Heera, aadaafi duudhaa ganamaa Oromoofi qabiyyeewwansaanii

Kutaa 1ffaa

Oromoon heera tumatee yeroo dheeraaf ittiin bulaa tureefi ammas ittiin walaraarsaa jiru qaba. Heerri Oromoon ittiin walbulchaa tures sirna Gadaa jedhama. Sirni Gadaa damee tumaalee heeraa guguddoo qabu keessaa tokko sirna gumaa karaa aadaafi duudhaasaa eeggateen waldhabdee uumamee ittifuratuufi nama harki danaawe (nama nama ajjeese) ykn nama harki isa bade, beenyaa (kafaltaan) dhiigaa ittiin kafalamu, maatiifi bal’aa gosa (abbaa warraa gosa tokko keessa jiru hunda) jidduutti araara ittiin buusaa jiruudha.

Ummanni Oromoo saba addunyaa kanarraa aadaa firaafi hambaa waliin jireenyaa yoo waldhabe heera obboleessa harki danaawe(nama ajjeese) gumaa kafaluun obbolummaa ganamaa caalaa itti deebifatee nageenya shakkii hinqabne qabaachuusaatiin saba duruma qaroomina qabu ta’uu isaa aadaa gaariin itti fayyadamaa ture ni agarsiisa.

Bara baay’ee dura Oromoon sirna Gadaatti fayyadamaa ture, addunyaan dhiheenya kana dimokraasiin Giriikirraa argame jettee har’a ittifayyadamti. Yeroo ammaa mootummaan naannoo Oromiyaa caffeedhaan mirkaneessee beekamtii kennuun manni murtii aadaa sadarkaa Oromiyaa, godinaa, aanaafi gandaatti hundeessee tajaajila kennaa jira.

Har’a addunyaan beekumsa Oromoon qabu sirritti hubachuu dhiistus , akkuma “turtus dhugaan abbaa hinwallaaltu” jedhamu har’a mootummaan beekamtii kennee mana murtii aadaa hundeessee mana murti idilee cinatti ummanni itti tajaajilamaa jira.

Namni sirna gumaa keessatti tajaajila kennu hayyuu beekumsa heera Oromoo qabu, gosaafi hawaasa keessatti kabajamaa ta’eefi kan namoota hunda walqixa kabajuun obbolummaa cimsuu danda’uudha.

Kan sodaa waaqaa qabuu, safuu uumaafi uumamaa eeggatee, eegsisuun, haqa eegu, nama kabaju, kan addaan hinqoonne, namoota waldhaban jidduu irbuu eebbaafi abaarsa kaa’un, kan dabe(jallate) abaarsa argatee, kan qajeele irraa eebbifamuun tajaajila kennu ta’uu qaba.

Haala uumaa rabbii hinmiineen heera Oromoo galma Odaa shanan lafasaarra jiru jalatti tumatee ittiin tajaajilamaa ture, har’as ittifayyadamaa jira.

Gumaa

Sirna Gadaa keessatti jalqaba akkaataan nama harki badee (danaawe)fi kan du’e gumaan kafalamuufi buqqee hadhooftuurraa cabsuun, malkaa obaasun, gooroo bobbaasan horsiisee bultoonni Aanaa Gumbii Bordoddeefi naannawichaa aadaa araara itti buusan qabu.

Namni nama ajjeese ykn harki danaawe ykn dhiigni namatti gale, nama sana gaarii ykn qondaala gosaasaa bira geeffamuun iddoo namaafi saawwan itti hinbaane maqoo kaa’uun buqqee hadhooftuurraa qoroffee (buqqee cabee guutuu hinta’in) irraa cabsuun nyaataafi dhugaatii itti kennamuuf tolfamee kennama.

Buqqee jechuun meeshaa aadaa yeroo durii bishaan itti waraabbatanii lagaa gara manaatti galfatanii itti fayyadamanidha.

Namni harki danaawe hanga gumaan kafalamee buqqee hadhooftuu jalqabaa sanarraa qoroffee(buqqee guutuu hin ta’iin) cabsanii namarraa kophaa baasanii nyaataafi dhugaatiin itti kennama.

