Humna kontiraaktaroota biyya keessaa cimsuun guddina dinagdee si’eessuu keessatti gahee olaanaa qaba

Abbaan Taayitaa Konistiraakshinii Oromiyaa qooda fudhattoota industirii konistiraakshinii waliin Finfinnee, Galma Hoteela Ililii Intarnaashinaalitti torbee darbe mari’ateera. Marichi mataduree “Qindoomina qooda fudhattoota industirii konistiraakshinii jijjiirama ittifufiinsa qabuuf’ jedhuun adeemsifame.

Daarktarri olaanaan abbaa taayitichaa Injinar Naatinaa’eel Geetaahuun haasaa baniisa sagantichaarratti taasisaniin akka jedhanitti, industiriin konistiraakshinii naannichaa waggoota darbanii as jijjiiramaafi guddina guddaa agarsiisaa jira. Dameen kun pirojektoota bu’uraalee misoomaa hedduu raawwachuun guddina dinagdee si’eessuu, carraa hojii bal’aa uumuufi jiruuf sadarkaa jiruufi jireenya lammiilee fooyyessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.

Guddinaafi jijjiirama damee industirii konistiraakshiniitiin galmaa’aa jiru daran cimee akka ittifufuuf rakkoolee damicha mudatan furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamuu akka qabu himanii, kana milkeessuu keessatti qindoominni qooda fudhattoota industirii konistiraakshinii murteessaa ta’uu eeraniiru.

Waliin taanee humna waldaalee industirii konistiraakshinii fayyadamnee rakkoolee ijaarsa indastirii konistiraakshinii naannichaa hiikuun guddina ittifufiinsa qabu mirkaneessuun fedhii hawaasaa guutuuf kutannoon hojjechuu qabna jedhaniiru.

Inistiitiyuutii Manaajimantii Konistiraakshinii Federaalaatti, Daariktarri Tajaajila Manajimantii Konistiraakshinii Injinar Goremsi Baqqalaa, kanaan dura dameen industirii konistiraakshinii biyyattii pirojektota ijaarsaa yeroo karoorfame xumuruu dhabuufi qulqullina barbaachisuun ijaaruu dhabuun daran qeeqamaa tureera. Akka biyyaatti qeeqa kana keessaa ba’uuf Ministeerri Misooma Magaalaafi Bu’uraalee Misoomaa roodmaappii diriirsee hojiirra oolchaa jira. Karoorri waggaa 10 roodmaappicha deggerus qophaa’ee hojiirra oolaa jira. Kana milkeessuuf ministeerichi karoora tarsiimowaan diririirsee hojiirra oolchaa jiraachuu himaniiru.

Ijaarsi pirojektotaa duubatti harkifachuun, hanqinni qulqullinaa, humna namaa, meeshaalee ijaarsaa, galteewwan ijaarsaa akkasumas teknolojii ammayyaatti haalaan fayyadamuu dhabuufi malaamaltummaan rakkoolee guguddoo industirii ijaarsaarratti mul’ataa ta’uu kan himan Injiinar Goremsi, yeroo ammaa rakkoolee kunneen furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Pirojektonni guguddoon yeroo dhiyoo as sadarkaa qulqullinaa barbaadameen yeroo qabameef keessatti hojjetamanii xumuraman kanaaf fakkeenya gaarii ta’u. Qulqullinaafi raawwii ijaarsa pirojektotaa fooyyessuun hojii ijoo industirii konistiraakshiniirra eegamu ta’uus eeraniiru.

Kontiraaktaroonni biyya keessaa hanqina humnaa, maallaqaa, meeshaalee ijaarsaa, galteewwan ijaarsaa, manajimantii waan qabaniif pirojektonni ijaarsaa guguddoon kontiraaktaroota biyya alaatiif kennamaa jiraachuu himanii, fakkeenyaaf gamoowwan waajjiraalee muummee Baankii Daldala Itoophiyaafi baankota dhuunfaa biroo Finfinneetti ijaaraman kan hojjetan kontiraaktaroota Chaayinaati. Kontiraaktaroonni biyya keessaa sadarkaa tokkoffaa hanga sadaffaatti jiran %5 yoo ta’an, kontiraaktaroonni %95 sadarkaa afuriifi isaa olirra jiru. Karoora waggaa 10 keessatti humna kontiraaktaroota biyya keessaa cimsuun rakkoo gama kanaan mul’atu furuurratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Humna kontiraaktaroota biyya keessaa cimsuun ijaarsa pirojektota guguddoorratti akka hirmaatan taasisuun sharafa alaa baraaruufi kontiraaktaroota sadarkaa ardiifi addunyaatti dorgomoo ta’an horachuuf kan gargaaru ta’uu himanii, galteewwan ijaarsaa guguddoon irra jireessaan biyya alaatii waan galaniif galteewwan kunneen omisha biyya keessaatiin bakka buusuunis sharafa alaa baraaruu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru.

Miseensi Waldaa Kontiraaktaroota Oromiyaa Injiinar Abdiisaa Isheetuu akka jedhanitti, waldichi erga hundaa’ee waggoota 12 lakkoofsiseera. Kaayyoon hundeeffama waldichaa mirga kontiraaktarootaa kabachiisuufi miseensa cimaa guddina naannichaas ta’e biyyattiitti gaheesaa bahatu baay’inaan horachuudha. Waldichi miseensotasaatiif leenjiiwwan adda addaa kennaa, mirga miseensotaaf falmaafi carraawwan hojii naannawichatti argaman miseensotasaaf akka kennamu taasisuurratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Waldichi yeroo ammaa miseensota kuma 200 ol kan qabu ta’uufi miseensonni rakkoolee isaan mudatan karaa waldichaa dhageessifachaa jiraachuu himanii, waldichi sektarri konistiraakshinii naannichas ta’e biyyattii keessatti hojjetu kamiyyuu ogummaadhaan akka hogganamuufi hojiileen isaarsaa miseensota waldichaatiin akka hojjetaman taasisuuf qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin hojjechaa jiraachuus eeraniiru.

Qaala’inni gatii galteewwan ijaarsaa, pirojektota gatii muramaadhaan fudhachuun, rakkoolee kontiraaktarootarra gahaa ture ta’uu himanii, rakkoo pirojektota gatii muramaadhaan fudhachuu furuuf waldichi qaama dhimmi ilaallatu waliin mari’achuun sirreeffamni gatii akka taasifamuuf qaama dhimmichi ilaallatu waliin mari’atee furmaata akka argatu taasiseera jedhu.

Harkifannaan ijaarsa pirojektootaan kan komatamu kontiraaktaroota ta’uu himanii, meeshaalee dheedhii gabaarraa dhabuun, rakkoon dizaayiniifi bakka pirojektotaa yeroon kabachiisuu dhabuun, qorannoon naannawaa pirojektichaa seeraan geggeeffamuu dhabuun ammoo rakkoolee gurguddoo hojii ijaarsa pirojektotaa duubatti hambisan ta’uufi rakkoolee kunneen qaama dhimmi ilaallatu waliin furuuf hojjechaa jiraachuus himaniiru.

Marii qooda fudhattoonni industirii konistiraakshinii taasisan kun rakkoolee damicharratti mul’atan waliin furuuf kan gargaaru ta’uu himanii, mariin walfakkaatu gara fuulduraattis cimee ittifufuu akka qabu dhaamaniiru.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016

Recommended For You