‘Marsh 8’ sadarkaa dubartoonni har’a irra gahaniif bu’uura

Guyyaan Dubartoota Addunyaa sadarkaa dubartoonni har’a irra gahaniif bu’uura. Guyyaan kun barana sadarkaa addunyaatti yeroo 113ffaaf Itoophiyaatti ammoo yeroo 48ffaaf mataduree, “Dubartoota haa ga’oomsinu, misoomaafi nageenya haamirkaneessinu’ jedhuun kabajameera.

Guyyaan Dubartoota Addunyaa kun kaleessa sadarkaa biyyaattis ta’e naannootti sagantaalee gara garaatiin kabajamee kan oole yoo ta’u, jalbultiin guyyichaas sagantaalee gara garaatiin dhaabbilee, biiroowwaniifi sektaroota gara garaatiin kabajamaa tureera.

Humni Qilleensaa Itoophiyaas jala bultii Ayyaana Dubartoota Addunyaa Magaalaa Bishooftuutti kabajeera. Qorattuufi barsiistuu Yunivarsitii Naannoo Oromiyaa Itaafarraawu Wubisheet, sirna kabaja guyyichaarratti barreeffama ka’umsa marii mataduree ‘Qabsoo dubartootaa nagaafi haqaaf’ jedhuun mooraa Humna Qilleensaa Itoophiyaatti Kibxata darbe dhiyeessanirratti mariin adeemsifameera.

Dubartoonni sadarkaa har’a irra ga’an irra ga’uuf wareegama kaffalan ilaalcha keessa galchuun bu’aa argameef beekamtii kennuun, dubartoota biratti hubannoo uumuun adeemsa ijaarsa waraanaa keessatti ergama fooyya’aa ta’eef qopheessuun, dubartoonni dhaabbatichaa dandeettii gama hundaan qaban guddisuun milkaa’ina jijjiirama keessatti gaheesaanii akka ba’ataniif kaka’umsa uumuun kaayyoowwan guguddoo kabaja ayyaanichaa ta’uu Aadde Itaafarraawu himaniiru.

Dubartoonni addunyaa, ardiifi biyya keenyaa rakkoolee dinagdee, siyaasaafi hawaasummaa hedduu irraa kan ka’e baroota dheeraaf rakkachaa akka turan ni beekama. Guyyichi mirgaafi qixa fayyadamummaa dubartootaa Heera, keeyyata 35 irratti tumame mirkaneessuuf keessumaa jijjiirama biyyaalessaa Bitootessa bara 2010 as dhufe hordofuun hojii gaarii raawwatameef beekamtii kennuun kan kabajame ta’uus eeraniiru.

Hojii mootummaan dubartoota gara aangootti fiduuf raawwateen bu’aalee argamaniifi hanqinaalee mul’atan guutuuf waliin hojjechuun jijjiiramicha ittifufsiisuuf kutannoon waliin hojjechuun barbaachisaadha. Jijjiirama biyyaa duubatti deebisuuf jecha, diinonni keenya alaa ergamtoota kiraa sassaabdota biyya keessaa waliin ta’uun biyya keenyaa jeequmsa keessa galchuun imala guddina biyyattii gufachiisuuf irra deddeebiin yaalii taasisanis abjuunsaanii qabsoo cimaa raayyaan keenya taasisaniin karaatti hafeera. Dubartoonni waraana biyyi keenya mudateefi duula waraanicha duubatti deebisuuf taasifame keessattis gumaacha olaanaa taasisaniiru.

Maalummaafi ka’umsa Guyyaa Dubartoota Addunyaa

ALA bara 1800-1900tti Industiriiwwan babal’achuun walqabatee sa’aatii dheeraa hojjechiisuufi mindaa gadaanaa kaffaluu, haalliifi iddoon hojii mijataa ta’uu dhabuun walqabatee miidhaa dubartootarra gahaa ture. Mormiin kun bara 1908 cimee ittifufuudhaan dubartoonni kuma 15 daandii Niiwu Yoorkirratti hiriira ba’uun sa’aatiin hojii akka hir’atu, hojii walqixaaf kaffaltii fooyya’aan ykn walqixi akka kaffalamuufi mirga filachuufi filatamuusaanii akka kabajamu sagalee dhageessisan. Waggaa tokko booda Guraandhala 28 bara 1909 Paartiin Sooshaalistii Ameerikaa Guyyaa Dubartoota Biyyaalessaa isa jalqabaa labse.

