“Furmaatni jalqabaa rakkoo nageenyaa Itoophiyaa mudataa jiruu aadaa siyaasaa keenya jijjiiruudha” -Obbo Binnaalfi Andu’aalam

Turtiin Dhaabbanni Pireesii Itoophiyaa Ministira Nageenyaa Itoophiyaa Obbo Binnaalfi Andu’aalam waliin taasise akka armaan gadiitti dhihaateera.

Gaaffii: Ministeerichi erga labsii bara 2011 baheen hundaa’ee as keessattuu waggoota shanan darbanitti waan hojjachaa ture kaasuun osoo eegallee?

Obbo Binnaalfi: Ministeerri Nageenyaa erga labsiidhaan bara 2011 hundaa’ee booda bara 2014tti labsii 2014/11/63 jedhamuun yemmuu irradeebi’ee hundaa’u ergamootni gara garaa itti kennamaniiti.

Ergamoonni kunniin daran bal’aadha. Haa ta’uu malee dhimmoota kanneen iddoowwan guguddoo afuritti adda baasanii ilaaluun ni danda’ama.

Inni jalqabaa dhimma nageenya waaraa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuti. Akkuma beekamu nageenyi waan yeroo tokkotti ijaaramee dhaabatu miti. Kan yeroo dheeraa gaafatuufi dhaloota boodaa dhufus dabalatuudha. Waan walittibu’iinsi iddoo wayii ture dhaabbateef qofa nageenyi mirkanaa’eera jechuun hindanda’amu.

Kanaaf nageenyi bifa ittifufiinsa qabuun waggoota dheeraadhaaf irratti hojjatamee waan dhufuudha. Hojii umrii guutuu hojjatamuudha jedhanii kaa’uun ni danda’ama. Sababnisaas; har’a wantootni dhabamuu nageenyaatiif bu’uura ta’an osoo hiikamaniiyyuu boru immoo rakkoon nageenyaa biraa uumamuu danda’a.

Kanarratti dhimmi nageenyaa dhaabbata tokkoon yookiin qaamolee muraasaan hojjatamee waan bu’aa barbaachisu buusuu danda’uu miti. Hojiin nageenyaa damee hintuqne tokkollees hinqabu. Akka fakkeenyaatti yemmuu ilaallu; rakkoon dinagdee, hoji dhabdummaan, rakkoon qabiinsa mirgoota namoomaafi dimokraasiifaa yemmuu ilaallu boora’uu nageenyaatiif warreen shoora mataasaanii taphataniidha.

Dhimmootni kunniin kallattiinis ta’ee alkallattiidhaan kan walqabatan waan ta’aniif dhabamuun isa tokkoo rakkoo biraatiif sababa ta’uu waan danda’uuf dhumarratti boora’uu nageenyaa uumuu mala. Kanaafuu dhimmi nageenyaa qindoomina dhaabbilee hedduu kan gaafatu waan ta’eef ergama hojiiwwan qaamolee gara garaatiin hojjataman kanneen gurmeessuufi qindeessuun ergama Ministeera Nageenyaati.

Dabalataanis dhimmi nageenya waaraa mirkaneessuu ajandaa biyyaalessaati. Kana jechuun rakkoon naannawa tokkotti mudachuu danda’u nageenya naannawa muraasa sanaa qofa osoo hintaane, nageenya olloota naannawichaatisi. Kun karaa kallattiitiinis ta’ee alkallattiin boora’uun nageenya naannawa tokkoo nageenya naannawa sanaa hundaaf sodaa nageenyaa uumuu akka danda’u kan agarsiisuudha.

Bifa waliigalaatiin yemmuu ilaalamu dhimmi nageenya waaraa mirkaneessuu kan yeroo tokko hojjatamee dhaamu osoo hintaane bifa ittifufiinsa qabuun akka hojjatamuufi, ergamni nuu kenname.

Dhimmi guddaan biraa waa’een nageenya waaraa mirkaneessuu haala ijaarsa biyyaa waliin kan walqabatuudha. Akkuma beekamu haala ijaarsa biyyaa yemmuu jedhamu sirni ijaarsa Itoophiyaa ammas hinxumuramne jedhamee kan amanamuudha. Keessattuu dhimmi sirna ijaarsa biyya kanaa ammas kan hinxumuramne ta’uu kana namoota hedduutu irratti waliigala.