Namni kun hanga gumaan irraa kennamutti rifeensa hin haaddatu, qeensa hinciratu, malkaa hinbu’u, gooroo hinbobba’u, waardiyyaan godhamee manatti girdoo keessa jiraata. Kanaaf namni kun himatamaa jechuudha.

Namni harkisaa danaawe gara warra namni irraa du’eetti jaarsa jiddoo (jaarsa ambaa, hayyuu) hayyuu erganii magantaa nurraa fuudhaa jedhee gaafata.

Gosti namni irraa ajjeefame mari’achuun “magantaa argadhaa” jedhee gaaddisa (beellama) qabaaf. Dursa loon awwaalchaa kafanaa (uffata reeffa ittiin awwaalamu), kafaaraa(baasii guyyaa awwaalchaaf barbaachisu) kafalama. Erga gaaddisa waliin ta’anii booda waliin dubbatanii torban ykn ji’a muraasa boodatti beellama qabatanii gaaddisa biraatiif beellamachuun gargar ba’u.

Haaluma kanaan Oromoon sirna Gadaa keessatti sirna gumaa iddoowwan sadiitti qoode gumaa ykn beenyaa kafala.

  1. Shanan furrii (maatii) hanga warra qofaaf kennama.
  2. Imimmaan Haqata Balbalaa (Ibiddaa) kennama.
  3. Dhibba Daalacha gosa bal’aaf kennama.

Horsiisee bultoota Aanaa Gumbii Bordoddee haala nama harki bade (danaawe) itti ilaaluun waldhabbiifi mufannaa (hijaa) osoo hinhafne obboleessaafi obboleettii soddooma taasisuun araara jidduutti buusan akkuma heera Oromootti sirna Gumaa qabu.

Oromoon heera qabutti fayyadamaa har’a ga’e. Heerichi duruma gaafa Addamiifi Hewwaan uumaman bahee sana Oromoonis achumarraa fudhatee itti tajaajilamaa har’a ga’e. Kanaaf safuu uumaafi uumamaa waan addunyaa kanarra jiru akkaataa eegee eegsisuun kabaja kennee jiraachaa ture. Kanaafuu gumaan loon (gaala) dhibii takka (dhibba tokko) kafaluun araarri oboleessaafi obboleettii taasisuun amboomsan.

“Qajeelaa dhibii tokko”

“Qajeelaa dhibii tokko” jechuun namni erga nama ajjeese rifatee (naasuun) itti dhagahame obboleessa kootiin tasatti ajjeese jedhee gaddi itti dhagahame loon 100 adabama jechuudha.

Namni akka tasaa ykn aaree harkisaa erga kuffisee booda rifatee (nahee) lafaa olqabe “qajeelaa dhibii tokkoo” jedhamee beekama. Nama haala kanaan harkisaa bade otuu olqabee gad qabuu namni rukutame harkasaatti lubbuun baate, qajeelaa dhibii tokkoti waan ta’eef loon 100 kafala ykn waan awwaalchaafi sa’a furriitti(sa’a maatiif kennamu) guutamuu danda’a. Yookaan bakka itti waliif galanitti kafalama.

“Dabaa dhibii shantamaa”

“Dabaa dhibii shantamaa” jechuun namni qajeelaa hin taane tokko yoo nama ajjeesee otuu hin rifatiin (gara jabinaan) lafatti dhiisee biraa deeme loon 150 adabama jedha.

Faallaa qajeelaa dhibii tokkoo kanaatiin immoo namni nama tokkotti mufatee (hijaa itti qabatee) rukutee erga kuffisee booda lafaa ol qabuu dhiisee irraan qaari’ee (tarkaanfatee) biraa deeme “dabaa dhibii shantamaa” jedhamee beekama.

“Dabaan dhibii shantamaa” gumaan loon (gaala) 150 ykn maallaqatti shalagamuu danda’a waan ta’eef akkaataa waliigalaniin nama harki baderraa fuudhamee gosa abbaa dhiigichaaf kafalama.

