Duudhaaleefi sirnoota walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Gujii

Oromoon ummata afaan tokko dubbatu, aadaa walfakkaataa qabu, daangaa tokko keessa waliin jiraatu, gaariifi hamaa waliin dabarsu, jireenyisaa kan hawaasummaa, dinagdeefi siyaasaas walitti hidhaminsa kan qabuudha. Ummatni kun dhimmoota adda addaarratti ilaalchafi falaasama waliinis qaba.

Akka odeeffannoon barruu Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Gujii “Baallii 75ffaa” jedhamurraa argame ibsutti osoo sirni Gadaa humnoota gita bittootaatiin hincabiin dura Oromoon Sirna Gadaatiin bulaa ture. Gadaan sirna bulchiinsaa hirmaachisaa, lubdaneessa, heerawaafi aangoonsaa daangawaa kan ummatni Oromoo hundeessee ittiin rakkoolee hawaas-dinagdeefi siyaasaa hiikkataa tureedha.

Sirnichi yommuu hundaa’u halkan tokkoofi nama tokkoon osoo hintaane bu’aa bahii, adeemsa bulchiinsaa yeroo dheeraafi muuxannoo kuufama bulchiinsaa jaarraawwan hedduu keessatti argamerratti kan hundaa’eedha.

Sirni bulchiinsaa kun ummata Oromootiif sirna bulchiinsa isa jalqabaa osoo hintaane sirna bulchiinsaa sirnoota hedduu booda hundaa’edha. Sirnootni bulchiisaa turan sirna bulchiinsa abbaa irree jireenya dhala namaatiif mijatoo hintaane, mirgi walqixxummaa namaa keesssa hinjirre turan.

Sirna mootota Abbaa irree booda hayyootni Oromoo muuxannoo bulchiinsaa kuufama jaarraawwan hedduufi bu’aa bahii qabsootiin mallattoo qaroominaa ta’e Sirna Bulchiinsa Gadaa kalaquudhaan addunyaadhaaf gumaachan.

Yunivarsitii Finfinneetti Hayyuun Qorannoo Afoolaafi Aadaa Doktar Taaddasaa Jaalataa waraqaa qo’annoo sirna walharkaa fuudhiinsa Baallii Gadaa Gujii 75ffaarratti yeroo darbe dhiyeessaniin akka jedhanitti, Sirni Gadaa sirna walqixxummaarratti bu’uureffameedha. Dubartoota, ga’eessota, dhiirota walqixa hirmaachisa. Hundaasaaniifuu gahee hojii mataasaaniis nikenna.

Sirnichi dhala namaa bira darbee qabeenya uumamaafillee xiyyeeffannoo kenna. Kanaaf achi keessatti Tulluufi Malkaanillee seera qaba. Dubartootnis Daa’immanis seera qabu.

Sirnicha keessatti dhiirri Guutiimala hinqabatu. Dubartiinis Bokkuu hinqabattu. Dubartiin abbaa Gadaa hintaatu. Dhiirris Haadha Bollaa hinta’u. Lamaansaaniiyyuu waan dhorkaman qabu, waan seeraan heeyyamameefis akkasuma.

Akka barruu 4ffaa Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Gujiitti, ‘Qorii Sona Aadaa’ jedhutti Oromoon ummata gaanfa Afrikaatti ummata bal’aa aadaa, amantii, duudhaa, seeraafi seenaa mataasaa qabuufi sirnaafi seera Gadaatiin bulaa tureefi bulaa jiruudha.

Akkuma ummata Oromoo biroo ummatni Oromoo Gujii seera Gadaa kan gaaddisa mataasaatti tumate jaarraawwan hedduuf ittiin jiruufi jireenyasaa qajeelchu qaba. Qaamni seera Oromoo Gujii tumu Yuubota. Qaamni kun abbootii Gadaa warra hoggansa Gadoomaa ofirraa kennaniidha.

Gahee guddaan Yuubotaa muuxannoo hoggansa yeroo aangoorra turan horataniin abbootii Gadaa haaraa gara aangootti dhufan gorsuu, leenjisuufi seera tumanii inni aangootti dhufe seera tumame kanaan akka ummata hogganu gochuudha.

Seerri tumame kun kan lallabamu Gumii Ardaa Jilaa Me’ee Bokkootti yoo ta’u, waggaa saddeet saddeetiin kan haareffamuufi lallabnisaas lallaba Gooroo, lallaba aadaafi lallaba Seeraa jedhamee iddoowwan sadiitti qoodama.

Sirna bulchiinsa Gadaa keessatti namni guyyaa dhalaterraa eegalee gulantaalee keessa darbu qaba. Gulantaaleen kunniin namni guyyaa dhalaterraa kaasee hammumaa umriinsaa dabalaa deemu sadarkaan bilchiinaafi hubannoosaa dabalaa adeema yaada jedhuun sirnicha keessatti gulantaan namootaa barootaa gara barootatti akka dabalu taasifama.