Kanaafuu, sirni ijaarsa biyyaa cimaafi namoota biyyattii irra jireessa biratti fudhatama kan qabu akka ta’uuf irratti xiyyeeffatanii hojjachuun daran barbaachisaadha.

Dhimmi kun dhimma nageenyaa qofa osoo hintaane, dhimma waliigaltee biyyaalessaa uumuus kan dabalatu ta’a jechuudha.

Sirna ijaarsa biyyaa cimaa haa qabaannuu jechuun bu’uurumarraa waliigaltee biyyaaleessaa uumuu jechuudha. Kanaafuu dhimmi ijoon lammataa ministeerichaaf akka ergamaatti kenname dhimmoota irratti waliigallurratti bifa qindoomina qabuun akka hojjatamuudha.

Dhimmi akka ergamaatti ministeerichaaf kenname sadaffaan sirni ijaarsa federaalizimii Itoophiyaa dhugummaa qabuufi cimaan akka diriiru hojiiwwan xiyyeeffannoon hojjattaman akka qindeessuufi.

Kana jechuun maal jechuudhaa; akkuma beekamu biyyi teenya sirna bulchiinsa federaalizimii hordofti. Kana keessatti sirni bulchiinsa federaalaa beekamuudha. Kanaafuu, dhimma ijaarsa sirna federaalizimii kanarratti ummanni biyyattii hubannoo gaarii akka horatu, sanaan booda hojirra oolmaasaa keessatti akka hirmaatuufi irraayyis fayyadamuuf hojjachuudha.

Qunnamtii mootummootaa kan jedhamu fakkeenyaaf qunnamtiin naannoon tokko naannoo biraa akkasumas mootummaa federaalaa waliin qabaatu hunduu akkaatuma sirni federaalizimii heeyyamuun dhimmoota sirna federaalizimii kanaan kan hogganamuufi hordofamu ta’utu irra jiraata jechuudha.

Dhimmi akka erga guddaafi afraffaatti ministeerichaaf kenname dhimma walittibu’iinsa ittisuufi hogganuuti. Kunis sadarkaawwan sadiitti addaan hiramee ilaalamuu kan danda’u yemmuu ta’u, kana keessaa inni jalqabaa akka walitti bu’iinsi hinuumamne dursanii ittisuudha.

Dhimmi walitti bu’iinsa dursanii hojjachuu durfamee xiyyeeffannaan irratti hojjatamus yeroo tokko tokko sababoota gara garaatiin walitti bu’iinsi uumamuu danda’a. Kun dhimma biyyoota hundaa keessatti mul’atuudha jechuun nidanda’ama.

Walittibu’iinsi uumame akka hinbabal’anneefi miidhaan sababa sanaan uumamuu malus akka hinhammaanneef gochuun bulchiinsa walitti bu’iinsaati jedhama.

Dhimmi sadaffaan kanatti aanee dhufu isa ‘Confilict tranisformation’ jedhamuudha. Kana jechuun walitti bu’iinsaan booda bu’aan walitti bu’iinsi sun dhumarratti qabatee dhufuu danda’uudha. Erga walittibu’iinsi tokko uumamee booda dhimmoota garagaraatiin hordofamuunsaa waan hinoolle. Kana jechuun erga walitti bu’iinsi tokko uumamee booda wantootni mudachuu danda’an kanneen akka; du’aatiifi buqqaatii lammiilee, mancaatiin qabeenyaafi rakkooleen biraa uumamuu danda’u.

Kun waan ta’uu maluudha jedhamee akka ‘probablity’tti ilaalaman osoo hintaane, wantootuma walittibu’iinsa tokko booda dirqama uumamaniidha. Walittibu’iinsa booda erga miidhaawwan armaan olitti ibsaman uumamanii booda hojiin ittaanu hojii lammiilee ummata walittibu’iinsaan miidhaman deebisanii bayyanachiisuufi naannawichi gara nageenyaatti akka deebi’u taasisuuti.

