Du’anii waggoota 17 booda du’aa ka’uun akkamiin? Kun raajii attamiiti nama jechisiisuunsaa waan oolu miti. Eeyyee, lubbuu erga du’ee waggoota 17 lakkoofsisee ka’etu jira; gurri maal nudhaga’a jechuun keessan hinoolu.
Lubbuun kunimmoo waggoota 17f dhidhimee ykn du’ee hedduu boochiseera, quuqamaafi gadda onnee nama cabsu kanaaf hedduun weellisanii boo’icha keessasanii sagaleessisaniiru. Rabbis kana dhagahe fakkaataa du’aa waggoota lakkoofsisetti lubbuu horee ajab jechisiiseera.
Lubbuun waggoota 17 booda didhima du’aa keessaa baate tun dargaggoota hedduuf wiirtuu bashannanaa bakka haara galfii bakka aarii itti cabsatan, gammachuu itti dhandhamaniifi jaalala waloo itti qooddatan ta’e kun Haroo Haramaayaati.
Lubbuun waggoota 17 booda du’a kaatee lubbuqabeeyyiif soora lubbuufi qalbii dacheef simboo uumamaa taate Haroon Haramaayaa seenaa dheeraa akka komedii nama bashannansiisu, akka tiraaajedii nama gaddisiisu keessummeessiteetti. Har’a garuu lubbuu horatteetti.
Tibbana wayita dhimma hojiitiif garasitti imalletti Hara Haramaayaa daawwannaaf deemnetti bakkichi wiirtuu qalbii namaa hawwattu taateetikan argane. Dargaggoonni garee gareedhaan akkuma hiriyyummaasaaniitti waliin ta’anii kaan qarqara harichaa taa’anii yaadqaalbiidhaan masakamanii kanneen haricharra basha’an daawwachaa gammachuusaanii dhandhamu.
Kanneen haricharra bashannananimmoo Hara Haramayaa ganamaa hanga har’a maqaa gaarii qabdu kana bidiruudhaan irra dhaangala’aa gammcahuu waloosaanii qooddatu. Haroo Haramaayaaf hedduun weellisaniiru. Kanneen keessaa Alii Birraa, Alii Shabboo, Haaloo Daawweefi Faaxee Anniyyaafaa maqaa dhahuun nidanda’ama.
Dhugaadha, Haramaayaan osoo hingogiin dura qalbii amaa daran gammachiisaa turte. Kaaniif biddeena guyyaa taatee tajaajilaa turteetti. Duubarra garuu wayita gogdu namoonni hedduun akka ilmaan haati irraa duute battala maqaashee dhagahanitti boo’aa turan.
Sun hundi seenaa ta’ee darbuun turtii waggoota 17 booda yeroo harichi bakkatti deebi’u kanneen haati keenya duute du’aa kaate jedhanii biyya keessaafi alaa gammachuu qaban hanga har’aallee itti gammadaa kan jiran kumaafi kitila.
Battaluman haricha bira ga’etti dargaggoota Yunivarsiitii Haramaayaa yeroo boqonnaasaaniitti sammuusaanii gammachuu sooruuf dhufan argee itti goree isaan dubbise. Dargaggoonni kunniinis harri Haramaayaa haadha taatee nusimatte jedhu.
Dargaggoo Baacaa Abarraa barataa Yunivarsitii Haramaayaa Muummee Akkaawuntiingiifi Faayinaansiiti. Dur dur waa’ee Harmaayaa waalleedhaan dhaaga’aa akka ture; duubarrammoo goguusheefis walleen boo’icha akka ture dhaga’aa turuu kaasa.
Haroon waggoota 17f gogee ture kun waggoota afur dura bakkatti deebi’ee ijaan arguusaatiif gammachuu guddaan akka itti dhaga’amu ibsa. Haramaayaa dur maqaan qofa beeku gogdeeshees dhaga’aa ture akkuma inni yunivarsiiticha galeen bakkatti deebi’uu arguu kaasee, wiirtuu bashannanaa ta’uufiis ni dubbata.
Dargaggoon godina Oromiyaa biraarraa dhufuusaa ibsu kun, battala carraan barnootaa Haramaayaa isa gaheen Harri Haramaayaas haadha taatee isa simattee yeroo boqonnaasaa rakkinasaa kan itti irraanfatu, gammachuusaa itti dhandhamu taatee isa tajaajilaa jiraachuu eera.
