“Jijjiiramaa as Godina Daawurootti hojiileen misoomaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan hedduun raawwatamaa jiru” -Obbo Daawwit Gabayyoo (Bulchaa godinichaa)

Godinni Daawuroo godinaalee Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaa keessaa tokko yoo ta’u, jijjiiramaa as hojiileen misoomaa godinichatti adeemsifamaa jiran fayyadamumnaa hawaasaa mirkaneessafi gaaffiilee misoomaa barootaaf turan hedduu deebisaa jiru.

Godinichi iddoowwan hawwata turistii hedduu qabaachuudhaanis beekamaadha. Iddoowwan hawwata turistii godinichaa keessaa Halaalaa Keellaa, Paarkii Cabaraa Curcuraa, holqawwan, fincaa’awwaniifi ijaarsa manneen amantaa baroota dheeraa lakkoofsisanii akka fakkeenyaatti eeramu.

Bu’uuraaleen misoomaa, sochii invastimantiifi dhimmoota biroorratti xiyyeeffachuun gaafdeebii dhiyeenya kana bulchaan godinichaa Obbo Daawit Gabayyoo waliin taasifne akka armaan gadiitti dhiyeessineerra.

Suurri : Haddush Abrahaatiin

Bariisaa: Haala waliigala godinichaa gabaabaatti utuu nuu ibsitanii?

Obbo Daawwit: Godinni Daawuroo godinaalee ja’an Naannoo Ummattoota Itoophiyaa Kibba Lixaa dhiyeenya kana hundaa’e keessaa isa tokko. Naannichi erga hundaa’ee as hojiileen misoomaa hedduun gama siyaasaa, hawaasummaafi dinagdeetiin raawwatamaniiru. Hojiilee misoomaa keessummaa jijjiiramaa as gama hundaan raawwatamaniin bu’aawwan guguddoon galmaa’aa jiru; gaaffiileen misoomaa ummatni waggootaaf kaasaa tures deebii argachaa jiru.

Godinichi wayita Bulchiinsa Naannoo Kibbaa jala turetti daandii asfaaltii hinqabu ture. Jijjiiramaa as garuu daandiin asfaaltii Walaayittaarraa gara Daawuroo geessu hojjetameera. Invastaroonni baay’eenis gara godina keenyaa dhufanii hojiilee invastimantii gara garaarratti hirmaachaa jiru. Pirojektonni baay’een sagantaa ‘Maaddiin Biyyaaf’ jedhamuun godinichatti hojjetamaa waan jiraniif fuuldurattis abdii guddaa qabna.

Bariisaa: Jijjiiramaa as hojiileen iddoowwan hawwata turistii godinichaa misoomsuuf raawwatamaa jiran akkamitti ibsamu?

Obbo Daawwit: Jijjiiramaa as iddoowan hawwata turistii godinichaa misoomsuuf hojiilee hedduun raawwatamaniiru; raawwatamaas jiru. Loojiin Halaalaa Keellaa iddoowwan hawwata turistii godinichatti hojjetamanii xumuraman keessaa isa tokko. Loojichi dhuma bara 2015 eebbifamuun tajaajila guutuu kennaa jira. Loojicharraas ji’aan qarshii miliyoona lamaa hanga sadiitu argamaa jira. Galiin kun hanqina bajata godinichaa guutuu keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira.

Loojiin Halaalaa Keellaa haroo namtolchee ‘Gilgel Gibee 3’fi kaabii dhagaa irratti Aanaa Loomaatti argamuratti hojjetame. Nuti kanaan dura iddoo hawwata turistii kanaaf xiyyeeffannaa kenninee hinbeeknu. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad akka tasaa guyyaa tokko iddoo hawwata turistii kana dawwatanii bakkichatti Loojiin Halaalaa Keellaa akka ijaaramu taasisan.

Loojiin kun yeroo ammaa iddoo hawwata turistii ajaa’ibaa ta’ee tajaajila guutuu kennaa jira. Loojichi ijaaramuun walqabatee daandiin asfaaltii sadarkaasaa eeggates hojjetameera. Qaama Pirojektii Maaddii Biyyaatiin daandiin asfaaltii Loojii Halaalaa Keellaatii kaasee hanga Isaaraatti jiru ijaaruuf qophiin xumurameera.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi iddoo hawwata turistii nuti duraan xiyyeeffannaa kennineefii hinbeekne xiyyeeffannaa argatee galii akka argamsiisu taasisaniiru. Loojichi akka godinichaa, naannoofi biyyaatti galii guddaa argamsiisaa jira. Gara fuulduraatti ammoo galii ammaa argamsiisaa jiru caalaa argamsiisa jennee abdanna.

