Nageenya hunda keenyaatiif, filmaatawwan nageenyaa jiran hundaan

Nageenyi nama dhuunfaarraa kan eegalu yemmuu ta’u, nageenyi keessoo nama tokkootti eegalu kun guutuu kan ta’u yoo ollaansaa nagaa qabaate qofa. Ollaan nagaa hinqabne immoo mandara nagaa qabu uumuu hindanda’u.

Yeroo hedduu dhimma nageenya naannawaafi biyyaa mirkaneessuun walqabatee ilaalchotni gara garaa dhihaataa kan turan yemmuu ta’u, kunis nageenya biyyaa kan eegsisu qaama nageenyaa; poolisiifi raayyaa ittisa biyyaa qofa akka ta’etti ka’a.

Qaamolee nageenyaatiif nageenya iddoo itti ramadamaniifi waliigalaanis nageenya biyyaa eegsisuun hojii idileesaaniiti. Garuu immoo bakka tumsa ummataafi hirmaannaa hawaasa bal’aa hinargannetti kophaasaanii nageenya barbaadamu mirkaneessuu hindanda’an.

Biyyuma kamittuu taanaan nageenyi mirkanaa’uu kan danda’u cimina qaamolee nageenyaa kanneen akka tika biyyaaleessaa, poolisiifi raayyaa ittisa biyyaatiin ta’us, biyyoota hirmaannaan ummataa hojii nageenya biyyaafi naannawasaanii eegsisuu ta’e keessatti hirmaannaa laafaa qaban keessatti bu’aan qaamolee nageenyaa kanneen qofaadhaan dhufu yemmuu quufsaa hintaanetu mul’ata.

Oggaa gara haala qabatamaa biyya keenyaatti deebinus daangaafi birmadummaa biyyattii sodaa kamuu jalaa baraaruuf yeroo kamittuu lubbuu takkittii qaban kennuuf kan duubatti hindeebine raayyaan ittisa biyyaa, yeroo ammaa kanatti immoo dhimma nageenya daangaa biyyattii mirkaneessuu qofa osoo hintaane, biyya keessattis gareewwan iddoowwan adda addaatti ‘qabsoo’ hidhannoofi hannarratti bobba’an waliin kokkee walqabaa jira.

Keessattuu naannolee akka Oromiyaafi Amaaraatti humnootni Shaneefi Faannoo nageenya naannolee kanneenii booreessuudhaan buqqaatii ummattootaatiif sababa ta’aa waan jiraniif, qaamoleen nageenyaa biyyattii keessattuu poolisiin federaalaafi raayyaan ittisa biyyaa qaamolee kanneen dura dhaabbachuudhaan kaayyoofi hojii badiinsaa jarri qabatanii biyya hunkuraa jiran dura dhaabbachuudhaan nageenya naannolee kanneenii mirkaneessaa jiru.

Qaamoleen hidhannoodhaan mootummaadhaan falmaa jiran kunniin akka kaayyoo qabsoosaaniitti kan dhiheessan mirgaafi bilisummaa sabasaanii mirkaneessuu ta’us, qabatamaan gochi isaan guyyaa guyyaan raawwataa jiran garuu faallaa dhaadannoosaanii ummata ni falminaaf jedhan saamuufi ajjeesuu dabalatee sabootaafi sablammoota waggoota dheeraadhaaf walkeessa jiraatan iddoo dura turanirraa buqqaasuudhaan sodaa nageenyaa hamaa uumaa turaniiru.

Qaamoleen gaaffii siyaasaa qaban kamuu karaa ammayyaatiin mariidhaan akka furataniif mootummaan biyya bulchaa jiru yeroo gara garaatti waamicha dhiheessaa kan tureefi ammas itti jiru yemmuu ta’u, qaama naannoo Oromiyaa keessatti qabsoo hidhannoo taasisaa jiru, Shanee waliin yeroo tokkoo lama bakka qaamni sadaffaan jirutti mariin adeemsifameera.

Keessattuu marii marsaa lammataarratti ummanni Oromoo abdii guddaadhaan maricha hordofaa kan ture yemmuu ta’u, qaamolee lachuu gidduutti fedhiin araara hamma tokko kan irratti mul’ate ta’us waliigaltee malee xumuramuun ni yaadatama.

Haadholiin Oromoofi kutaaleen hawaasa kaan qaama karaa seeraan alaa hidhatee socho’u kanaan gidiraa argaa turaniiru. Waan hirmaannaa keessaa hinqabnetti bahanii galuu dadhabaniifis saaxilamanii turan.

Mariin Taanzaaniyyatti marsaalee lamaan gaggeeffame sun akka eegametti araaraan goolabamuu baatus haala siyaasa biyyattii keessatti garuu aadaan humna qofaan walcabsuuf adeemsifame gara aadaa mariidhaan rakkoolee furuu akka dhufuuf carraa saaqeera.

Adeemsi siyaasa walballeessuu Itoophiyaatti aadeffame hanga siyaasa ammayyaa mariifi araaraan garaagartee jiru furuurra hingahamnetti ummanni nagaa gatii hinmalle baasuunsaa waan ooluu miti.

Kanaafuu, gama tokkoon qaamoleen hidhatanii mootummaadhaan falmaa jiran gara marii nagaatti akka galaniif waamicha mootummaa qofa osoo hintaane dhiibbaan ummataas barbaachisaadha. Sababnisaas qaamoleen kunniin kan deeggaraman hawaasuma keessaa bahaniin waan ta’eef.

Ummanni bal’aan nageenyi dheebote waarinaan akka mirkanaa’uufiif haaluma eegaleen humnoota nageenyaa maddii hiriiruun tarkaanfii olaantummaa seeraa dhugoomsuuf fudhatamaa jiru onnee guutuudhaan utubuus qaba.

Walumaagalatti, nageenyi waaraa biyyattiitti akka mirkanaa’uuf filmaatawwan jiran hundatti fayyadamaa nageenya waaraa dhugoomsuun dhimma murteessaa ta’a.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016

Recommended For You