Gamtaadhaan dandeenyeerra

“Bara 2003 yeroon dhagaan bu’uuraa ijaarsa Hidha Abbayyaa kaa’amuu televizyiniidhaan argu ililfadheen lafa dhungadhe. Waxabajjii 6 bara 2003 boondii jalqabaa qarshii kuma tokkoon bitee ergasii kunoo addaan hinkunne.

Ani feestaalii, cileefi kkf gurgureen isumaan jiraadha. Galiin hojiidhuma hojjedhu kanarraa argadhuun bara 2003, yeroo dhagaan bu’uuraa ijaarsa Hidha Abbayyaa kaa’amerraa kaaseen boondii bituu eegalee hanga ammaattis bitaatuman jira. Gaafa jalqabaa boondii qarshii kuma tokkoon bite. Yeroo sanaa kaasee hanga ammaatti bitaan jira.

Yeroon ji’a keessatti al shanfaa bitu waan jiruuf hammam akkan bite lakkaa’ee fixuun na rakkisus yoo xiqqaate yeroo 100 ol biteera. Waliigalaan otoo kan ammaa hinlakkaa’amiin hanga ammaatti qarshii kuma 640n boondii biteera. Qarshii kuma 120 ammoo arjoomeera.

Qarshii boondii ittiin bites fudhachuurra deebiseen ittiin bitaafi kennaa ture. Ijaarsa hidha guddichaatiif hanga kana waanuman qabu akka kennu kan taasise jaalala biyyaati. Yaada biraa maalin qaba jaalala biyyaa malee.

Haala ijaarsi hidha Abbayyaa waanin qabuun irratti hirmaachaa irra jiru yeroo sadii dhaqee ilaaleera. Warri kaanis akkuma koo waan biyyasaaniif ta’u hamma danda’an gumaachuu qabu, jiraachuun kan danda’amu yoo biyyi jiraatte waan ta’eef.

Anis oggaan waggoota darbaniif boondii bitaa turetti namoota dadammaqsaan ture. Muuxannoo koorraa ka’aniiti lammiilee baay’een gara boondii bituutti kan seenan. Muuxannoo koo kana karaa miidiyaalee baay’ee qoodeera.

Ijaarsi hidha Abbayyaa ani boondii bitee gumaachaa ture harka 95 irra gahuusaatti guddaan gammade. Ani ijaarsa hidha Abbayyaa qofa otoo hintaane hojii misoomaa hundarrattuu hamma humna koo nan hirmaadha. Ijaarsi hidha Abbayyaa sadarkaa kana ga’uusaatti gammachuu guddaatu natti dhaga’ame. Gammachuu natti dhaga’ame ibsachuun na rakkisa. Hojiin akkanaa yoo eegalame anis gumaacha koo ittifufuuf qophiidha.

Ijaaramuu hidha Abbayyaatiin nuti, haadholiin aara jalaa boqonnee elektirikiitti fayyadamna. Hidhichi haadholiifis ta’e lammiilee hundaaf faayidaa guddaa qaba” jedhan jiraatuun Magaalaa Shaashamanneefi haati ijoollee lamaa Aadde Assallafach Tsaggaayee. Haati tun hidhichi kansaanii jechaan otoo hintaan gochaan mirkaneessaniiru.

Akkuma Aadde Assallafachi milkaa’ina ijaarsichaatiif isa homaa hinqabnerraa kaasee hanga abbaa qabeenyaa olaanaatti alaa, keessaa gumaachamaa tureera, gumaachamaas jira.

Keessumaa ummanni naannoo Oromiyaa, “Dhimmi kun kooti, na galcha, kanin hiyyummaa keessaa ittiin bahuudha, ibsaa dabalatee faayidaalee adda addaa kanneen akka sharafa alaa irraa argadhuudha” jedhee kaka’umsa olaanaadhaan hirmaachaa tureera; hirmaachaas jira.

Hunduu daangaa hanga daangaatti gurmuunis ta’e dhuunfaadhaan socho’aa tureera; ammas ittuma jira. Ijaarsa hidhichaarratti lammiileen Itoophiyaa qonnaan bulaa, horsiisee bulaa, hojjetaa mootummaa… jedhamee otoo adda hinba’iin hundi hirmaateera jechuun nidanda’ama.

Ijaarsa hidhicha harki shan qofti hafe xumuruuf fiixee tabbaarra jirra. Waanti fiixee tabbaarra ga’e kun ammoo aara galfachuu hinbarbaadu. Fixanii aara galfachuu wayya. Hirmaannaafi gumaacha hanga ammaatti gamtaadhaan danda’ameef ykn taasifameef walgalateeffachaafi beekamtii walii kennaa xiqqaa hafes xumuruuf harka walqabannee haa kaanu.

Ijaarsichaaf hanga ammaatti qarshii biliyoonni 19.1 ol ummatarraa kan walittiqabame yoo ta’u, waan hafe xumuruuf ammoo qarshii biliyoona 50tu barbaachisa. Kanaaf ummanni hundi irratti hirmaatee haaluma barameen waan irraa barbaadamu gumaachee akkuma eegalletti xumuruun murteessaadha. Xumurrees bu’aasaa dhamdhamachuu bira ga’uu qabna; gamtaadhaan dandeenyeerra waan ta’eef.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016

Recommended For You