Magaalaa guddoo godinichaafi magaalota teessoo naannichaa keessaa tokko kan taate Tarcaattis bu’uuraaleen misoomaa baay’een hojjetamaniiru. Bu’uraaleen misoomaa ijaarsarra jiranis jiru. Hojiileen misoomaa kunneen deggarsa mootummaa federaalaa, naannichaa, godinichaafi ummataatiin hojjetamaa jiru.

Bariisaa: Akka godinichaatti hojiileen gama barnootaatiin raawwatamaniifi raawwatamaa jiran akkamitti ibsamu?

Obbo Daawwit: Godinichatti kutaa 1ffaa hanga 6ffaatti akaakuuwwan barnootaa hunda Afaan Daawurootiin barsiisuuf kitaabonni barnootaa qophaa’aa jiru. Qarshiin kitaabota kana maxxansiisuuf barbaachisu ammoo ummatarraa walitti qabame. Hojiin maxxansa kitaabota barnootaa kun yeroo ammaa sadarkaa xumuraarra jira.

Barattoota godinichaa baay’inaan yunivarsitii akka galan taasisuurratti hanqinni waan jiruuf qulqullina barnootaa mirkaneesuurratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra. Hojiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf sadarkaa biyyaatti raawwamaa jiranis cimee ittifufuu qaba.

Mootummaan baadiyyaafi magaalotatti manneen barnootaa bu’uura borii (‘KG’) babal’isuuf kallattii kaa’ee hojjechaa jira. Hojiin kun akka godina keenyaattis bal’inaan adeemsifamaa jira. Hanqinni manneen barnootaa bu’uura borii irrajireessaan baadiyyaatti mul’ata. Yeroo ammaa manneen barnootaa bu’uura borii baadiyyaattis babal’achaa jiru. Manneen barnootaa kunneen maagalotaafi baadiyyaatti babal’achuun daa’imman waggaa afurii hanga ja’aatti jiran lakkoofsaafi qubee baratanii kutaa 1ffaa akka seenan taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Hojii mootummaan manneen barnootaa bu’uura borii magaalotaafi gandoota baadiyyaatti babal’isuuf kallattii kaa’e hojiirra oolchaa jiru akka godina keenyaatti ammayyuu hanqina guddaa waan qabuuf xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjechuu nugaafata.

Bariisaa: Hojiileen omishaafi omishtummaa qonna godinichaa guddisuuf raawwatamaa jiran maal fakkaatu?

Obbo Daawwit: Qonni lafee dugdaa dinagdee biyya keenyaati. Godinichatti hojiin qamadii bonaafi misooma sululaa xiyyeeffannaa addaatiin irratti hojjetamaa jira. Misoomni qamadii bonaa inisheetiivii Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahmadiin jalqabame.

Utuu inisheetiivichi hinjalqabamiin dura omishni qamadii bonaa akka godinichaattis ta’e biyyaatti hinbeekamu ture. Hojiin misooma qamadii bonaa kun erga jalqabamee as omishaafi omishtummaa guddisuu keessatti jijjiirama guddaa agarsiisaa jira.

Bara darbe godinichatti lafti heektaara kuma afuriifi 152 qamadii bonaatiin uwwisuuf karoofachuun lafa heektaara kuma tokkoofi 78.5 omisha qamadii jallisiitiin uwwisuun danda’ameera.

Barana ammoo lafa heektaara kuma sadiifi 445 qamadii bonaatiin misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Omisha qamadii bona baranaatiif sanyii filatamaan kuntaala kuma 296 dhiyaateera. Kan hafe qonnaan bultoonni sanyii qamadii fooyya’aa qaban waljijjiiranii akka omishan ta’eera.

Karoorri omishni qamadii bonaa akka biyyaatti qabamee hojiirra oolaa jiru ofirra darbinee biyya alaatti erguu akka dandeenyu qabatamaan mirkaneesseera.

Godinichi omisha qamadii bonaafi misooma sululaatiin alas omishaafi omishtummaa akaakuuwwan midhaan gara garaa guddisuurrattis xiyyeeffatee hojjechaa jira. Hojiin misooma sululaa hirmaannaa ummataatiin raawwatamaa jira. Baay’ina ummata godinichaa keessaa %35 hojii misooma sululaarratti hirmaachaa jira. Hojiin misooma sululaa kun eegumsa biyyeefi bishaanii mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Bariisaa: Sochiin invastimantii godinichaa maal fakkaata?

Obbo Daawwit: Godinichi iddoowwan hawwata turistii hedduufi nageenya amansiisaa waan qabuuf hojii invastimantiifis ta’e turizimiif filatamaadha. Bu’uuraalee misoomaa keessumaa daandiin walqabatee garuu hanqina guddaatu jira.