Hojiin naannawa walittibu’iinsaan miidhame deebisanii nagaan akka bu’u taasisuuf hojjatamuufi ummata sababa walitti bu’iinsaatiin miidhame bayyanachiisuuf hojjatamu ‘Restore’ kan jedhamuudha; nageenya naannawichaa bakkatti deebisuu.

Kanaafuu dhimmi walittibu’iinsa dursaanii to’achuuf hojjatamuufi erga uumamee booda akka hinbabal’anne sirnaan hogganuu kun boqonnaawwan sadeen kanneen keessatti; jechuunis walittibu’iinsaan dura, walittibu’iinsa keessattiifi walittibu’iinsa booda hojjatamuu qaban kanneenirratti xiyyeeffatee akka hojjatuufi, ministeerichaaf ergamni kan kenname. Kanaaf hojiiwwan guguddoo ministeerichaa bifa gabaabaa ta’een yemmuu ilaallu dhimmootuma guguddoo afran kanneen jalatti eeramaniidha.

Gaaffii: Ergamoota guguddoo afran kanneen raawwachuun walqabatee raawwiin ji’oota darbanii akkamitti ibsama

Obbo Binnaalfi: Ergamni dhaabbatichaaf kenname warruma olitti kaaseedha. Karoorri hojii keenyaas kanuma bu’uura kan taasifatuudha. Kanaaf akka ministerrichaatti karoora waggaa 10, shaniifi waggaa qaba. Bu’uurri karoorri sadarkaalee gara garaatti qophaa’anii ergamootuma kanneeni.

Hunduu keessoosaaniitti dhimmoota babal’aa kan hammataniidha. Kanaaf karoorri bahu kamuu dhimmoota kanneenirratti xiyyeefatanii qophaa’uufi haaluma sanaanis raawwachuuf tattaaffiin kan ittitaasifamuudha.

Haaluma kanaan nageenya waaraa mirkaneessuuf hojiin jalqabarratti hojjatamuu qabu dhimma nageenya ittifufiinsa qabu diriirsuuti. Hojiin nageenya ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf hojjatamu hawaasicharratti kan hundaa’eedha. Hojiin ummata bira gadi bu’amee hojjatamu kun dhimma marii hawaasaa kan jedhamuufi daran murteessaa ta’eedha.

Kanaaf ji’oota darbanitti naannolee hundatti ummatni naannawa jirutti dhimmoota akka sodaa nageenyaatti ilaalurratti mari’achuudhaan sodaawwan sunniin osoo gara walittibu’iinsaatti hinguddanne idduma jiranitti akka dhaabataniifi darbees maqsuurratti xiyyeeffatamee mariiwwan hawaasaa babal’aan adeemsifamaniiru. Mariiwwan hawaasaa kunniin ‘Community Dialogues’ jedhamu.

Gama kanaan ummanni miiliyoona sagal ta’u hojii maricharratti hirmaateera. Kunis karoorriifi wanti fiduuf yaadame taa’eefii kan raawwaatameedha. Hojiin kun garuu erga naannawa tokkotti walittibu’iinsi uumamee booda mariiwwan hawaasaa naannawa sanaa waliin taasifamaniifi hojjataman kan dabalatuu miti. Kanaafuu hojii bal’aaniifi guddaan kun yeroo yerootti jabaataa kan ittifufuudha.

Nutis ji’oota darbanitti dhimmoota kanneenirratti xiyyeeffannee hojjachuuf tattaaffachaa turre. Kanuma hordofuunis naannawawwan adda addaatti bu’aawwan jajjabeessoon mul’achaa jiru.

Hojiin biraa kan dhaabbilee barnootaa waliin hojjatamuudha. Hojiin nageenya ittifufiinsa qabu mirkaneessuu kun hojii ijaarsa dhalootaa kan dabalatuudha. Caalaatti dargaggoonniifi daa’imman kan argaman dhaabbilee barnootaa sadarkaalee gara garaatti argamanitti.

Kanaafuu, manneen barnoota sadarkaa jalqabaarraa eegalee, yeroo tokko tokko immoo oolmaa daa’immaniirraa kaasee dhimmi kun kan hojjatamuudha.