Dhala namaa jidduutti waldhabdeen uumamuu mala. Erga waldhabbii uumamee Oromoon hijaa garaatti walii hinqabatu, garaa walitti hinjabaatu, safuu uumamaa eeggata, waan ta’eef walgubbaan tarkaanfatee hindeemu, waliif mararamee lafaa walkaasa.

“Dabaa dhibii shantamaa” yookaan nama qajeelaa hinta’in, taanan waan ittiin awwaalan erga irraa fuudhamee kafalame booda sa’a furrii (maatii)fi imammatti (kenna balbalaaf kennamu) akka qopheeffataniif hayyuun ykn jaarsi jiddoo faajjii olqabee naaf beellami jedhee erga gaafate booda ji’a tokkoo hanga lamaa keessatti beellamaaf.

Danuu

Namni otuu itti hin yaadin ykn osoo hijaa hinqabaatiin waldhabanii yoo rukuteefi tasa dhaga darbatee otuu hinargiin irra bu’ee ajjeese danuu jedhama.

Shanan furrii

Warri harki bade jaarsa jiddoo ykn hayyuu ambaa ergatan waliin ta’uun jaarsa jiddoofi hayyuun magantaa dhaabbatee, narraa fuudhaa jechuun gaafata. Warra dhiigasaanii barbaadaniif jaarsa jiddoo magantaa isinirraa fuune jechuun kabaja hayyamamoo ta’uu ibsa.

Ammas warri harki bade gaaddisa nuu qabaa jechuun gaafatan. Jaarsi ambaa taa’ee gaaddisa ykn beellama qabaaf. Gaaddisicharratti warra ijisaanii imimmaaniirraa hayyuun taa’ee imimmaan narraa haqaa jedhee jaarsi jiddoo ykn gaarii (qondaala) balbala harki bade sana shanan furrii (maatii) gaafata.

Warri harki ittigale shanan furrii (maatii) saawwan bareedaa hanqina hinqabne hanga warraa jechuunis obboleessa, obboleettii, eessumaafi abbaa irraa saawwan shan yemmuu fuudhamu, warra namni irraa du’e obboleessaa, obboleettii, eessuma, maatiifi abbaa fira dhihoo (aantii) tarree galchuun kennamaf.

Kan hubatamuu qabu shanan furrii hafuu hinta’u waan ta’eef ni kafalama. Garuu gumaan daalachi hafuu danda’a. Qajeelaa dhibii tokko sana yoo ta’e shanan furrii sana rratti dubaluun dhibba daalachi kafalama jechuudha.

Danuutti osoo namni sun ofirraa quba hinqabaatiin yoo rukutee ajjeese ergasii rifatee lafaa yoo olqabe qajeelaa dhibii tokkooti waan ta’eef akka heera gumaa Oromootti shanan furrii qofaatu kafalama.

Imimmaan haqataa (imimmoo)

Imimmaan haqanii balbalaa warra harki baderraa saawwan bareedaa 15 guuranii jaarsa jiddoo faajjii qabatee gara lamaanirraa beellama qabamerratti balbala namni keessaa du’eef (aantii) tarree galchanii ifatti kennuun araara dubbatan.

Saawwan kanneen keessa tokko haadha nama ajjeeserraa fuudhamun, haadha ilmashee dhabdeef sa’a dhaltii arfeessa beekamaa ta’e ykn kan mucha afran fayyaa qabuufi qaamni hir’uu hinta’in, kan haalaan aannan qabu ta’uu qaba.

Sa’aan arfeessi kun kan haati ilmachaa turte jala mararamtu, kan haati ilma dhabde of duratti ilaaltee itti gammaddu, kun “obsee” jechuun beekamutu kennama.

Imimmoon(kennaa balbalaa yookaan balbala (ibidda) nama ajjeeserraa guuramee, balbala namni irraa du’e antii balbalaa qofaaf kennama.

Abdumaalik Ahmad Daawweetiin Waajjira Kominikeeshinii Aanaa Gumbii Bordoddeerraa

Ittifufa

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016

Recommended For You