Tarkaanfii cimee ittifufuu qabu

Mootummaan eeyyantaa ummataatiin aangoo qabate tajaajila si’ataa, haqaqabeessaafi qulqulluu ummataaf kennuuf hojjetaa jira. Manneen hojii mootummaas seera, labsiifi qajeelfama manni hojichaa qabu bu’ureeffachuun abbaa dhimmaatiif tajaajila iftoominaafi haqummaa qabu kennuuf dirqama qabu. Abbaan dhimmaas tajaajila manneen hojii mootummaarraa barbaadu argachuuf ulaagaa barbaachisu guuttatee tajaajila barbaadu argachuuf mirga qaba.

Waajjiraaleen mootummaa lammiileef tajaajila si’ataa, qulqullinaafi haqaqabeessa kennuuf dirqama qabu. Ummannis waajjiraalee mootummaarraa tajaajila barbaadu bilisaafi haqaan argachuuf mirga qaba. Waajjiraaleen mootummaa tajaajila si’ataafi qulqullina qabu kennan akkuma jiran kanneen tajaajila si’ataa, qulqullinaafi iftoomina hinqabne kennaniifi abbaa dhimmaa deddeebisuun ummanni mootummaa akka komatu taasisaa jiranis jiru.

Mootummaanis kenni tajaajilaa rakkoo qabaachuu erga qorannoo bal’aa adeemsisee adda baasee booda, furmaatasaafis kallattii kaa’ee hojjechaa jira. Kallattiin kaa’ames tajaajilawwan manneen hojii mootummaa gama hundaan kennaman si’ataa, qulqulluu, haqaqabeessaafi hannarraa bilisa taasisuun jijjiirama akka biyyaatti eegalame milkeessuufi badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba.

Rakkoon kenna tajaajilaa ummanni mootummaa akka komatu waan taasisuufi imala badhaadhinaas waan danquuf manneen hojii mootummaa sadarkaan jiran hundi kenna tajaajilaa fooyyessuurratti xiyyeeffatanii kallattii kaa’ameen hojjechuu qabu.

Mootummaan Naannoo Oromiyaas kallattii kenna tajaajilaa fooyyessuuf kaa’amerratti hundaa’uun hoggantoonni waajjiraalee sadarkaan jiran guyyoota torbanii keessaa Wiixata, Roobiifi Jimaata waajjira taa’anii abbootii dhimmaa akka tajaajilan taasiseera.

Hojjettoonni mootummaa biroon garuu guyyoota hojii hunda hojiisaaniirratti argamanii tajaajila kennuu qabu. Hoggantoonnis ta’e hojjettoonni mootummaa ittigaafatamummaa kennameef sirriitti akka bahataniif to’annoofi hordoffiin taasifamaa jiru cimee ittifufuu qaba.

Jijjiirama akka biyyaatti eegalame fiixa baasuun badhaadhina hundagaleessa mirkaneessuuf manneen hojii mootummaa hundatti kenna tajaajilaa fooyyessuuf hojiin eegalame jijjiirama gaarii agarsiisaa waan jiruuf daran cimee ittifufuu qaba.

Manneen hojii mootummaa tokko tokkotti ammayyuu abbaa dhimmaa deddeebisuun, tajaajila si’ataafi haqaqabeessa kennuu dhabuun, guyyoota torbanii hoggantoonni abbaa dhimmaa akka tajaajilaniif kaa’aman ajandaa biraatiin qabamuun darbee darbee waan mul’atuuf to’annoofi hordoffiin kenna tajaajilaa mirkaneessuuf taasifamaa jiruufi tarkaanfiin fudhatamaa jiru cimee ittifufuu qaba.

Rakkooleen kenna tajaajilaatiin walqabatanii mul’atan kutannoo mootummaa qofaan furamuu waan hindandeenyeef abbootii dhimmaa dabalatee tumsa qaamolee hundaa barbaada. Abbaan dhimmaa manneen hojii mootummaarraa tajaajila barbaadu argachuuf ulaagaalee tajaajilaaf isa barbaachisan guuttachuufi mirgasaa kabachiisuu cinatti qaamolee haqasaa dabsan saaxiluun ga’eesaa ba’uu qaba.

Tajaajiloonni manneen hojii mootummaa kennan iftoomina akka qabaataniifi ittiquufinsa ummataa akka mirkaneessaniif miidiyaan biyyattiis dhimma kenna tajaajilaarratti ittifufiinsaan hojjechuu qabu.

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016

Recommended For You