Dorgommiin intarnaashinaalii Buunyaa boru gaggeeffama

Finfinnee: Dorgommiin intarnaashinaalii Buunyaa boru, mataduree, “Ani biyya kiyyaaf, biyyi koos anaaf’’ jedhuun Finfinnee, Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti akka adeemsifamu Ministeerri Aadaafi Ispoortii ibse.

Bakka bu’aan ministeerichaa Obbo Mangistuu Saahilee ibsa Kamisa darbee gaazexeessitootaaf kennaniin akka jedhanitti, waggoota dheeraadhaaf buunyaan kun barana fuulasaa biyyaatti gara galfachuun isaa kaka’umsa dargaggoota guddattootaaf bu’uura ta’a.

Dorgommiin taphattoota buunyaa sadarkaa biyyoolessaatti beekaman jidduutti adeemsifamu kun borumtaa tapha guutuu Afrikaarratti biyyi teenya yeroo jalqabaatiif dubartootaan buunyaadhaan shaampiyoona ta’uun meedaaliyaa warqii argattetti gaggeeffamuun adda isa taasisa jedhan.

“Maqaaf malee ispoortiin buunyaa yeroo ammaa qabbanaa’aa dhufusaatti dargaggoonni iddoo oolmaa ispoortii dhabuudhaan daandirratti bahanii yeroo isaanii dabarsaa jiru” kan jedhan Obbo Mangistuun, federeeshiniin buunyaa haarofti yeroo ammaa sochii taasiseen dorgommiin kun gara biyyaatti deebi’uunsaa kan nama gammachiisu ta’uu eeran.

Ittigaafatamaan Waajjira Federeeshinii Buunyaa Itoophiyaa Obbo Faantuu Fiqaaduu gamasaaniitiin akka ibsanitti, dorgommiin kun kan adeemsifamu taphattoota piroofeeshinaalota jahaan kanneen ulfaatina kiiloo giraama adda addaatiin Itoophiyaa, Keeniyaafi Kotidivaar bakka bu’an jidduutti.

Dorgommichi hanga marsaa 12tti taphattoota piroofeeshinaalota ulfaatina kiiloo giraama 75n Keeniyaafi Kotidivaar, Taanzaaniyaafi Keeniyaa, kan “Samii piroofeeshinaal” jedhamuun ammoo dubartootaan ulfaatina kiiloo giraama 66 Itoophiyaafi Keeniyaa, kiiloo giraama 63.5n Itoophiyaafi Keeniyaa jidduutti akka ta’us ibsaniiru.

Kanneen dorgommichaan shaampiyoona ta’an qarshii kuma 100, lammaffaan kuma 70, sadaffaan kuma 50 akka badhaafamanis ibsameera.

Dorgommiin kan jalqabamu waaree booda sa’aatii 10:00 irraa kaasee yoo ta’u, galiin tikeetii “VIP” qarshii kuma 10n, kanneen hafan ammoo akkuma sadarkaasaaniitti qarshii kuma shan, kuma lama ta’uus ibsaniiru.

Dorgommichi walta’iinsa Dhaabbata Ispoortii Sooloo Intarnaashinaaliifi Federeeshinii Buunyaa Itoophiyaatiin yeroo jalqabaatiif kan qophaa’eedha.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016

Recommended For You