Tokko tokkoon gulantaalee kanneen keessatti sirnootni ykn jilli raawwatamuufi namni akka ga’oomee ittigaafatamummaa sadarkaa sadarkaan qabu bahuu danda’u akkuma gulantaasaatiin leenjiin kennameefii akka gahumsa argatu taasifama.

Ramaddiin sadarkaalee Gadaa umriin ibsamu sirrii miti. Inni guddaan ramaddii gulantaalee Gadaa sadarkaa abbaan ijoollee irra jiruun kan kennamu ta’uusaati. Gulantaaleen sirna Gadaa kan namni sadarkaa sadarkaan keessa qaxxaamuru gulantaalee 13 yommuu ta’u isaanis, Dabballee, Qarree Duubaa, Qarreee Duraa, Kuusa, Raaba, Doorii, Gadaa, Baatuu, Yuuba Xiqqaa, Yuuba Guddaa, Jaarsa Guduruu, Jaarsa Qululluufi Jaarsa Raqeyaadha.

Gulantaaleen kunneenis ijaarama guguddoo afuritti qoodamu. Isaanis: Sadarkaalee Ijoollummaa, Dardarummaa, Maanguddummaafi Jaarrummaati.

Hanga Ardaan Jilaa Me’ee Bokkoo giddugala teessuma gumii ta’ee, hayyuun Bokkuu gurraachaa seera Gadaa Gujii tumee ummataaf itti lallaberraa eegalee lakkoofsi abbootii Gadaa Gujii Gadaa Roobalee amma Baallii fuudhe kana dabalatee torbaatamii shani.

Ka’umsi lakkoofsa abbootii Gadaa Gujii 75 kun hundeeffama sirna bulchiinsa Gadaa Gujiirraa eegalee osoo hintaane abbootii Gadaa erga Ardaan Jilaa Me’ee Bokkoo giddugala teessuma gumii ta’ee hundaa’e booda kanneen jiran qofa. Hundeeffama Me’ee Bokkoo dura Gadaan Godee Badeefi Gadaan Jaajoo turaniiru.

Abbootiin Gadaa waggoota saddeetiif erga ummata bulchanii booda barri bulchiinsasaanii yeroo darbuuf jedhu baallii kennuuf of qopheessu.

Osoo guyyaan Baallii itti kennan hingahin dura halkanii guyyaa Waaqaaf galata dhiyeessu. Tuulii Buluun gara Ardaa Jilaa Me’ee Bokkoo deemuun miseensotni Gumii Me’ee Bokkoo Gogeessota hundarraa achitti (Me’ee Bokkootti) argamuusaanii erga mirkaneeffatanii booda guyyaan teessuma Gumii filatamee murtaa’a.

Gogeessi baallii kennuuf jiru kun karaa dimokraatawaan aangoo kennuuf fedhii qabaachuusaa agarsiisuuf “Ilma Abbaan bobbaase! dhageettaa hobbaasee! Gadabitti qajeelee! Baatomuu kajeelee! jedhee qeexala.

Gogeessi baallii fudhachuuf jedhus seeraafi heera hawwaasicha ittiin bulchu lallabuuf miseensotni Gadaa Gujii hundi seera Yubootaan lallabamu dhaggeeffachuuf caasaalee Gadaa Gujii biroo waliin ta’uun guyyaà guyyaadhaan ganama ganama hanga walharkaa fuudhiinsi gaggeeffamutti gara Oollootti imalu.

Yommuu caasaan Gadaa Gujii gara Oollootti imalus, yubootni akkas jechaa daandiirra lallabaa adeemu: Oolloo kopheen hinseenanii beekkadhu, Gumii Gogeessaan deemanii beekkadhu, waraanaan malee uleen Oolloo hinseenanii beekkadhu, naafti hinseenuu beekkadhu jedhu.

Hanga Gumichi turutti lallabni seeraa kan gaggeeffamu waaree dura sa’aatii 4:00 hanga sa’aatii 6:00tti yoo ta’u, sa’aatii 6:00 booda seerri hinlallabamu.

Gaafa Gumiin xumuramuuf guyyaan tokko hafu warri baallii fuudhachuuf jedhan halkaniin osoo abbaan Gadaafi Jadhaabni isaan hinargiin naannawa Qachaa Abbootii Gadaatii kaasee karaa baallii fudhatanii ittiin galan sirreessu.

Guyyaa walharkaa fuudhinsi gaggeeffamu miseensi Doorii osoo mataan biiftuu hinba’in, “Dhufaa jirraa karaa nuu saaqaa” jedhanii hayyoota sadii gara abbaa Gadaatti ergu. Hayyootni kunniin erga si’a sadii deddeebi’anii gaafatanii booda yeroo afraffaatti koottaa jedhamee eeyyamamaaf.

