Isin garuu warra du’a labsu osoo hintaane, warra nagaa labsu ta’aa

“Lapheen dhala namaa takkaan mana qulqullummaa Waaqayyoo yookaanimmoo iddoo bultii seexanaati” jedhe Onesmos Nasiib. Dhugaadha, mana qulqullummaa Waaqayyoo taanaan hojii hafuuraa eebbifamaa kan abboommiiwwan kurnaniin guutame milkeessuuf, kanamalees jannata biyya Waaqaa akka dhaalaniif nama gargaara jedhamee lallabama.

Gama biraanimmoo lapheen dhala namaa iddoo bultii seexanaa taanaan ajjeechaa deega, walwaraansa, hammina garajabummaa waaljifachuufi jibba hammeessuun egereen warreen akkasii azaaba ta’uutu himama.

Kanarraa kan ka’e abbootiin amantaa miseensotasaanii wayita barsiisanis ta’e gorsan waan eebbifamaa akka godhan hojii Waaqayyo biratti nama eebbisiisu akka hojjetan kan gorsan yoo ta’u, faallaa kanaammoo miira ofittummaafi hafuura seexanaatiin guutamanii kanneen dhala namaarratti du’a labsan tokko lama miti.

Dabalataanis biyya sabdaneettii amantaaleen garagaraa keessa jiru biyya akka Itoopiyaatti amantii dhuunfaa ofii biyya godhanii ilaaluun kan nama biroommoo ilaaalcha gadi qabaan qarqaratti baasuufillee yaadanis hindhiban.

Kanas ta’e sana marii tibbana Ministirri Muummee Itoophiyaa abbootii amantaa gara garaafi jiraattota naannolee adda addaa wajjin taasisaaniin abbootiin amantaa waa’ee biyyasaaniif kadhachuu akka qaban; bakka rakkoon jiruttimmoo deeggarsa barbaachisu akka taasisaniif abdiin isaanirra jiru olaanaa ta’uu kaasaniiru.

Abbootiin amantaa nagaa labsu, du’a hinlabsan. Haata’u garuu ilaalcha finxaalessummaafi biyya lafaatiin guutamanii adda babahiitti du’a kan labsan hammam ulaagaa mana amantaa akka guutan himuun nama hindhibu.

Amantaan kamuu ajjeesi, balleessi, kaan gadi qabii ofii irra aanii jiraadhu jedhee labsu hinjiru. Haata’u garuu kanneen mana amantaa keessa dhaabatanii mootummaa kan abaaran ergama siyaasaarraa bilisa jechuun hindanda’amu.

Marii abbootii amantaafi Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) gidduutti tibbana taasifameen gamaa abbootii amantaatiin mana amantaa keessa hafuurawaa fakkaatanii ergama kanneen siyaasaa dhokataa biyya diiguu danda’u baatanii socho’an akka jiran ka’eera.

Kanneen golgaa amantaatiin siyaasa hamaa biyya diigu baatanii deeman kunniin biyya keessaafi alatti walgurmeessanii mootummarratti duula banaa jiraachuu kaasanii, isaan kunniin uffata seeraanillee gaafatamuu akka qaban ibsaniiru.

Kanamalees namni mana amantaa bakka bu’ee biyya alaa jiru mootummaa Itoophiyaa ajjeesaa jedhanii du’a labsuunsaanii yaada abbaa amantaa tokkorraa hineegamneefi seeraanis yakka nama gaafachiisu oggaa raawwatan mana amantichaan balaaleffatamuu dhabuun sirrii akka hintaanellee yaanni ka’eera.

Haata’uutii yaada, namni dhuunfaa mana amantaa bakka hinbu’u jedhuun yakkamaa akkasii uwwisanii darbuuf yaaliin taasifame daran isaan gaddisiisuu hirmaattonni kaasaniiru.

Gama seeraanis yoo ilaalame mootummaan dhimma amantaa amantaan dhimma mootummaa keessa galuu akka hinqabne seeraan tumamus abbootiin amantaa maqaa amantaatiin ergama siyaasaa dhokataa ta’e galmaan ga’achuuf ykn mootummaa humnaan diiguuf gurur’uun calaqqisaa turuu hirmaattonni kaasanii, kun mana amantaas kan komachiisu waan ta’eef sirrachuu akka malu ka’eera.

Namoota maqaa amantaatiin mootummaa diiguuf yaalan kanneeniif abukaatoo dhaabachuu kan barbaadus hindhibu. Haata’u garuu dirree siyaasaafi dirree hafuurawaa adda baasanii tarkaanfachuun dirqama ta’uu heerris lafa kaa’a.

Bakkawwan tokko tokkotti manneen amantaa bakka finxaaleyyiin biyya ittidiigan, leenji’an ta’aa akka jiran Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad kaasaniiru.

Mana amantaatti humna biyyaafi mootummaa humnaan diigu, kanamalees lammiilee dheegsuufi ajjeesu leenjisuun hojii hafuurawaa kan faallessu; darbees dirree amantaafi siyaasaa kan jeequudha jedhan.

Kanaafuu, manneen amantaa tajaajila hafuurawaa kennuu malu, du’a miti jireenya labsuu qabu, biyyaaf kadhachuu hawaasa rakkateef deeggarsa barbachisu taasisuudha malee dirree humnoonni badii itti leenji’an ta’uu hinqaban.