Dhaloota sadarkaa gadiirraa eegalanii ijaaruun manneen barnootaa sadarkaa duraa, sadarkaa lammataafi dhaabbilee barnootaa olaanaatti xiyyeeffannoodhaan hojjachaa jirra. Fakkeenyaaf, Ministeera Barnootaa waliin ta’uudhaan naannolee hundatti gumii nageenyaa hundeessuuf yaalameera.

Gumiileen kunniin barattootni rakkoolee gidduusaaniitti uumamu karaa hammayyaa’aa ta’een akka furatan, garaagartee gidduusaanii dhimmoota gara garaarratti jiru akkamitti keessummeessuu akka qabanirratti mariiwwan babal’aa taasisaa turan.

Biyyi teenya immoo biyya garaa garummaan amantii, sabummaa, aadaafi duudhaalee garaa garaa qabduudha. Kanaafuu, hojiin guddaan hojjatamaa ture inni biraa haala itti baay’ina aadaalee, amantiileefi sabummaa jiran waldandeessisanii adeemsisuun danda’amurratti ture.

Gama kanaan dhaabbileen barnoota olaanaa iddoo barattootni aadaafi amantii akkasumas sabummaa gara garaa qaban keessa jiran waan ta’eef naannawichatti xiyyeeffannoo kennanii hojjachuun dhimma barbaachisaa qofa osoo hintaane murteessaadha.

Hojiiwwan naannawa dhaabbilee barnootaa olaanaatti hojjatamaa turaniin yunivarsiitotatti hamma tokko aadaan garaagartee jiru karaa hammayyaa’aan furuufi gargaarummaa aadaa, afaan, amantiifi sabummaa walii danda’uun akka jiraatuuf hojii bal’aatu hojjatame. Gama biraatiin yeroo ammaa manneen barnootaa naannolee hundatti argamanitti kibabiiwwan ykn gumiin nageenyaa hundaa’anii hojiitti galaniiru.

Hojiin biraa manneen barnootaatti adeemsi baruu barsiisuu bifa nagaa qabuun akka raawwatamuuf hojii hojjatamu yoo ta’u, waggoota muraasa darbanitti manneen barnootaa sadarkaadhaan jiran iddoo walittibu’iinsi itti babal’atuufi dirree jeequmsaa ta’aa turuun yaadannoo yeroo dhihooti. Qaamoleen ergama siyaasaa qabanis dhimma ittibahachaa turaniiru. Kanaanis miidhaawwan guguddoon dhaqqabaa turaniiru.

Kanaafuu, hojiiwwan duraa naannawa kanatti hojjataman haalota dura naannawa manneen barnootaatti baramaa dhufe keessaa bahuun itti danda’amurratti qophii taasisuudhaani.

Hojiiwwan manneen barnootaatti adeemsa baruu barsiisuu nagaqabeessi akka jiraatu taasisuu kun kan fayyadu manneen barnootaa qofa osoo hintaane, hawaasa naannawa sana jiraatu hunda.

Dhimmoota kanneenirratti xiyyeeffannoodhaan akka hojjatamaniif akkuman duraan kaase Ministeera Barnootaa waliin hojjachuuf waliigaltee mallatteessinee karoora waliiniitiin gara hojiitti galleerra. Haaluma kanaan sochii hanga ammaatti jiru yoo ilaallu keessattuu manneen barnootaarratti xiyyeeffatanii hojjachuurratti jalqabbii gaariitu jira.

Akka karoora yeroo dheeratti wanti yaanne tokko immoo hojiiwwan akkanaa kaarikulamii barnootaa keessatti hammatamanii akka dhalootni baratu taasisuudha. Haalota nageenyi waaraan itti mirkanaa’uu danda’urratti muuxannoon biyyoota hedduu jira. Kunis biyyoota hedduutti nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf dhaloota boodaa dhufurratti hojjachuu qofa osoo hintaane, dhimmi nageenyaa kun kaarikulamii barnootaa keessa galee dhalootni duubaa dhufu akka waa’ee nageenyaarratti hubannoo gabbataa horatu taasisuudha.

