Assallafach Tsaggaayee: Haadha al 100 ol boondii hidha Abbayyaa bitanii hidhichi kansaanii ta’uu mirkaneessan

Ijaarsa hidha Laga Abbayyaatiif dhagaan bu’uuraa kan kaa’ame waggaa 13 har’aa Bitootessa 24 bara 2003 yoo ta’u, milkaa’ina ijaarsichaatiif isa homaa hinqabnerraa kaasee hanga abbaa qabeenyaa olaanaatti alaa, keessaa gumaachamaa tureera, gumaachamaas jira.

Milkaa’ina ijaarsa hidhichaatiif lammiileen bittaa boondii, arjooma maallaqaafi akaakuudhaan gumaacha gamasaanii taasisaa turaniiru, jirus. Nutis barreeffama kanaan turtii gabaabaa Magaalaa Shaashamanneetti haadha cileefi feestaaliifaa gurguranii boondii bituun gumaachaa jiran wajjin turtii taasisne isin dubbisiisna. Haati Aadde Assallafachi Tsaggaayee jedhaman tun gumaacha taasisaniifi taasisaa jiraniin jechama, “Hidhi Haaromsa kan kooti” jedhu qabatamaan mirkaneessaniiru.

Bariisaa: Bakka dhalootaafi jireenya keessanii otoo nuu ibsitanii?

Aadde Assallafach: Bakki dhalootaafi jireenyaa koo Magaalaa Shaashamannee, Araadaa, naannawa Bunnaa Taraa jedhamuudha.

Bariisaa: Hojii akkamiirratti bobbaatan? Hidha Abbayyaatiif hoo yoom, maal gumaachitan?

Aadde Assallafach: Ani feestaalii, cileefi kkf gurgureen isumaan jiraadha. Galiin hojiidhuma hojjedhu kanarraa bara 2003, yeroo dhagaan bu’uuraa ijaarsa Hidha Abbayyaa kaa’amerraa eegaleen boondii bituu eegalee hanga ammaattis bitaatuman jira. Gaafa jalqabaa boondii qarshii kuma tokkoon bite. Achii ka’ee kunoo addaan hinkunne.

Bariisaa: Boondii kana yeroo meeqa bittan?

Aadde Assallafach: Lakkii, hammam akkan bite lakkaa’anii fixuun hindanda’amu. Yeroon ji’a keessatti al shanfaa bitu waan jiruuf yeroon baay’een bite. Waliigalaan otoo kan ammaa hinlakkaa’amiin hanga ammaatti qarshii kuma 640n boondii biteera. Qarshii kuma 120 ammoo arjoomeera.

Bariisaa: Qarshii boondii ittiin bittan deebistanii fudhattaniituu?

Aadde Assallafach: Eeyyee. Garuu yoo naa deebifames deebiseetuman kennaa ture.

Bariisaa: Ijaarsa hidha guddichaatiif hanga kana waanuma qabdan kennuuf maaltu isin kakaase mee ?

Aadde Assallafach: Jaalala biyyaati. Yaada biraa maalin qaba jaalala biyyaa qofa.

Bariisaa: Ijoollee meeqa qabdu?

Aadde Assallafach: Ijoollee laman qaba.

Bariisaa: Haala ijaarsi hidha Abbayyaa waanuma qabdaniin irratti hirmaachaa jirtan kun waanirra jiru dhaqxanii ilaaltanii beektuu?

Aadde Assallafach: Yeroo sadii dhaqeera.

Bariisaa: Warri kaanis akkuma keessan akka gumaachaniif maal gorsitu?

Aadde Assallafach: Hunduu waan biyyasaaniif ta’u hamma danda’an gumaachuu qabu, jiraachuun kan danda’amu yoo biyyi jiraatte waan ta’eef. Anis oggaa waggoota darbaniif boondii bitaa turetti namoota dadammaqsaan ture. Muuxannoo koorraa ka’aniiti lammiilee baay’een gara boondii bituutti kan seenan. Muuxannoo koo kana karaa miidiyaalee baay’ee qoodeera.

Bariisaa: Namni hanga keessan boondii baay’ee irra deddeebiin bite jiraa?

Aadde Assallafach: Maqaleerraa namni yeroo 99 bite akka jiru quba qaba. ani garuu yeroo 100 ol biteera.

Bariisaa: Oggaa boondii kana bittan galiin keessan guyyaa hammam ture?

Aadde Assallafach: Ani galii addaa  hinqabu. Waanuman baankiidhaa qabullee baasee boondii qarshii kuma 30 bite; yeroo sadii.

Bariisaa: Gaafa jalqabaa akkamiin boondii bituu eegaltan? Odeeffannoosaa eessaa argattan?

Aadde Assallafach: Bara 2003 oggaa dhagaan bu’uuraasaa kaa’amu televizyiniidhaan argee ililfadhee lafa dhungadhe. Waxabajjii 6 bara 2003 boondii jalqabaa qarshii kuma tokkoon bitee ergasii kunoo addaan hinkunne.

Bariisaa: Ijaarsi hidha Abbayyaa isin boondii bittanii gumaachaa turtaniifi jirtan kunoo harka 95 irra gaheeraatii kanaan maaltu isinitti dhaga’ame?

Aadde Assallafach: Egaa, ani hidha Abbayyaa qofa otoo hintaane hojii misoomaa hundarrattuu hamma humna koo nan hirmaadha. Ijaarsi hidha Abbayyaa sadarkaa kana ga’uusaatti gammachuu guddaatu natti dhaga’ame. Gammachuu natti dhaga’ame ibsachuun na rakkisa. Hojiin akkanaa yoo eegalame anis gumaacha koo ittifufuuf qophiidha.

Bariisaa: Faayidaa hidhi Abbayyaa keessumaa haadholii akka keessaniif argamsiisu akkamitti ibsitu?

Aadde Assallafach: Ijaaramuu hidha Abbayyaatiin nuti, haadholiin aara jalaa boqonnee elektirikiitti fayyadamna. Hidhichi haadholiifis ta’e lammiilee hundaaf faayidaa guddaa qaba.

Bariisaa: Yaada kana waan nuuf qooddaniif galatoomaa!

Aadde Assallafach: Isinillee galatoomaa!

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 14 Bara 2016

Recommended For You