Lammii Jarmanii kan taate, Falmituun Mirga Namaa dubartiin Kilaaraa Ziitkin jedhamtu Guyyaan Dubartoota Biyyaalessaa paartichaan labsame kan idiladdunyaa akka ta’uuf konfiraansii dubartoota idiladdunyaa hojjettoota dubartootaa jalqabaa bara 1910tti Magaalaa Kopenhagenitti adeemsifamerratti yaada dhiyeessite. Yaadni isheen dhiyeessites dubartoota 100 biyyoota 17 irraa dhufuun konfiraansicharratti hirmaataniin guutummaatti fudhatamummaa argatee waggaa waggaan biyyoota hundatti yeroo walfakkaatu akka kabajamu ta’e.

Guyyaan Dubartootaa (March 8) yeroo jalqabaatiif bara ALA 1911 Ositiriyaa, Denmaarki, Jarmaniifi Siwiizarlaanditti kabajame. Ayyaanichi sadarkaa addunyaatti ifatti kabajamuu kan jalqabe bara 1975 wayita Mootummoonni Gamtooman guyyicha kabajanitti ture. Guyyaan Dubartoota Addunyaa yeroo jalqabaaf mata duree “Isa boodaa kabajuu, isa fuulduraa karoorfachuu’ jedhuun kan kabajame ta’uu eeru Barsiistuu Itaafarraawu.

Dubartoonni sochii mirgaafi walqixxummaa-saanii kabachiisuuf akkasumas hirmaannaa siyaasa, hawaasummaafi dinagdee keessatti qaban guddisuufi fayyadamummaasaanii mirkaneessuuf taasisaniin sadarkaa addunyaatti, ardiififi biyyaatti dhiibbaa uumuu danda’aniiru.

Dubartoonni biyya keenyaas akkuma dubartoota biyyoota addunyaa biroo cunqursaafi sarbama mirga namoomaa durii kaasee dhiirotaan irra gahaa ture cabsuun wal harkaa fuudhuun seenaa hojjetaniiru.

Walabummaa biyyattii tiksuuf jecha, yeroo waraana Adwaatti gootota biyya keenya biroo waliin ta’uun diina akka injifannuuf Iteegee Xaayituu dabalatee dubartoonni biroon gumaacha olaanaa taasisaniiru.

Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun, pirezidaantii biyyattii Saahilawarqi Zawudee dabalatee dubartoonni hedduun gara hoggansa olaanaa mootummaatti akka dhufan ta’eera.

Atileetonni keenya dubartootaa gama atileetiksiitiin Faaxumaa Roobaafi Daraartuu Tulluu, Tikkii Galaanaafi Xurunash Dibaabaa, Masarat Daffaariifi Almaaz Ayyaanaa, Ganzabee Dibaabaafi Lattasanbat Giday’faan alaabaa Itoophiyaa dirree addunyaarratti ol kaasuun walharkaa fuudhuun seenaa biyyattii boonsu hojjetaniiru, hojjetaa jirus.

Jabina dubartoota biyya keenyaa, qabsoo jaalala biyyaarraa kaasee hanga qabsoo hidhannootti ture

Gurmaa’insi dubartootaa Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa Federaalaa keessatti waggoota dheeraaf kan lakkoofsise yoo ta’u, waggoota darban keessas hojiilee gara garaa raawwachaa turaniiru. Dubartoonni ogummaa waraanaafi sadarkaa hoggansa adda addaarratti ramadamanii hojjechuun ashaaraa isaanii dhiisaa turaniiru. Dubartoonni Raayyaa Ittisaa ta’an ergama biyyaalessaa irraa kaasee hanga nagaa eegsisuu idil-addunyaa eegsisuutti hirmaannaa taasisuun dandeettiisaanii mirkaneessaniiru jedhu.

Jijjiirama biyyaalessaa booda altokkotti sadarkaan muudamaa qondaaltota Jeneraalaa dubartoota shaniif kennamuufi carraan barnootaa kennamuufiin walqabatee hirmaannaafi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf jalqabbiin jiru gaarii ta’uus eeraniiru.