Erga eeyyamameefii booda abbaan Murtii Doorii hayyoota torba qabatee gara Qachaa Abbaa Gadaa baallii kennuutti qajeelu. Yommuu Qachaa Gadaa gahan Galma Gadaa seenanii mijuu aannanii abbootii Gadaa sadiin kennamaaf.

Affeerricharratti abbaan Gadaa Baallii kennu “Ho’aa mi’ii Gadaa tiyya” jedhaan, Warri Baallii fudhatanis “Gadaa tiyyallee mi’aayi” jedhuun. Ittaansees “Ho’aa itittuu Gadaa tiyyaa” jedhuun. Warri aangoo fudhatullee “Gadaa Ititii buli” jedhuun.

Sana booda, “Ho’aa Areera Gadaa tiyyaa” jedhuun. Warri baallii fudhatullee “Gadaa Kormi sii Areeruu” jedhuun. Dhumarratti “Ho’aa Daraaraa Gadaa tiyyaa” jedhee yommuu booka kennuuf warri baallii fudhatan “Gadaa tiyyallee daraari daraaraa hindhabin namaa sa’aan daraari” jedhanii eebbisu.

Abbootiin Murtii Doorii Mijuu aannanii dhiyaateef erga eebbaan galchanii booda fagasaanii of dura aansanii miseensotasaanii dabalatanii of duuba hiriirsuun gara Qachaa abbaa Gadaatti deebi’anii balbala dura dhaabachuun maqaa abbaa Gadaa baallii irraa fuudhanii dhahanii si’a sadii waamu.

Abbaan Gadaas jalaa didee afraffaarratti jalaa owwaata. Yommuu Doorichi, baalliin tiyyamoo teeti jedhee gaafatu Abbaan Gadaa baalliin teeti gaaroon tiyya jedhee deebisaaf.

Kanaan duuba Fagi Doorii baarguda (Baala Guchii) Abbaan Gadaa gama lamaan mataarratti godhate keessaa kan moggaa bitaa buqqisee isa aangoo fudhatu mataasaa gara middaatti suuqaaf.

Yeruma taateen kun raawwatee jalqabee inni Doorii ture kan Gadoome yommuu ta’u, Abbaan Gadaa baallii kennemmoo Baatuu ta’a jechuudha. Inni Gadoome kun gadi bahee Odolcha yaabuuf si’a sadii aggaamee afraffaarratti yaabee Gadaa! Gadaa! Gadaa! Jechuun odolcha yaabeen erga si’a sadii balbala Abbaa Gadaa Baallii kennee dura garmaamee booda namoota karaa gubbaatti eegan waliin gara qachaasaatti deebi’a.

Akkuma Qachaasaa gaheen osoo odolcharraa hinbu’iin seera gumiin itti kenne miseensotasaaf lallaba. Inni baallii kenne yeruma baallii kennee eegalee Baatuu waan ta’eef Gadaa baallii fuudherraa eebba fudhatee Qachaarraa gara qe’eesaatti nagayaan akka galu kan taasifamu yommuu ta’u, gorsaa Gooroofi dabarsaa sirna bulchiinsa abbaa Gadaa ta’uudhaan tajaajila.

Walharkaa fuudhiinsi Baallii Gujii Gadaa 75ffaanis sirnoota armaan olitti eeraman hunda raawwachuun ji’a darbe ykn Guraandhala 13, bara 2016 Me’ee Bokkootti bakka hawaasni bal’aan argametti raawwatameera. Walharkaa fuudhinsa Kanaanis abbaa Gadaa Gujii 74ffaa kan turan Jiloo Maandhoo baallii harkasaanii ture Jaarsoo Dhugootiif kennuun Abbaa Gadaa Gujii 75ffaa ta’aniiru.

Walharkaa fuudhiinsa taasifame ilaalchisee yaadasanii Dhaabbata Pireesii Itoophiyaaf kan kennan Abbaan Gadaa Miidhagaa Notee akka jedhanitti, adeemsi Gujiin Ittiin baallii waliif dabarsu karaa iftoomina qabuufi dimokraatawaa ta’eedha.

Akka ibsasaaniitti, sirna Gadaa Gujii keessatti wantoonni hundi seera qabu. Kanaaf walharkaa fuudhiinsa Baallii raawwachuun dura guyyoota jahaaf walitti fufiinsan lallabni seeraa akka gaggeeffamu tàasifame.

Bu’uuruma duudhaa Gadaa Gujiitiin walharkaa fuudhiinsa baallii Gadaa Gujii 75 raawwachuuf gumiin taa’ee hanga walharkaa fuudhinsichi gaggeeffamutti gumichi Labsii Gooroo, Labsii Aadaa, Lallaba Woyyuufaa lallabeera. Lallabniifi labsiiwwan kunneen seerota warri baalli fudhatan bara Gadoomasaanii ittin hawaasicha bulchan ta’uus ibsaniiru.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

 

Recommended For You