Nageenya qabeenya waloo keenyaa ta’e waliin haa eeggannu

Dhimmi nageenyaa sadarkaa biyyaa, ardiifi addunyaatti ajandaa dhala namaa isa olaanaadha. Nageenyi ittifufiinsa qabu misoomaafi guddina ariifataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’us rakkoon nageenyaa biyya keenya dabalatee ammoo biyyoota hedduu keessatti mul’ata. Nageenyi qabeenya waloo keenyaati waan ta’eef waliin eeggachuun barbaachisaadha.

Yunivarsitii Naannoo Oromiyaatti Barsiistuufi Qorattuu kan ta’an Itaafarraawu Wubsheet Konfiraansii Nageenyaa Liigii Dubartootaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa mataduree, “Nageenya Itoophiyaa nan eegsisa, ilmaankoo horata nandhaalchisa” jedhuun dhiyeenya kana Magaalaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti adeemsifamerratti akka jedhanitti, dubartoonni nageenyi ittifufiinsa qabu akka uumamu taasisuu keessatti gahee olaanaa qabu. Nageenyi qabeenya waloo keenyaa waan ta’eef waliin eeguufi kunuunsuun barbaachisaadha.

Akka isaan jedhanitti, jechi nagaa ijaaruu yeroo jalqabaatiif kan uumammee nama ‘Johan Galtung’ jedhamuun bara 1970tti. ‘Johan Galtung’ akka jedhanitti, nagaa ijaaruuf ka’umsa walitti bu’iinsaa beekuun nagaa waaraa buusuuf hojjachuudha. Akka ‘Schirch’ (2008) hiikutti ammoo nagaa ijaaruun tarsiimoo hundagaleessaa fayyadamuun osoo jeequumsi hinumamiin karaa hiika qabuun walittibu’insa furuu ykn hiikuudha. Dhalli namaa sodaafi yaaddoo nageenyaa malee fedhii jireenyaasaa guuttatee yoo jiraate nagaan jira jedha.

Dhalli namaa uumamaafi qabeenya uumamaa naannawasaa waliin nagaa qabaachuu qaba. Nagaan ammoo sammuufi laphee namaa keessatti uumama. Utuu ollaan keenya agabuu buluu, daangaa keenyaan ala qabeenyi uumamaa manca’uufi waraanni ykn lolli jiruu dhalli namaa nagaa hinargatu.

Nagaa ijaaruun yeroo dheeraa fudhata. Amantaa, hawaasa naanawaafi qaamolee hunda nagaa ijaaruu keessatti hirmaachisuun nagaa ijaaruurratti qooda olaanaa qaba. Nagaa ijaaruun hundee waldhabdee furuufi jijjiirama hawaasummaa, siyaasaafi dinagdee gaarii guddisuu of keessatti qabata. Nageenyi waaraan kan mirkanaa’u waraanaan utuu hintaane mariidhaan ta’uus eeraniiru.

Tokkummaa heddumminaan faayame waan qabnuuf dhugaa keenya qabannee qaamolee nu dura dhaabbatan qolachuun mul’ata qabanne dhugoomsuuf hunduu tumsuu qabna. Qormaatni baay’atus jijjiirama eegalame ittifufsiisuuf hunduu dirqama nurraa eegamu bahachuu qabna jedhu.

Tokkummaa biyyaalessaa ijaaruuf dhimmoota akka biyyaatti irratti walii hingalamne adda baasuudhaan karaa tasgabbii qabuun irratti mari’achuufi gara yaada tokkootti fiduun barbaachisaadha. Qaamolee marii biyyaalessaa biyya keenyatti adeemsifamuuf jedhu gufachiisuuf socho’anirratti dafnee dammaquun milkaa’ina marichaatiif hojjachuu qabna jedhu.

Waldhabdeen garaagarummaa fedhiifi ilaalcharraa kan ka’e uumamuu mala. Waldhabdeen yaadaafi ilaalcha kan koo qofaatu sirriidha ykn fudhatamuu qaba jedhurraa madda. Walittibu’iinsi ammoo wayita namoonni fedhiifi faayidaa isaanii guttachuuf tattaafatan uumama.

Walittibu’insa akka balaa ykn sodaa qofaatti ilaaluu osoo hintaane akka carraa walhubannoo ofiifi kanneen biiroo waliin qabnu kan guddisu ta’uus hubachuu qabna. Waldhabdee akka ka’umsa kalaqaafi fooyya’iinsaatti, akka yaada ijaarsaafi kallattiitti fudhachuun ni danda’ama jedhu.

Akka biyyaafi Naannoo Oromiyaatti walitti bu’insiiwwan garagaraa (humna riphee lolaatiin, daangaafi marga horii dheedichaatiin) walqabatanii uumamaniiru. Hanqinni qabeenyaa, komiin, seenessi qeenxeefi waldhabdeen aangoos maddoota waldhabdeeti. Loogiin, walqixxummaafi tasgabbiin siyaasaa dhabamuunis waldhabdeen akka uumamuuf sababa ta’uu himu Barsiistuu Itaafarraawu.

Kufaatiin dinagdee, qaala’insi gatiifi hanqinni tajaajila hawaasummaa kanneen akka bishaan, ibsaa akkasumas hojiidhabdummaan rakkoolee guguddoo walittibu’iinsa hordofuun qaqqabaniidha jedhu.

Dubartoonni nagaa ijaaruu keessatti gahee olaanaa qabu. Sirna Gadaa keessattis dubartiin woyyuufi mallattoo nagaa Waaqaa lafaati. Dubartoonni qaama kamiiyyuu olitti nagaa jaalatu jedhamee amanama. Sirna Gadaa keessatti dubartoonni waldhabdeen hawaasa keessatti akka hinuumamne ni taasisu. Dubartoonni waldhabdee uumame furuun nagaa hawaasaa waarsuu keessattis qaama kamuurra gahee olaanaa qabu. Waldhabdee hiikuu qofa osoo hintaane nagaan akka ittitu gochuufi ceesisuu keessattis gumaacha guddaa kan qaban ta’uu dubbatu.

Dubartoonni hawaasa walitti bu’iinsaan midhame deebisanii ijaaruufi waldhabdee booda araara buusuufi walittidhufeenya hawaasummaa deebisanii dhaabuun nageenyi ittifufiinsa qabu akka jiraatu gochuu keessattis gahee olaanaa kan qaban ta’uus himaniiru.

Dubartoota ijaarsa nagaa keessatti hirmaachisuun walitti hidhamiinsa hawaasummaa guddisuun nagaafi tasgabbiin akka jiraatu taasisuudha kan jedhan Qorattuu Itaafarraawu, gumaacha dubartoonni ijaarsa nagaa keessatti raawwataniif ammoo beekamtii kennuun barbaachisaadha.

Nageenya ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf hawaasni waliin jiraatu waliif yaaduu, walitti dhiyaachuu, walgargaaruu, tokkummaasaa cimsachuufi garaagarummaa mariidhaan hiikuun nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf qindoominaan hojjachuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016

Recommended For You