 

Bara darbe miidiyaa hawaasummaatiin ummata kakaasuun buusii qarshii miliyoona 23.7 walittiqabuun aanaalee godinichaa adda addaa keessatti daandii kiilomeetira 96 hojjenneera. Dhalattoonni Saba Daawuroo biyyoota alaa jiranis hojii ijaarsa daandii kanaaf qarshii guddaa buusaniiru. Miidiyaa hawaasummaa yoo waan gaarii hojjechuuf ittifayyadamne bu’aa guddaa qaba.

Bajata mootummaan ramadu qofaan bu’uraalee misoomaa mirkaneessuun waan hindanda’amneef hirmaannaan ummataa daran murteessaadha. Ummanni godinichaa baranas qarshii buusuudhaan ijaarsa daandii, manneen barnootaafi hojiilee misoomaa biroorratti hirmaannaa ho’aa taasisaa jira. Daandiin bu’uura misoomaa biroof bu’uura waan ta’eef xiyyeeffannaa kennineefii irratti hojjechaa jirra. Daandiin gaaffii bu’uuraa jijjiiramaan dura tureefi ammas jiruudha. Rakkoo daandii kana hirmaannaa ummataatiin furuuf hojjechaa jirra.

Ummanni godinichaafi dhalattoonni saba Daawuroo biyyoota alaa jiran hojiilee misoomaa godinichatti deggeruu keessatti hirmaannaa olaanaa taasisaa jiru.

Daandiin asfaaltii Waldaamee-Duraamee- Durkii mootummaa federaalaatiin hojiisaa eegale naannoo Itoophiyaa Kibba Lixaa naannawa kamuu waliin kan walqunnamsiisuudha. Ijaarsi Daandii Tarcaa- Omoo-Naadaa xumuramee hojii jalqabeera.

Ijaarsi daandii asfaaltii Duraamee-Durgumis karaa Kambaataa xumurameera. Hojiin ijaarsa daandii kun sadarkaa gaariirra jira. Ijaarsi daandii asfaaltii Tarcaa-Waakaa ammoo duubatti harkifachuun hawaasa biratti komii guddaa uumes yeroo ammaa xumuramaa jira.

Ijaarsi daandii asfaaltii Tarcaa-Cidaa addaan citee ture yeroo ammaa caalbaasiidhaan kontiraaktara biraatti kennamee hojjetamaa jira. Ijaarsi daandii Tarcaa-Jimmaas duubatti harkifachuun rakkoo bulchiinsa gaarii ta’uun ummata biratti komii guddaa uumee waan jiruuf haalli itti ijaarsa daandichaa si’eessuun danda’amu utuu uumamee gaariidha. Rakkoo daandii godinichaa furuuf hojii bal’aan raawwatamaa jira.

Daandiin jiraatu malee hojiin invasimantiifi turizimii milkaa’uu hindanda’an. Invastimantiifi turizimiin ammoo guddina dinagdee keessatti gumaacha guddaa taasisu. Kanaafuu magaalaattis ta’e baadiyyaatti invastaroota simachuuf hojjechuu qabna.

Godinichi magaalaattis ta’e baadiyyaatti lafa invastimantii bal’aa qaba. Yeroo dhiyoo as invastaroonni baay’inaan gara godinichaa dhufaa jiru. Galiin qonnaan bultoota aanaa tokko irraa walittiqabamu invastara tokkorraa waan argamuuf invastarootaaf haala mijeessuufi rakkoolee gama invastimatiitiin walqabatanii abbootii qabeenyaafi nu biratti mul’atan furaa deemuun dhimmaa murteessaadha.

Godinichatti yeroo ammaa abbootiin qabeenyaa 35 magaalaatti ammoo abbootiin qabeenyaa sagal hojiilee invastimantii gar garaarratti hirmaatanii jiru. Hojiileen invastimantii kunneen sadarkaa gara garaarratti argamu.

Invastaroonni kunneen damee hojii qonnaa keessaa omisha bunaafi avokaadoo, ijaarsaafi kanneen biroorratti hirmaachaa jiru. Abbootii qabeenyaa kunneen keessaa ja’a lafa invastimantii fudhatanii dallaa itti ijaaranii utuu hinmisoomsiin waggaa shan waan turaniif raawwii hojiisaanii gamaaggamuun lafa irraa fudhannee geggeessineerra.

Dhiyeenya kana ammoo invastaroonni sadi baadiyyaatti hojjechuuf dhufaniiru. Sadi ammoo dhufuuf adeemsarra jiru. Magaalaarratti ammoo invastaroonni sagal dhufaa jiru. Invastaroota kunneeniif lafa adda baasaa jirra. Lafa invastimantii qopheessuun beenyaa kaffaluu waan gaafatuuf gama kanaan rakkoon hanqina bajataa ni mul’ata.