Dubartoonni Raayyaa Ittisaa keessa jiran dameelee ogummaa waraanaa hundaan leenji’anii dirqamawwan adda addaarratti gahumsaan hirmaachuudhaan bu’aa galmeessisaa jiru. Loltoonni dubartootaa duula olaantummaa seeraa mirkaneessuu keessattis hirmaatanii lolanii lolchiisanii injifannoo galmeessisuun gahumsa isaanii mirkaneessaniiru.

Dubartoonni Humna Qilleensaa keessa jiran sadarkaa hoggansa olaanaa irraa kaasee hanga hojii teknikaa akkasumas hojii bulchiinsaa, duula, faayinaansii, wal’aansaafi ogummaawwan kenna deggersaa addarratti hirmaachuun ogummaawwan gara garaa horataniiru. Xiyyeeffannaa addaa dhaabbatichi dubartootaaf kenneen barana dubartiin tokko Guyyaa Humna Qilleensaa barana kabajamerratti balaliisummaan leenjitee kan eebbifamte yoo ta’u, balaliistonni dubartootaa biroo lama ammoo leenji’aa jiru.

Fuulduratti dubartootarraa maaltu eegama?

Dubartoonni fuulduratti barnootaafi leenjiin of cimsuun dandeettiisaanii gabbifachuu qabu. Dubartoonni ciminootaafi hanqinootasaanii adda baafachuun hanqinootasaanii guutuufi ciminootasaanii ittifufsiisuu, manii yeroo gabaabaafi dheeraa kaawwachuudhaan mul’atasaanii dhugoomsuufi kennaa qaban beekanii gabbifachuun fayyadamummaasaanii mirkaneessuurratti xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban yaadachiisaniiru.

Dubartoonni ilaalcha gadaantummaa keessaa bahanii miira ofitti amanamummaa horachuu qabu. Dubartoonni hojii irratti hirmaatan hundarratti fakkeenya gaarii ta’anii argamuu, manii qabame milkeessuuf carraaquu, abdii kutachuu dhiisanii abbaa mul’ataa ta’uufi mal’atasaanii dhugoomsuuf cimanii hojjechuu akka qabanis yaadachiisaniiru.

Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, haasaa saganticharratti taasisaniin, milkaa’inni karoora ijaarsa dhaabbataa kan mirkanaa’u hirmaannaa murteessaa dubartoota miseensota raayyaa ittisaan ta’uu ibsaniiru.

Gootittii Adwaa Iteegee Xaayituu, dubartii balaaliistuu xiyyaaraa Muluu Immabeetiifi qabsoon seenaa qabeessi gootota dubartoota biroon raawwatame kabaja Itoophiyaa kan olkaase ta’uus yaadachiisaniiru.

Milkaa’inni karoora ijaarsa dhaabbataa kan mirkanaa’u hirmaannaa murteessaa dubartoota ciccimoon ta’uus kaasanii, Jijjiiramaan booda Humni Qilleensaa dubartoota ga’oomsuufi dameewwan hundaan fayyadamtoota taasisuuf hojiilee bal’aan eegalaman cimanii kan ittifufan ta’uu dubbataniiru.

Ministeera Raayyaa Ittisaatti Dameen Dhimmoota Istaafota Addaa Mejer Jeneraal Xuriyyee Asaffee gamasaaniin, jijjiiramaan as dubartoota gara hoggansaatti fiduufi bakka ramadamanitti bu’aaqabeessa akka ta’aniif deeggarsi taasifame jajjabeessaa ta’uu himan.

Dhaabbatichi dameewwan ogummaa garagaraatiin dubartoota tajaajilaa jiran miira dorgomtummaa yerochi gaafatuun qophaa’ummaasaanii mirkaneessuun akka barbaachisus eeraniiru.

Waltajjicharratti miseensota dubartoota Raayyaa Ittisaa raawwiisaaniin bu’aaqabeeyyii ta’aniif waraqaan ragaa kennamuu ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame nimul’isa.

Natsaannat Taaddasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 Bara 2016

Recommended For You