Nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf aadaa siyaasaa keenya jijjiiruu

Waltajjiilee marii keessumaa tibbana adeemsifamaniifi adeemsifamaa jiranirratti dhimmi ijoofi qaamolee hundaan irra deddeebiin ka’aa jiru waa’ee nageenyaati, nageenyi bu’uura waa hundaa waan ta’eefi.

Waa’ee nageenyaa kana abbootiin amantiifi dura bu’oonni hawaasaa kanneen akka abbootii Gadaafi haadholii Siinqeefaas waltajjii marii hundarratti irra deddeebiin nikaasu, nibarsiisu, nigorsus.

Biyya kanatti wal-ajjeessaa baroonni hedduun darbaniiru. Akkuma seenaa bareedaafi dhalootni ittiin boonu jiru akka biyyaatti seenaan walittibu’iinsaa hamaan biyyattii gatii guddaa baasisaa tureefi jiraachuun hubatamuu qaba.

Dhabiinsa nageenya waraanaa hunduu watwaatuufiif ka’umsi guddaan barsiifanni siyaasaa biyyattii jijjiiramuu dhabuu akka ta’eedha hayyoonni damichaafi siyaasessitoonni gameeyyiin irradeddeebiin kan ibsan.

Kanaaf maraammartoo siyaasa shiraa, walxaxaafi walballeessanii baduu keessaa bahuun gara mariifi kennanii fudhachuutti ce’uun dhimma daran murteessaafi akka furmaata jalqabaattis fudhatamuudha.

Itoophiyaatti siyaasni walballeessuu waggoota dheeraaf yaalamee hinmilkoofne. Kanaaf gara daandii nagaafi marii isa hanga ammaa hinyaalamnetti goruun rakkoolee bu’uuraa biyyattiifi ummatashii qoraa jiranitti furmaata gochuun barbaachisaadha.

Rakkoofi gidiraa cimaa sababa barsiifata siyaasa boodatti hafaatiin Itoophiyaafi ummannishii keessa darbanii as gahan hubachuuf ragaan biraa hinbarbaachisu, lammiileen biyyattii kanarratti madaa, dirmammuufi godaannisa barootaa waan qabaniif.

Seenessis geeddaramuu qaba. Sababnisaas seenessi kanaan duraa hanga ammaatti miidhaa malee bu’aa buuse hinqabu. Amma biyyattiidhaaf kan barbaachisu seenessa haaraadha.

Seenessi haaraan madaa kanaan dura seenessa dulloomaadhaan uumame kan fayyisu ta’uu qaba. Kanaaf seenessi haaraan gahumsisaammoo kan tokkummaa ummatoota jabeessu ta’uu qaba.

Nageenya waaraa hawwamu bira ga’uufis dhimmoota guguddoofi murteessoorratti waliigalteen biyyaalessaa uumamuu qaba; kanneen akka faayidaa biyyaalessaafa’irratti. Faayidaalee akka biyyaatti jiranirrattis garaagarummaan gonkumaa jiraachuu hinqabu.

Har’a dhimmootni walqoccollaan irratti uumaman hedduutu jiru. Fakkeenyaaf dhimma heera biyyaarratti, waa’ee alaabaafi kkf irratti garaagarummaan jira. Dhimmootni kunniin furamuu qabu. Dhimmootni guguddoon akkasii kan furaman yoo faayidaalee biyyaalessaafi biyya waliiniirratti ejjannoon waliinii jiraate qofa ta’uun hubatamuu qaba.

Akka Ministirri Nageenyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalam dheenya kana jedhanittis, “Dhimma heera biyyaatti yoo dhuftan birmadummaa kootti dhuftan” jedhamu hinhojjatu. Sababnisaas ilaalchi akkanaa boodatti hafaafi biyyuma kamuu kan hinjirre waan ta’eefi. Haalli guddina hawaasaa jijjiiramaa kan adeemu waan ta’eef heerris haala jijjiiramichaa faana walsimachuu qaba. Ilaalchi heericha tarsaasanii gatamu qaba jedhus sirrii miti.

Dhimmi guddaan ka’uu qabu kan geeddaramuu qabu keeyyata meeqaffaadha? Yaada maal jedhuudha? Yaadni haaraan ittidabalamuu qabu hoo maali? jedhu dhihaachuu qaba. Sadarkaa yeroo ammaarra ga’ametti wantootni dabalaman jiru. Fakkeenyaaf afaanota hojii biyyattii dabaluun isa tokko. Kana jechuun afaanotni afurii shan afaan hojii mootummaa federaalaa ta’anii akka tajaajilan kan dandeessisuudha.

Kanaafuu, faayidaa biyyaalessaarratti tokko ta’aafi kanas mirkaneeffachaa adeemuu barbaachisa. Rakkoo mootummaafi biyya gargar baasanii ilaaluu dhabuus nimul’ata. Mootummaan kan yeroo muraasaaf filatamee ummata bulchuudha.

Kanaaf qaamoleen komiifi waldhabdee mootummaa biyya bulchu waliin qabaniif jecha faayidaa biyyaalessaa dabarsanii kennuufi akka biyyattiin diigamtuuf irratti hojjachuun dhimma biyyaa ta’uun sirriitti hubatamuu qaba.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas ilaafi ilaameen nageenya waaressuun filannoo isa jalqabaa ta’uu; sanaafis hojjechaa jiraachuu ibsa tibbana kenneen eereera. Nageenya mirkaneessuun fedhii hunda hammateefi hirmaachiseen waan ta’eef barsiifata siyaasa boodatti hafaa keessaa ba’uun biyya hundaan, hundarraafi hundaaf ijaaruu keessatti hunduu dirqamasaa ba’achuu akka qabus ibseera.

Kanaafis meeshaa waraanaa hidhachuun shororkaa’anii ummata shororkeessuu keessaa ba’uun duudhaa ganamaa mariifi marabbaan rakkoo hiikuun fala waaraa taasifamee fudhatamuu qaba. Kana milkeessuufis gaaddisa Oromoofi Oromummaa jalatti deebi’uun qaamni hidhatee bosona jiru gara nagaatti deebi’uu qaba.

Nageenyi hundaaf; hundis nageenyaaf wabii ta’uun sirna Federaalizimii sabdaneessaa hammattoo obbolummaatiin milkeessuuf waloon hojjechuun murteessaadha.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

 

Recommended For You