Gama kanaan kaarikulamii barnootaa biyyoota hedduu yoo ilaaltu akaakuu barnootaa barnoota nageenyaa /‘peace education’/ jedhamu qaba. Kanaafuu ijoolleen kaarikulamii kana barattee dabartee wantoota faallaa nageenyaa ta’aniifi nageenya booreessuu danda’anirraa ni fagaatu jechuudha.

Biyya keenyattis dhimmi barnoota nageenyaa kana kaarikulamii barnootaa keessa galchuufi barattootni waa’ee duudhaalee nageenyaa sadarkaa dakaarraa eegalanii sirnaan akka hubatan taasisuu kun waan ooluu miti.

Sababnisaas dhalootni sadarkaa gadiirraa kaasee waa’ee nageenyaafi gatiisaa hubachaa guddate nagaa waaraa akka biyyaatti mirkaneessuuf shoora olaanaa kan taphatu waan ta’eefi. Kanaaf dhimmi kunis dhimma akka karooraatti ministeerichaan qabameefi waggoota ittaananitti ni raawwatama jedhamee eegamuudha.

Gama biraatiin nageenya waaraa akka biyyaatti mirkaneessuuf qaamota waliin hojjannu keessaa warri murteessoo biroon dhaabbilee amantiiti. Dhaabbileen amantaa nageenyi waaraan akka mirkanaa’uuf qaamolee gahee olaanaa qaban keessaa isaan sadarkaa duraatti dhufan waan ta’aniif hojii bal’aa isaan waliin hojjanna. Akkuma yeroo hedduu jedhamutti nageenyi kan eegalamu tokko tokkoo namaarraayyi. Ta’us yeroo hedduu dhimmuma kanarrattuu hanqinni hubannoo akka jiru nimul’ata.

Namoonni baay’een nagaa nibarbaadu. Namni nagaa jibbu waan jiru natti hinfakkaatu. Garuu nageenyi akkamitti dhufa, eessaa dhufa, yoom dhufa isa jedhurratti qaawwi hubannoofi ilaalchaa bal’atu jira.

Sababuma kanaan namoonni tokko tokko nagaa kan eeggatan qaama biraarraati. Karaan inni sirriin garuu nageenyi qaama biraarraa kan eegamu osoo hintaane, tokko tokkoo namaarraa kan eegalu ta’uu hubatanii hubachiisuun barbaachisaadha.

Dhimmi guddaan erga walittibu’iinsi uumamee booda hojjatamu tokko hawaasa sababa walittibu’iinsaatiin miidhame bayyanachiisuuniifi ummata sababichaan qe’eesaarraa buqqaa’e iddootti deebisuudha. Gama kanaan fakkeenya gaarii kan nuu naannolee Amaaraafi Oromiyaati.

Naannolee lameen kanneenitti ummata buqqa’e heddutu argama. Akka fakkeenyaatti Oromiyaatti ummatni Amaariffa dubbatu buqqa’ee naannoo Amaaraa keessa qubateera. Warri achuma, naannuma Oromiyaatti hafanis jiru. Kanaaf ummatni sababoota gara garaatiin iddoowwan adda addaarraa buqqa’ee qe’eesaatti akka deebi’uuf naannolee lamaan dabalatee dhaabbilee federaalaa keessaa Ministeerri Nageenyaafi Komishiiniin Hoggansa Sodaa Balaafaan hammatamaniiru.

Kanaaf koreen dhaabbilee kanneenirraa hundaa’e hawaasa iddoo hojiin nageenya mirkaneessuu hojjatametti lammiilee qe’eesaaniitti deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jira.

Torbee lamaa sadii darbanitti namootni 1600 ta’an naannoo Amaaraarraa gara Oromiyaatti deebi’aniiru. Hojiin kun ammas cimee kan ittifufe yoo ta’u, yeroo ittaanutti hawaasa irrajireessa iddoo irraa buqqa’etti deebisuuf qophii guddatu jira.

Akka tasaa ta’ee iddoon dur irraa buqqaa’an ammas rakkoo nageenyaa kan qabu yoo ta’e garuu hanga tasgabbaa’utti hawaasa buqqa’e deebisuun hindanda’amu.

Akka biyyaatti ummata buqqa’ee yemmuu ilaallu %70 kan ta’u sababa walitti bu’iinsaatiin kan buqqa’eedha. Sababa balaa uumamaa kanneen akka ongeefi lolaafa’iin kan buqqa’e immoo %30 qofa.