Kan daran weellifameef Harri Haramaayaa dhugumattuu haadha kan jedhu dargaggoon kun, dargagoota hedduuf wiirtuu bashannanaa, bakka mukuu itti bahan, addunyaa qalbiin badde itti deebituudha jedha.
Kanaaf turtii yunivarsitichatti dabarsaa jiruun yeroo boqonnaasaatti hiriyyootasaa waliin gara Haroo Haramaayaatti imaluun bidiruudhaan haricharra danbali’aa gammachuusaa qooddata.
Wiirtuun bashannanaa akkanaa naannawa yunivarsiitichaatti argamuun dargaggoonni yeroo boqonnaasaanii araada hinmalleef akka hinsaaxilamne kan gargaaran waan ta’eef bakkeewwan dhaabbileen barnoota olaanaa jiranitti babal’achuu akka qabu dhaama.
Hirkoo Taaddasaa Yunivarsiiii Haramaayaatti barataa waggaa sadaffaa Muummee Appilaayid Ji’oogiraafiiti. Isa Haramaayaan biyya jaalalaati jedhamu dhaga’aan ture. Kanas dhugumattuu Haramaayaan biyya jaalalaa, haadhaafi abbaa taatee kan tajaajiltu ta’uu qabatamaan arguu kaasa.
Namni kamuu gaafa bakka dhalootasaarraa fagaatee deemu akka waan kormi biyyaa ba’ee biyya ormaa jiru madaqoo ta’uusaatiin olii gadi deemee baroodu sana nas kanatu mudata jedhee yaadeen ture. Garuu namnisaa, laftisaa jaalala nama hinquuqne kan qabu, namaa qoodee koodee kan namaaf ta’udha jedha.
Dargaggoo Hirkoofi Baacaan hiriyoota. Haroo Haramaayaa kanatti waliin bashannanuuf torbee boqonnasaaniitti achitti waalgahuun qalbiisaanii waan gara garaan guutte bashannansiisu. Yeroo achi dhunu kanttis nyaata harri Haramaayaa isaaniif qopheessite akaakuuwwan qurxummii gara garaa qarqara harichaatti dhandhamuun ija banatu.
Sanbooda haricharra bidiruun bashanannaa danbalii harichaan bitaaf mirgatti fulduraaf duubatti shaashaa jechaa mukuu sammuu obbaafanna jedha Dargaggoo Baacaan.
Barnoonni baratu Hara Haramaayaan kan walsimatudha kan jedhe Dargaggoon kun, keessumaa goguu harichaatiif sababni kaleessa ture ammas mudachuu waan danda’uuf gamanumaa hojii hubannoo uumuurratti hojjetamuu akka qabu kaasa.
Balfawwan naannawa harichaatti gataman takkaan rakkoo qulqullinaa fiduu danda’u; lammatammoo deebi’ee akka goguuf sababa waan ta’uuf of eeggannoon barbaachisaadha jedha.
Daawwannaa gaggeessu keessatti qarqara harichaatti balfa gatuun nicalaqqisa jedhee, kan kaleessa lubbuudha jedhamtee faarfamteef dhandhmnishii olaanaa waan taateefi, jechuun ibsa.
Har’as dhandhamnishii ganamaa Harri haramaayaa lubbuu ta’uunshee dagatamuu akka hinqabne ogeessotaanis mootumamadhaanis deeggaramuu akka qabdu himee jira.
Harri Haramaayaa wiirtuu bashannanaa dargaggootaa qofa otoo hintaane bakka dargaggoonni jijjiirama yaadaa itti fidan, bakka araadiwwan gara garaa itti badu waan ta’eef giddugala haaromsaa taatee tajaajilti.
Kanaafuu, kunuunsi taasifamuufii qabu cimuu qaba jedhee gaama kanaan deeggarsa Yunivaarsitiin Haramaayaa taasisaa jiru kan jajjabeeffamuu qabu akka ta’e dubbata.
