Fiigicha Guddicha Itoophiyaa Guuttannee Shaanqoofaa fuulduratti baase

Finfinnee: Fiigichi Guddichi Dubartootaa, erga Itoophiyaatti waggaa waggaan Finfinneetti adeemsifamuu jalqabee oolee buleera.

Fiigicha kanarratti dubartoonni Itoophiyaafi lammiileen biyyoota biroo waan irratti hirmaataniif yeroodhaa gara yerootti ummataafi hirmaattota biratti jaalatamaa dhufeera.

Dubartoonnis waltajjicharratti waggaatti al tokko waan walarganiif wayita dorgommichi adeemsifamu jaalalaafi miira obbolummaa isaan jidduu jiru kan cimsuudha jedhameera.

Dubartoonni kunneen lammummaafi amantiidhaan osoo walhinqoodiin kaayyoo tokko qabachuudhaan waltajjii fiigichaarratti walarguun matadureewwan adda addaa dhageessisuun yoo fiigan raayyaa misoomaaf hiriiru fakkaatu.

Haalumaa kanaan ka’umsiifi deebiinsaa naannawa Hoteela Atilaas kan ta’e fiigichi guddichi kiiloomeetira shanii Dilbata darbe yeroo 21ffaaf Finfinneetti adeemsifameera.

Dorgommicharratti Poolisii Oromiyaarraa Guuttannee Shaanqoo, atileetota naannoo Amaaraarraa Birrinash Daseefi Maqdas Shimallis tokkoffaadhaa hanga sadaffaa ba’uun mo’ataniiru.

Fiigicha baranaa kanatti tokkoffaa ba’uun kan mo’atte atileet Guuttanneen akka ibsitetti, barumsa kutaa jahaffaatti addaan kuttee dorgommii atileetiksii eegaluu kaasti. Abbaan kiyya inumaayyuu ispoortii hojjechuu koo hinbeeku kan jette atileetiin tun, harmeenshees fiigicha akka hinfiigne ishee dhorkaa turuu dubbatti.

Haata’u malee gargaarsa hangafashiitiin gara Finfinnee dhufuudhaan kilaba Poolisii Oromiyaatti makamuu yoo kaastu, yeroo gabaabaa keessattis sadarkaashee fooyyessuudhaan qabxii gaarii galmeessisuu eegaluu himteetti.

Yeroo jalqabaatiif dorgommii walakkaa maaraatonii bara darbe Dubaayitti adeemsifamerratti hirmaachuun lammaffaa ba’uushiis nutti himteetti.

Fiigicha Guddicha Dubartootaa baranaa kanarratti hirmaachuuf shaakala cimaa taasisuusheen qabxii guddaa galmeessisuu akka dandeesses kaasteetti.

Ofii tattaaffii mataasheefi gargaarsa hangafasheetiin sadarkaa gariirra gahuu akka dandeesses ibsitee, waahillanshee hedduu carraa gadi bahanii hojjechuu dhaban baadiyyaatti hafan waan jiraniif sakatta’anii gadi baaasuurratti qaamni dhimmisaa ilaallatu hojjechuu akka qabu yaadachiisteetti.

Tashoomaa Qadiidaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

Recommended For You