Fiigichi guddaan boru guutummaa Oromiyaatti adeemsifama

Finfinnee: Waggaa 13ffaa dhagaan bu’uuraa ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaa kaa’ameefi guyyaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad pirojekticha xumursiisuuf waadaa ittigalan, Bitootessa 24 sababeeffachuun fiigichi guddaan guutummaa Oromiyaatti kilaastaroota jahaafi magaalota godinaaleetti boru gaggeeffama.

Fiigichi mataduree “Ashaaraa Dhaloota Haaraa Faajjii Sabbonummaa Afrikaa” jedhuun gaggeeffamu kun dorgommiin atileetiksii kiilo meetira adda addaa daandiirratti taasifamuun akka kabajamu Daarektarri Kominikeeshinii Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Rabbiyyuu Tamaam ibsan.

Sagantaan kunis kan gaggeeffamu magaalota guguddoo jahatti jedhanii, magaalonni kunneenis Shaggar, Jimma, Naqamtee, Shaashamannee, Maayaafi Adaamaa ta’uu eeraniiru.

Akkasumas walitti dhufeenya naannolee ollaafi magaalotaa cimsuuf dorgommiin atileetiksii daandiirratti ni adeemsifama kan jedhan daarektarichi, Magaalaa Shaashaamanneetti Naannoon Sidaamaa Shaashamannee wajjin, Magaalaa Shaggaritti Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee Shaggar wajjin, Mattuutti Naannoon Gaambeellaafi Magaalaan Mattuu, Walisotti Naannoon Giddugaleessa Itoophiyaa Magaalaa Walisoo wajjin, Jimmatti Naannoon Itoophiyaa Kibba Lixaa bulchiinsa magaalaa Jimmaa wajjin dorgomu jedhaniiru.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016

Recommended For You