Dorgommii qaxxaamura biyyaatti Itoophiyaan ni eegamti

Finfinnee: Waldaa atileetiksii Biyyooleessaa (IAAF)n kan qophaa’u dorgommiin qaxxaamura biyyaa addunyaa waggaa waggaadhaan biyyoota miseensota federeeshinichaa ta’aniin adeemsifama.

Dorgommichi yeroo jalqabaatiif kan adeemsifame ALA Bitootessa 17 bara 1973 Beeljiyeem, Waajimeetitti yoo ta’u, atileetonni 286 biyyoota 21 irraa korniyaawwan lameeniinuu hirmaataniiru. Itoophiyaan ammoo waggoota sagal booda ALA Bitootessa 28 bara 1981 dorgommii 9ffaa Ispeen, Maadiriditti adeemsifamerratti kan hirmaatte.

Dorgommiin qaxxaamura biyyaa gara biyyaatti nanaanna’uun adeemsifamaa ture kun baranas yeroo 45ffaaf har’a magaalaa guddoo Sarbiyaa, Beelgireeditti adeemsifama jedhamee eegama.

Waggoota darban kanneenitti al tokkollee osoo addaan hincitin adeemsifamaa kan ture dorgommichi baranas biyyoota 51 irraa atileetonni 485 hirmaachuuf sa’aatii dorgommichaa eeggachaa jiru.

Itoophiyaa dorgommii jalqabaatti gareedhaan tokkoffaa, dhunfaadhaan ammoo atileetii hangafticha Mahaammad Kadiirin lammaffaa ba’uunshee kan yaadatamuudha.

Biyyattiin ALA bara 1981 irraa kaastee maqaa Galaana Magariisaa (‘Green Flood’) jedhamu erga argattee kaastee dorgommiiwwan adeemsifaman hundarratti atileetota seenaa olaanaa hojjetan kanneen akka mooticha qaxxaamura biyyaa Qananiisaa Baqqalaa, dubaraan Xirunash Dibaabaafi Geexee Waamiifaa korniyaawwan lameenuu horachuudhaan addunyaarratti maqaa olaanaa galmeessisaa jirti.

Haaluma kanaan dorgommii qaxxaamura biyyaa kanaan Itoophiyaan biyyoota qabxii olaanaa galmeessisan keessaa tokko ta’uusheetti kan baranaa kanarrattis dhuunfaanis ta’u gareedhaan qabxiif eegamaa jirti.

Dorgommii qaxxaamura biyyaa Sarbiyaa, Beelgidreeditti adeemsifamu kanaaf jilli atileetiksii Itoophiyaa Roobii darbe garasitti qajeeleera.

Atileetota dhiiraa 14fi kan dubartootaa 14 kan qabu garichi kiiloo meetira 10 beektotaan korniyaawwan lameeniinuu, kiiloo meetira saddeet dargaggoota dhiiraan, kiiloo meetira jaha dubartoota dargaggootaafi dorgommii walmakaa ulee walharkaa fuudhuu dhiiraafi dubaraan nihirmaatu.

Sirna gaggeessaa garichaarratti kan argamte pirezidaantiin Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa Komishinar Gargaartuu Daraartuu Tulluu tapha guutuu Afrikaarratti hirmaachun qabxii boonsaadhaan biyyatti deebitaniirtu. Borumtaa achii deebitanitti Beelgireeditti yoo qajeeltan ammas injifannoo olaanaadhaan akka deebitan shakkii hinqabu jetteetti.

Itoophiyaan atileetota dorgommichaaf ishee bakka bu’uudhaan hirmaatan kan ergite, dorgommii qaxxaamura biyyaa baranaa Jaan Meedaatti adeemsifametti kanneen filatamaniifi ji’a tokko dura ammoo dorgommii qaxxaamura biyyaa Afrikaa Tuniziyaatti adeemsifametti atileetota ciccimoo argaman ta’uus eerteetti.

Itoophiyaan erga dorgommicharratti hirmaachuu jalqabdee gabatee meedaaliyaa keessaa baatee hinbeektu. Hundarratuu hirmaachuudhaan meedaaliyaa warqii 107, meetii 115, nahaasa 69 walumaagalatti meedaaliyaawwan 285 fudhachuudhaan Keeniyaatti aantee sadarkaa lammaffaarratti akka argamtus ibsiteetti. Ammas akkuma kanaan duraa ummata keenya meedaaliyaa warqii mi’eeffate akka gammachiistan abdiin qaba jechuun gaggeessiteetti.

Leenjisaan garee atileetiksii Itoophiyaa Komishinar Gargaaraa Huseen Shiboos akka ibsanitti, dorgommichaaf Guraandhala 29 bara 2016 irraa kaafnee qophaa’aa turreerra. Atileetonni kan filataman dandeettii qabaniin kilabootaafi naannoleerraayi.

Guyyaatti yeroo lama haala qilleensa Beelgireed fakkaatutti shaakalaa turan. Hundisaaniis dorgommii qaxxaamura biyyoolessaa Jaan Meedaafi dorgommii qaxxaamura biyyaa Afrikaa Tuniziyaarratti hirmaachun qabxii isaan gaafatu kan galmeessisaniidha. Kanneen dorgommiiwwan biyyoolessaarratti muuxannoo olaana qaban waan ta’aniifs qabxii olaanaa galmeessisnee galla jedhan.

Fiigicha kiiloo meetira kudhaniifi dorgommii ulee wal harkaa fudhuutiin kan hirmaatu atileeti Taaddasaa Warquu akka jedhetti, yeroon shaakala keenyaa ga’aadha. Barana dorgommiiwwan irratti hirmaadhee marattuu injifadheera. Hiriyoota kiyya wajjin waanin qophii olaanaa gochaa tureef meedaaliyaa warqiitiin deebina jedheera.

Fiigicha meetira kuma 10n Itoophiyaa bakka bu’uudhaan kan dorgomtu atileet Lamlam Nibratis, Mo’achuuf qophaa’eera. Yeroo baay’ee dorgommii kanaan meedaaliyaawwan hedduu argadheera jetteetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 21 Bara 2016

Recommended For You