Waa’ee sagalee guddaa dhaabbilee amantii keessaa bahaniirratti haa mari’annu

Rabbi isa asaasee ykn sagaleesaa gadibuusee kadhatu hindhagahu kan jedhu hinjiru; mirgi amantaa fedhan hordofuu seeraan kan kenname ta’us yeroo tokko tokko daangaa seeraa darbanii amantaan kan kootu caala, kan kootu biyya kan kootu dhagahamuu mala ilaalcha jedhuun bifa waldorgommii fakkaatuun hawaasa boqonnaa dhorkuun babal’ataa jira.

Iyyi sagaleen waljeequu kunimmoo Rabbi sagalee asaasaa kan hindhageenye sagalee jeequmsaa kan barbaadu fakkeessuun kan koo naa haadhaga’amuuf dorgomiitti kan jiramu fakkaata.

Rakkoo ilaalchaa haata’uu kan kootu caalaa manneen amantaa tokko tokko amantaasaanii biyya godhanii kan ilaalan hindhibaman, kan isa kaannimmoo ija gadheen ilaalu.

Dhugaa dubbachuuf yoo ta’e namni kamuu mirga amantaa fedhe hordofuufi babal’isuu haa qabaatu malee kan ofii biyya godhee kan ormaammoo garee godhee gadi buusee madaaluuf yaaluunis mul’ata. Kunimmoo sammuu dhiphaa qabaachuu yoo ta’een ala nageenya jedhanii yaaduun hindanda’amu.

Sagalee hawaasa jeequun olkaasanii yoo iyyan malee Rabbi nama hindhagahu kan jedhu hinjiru. Kanamalees haala waan amantaa biraa wajjin waldorgommiirra fakkaatuun boqonnaa waldhorkuun hafuuraanis karaa seeraas fudhatamummaa kan qabu miti.

Kanarraa kan ka’e ciisa waldhorkuun waldorgomuun calaqqisaa jira. Adeemsi akkanaa waan sirrii hintaaneef abbootiin amantaa wayita kadhata gaggeessan naamusa mana amantaan guutamanii ykn ijaaramanii osoo raawwatanii gaarummaa qabaata.

Kana duwwaas miti babal’achuun manneen amantaa namni hafuuratti akka guddatuuf bu’uura haata’u malee maqaa amantaatiin kanneen ergama biraatiif kufanii ka’an akka jiranis dagatamuu hinqabu.

Babal’achuun amantaa lammiileen ilaalchaan, yaadaan hafuuraafi qulqullummaan akka jiraatan kan gargaaru ta’us faallaa kanaammoo sagalee guguddaafi olka’aa baasuun yeroo waljeeqan namas jeeqan dhaga’amu.

Dhimmi kun yeroo ilaalamu akkuma mammaaksa, “Mimmixa kootu guba…” sana ilaalcha hunduu amantiin kankootu caalaa fakkaatu kun yeroodhaan karaa qabsiisuun gaariidha.

Haata’u garuu hawaasni magaalaa sagaleewwan olka’aa manneen amantaa keessaa bahaniin yeroo boqonnaa dhabu callisaan ilaaluunis sirrii miti.

Hunduu Rabbi tokkicha erga waamee haala walis ta’e hawaasa hinjeeqneen osoo godhatanii silaa namatti tola bira darbee simboofi miidhagina addaa ta’a. Kun ta’uu dhabuusaatiin waanti haala waldorgommii fakkaatuun gaggeeffamaa jiru hawaasa jeeqaa jiraachuun hubatamuu qaba.

Dhimmi kun yaaddessaa ta’aa jiraachuu Ministirri Muummee Itoophiyaa Doktar Abiyyi Ahmad marii tibbana jiraattota Magaalaa Finfinnee waliin taasisanirratti kaasaniiru.

Komin kun hawaasa biraa ka’uu hordofuun deebii kan kennan Doktar Abiyyi manneen amantaa sagalee guddistuun kan waljeeqan hirriba waldhorkan osoo hintaane miidhagina walii ta’uu akka qaban kaasaniiru.

Haata’u garuu dhimmichi waldorgommii fakkaata, kanamalees bakkawwan garagaraatti babal’isuun gaaffii bakka awwaalchaafi kan biroo kaasaa jiru. Dhimmi kun seera akka qabaatuuf xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jedhaniiru.

Bakka baay’inni ummataa yeroorraa yerootti dachaan dabalaa jirutti bakka awwaalchaas gaafatamaa jira. Sochichi waldorgommii fakkaata, waaldorgommiin akkasiimmoo waldhabdee hawaasa amantaa gara garaa hordofu kan walittti buusu, waldhabdee kan hammeessu, jibba kan uumu waan ta’eef hunduu hafuura hubannaafi tasgabbiin amantaasaa gaggeeffachuun barbaachisaadha.

Walumaagalatti sagaleen manneen amantaa kan hawaasa boqonnaa dhorku ta’uu akka hinqabne irratti waliigaluun barbaachisaadha. Kana malees aadaa walkabajuu, waljaalachuu fedhii walii eeguun ummanni biyyattii ittiin beekamuun ijaaramnee garaagarummaa amantaa keenyaa akkuma sabdaneessummaa keenyaa simboo keenya godhannee ilaaluun waliindhaabachuun barbaachisaa waan ta’eef irratti mari’annee karaa haa qabsiifannu.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016

Recommended For You