Gaaffii: Nageenya mirkaneessuuf tattaaffiin keessan akkuma jirutti ta’ee ammas rakkoo nageenyaa keessaa bahuun hindanda’amne. Ministeerri keessan dhimma kana akkamitti ilaala?

Obbo Binnaalfi: Dhiheenya kana mana maree ministirootaatti raawwiin haala nageenyaa biyyattii ji’oota jahaa qoratameera. Yeroo ammaa naannoleen biyyattii hedduun nagaa qabu.

Fakkeenyaaf naannolee qaxanaa baha biyyattii keessa jiran kanneen akka Affaar, Sumaalee, Harariifi Dirre Dhawaa yemmuu ilaallu warreen nagaa waaraa qabaniidha. Naannolee kanneenitti lammiileen rakkoo nageenyaa tokko malee nagaan bahanii galu. Haaluma walfakkaatuun naannolee Beenishaanguliifi Gaambeellaa dabalatee Naannoon Itoophiyaa Kibba Lixaa tanaan dura rakkoolee rakkoo nageenyaa keessa turan yeroo ammaa hanga tokko fooyyee qabu. Sababnisaas keessattuu Beenishaanguliifi Gaambeellaatti marii qaamolee seeraa alaa hidhatanii socho’aa turan waliin taasifameen jarri gara nageenyaatti dhufaa jiru. Sababuma kanaan hawaasni walitti bu’iinsa sodaatee buqqa’aa ture amma hinjiru.

Naannoo Oromiyaas yoo ilaalle haalli nageenyaa ji’oota jahan duraafi amma jiru tokko miti. Guutuus ta’uu baatu hamma tokko fooyya’aa akka jiru hubachuun nidanda’amullee ammas naannichatti miidhaan walittibu’iinsaa sun jira. Ammas hawaasni nageenyisaa hinmirkanoofne jira.

Kanaaf rakkoolee kanneeen guutummaatti hiikuuf tattaaffii ittifufiinsa qabutu barbaachisa. Mariiwwan nageenyaa qaamolee hidhatanii falman waliin taasisuunis barbaachisaadha. Gama kanaan mariin nageenyaa qaama seeraan ala hidhatee naannoo Oromiyaa keessa socho’u waliin eegalame ittifufuu qaba.

Rakkoo naannoo Amaaraa keessa jiru mariidhaan furuuf irra deebiidhaan waamichi taasifamaa jira. Kanaaf waamicha nageenyaa kana hojitti hiikuudhaan gara mariitti fidanii walittibu’iinsaan ala karaa ammayyaa’aa ta’een garaa gartee jiru furuun barbaachisaadha. Naannoo Amaaraattis nageenyi hamma tokko bu’aa jira. Oggaa haala waliigalaatiin ilaalamu haalli nageenya biyyattii kan lammiileen miira waraanaa keessa ittiin jiraachaa jiranii miti.

Gaaffii: Furmaatni rakkoolee nageenyaa kanneenii maali jettu?

Obbo Binnaalfi: Furmaatni jalqabaa aadaa siyaasaa biyyattii jijjiiruudha. Biyya kanatti walajjeessaa baroota hedduu dabarsineerra. Akkuma seenaa bareedaafi dhalootni ittiin boonu qabu qabnu, akka biyyaatti seenaa walittibu’iinsaa hamaa biyyattii gatii guddaa baasisaa ture akka qabnu hubachuun barbaachisaadha.

Kanaafuu, furmaatni rakkoolee siyaasaa yeroo ammaa jiraniifi walittibu’iinsa achirraa maddaa jiranii inni guddaan aadaa siyaasaa keenyaati. Kanaaf walajjeechaarraa gara mariifi kennanii fudhachuutti ceesisuu qabna. Siyaasa walballeessuu yeroo hedduu yaallee nuu hinmilkoofne. Kanaaf daandii nagaafi marii isa hanga ammaatti hin yaalamnetti galuun rakkoolee bu’uuraa biyyattii qoraa jiran nifura jedhamee abdatama.