Wiirtuun Haroo Haramaayaa tokko tokkoof bakka bashannanaafi aaragalfii yoo taatu, kaaniifimmoo buddeena idilee taatee tajaajilti. Dargaggoo Musaabir Ramadaan baraataa kutaa 7ffaati. Yeroo boqonnaasaatti bidiruu aadaatiin namoota bashannanuu dhufan haricharra bashannansiisuun guyyaatti hanga maallaqa 500 argachaa jireenyasaa jijjiiruuf tattaafata.
Hojii bashannansiisaa kana yeroo bqonnaasaatti kan hojjetu dargaggoon kun, maallaqa argatus bidiruun isaan itti hojjetan duubatti hafaa waan ta’eef balaaf saaxilamaa ta’uu kaasa.
Kanaafuu mootummaanis ta’e dhaabbileen mitmootummaa Haroo Haramaayaatiif jaalala qaban ibsuuf bidiruu motoraan hojjetu osoo arjoomanii gaarii ta’uu hima.
Jaalalli gochaan mul’ataan dhugaadha. Haroon Haramaayaa waggoota afur dura dirree dheedicha loonii ta’ee ture amma waan bayyanateef ijji nujaamtee turte banamuun gammachuu madaala hinqabne uumamaaf kenneera jechuun ibsa.
Harichi nama qofa miti uumamoota gara garaa kanneen akka qurxummiitti lubbuu horeera. Simbirroonni akka daakiyyeefaan irra bashannanuun gammachuufi irbaata guyyuusaanii irraa qooddatu.
Kanaaf Harri Haramaayaa lubbuudha. Dhala namaafi uumamoota gara garaaf hirbaata. Bakka boqonnaan saammuu itti argamu, bakka gammachuun itti dhandhamamu, wiirtuu haaromsaati.
Harri gogee nama boochisaa ture waggaa afur kessatti bifa addaatiin guutee nadaawwadha; narraa nyaadhaa, narra yaa’aa yoo jedhu uumaan du’aatti lubbuu horuu akka danda’u qabatamaan kan nama agarsiisuudha.
Haroon Haramaayaa dargaggoota hedduuf bakka bashannanaa kanamlees hojidhabeeyiif madda irbaata guyyuu ta’e kanaaf hordoffiifi deeggarsi ogummaa taasifamuu akka qabu taateewwanfi mudannoo jirurraa hubachuun nama hinrakkisu.
Hudhaan haricha dhabamsiise ture deebi’ee akka hinmudanneef aantummaan hojii hordoffiifi deeggarsa taasisuun barbaachisaa waan ta’eef yeroorraa yerootti karaa saayinsaawaan qoratamaafi hordofamaa jiraachuu Qindeessaa Misooma Bishaanii Haroo Haramaayaa Dargaggoo Diinee Rashiid ni ibsa.
Harichi akkuma ittibareede kanatti akka ittifufuufi hangi bishaanichaa akka hinhir’anneef yeroorra yerootti karaa saayinsaawaan ogeessota bishaaniin deeggaramnee qorannaa hordoffiifi deeggarsa taasisaa jiraachuu Bariisaatti himeera.
Yeroo ammaa gadifageenyi harichaa meetira afur ta’uus eeree, haala qilleensaa hordofuun dabaluu ykn hir’isuu waan danda’uuf qorannaa barbaachisu taasisaa hudhaa haricha miidhan adda baasaa wiirtuu bashannanaa ardiifi simboo lubbuqabeeyyiif nyaata qalbiifi lubbuu taate taasisuuf humna guutuun hojjetaa jiraachuu kaaseera.
Gama kanaan rakkoon hubannoo hawaasaa ammallee jiraachuu kan eeru qindeessichi, qarqara harichaatti balfaa gatuun boo’icha kaleessaa fiduu waan danda’uuf jaalala Haroo Haramaayaaf qabnu qabatamaan agarsiisuu qabna jedha.
Walumaagalatti harichi namoota hedduuf soora qalbii wiirtuu haaromsaa, soorata lubbuu guyyuuti. Uumama birootiif bakka galmaa bakka bashannanaa dacheef miidhagina uumamaa taatee kan tajaajiltu waan taateef lubbuu waggoota 17 booda du’aa kaatee lubbuu namaaf taate kana kunuunsinee giddugala tuuristii madda sharafa alaa taasisuuf hojjechuun murteessaadha.
Waasihun Takileetiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016