galateeffamuu qabus.

Waantin otoon hineeriin bira hintarre tokko waa’ee qaamolee nageenyaa halkanii guyyaa eegumsa hidhichaarratti cichanii hojjetaa jiraniiti. Raayyaa ittisaafi Poolisii Federaalaa qaamolee adda addaa ijaarsi hidhichaa ijasaanii diimessan ittisuurratti of kennanii hojjetaa waan jiraniif humnoota nageenyaa kanneeniif beekamtii olaanaan kennamuu qaba.

Walumaagalatti garuu kan badhaafamaa addaa jedhamee galateeffamuus qabu ummatuma Itoophiyaa ta’ee kanaafis numatu waliin walbadhaasuufi walgalateeffachuu qaba malee hidha haaromsaarratti badhaafamaan addaa nijiraata jedhee hin yaadu. Hidha haaromsaarratti galateefamaafi badhaafamaan addaa hinjiru. Sababiin kanaas hunduu otoo adda bahiin gaheesaa ga’oominaan waan bahateef.

Hunduu miirasaatiin, qarshiisaatiin, waa hundasaatiin hidha haaromsaatiif jecha wareegama waan kanfaleef jechuudha. Ammas kallattii kamiinuu wareegama kanfaluuf qophii waan ta’eef. Ta’us ammoo maalis haa ta’uu waan qubnis walcaaluuf sana keessatti namoota yeroowwan adda addaa irra deddeebi’anii gumaachan galateeffachuufi beekamtii kennuufiin barbaachisaadha. Kunis hojiilee miisoomaa gara fuulduraatti hojjetaman keessatti iddoo olaanaa qabaata.

Bariisaa: Ijaarsi hidha Haaromsaa xumuramuuf %5 qofatu hafe. Kana xumursiisuuf hoo eenyurraa maaltu eegama? Waanti hafe yoo jiraates itti nuu dabalaa.

Amaan: Dhibbantaa shan kanarratti amma fiixee tabbaarra jirra. Waanti fiixee tabbaarra ga’e kun ammoo aara galfachuu hinqabu. Yoo ta’ellee biliqsanii ykn fixanii deebi’anii aara galfachuu wayya. Kanaaf fiixeerra geenyee aargalfachuu hinqabnu; waan hanga ammaatti otoo hinlaafiiniifi hindadhabiin asiin geenyeef.

Kanaaf ummanni hundi irratti hirmaatee haaluma barameen waan irraa barbaadamu gumaachee xumuruun gaariidha, barbaachisaadhas. Xumuree bu’aasaa dhamdhamachuu bira ga’uu qabna.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016

 

Recommended For You