Ammatti barsiisaa tokkollee hinbarbaannu. Nuti Itoophiyaanotni barnoota gahaa arganneerra. Seenessa keenyas geeddaruu qabna. Sababnisaas seenessi kanaan duraa hanga ammaatti miidhaa malee bu’aa buuse hinqabu. Amma biyyattiidhaaf kan barbaachisu seenessa haaraadha.

Seenessi haaraan madaa kanaan dura seenessa darbeen uumame kan fayyisu ta’uu qaba. Kanaaf seenessi haaraan keenya kun maal ta’uu qaba isa jedhuuf kan heddummina keenya hammatu, obbolummaarratti hundaa’e ta’ee gahumsisaa immoo tokkummaa keenya kan cimsu ta’uutu irra jiraata. Tokkummaan keenya kun Itoophiyummaa keenya jechuudha.

Irrajireessaan dhimmoota guguddoo sadiirratti waliigalteen biyyaaleessaa uumamuu qaba jennee hojjachaa jirra. Kana keessaa inni jalqabaa faayidaa biyyaalessaa akka biyyaatti qabnurratti tasuma garaa garummaa qabaachuu hinqabnu. Dhimmoota gara garaarratti garaagarummaa qabaachuu dandeenya garuu dhimma biyya keenyaarratti adda adda ta’uu hinqabnu. Faayidaa akka biyyaatti qabnurratti garaa garummaa qabaannaan wanti ijaarsa biyyaa jedhamu hinhojjatu.

Kanaaf asirratti waliif galuu qabna. Har’a dhimmootni irratti walqoccollu heddutu jiru. Fakkeenyaaf dhimma heera biyyaarratti, waa’ee alaabaa biyyaarrattiifi kkf irratti garaa garummaan jira. Dhimmootni kunniin furamuu qabu. Dhimmootni guguddoon akkasii kan furaman yoo waliigaltee biyyaalessaa qabaanneefi biyya waliiniirratti ijjannoo waliinii qabaanne qofa.

Heera biyyaa kan uume nama malee Waaqaa miti. Yeroo kamuu akkuma biyyoota kamuu waan fooyya’uu danda’uudha. Wanti, “Dhimma heera biyyaatti yoo dhuftan birmadummaa kootti dhuftan” jedhamu hinhojjatu. Sababnisaas ilaalchi akkanaa boodatti hafaafi biyyuma kamuu kan hinjirre waan ta’eefi. Haalli guddina hawaasaa jijjiiramaa kan adeemu waan ta’eef heerris haala jijjiiramicha faana walsimuun geeddaramaa adeema.

Heerri amma jiru Itoophiyaa bara sana turteef barbaachisaafi murteessaa ta’uu nidanda’a. Har’atti garuu haalli guddina hawaasaafi biyyaa bakka durii sana waan hinjirreef jijjiiramni heeraa kallattii kanaan walsimu jiraachuu qaba. Bifa gabaabaa ta’een waan Itoophiyaa har’a jirtuuf ta’u barbaanna waan ta’eef wantoonnii fooyya’uu qaban martuu fooyya’uu qaba.

Faallaa kanaatiin ilaalchi heera kana tarsaasanii gatuutu barbaachisa jedhus jira. Heera kana tarsaasanii gatuudhaan bu’aan dhufu tokkollee hinjiru. Heericha keessa keeyyattootni gaggaariin yeroo kamuu ittifufuu danda’an jiru. Fakkeenyaaf dhimmootni akka dimokraasiifi mirgoota namoomaatiin walqabatan osoo heerri fooyya’ellee kanneen ittifufaniidha.

Dhimmi guddaan ka’uu qabu, kan geeddaramuu qabu keeyyata meeqaffaadha? Yaada maal jedhuudha? Yaadni haaraan ittidabalamuu qabu hoo maali? jedhu dhihaachuu qaba. Sadarkaa yeroo ammaa irra geenyetti wantootni nuti akka haaraatti heera biyyattiitti akka dabalaman barbaannu jiru. Fakkeenyaaf afaanota hojii biyyattii dabaluun isa tokko. Kana jechuun afaanotni afurii shan afaan hojii mootummaa federaalaa ta’anii akka tajaajilan kan dandeessisuudha.