Gama babal’ina manneen amantaatiin walqabatee mootummaan amantaa hunda ija tokkoon ilaalaa jira. Bakka deeggarsi barbaachisutti deeggarsa barbaachisaa taasisaa jira. Dhugaa dubbachuuf yoo sirnoota darban waliin walbira qabnee ilaalle akka mootummaa Badhaadhinaatti yeroo bal’aa kennee mana amantaa Ortodoksii keessatti waldhabdeen jiru akka furamuuf nucaalaa kan hojjete hinjiru jedhan Doktar Abiyyi.

Qabiyyeen mana amantaa keenyaa nujalaa dhuunfatameera jedhamee gama mana amantaa Ortodoksii Itoophiyaan komii ka’aa ture itti deemnee deebii akka argatu gooneerra; kunimmoo mana amantichaatti kan nugalateeffachiisudha malee kan nukomachisu miti jedhan.

Haata’u garuu abbootiin golgaa amantaan ergama siyaasaa dhokataa baatanii deeman waan sirrii hintaaneef of ilaaluu qabu. Isaan gaarummaa kan gorsan malee du’a kanneen labsan ta’uun isaanirraa hineegamu.

Sooma murteessaa kana keessa taa’anii sobuun cubbuudha kan jedhan Doktar Abiyyi; akka mootummaa kanaa dhaabbilee amantaa cina dhaabatee kan gargaare akka hinjirre ibsaniiru.

Galata wallaaluu yoo ta’een ala manni amantaa Ortodoksii biyya keessaafi alaatiin; kana malees biyya keessatti waldhabdeen afaan kootiinin tajaajilamuu qaba yaada jedhuun uumame akkaataa duudhaa mana amantichaan furamuu akka qabuuf haala mijataa uumnee kan waljibbaniifi waldhiibaa turan jaalalaan akka walitti dhufan taasifamaniiru.

Achi keessatti shoora mootummaan taphate salphaatti ilaalamuu hinqabu. Sababnisaas waldhabdee sadarkaa gargar bahumsaarra gahee ture ilaafi ilaameedhaan akka furamuuf waan guddaadha kangodhame.

Haata’u garuu dhimma maqaa amantaan ergaa siyaasaa dhokataa manneen amantaa keessumaa gadaamotatti finxaaleyyii leenjisanii bobbaasuun dhaabachuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.

Walumaagalatti abbootiin amantaa kiristaanaas ta’e muusliimaa Wangeelaafi Quraana lallabuu, nagaa labsuu hunduu biyyasaatiif kadhachuu qaba jedhanii, Islaamni islaamummaasaa Kiristaannis kiristaanummaasaatiin jannata dhaaluuf dhugaaf hojjechuun akka barbaachisu dhaamaniiru.

Warreen manneen amantaa keessatti nama abaaran yeroon isaan barsiisa malee ani waanan jedhu hinqabu kan jedhan Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahmad, ergamni manneen amantaa hafuurawaadha siyaasaan walmakuu akka hinqabne dubbataniiru.

Gadaamonni wiirtuu itti hojiin hafuuraa barsiifamu malee giddugala leenjii finxaaleyyii warreen nama ajjeesanii ta’uu hinqabu isa kanammoo duukaa buunee qabnee seeratti dhiyeessineerra. Kun ammas fooyya’uu mala jechuun dhaamsa dabarsaniiru.

Jiraattota naannolee Itoophiyaa gara garaa waliin marii taasisaniin bakkawwan tokko tokkotti seenaan keenya bade, hambaan keenya diigame kanneen jedhan nimul’atu. Haata’u garuu seenaan ijaaramaa jiru kan Itoophiyaa ykn ilmaan sabaafi sablammiiti malee kan saba tokkoo kan jedhu hinjiru.

Godambaan Yaadannoo Injifannoo Adwaa ashaaraa ilmaan sabaafi sablammii seenaa dhugaa kan dhaloota egereef oltaa’e malee kan bade miti. Kun hojii addaa dinqisiifatamuu malu ta’uu dagatamuu hinqabu jedhan.

Itoophiyaan ijaaramaa jirtu biyya olaantummaan seeraa keessa jiru malee biyya olaantummaan saba tokkoo afaan tokkoo amantaa tokkoo ta’uufi ykn ta’uu qabdi yanni jedhu dogoggora ta’uus kaasaniiru.

Walumaagalatti dhaabbileen amantaa, kutaaleen hawaasaas miira waldandahuu, walkabajuu obbolummaafi waliif yaaduun Itoophiyaa duroomte ijaaruun dhaloota dhufu badhaadhina dhaalchisuuf hunduu waliin hojjechuu akka qabu kallattii kaa’aniiru.

Fiigichi golgaa amantaatiin ergaa siyaasaa galmaan ga’achuuf taasifamus sirrii akka hintaane hubannee du’a lallabuu keessaa bahuun jireenya lallabuun mootummaa Waaqayyoof ofqopheessuun fala yoo ta’u, faallessinee argamnaan azaabatu nu eeggata.

Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad Kaawunsilii Waldaalee Kiristaanaa Warra Wangeelaa Itoophiyaafi waldaalee kiristaanaa miseensa kaawunsilichaa ta’an akkasumas hoggantoota Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaafi abbootii naannolee garagaraarraa babbahan waliinis dhimmoota fayyadanirratti mari’aniiru.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

 

Recommended For You