Daawuroon godinaalee Bulchiinsa Naannoo Ummattootta Itoophiyaa Kibba Lixaa ja’an keessaa tokko yoo ta’u, aanaalee 10fi bulchiinsota magaalaa lama qaba. Maagaalaan Tarcaa ammoo magaalaa guddittii naannichaafi godinattii taatee tajaajilaa jirti.
Godinni Daawuroo iddoowwan hawwata turistii uumamaa, namtolcheefi seenaa hedduu qabaachuun beekama. Sabni Daawuroo ammoo aadaafi duudhaa gabbataa nageenyaafi tokkummaa hawaasichaa cimsuu keessatti gahee olaanaa qaban hedduu qaba. Sabni kun aadaa uffannaa, nyaataafi lakkoofsa baraa mataasaa kan qabaachuun beekama.
Godinichatti Ittigaafatamaan Qajeelcha Aadaa, Turizimiifi Ispoortii Obbo Geetaahuun Girmaa gaafdeebii dhiyeenya kana garee gaazexeessitoota Dhaabbata Pireesii Itoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti, godinichi iddoowwan hawata turistii uumamaa, namtolcheefi seenaa misoomaniifi hinmisoomne hedduu qaba. Kaabiin Dhagaa Halaalaa iddoowwan hawwata turistii godinichaa keessaa isa tokko. Kaabiin dhagaa kun kan ummanni Daawuroo diina ofirraa dhorkuuf dur ijaarrateedha. Kaabiin kun aanaalee shan daangessee argama.
Kaabiin dhagaa mootiin Daawuroo Halaalaa ijaarsise kun ‘UNESCO’n akka galmaa’uuf mootummaan naannichaafi godinichaa hojjechaa jiraachuu himanii, kaabiin dhagaa kun jaarraa 15ffaa-17ffaatti kan ijaarame ta’uus eeraniiru.
Godinichi holqawwan, fincaa’aawwan, hurkawwan, paarkii biyyaalessaa Cabaraa Curcuraa, bataskaanonni durii, jaarraa 18ffaa keessa hojjetaman, bosonni iddoowwan hawwata turistii godinichi qabu keessaa isaan ijoodha. Iddoowwan hawwata turistii kunneen keessaa baay’eensaanii daandii dabalatee hanqina bu’uuraalee misoomaa kan qaban ta’uu dubbatu.
Paarkiin Biyyaalessaa Cabaraa Curcuraa qaama pirojektii Koyishaa kan sagantaa ‘Maaddiin Biyyaaf’ jedhuun hojjetamaa jiruuti kan jedhan Obbo Geetaahuun, kilaastaroota pirojektii Koyishaa shan keessaa sadii Godina Daawurootti argamu. Sadan keessaa tokko Loojii Halaalaa Keellaa kan bara darbe eebbifamee tajaajila kennaa jiruudha. Kanneen hafan lamaan ijaarsarra jiraachuu dubbatu.
Xiyyeeffannoo mootummaan damee turizimiif kennee hojjechaa jiruun daandiiwwan gara iddoowwan hawwata turistiitti geessan hedduun hojjetamaa jiraachuu himanii, sagantaa ‘Maaddii n Biyyaaf’ jedhuunis pirojektonni hedduun hojjetamaa jiru. Pirojektonni sagantaa ‘Maaddiin Biyyaaf’ jedhuun hojjetamaa jiran wayita guutummaatti xumuraman iddoowwan hawwata turistii godinichaa akka daaw’atamaniif carraa guddaa uuma jedhu.
Erga Loojiin Halaalaa Keellaa hojii jalqabee as yaa’iinsi turistoota biyya keessaa iddoowwan hawwata turistii godinichaa daaw’atan dabalaa jiraachuu himanii, turistoonni biyya alaas darbanii darbanii dhufaa jiraachuu himu. Turistoonni gara magaalaa guddoo godinichaa, Tarcaa dhufanis Godambaa Daawuroo kan hambaaleen aadaa sabichaa itti argaman daaw’achaa jiraachuu eeraniiru.
Yaa’iinsa turistii kana caalaatti guddisuuf dhaabbileen tajaajila babal’isuurratti xiyyeeffatanii hojjechaa jiraachuu himanii, wantoota turistoonni barbaadan guutuudhaan yeroo turtiisaanii akka dheeressan gochuuf hojjetamaa jiraachuufi hoteelonni abbaa urjii shanii shan Magaalaa Tarcaatti ijaaramaa jiraachuus eeraniiru.
Sabni tokko aadaa nyaataa, uffannaa, sirbaafi ragadaa ittiin beekamu qaba. Sabni Daawuroos akkasuma nyaatawwan aadaa gara garaa 30 ol ittiin beekamu qaba. Aadaa Daboo tokkummaa sabichaa cimsanis ni qaba. Sabichi guyyaa bilisummaa dubartootaa ‘Gaziyaa’ jedhamuufi jijjiirraa bara haaraa kan ofiisaa ni qaba jedhu.
Dubartoonni guyyaa bilisummaasaanii kana walga’anii dhimmootasaaniirratti muri’atu. Sirni kabaja guyyaan ayyaana bilisummaa dubartootaa kun laafaa waan dhufeef deebisanii jabeessuuf hojjechaa jiraachuu himu.