Lafa invastimantiif fudhatanii dafanii misoomsuu dhabuun, dallaa itti ijaaranii utuu hinmisoomsin qabatanii taa’uun, lafa fudhatanirraa gartokkee misoomsanii taa’uun, lafa invastimantiif erga fudhatanii booda gibira kaffaluu dhiisuufi lafa jijjiirraa gaafachuun ammoo rakkoolee gurguddoo invastaroota tokko tokko biratti mul’ataniidha.

Rakkoolee gama kanaan jiran furuuf invastaroota kanneen waliin dubbachaa jirra. Gama biraan ammoo invastaroonni lafa invastimantiif fudhatan misoomsanii bu’aa gaarii argachaafi galii mootummaas sirnaan galchaa jiran jiru.

Godinichi albuuda dhagaa cilee bal’aa qaba. Warshaan albuuda dhagaa cilee dhiqus naannawaa Magaalaa Tarcaatti ijaaramaa jira. Warshaan Kubbaaniyaa Misooma Albuuda ‘ET’ (ET MINERAL DEV. T.S.C) jedhamuun qarshii biiliyoona 5.2n ijaaramaa jiru kun yeroo gabaabaa keessatti xumuramee hojii eegala.

Warshichi yeroo hojii eegalu dhagaa cilee miiccame Warshaa Simintootiif dhiyeessuudhaan dhagaa cilee miiccame kan maallaqa guddaadhaan Afrikaa Kibbaarraa bitamee galu omisha biyya keessaatiin bakka buusuun baasii sharafa alaa hir’isuufi carraa hojii bal’aa uumuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Warshichi hojii yeroo jalqabu dhaabbiidhaan namoota 400f carraa hojii uuma. Invastimantiin gadinichatti babal’achaa dhufuusaatiin Magaalaa Tarcaa baay’ee ho’aa jirti.

Godinichi ammayyuu lafa qonnaa hintuqamne bal’aa waan qabuuf invastaroonni omisha bunaa, kuduraaleefi fuduraaleerratti bobba’an yeroo gabaabaa keessatti faayidaa guddaa argachuu danda’u. Invastaroonni tokko tokko utuu rakkoon daandii jiruu daandii ofiisaaniitii baasanii hojiisaanii hojjechaa jiran jiru. Nutis hanga humni keenya danda’e magaalaafi baadiyyaatti invastarootaaf haala mijeessuuf hojjechaa jirra.

Bariisaa: Waliigaltee Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf dhiyeenya kana Somaaleelaandi waliin mallatteessite akkamitti ilaaltu?

Obbo Daawwit: Itoophiyaan waggaa 30 dura ulaa galaanaa qabdi turte. Ulaa galaanaa kana karaa haqaqabeessa hintaaneen dhabnee turre. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad Itoophiyaan ulaa galaanaa akka argattuuf wayita yaada miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessanii turanitti yaadonni gara garaa dhiyaachaa turaniiru. Yeroo sana yaada Doktar Abiyyi kaasan kan deggeraniifi kan ammoo dhimmi kun waraana kaasuu danda’a jedhanii morman turaniiru.

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi garuu dhimma ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa karaa nagaa, dippilomaasiifi haqaan kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Dhiyeenya kana Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf Somaaleelaandi waliin waliigaltee mallatteessiteetti. Gaaffiin ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa karaa nagaafi dippilomaasiitiin deebii argachaa jira.

Waliigaltee Itoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf Somaaleelaandi waliin mallatteessite anas ta’e ummata godinichaafi biyyattii biratti miira gammachuu guddaa uumeera. Guyyaa waliigaltichi itti mallatteeffameefi oduunsaa dhaga’ame sa’a booda sa’aatii 11:30 irraa eegalee hanga halkan sa’aatii 3:00tti ummanni godinichaa daandiitti bahee gammachuusaa ibsachaa ture. Anis akka nama dhuunfaatti baay’ee gammadeera.

Gaaffiin ulaa galaanaa argachuu Itoophiyaa dhiyaatee yeroo gabaabaa keessatti karaa nagaan argameera. Ulaa galaanaa kanatti fayyadamuun guddina dinagdee biyya keenyaa utubuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf waantota nurraa eegamu hunda raawwachuuf qophiidha.

Bariisaa: Ibsa bal’aa nuu kennitaniif galatoomaa.

Obbo Daawwit: Isinis hojiilee misoomaa godinichatti raawwatamaa jiran qaamaan dhuftanii daawwachuun gurra ummataatiin waan geessaniif maqaa mootummaafi ummata godinichaatiin isin galateeffachuun barbaada.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

Recommended For You