Gama biraatiin dhimmoota, wantootni tokkummaa akka biyyaatti qabni balaarra buusu jedhamanii sodaataman maal fa’i? Heericha keessa wantootni waliin jireenya keenya gaaffii keessa galchan hoo maalfa’i? jedhan erga qorannoodhaan adda bahanii mariin irratti gaggeeffamee booda murtee kennuun barbaachisaadha.

Haala kana keessatti dhimmootni irratti waliigalteen uumamuu hindanda’amne yoo mudatan dhimmicha gara ummataatti gadi buusuudha. Kana jechuun dhimmi mariidhaan furamuu hindandeenye yoo jiraate gara ummataatti gadi bu’ee murtee ummataa (riifarandamiidhaan) goolabama jechuudha.

Kanaafuu, faayidaa biyyaalessaa keenyarratti tokko ta’aafi mirkaneeffachaa adeemuu qabna. Rakkoo guddaan biraa Itoophiyaa keessa jiru tokko mootummaafi biyya gargar baasanii ilaaluu dhabuudha. Mootummaan kan yeroo muraasaaf filatamee ummata bulchuudha.

Akka biyya keenyaatti waggoota shan shaniin heeyyama ummataatiin kan aangoo qabatuudha. Kanaaf mootummaan filannoodhaan kan jijjiiramuudha malee kan yeroo hunda jiraatu miti. Biyyi garuu dhimma filannoo osoo hintaane kan filannoo hinqabneedha.

Kanaaf komiifi waldhabdee mootummaa biyya bulchu waliin qabaniif jecha faayidaa biyyaalessaa dabarsanii kennuuniifi akka biyyattiin diiggamtuuf irratti hojjachuun dhimma mootummaa osoo hintaane, kan biyyaa ta’uu hubachuun gaariidha.

Gaaffii: Mootummaan irra deddeebiidhaan qaamolee hidhatan waliin marii gaggeessuuf qophii ta’uu ibsaa waan jiruuf tattaaffiin gama kanaan jiru maal fakkaata?

Obbo Binnaalfi: Kun dhimma duraan kaase waliin kan ilaallamuudha. Furmaatni biyya kanaa waliin dubbachuufi waliin mari’achuu qofadhaan ta’uu kan qabuudha. Mootummaan yeroo hedduu biyyattiin rakkoo kana keessaa bahuu kan dandeessu karaa nagaa qofa akka ta’e ijjannoosaa ibsachaa jira

Kun ijjannoo qofa osoo hintaane qabatamaattis waan mirkanaa’uu danda’uudha. Hundeeffamuun komishiinii maree biyyaaleessaas kutannoo mootummaan rakkoolee karaa marii nageenyaatiin furuuf qabu kan mirkaneessuudha. Dhalli namaa garaa garummaa yaadaafi ilaalchaa lafaafi samii qabaachuu danda’a. Garuu garaa garummaan sun rakkoo dhala namaarratti osoo hinfidne karaa marii qofaan fudhachuu qaba.

Qaamoleen mootummaas ta’e kan hidhatanii mootummaadhaan falmaa jiran ilmaan biyya kanaa ta’uun hubachuu barbaachisa. Kanaaf miidhaan garee tokkoo kan guutuu keenyaa waan ta’eef dhimmi waraanaan rakkoo furuu kun dhaabachuu qaba. Daandii haaraafi mariitti galamee rakkoolee jiran furuutu barbaachisa.

Gaaffii: Wanti hafe yoo jiraate?

Binnaalfi: Waan hedduu dubbanneerra. Irrajireessaan naannawawwan hedduutti nageenyi uumamaa jiraatus iddoowwan ammas rakkoo nageenyaa qaban jiru.

Nageenyi immoo iddoo wayiitii barbaadamee kan dhufu osoo hintaane, hojii tokko tokkoo keenyaatiin waan dhufuuf asirratti hojjachuu qabna. Hundi keenya warra nageenyaa ta’uu qabna. Aadaa walwaraansaa keessaa baanee garaagartee jiran mariidhaan furuu yoo aadeffanne rakkooleen yeroo ammaa mul’achaa jiran nifuramu.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Bitootessa 7 Bara 2016

Recommended For You