Sabni Daawuroo yoo walitti bu’e sirna abbaa seerummaa aadaa ‘Dubbusha’ jedhamuun araarama. Sirnichi jaarsolii biyyaatiin adeemsifama. Sirnicharratti namoonni walitti bu’an dhiyaatanii kan balleessetti muramee araaramu. Sirni abbaa seerummaa (Dubbushaa) kun nageenyaafi tokkummaa cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uus himaniiru.
Mana murtii ragaan namoonni sadii argamnaan soba ta’us dhugaa ta’us nimurteessa. Sirni abbaa seerummaa aadaa garuu haqa baasuudhaan isa balleesserratti muruun qaamolee lamaan walitti araarsa. Sirna abbaa seerummaa aadaa keessatti sobuun waan hinjirreef haqa baasuu keessatti abbaa seerummaa mana murtii caalaa filatamaadha. Sirni abbaa seerummaa aadaa baasii, yeroofi humna kan qusatuufi yeroo gabaabaa keessatti murtee kennuufi nageenya cimsuu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uus nidubbatu.
Sirna abbaa seerummaa mana murtii keessatti haaloo qabachuun akka jiru himanii, sirna abbaa seerummaa aadaa keessatti haaloo qabachuun waan hinjirreef nageenya cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Kanaafuu sirni abbaa seerummaa aadaa nageenyaafi hariiroo hawaasaa cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uu dubbataniiru.
Sabni Daawuroo lakkoofsa bara haaraa kan ofiisaa ‘Tokibiya’ jedhamu qaba. Dhalattoonni saba Daawuroo biyya keessaafi alaa jiraatan ayyaana bara haaraa kana kabajuuf godinichatti walga’anii tokkummaan waliin kabaju. Guyyaa ayyaanni bara haaraa kun itti kabajamu sirriitti beekamuu baatus Hagayya xumuraa hanga Fulbaana jalqabaa gidduutti kabajama. Guyyaan barri haaraan kun irra oolu jaarsolii akkaataa itti jiiniifi aduun baatee lixxu ilaaluudhaan kan murteessan ta’uus ni ibsu.
Guyyaa ayyaana bara haaraa kana nama dhiisnaan beelladoonniyyuu quufanii guyyicha dabarsu. Margi loowwaniifi beelladoonni biroon guyyaa ayyaana bara haaraa nyaatan dursee haamamee qophaa’a. Guyyaa kan namnis ta’e beelladoonni nyaatanii hinquufne yoo ta’e barri ittaanu beela ta’a jedhamee waan amanamuuf hundumtuu guyyaa sana nyaatee akka quufuuf qophiin barbaachisu dursee taasifama. Guyyaa sana qodaan mana keessaallee bishaaniifi nyaataan kan guutaman ta’uu himu.
Ayyaanicharratti sirni araaraa nigeggeeffama. Ayyaanicharratti nyaatawwan aadaa, sirboonniifi shubbisni aadaa meeshaalee muuziqaa aadaa Dinkaafi kanneen biroon waa’elchamanii dhiyaatu. Kanaafuu ayyaanni bara haaraa kun aadaa sabichaa beeksisuu, tokkummaafi nageenya cimsuu kleessatti gahee olaanaa kan qabu ta’uufi akka hawata turistiittis kan tajaajilu ta’uu eeru.
Dinkaan meeshaa meeziqaa aadaa saba Daawuroo hanga meetira torbaa dheeratuufi addunyaarratti dorgomaa hinqane ta’uu kan himan Obbo Geetahuun, meeshaaleen muuziqaa aadaa sabichaa Godambaa Daawuroo keessatti waan argamaniif daawachuun nidanda’ama. Meeshaaleen aadaa sabichaa hedduun godambichatti kan argaman ta’uus dubbataniiru.
Dhaloonni Daawuroo har’a jiru meeshaalee pilaastikiifi biyya alaatii galanitti bal’inaan fayyadamaa waan jiraniif maqaa meeshaalee aadaa godambicha keessa jiranii kan hinbeekne baay’eedha kan jedhan Obbo Geetaahuun, aadaafi duudhaa keenya akka hindaganneef of eeggannoo cimaa taasisuu qabna. Gadambaan Daawuroo meeshaaleen aadaa sabichaa ibsaniifi bakka bu’an hedduu waan qabuuf namoonni dhalataa sabichaas ta’e biroon akka daaw’ataniif waamicha dhiyeessaniiru.
Akka aadaa saba Daawurootti namni du’e bullukkoodhaan maramee saanduqa muka tokkorraa bocamee qophaa’een awwaalama. Akkaataan nama du’eef itti boo’anis sirna mataasaa kan qabu ta’uu himaniiru.
Aadaan qabeenya sabni tokko waliin qabuufi dhalootaa dhalootatti darbu yoo ta’u, amantiin ammoo kan nama dhuunfaati. Kanaafuu aadaan keenya waliin eeguufi kunuunsuun dhaloota ittaanutti dabarsuu qabna. Aaadaan keenya ammayyummaadhaan akka hinfaalamneef hundi keenya aadaafi duudhaa keenya eeguufi kabajuu qabna jedhu.
Natsaannat Taaddasaatiin
BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016