Boonanii malee boo’anii tajaajilamuu hinbarbaachisu

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ibsa gaafa Sadaasa 13/2014 baaseen rakkoolee bulchiinsa gaarii akka Bulchiinsa Naannoo keenyaatti mul’atan hiikuuf xiyyeeffannaa addaa kennuun Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa “Taaski Foorsii” Pirezidaantii Ittaanaa MNOn hogganamuufi miseensota 11 of keessaa qabu hundeessee ifoomsuun ni yaadatama.

Taaski foorsiin kun sadarkaa godinaa, magaalotaafi aanaaleettis haaluma walfakkaatuun kan hundeeffamu yoo ta’u, hudhaalee kenna tajaajila mootummaan walqabatan addaan baasuun sosochii ummataa uumuun rakkoon kenna tajaajilaa akka furamu ni taasisa, ilaalchaafi gochoota hannaa manneen hojii mootummaa keessatti raawwataman addaan baasuun tarkaanfii seeraafi bulchiinsaa ni fudhata, hojmaataafi gurmaa’insota kenna tajaajilaaf rakkoo ta’an qorannoon adda baasa, hojmaata ammayyaawaa diriirsuuf yaada furmaataa akka dhiyeesu aangoon kennameeraaf jedha odeeffannoon yeroo sana tamsa’e.

Har’a waggaa lama booda gama kenna tajaajilaa si’ataa, dhaqqabamaa, haqaqabeessaafi faayidaa ummataa giddugaleeffate hojiirra oolchuuf seerota, hojmaataafi gurmaa’ina mana hojiisaanii sakatta’uufa’iin maaltu jira? walumaagalattuu tajaajila si’ataa kennuuf tajaajilamaa ta’uu qofti ga’aadha. Sababiinsaas waan tajaajilamaa taanee barbaadnu sana ofii keenyaafis raawwachuu waan qabnuuf.

Manneen hojii seeraafi hojmaata bu’uura godhachuun, amanamummaa olaanaadhaan ummata tajaajiluu qabu. Hudhaalee qaawwa seeraan walqabatan sakatta’uun qaama karooraa taasifatanii socho’uu qabu, qaama dhimmi ilaaluufis gabaasuu qabu.

Kenni tajaajilaa si’ataafi qulqulluun dhimmoota gammachuu ummataa dabaluun badhaadhina hawaasummaafi misooma dinagdee dabaluu keessatti qooda guddaa qaban keessaa isa tokkodha. Tajaajilli saffisaan mootummaafi ummata jidduutti amantaa dabala, hojii bizinasiis nisi’eessa, sirni jabaan akka ijaaramu taasisa. Mootummaanis kana milkeessuuf kenna tajaajilaarratti xiyyeeffannoo addaatiin haaluma eegaleen bu’aalee argaman qorachaa tarkaanfii fudhachaa deemuu qaba.

Kanaafuu, manneen hojii mootummaas ta’ee dhaabbileen hundi mul’ata, kaayyoofi akeeka dhaabataniif kan qaban yoo ta’u, bu’aa qabeessummaafi milkaa’inasaanii ammoo ittiquufinsa maamilaa ykn abbaa dhimmaasaaniin madaalamuu qabu. Abbaa dhimmaa garasaanii tajaajilaaf deemu simachuun wantoota tajaajilaaf barbaachisan akka guutu taasisuun tajaajila fedhii abbaa dhimmaa guutu dhiyeessuun barbaachisaadha.

Tajaajila haqaqabeessa, si’ataafi iftoomina qabu kennuuf ammoo fedhii abbaa dhimmaa gara keenya dhufu adda baasuun tajaajila inni barbaadu yeroo gabaabaa keessatti kennineefi ittiquufinsa abbaa dhimmaa mirkaneessuuf maqaa gaarii mana hojii keenyaa guddisuu bira darbee guddina biyyaatiif daran murteessaa ta’uun hubatamuu qaba.

Gama kanaan akkuma irranatti ibsuuf yaalletti mootummaanis ummata sagaleesaa kennee isa filateef tajaajila qulqulluu, haqaqabeessa, si’ataafi iftoominaa qabu kan yeroon barbaadu kennuuf dirqama dachaa waan qabuuf ummatasaa gama dinagdee, siyaasaafi hawaasummaatiin tajaajila gahaa akka argatuuf caasaasaa sadarkaa sadarkaan jiru biratti yeroo yeroon deeggarsaafi hordoffii barbaachisu gochaa jira.

Kanaafuu keessumaa dhaabbileen mootummaa seeraafi sirna hordofuun kenni tajaajilaa haqaqabeessiifi si’ataan furtuu rakkoo hawaasaa ta’uu beekuun kenna tajaajilaa haqaqabeessa kan hannaafi harka ilaaluurraa bilisa ta’e, si’ataa kan yeroon barbaaduufi iftoomina qabu kennuun mul’ata, maniifi kaayyoo mana hojiif kaa’ame milkeessuuf hojjechuu qaba.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaabbileen ummata sirnaan hintajaajille, hoggansa of kennee ummataaf hinhojjenneefi hojjetaaf ogeessi tajaajilamaa deddeebisu irratti tarkaanfii akka fudhatu ibseera.

Hojii kenna tajaajilaa danquunis ummata mootummaa irratti kakaasuudha. Gochi badaan akkasii qabsoo ummanniifi mootummaan taasisuun saaxilamee bakkeetti baafama. Kanaafis hojjetaafi ogeessii sa’aatii hojii mootummaa osoo hinqisaasessiin of kennee; hooggansis sirna bulchiinsa gaarii diriirsuudhaan hojmaanni kenna tajaajilaa sirnoomee akka kennamu gochuun tajaajilamaa isaa gammachuun tajaajiluu qaba.

Ummanni keenya boo’ee osoo hintaane boonee tajaajila bilisaan argachuun seera. Kanaafis dhaabbileen mootummaa seeraafi sirna hordofuudhaan tajaajila quubsaa, si’ataafi yeroon barbaadu kennuu qabu; ummanni boo’ee osoo hintaane boonee akka tajaajilamu gochuun barbaachisaadha, dirqamas.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

 

Recommended For You