Maammaa Tsahaay Tolasaa: Akka kitaabni “IBIDDA BOBA’U KEESSA” dubbisiisetti

“Oggaa seenaa namoota dhuufnaarratti xiyyeeffatan dubbisnu bu’aa ba’ii jireenyaa keessa darbaniifi injifannoowwan milkeessan seenessuun waanuma barame ta’us kitaabni waa’ee imala Aadde Tsahaay seenessuufi “IBIDDA BOBA’U KEESSA” qorumsa hindhaabanne, amantaa qorumsaan hinmo’atamne, hanga cimina qabsoofi gootummaa amantaa qorumsaan hinmo’atamnee kan nutti agarsiisu ta’ee argeera.

Ijoollummaatti qoramuu, bultiidhaan qoramuu, sirnaan qoramuu, haadha cimtuu tokko tokkoon jireenyasaanii lafa kanaa hundi qorumsa keessa darbe ta’anis jabinniifi amantaan injifannoo isaan gonfachiiseera. Namni kitaaba kana dubbisu baay’ee fayyadama” jedhan Ministirri Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) ergaa baatii Sadaasaa darbe matadureensaa eerama kana ilaalchisuun karaa miidiyaa hawaasaasaanii dabarsaniin.

Maammaan abbaa warraa, michuufi miiltoo Wangeelaashee isa ta’e abbaa koo Guddinaa Tumsaa dhabde, ijoollee deessee guddiste yeroo dheeraaf irraa adda baatee, qabeenyaafi araddaa qabdu hunda sarbamte, akkasumas sakattaatota Dargiitiin gidiraafi rikuttaa qaamaa jechootaan ibsuun ulfaatu yoo irra gahuyyuu Wangeela Kiristoos lallabuu hindhiisne.

Dhiigashii dhangalaasaa Waaqayyoshii faarfatti turte. Jabina amantiishee ilaalanii baay’oliin gara gooftaa dhufaniiru. Tajaajila hafuuraa cinatti ogummaa fayyaa qabduun yeroo adda addaatti dubartoota ulfaa 50 ol ta’an deessisuufi daa’immansaanii kunuunsuu, dhukkubsattoota sammuu baay’ees dhukkubsachiisuuf akka gara qalbiisaaniitti deebi’aniif gargaaraa turte.

Maarree maaliif waa’ee miidhamuushee qofa dubbannaree? Ibidda sodaachisaa keessatti ayyaana jabinaatiin ishee adeemsise raajeffachaa akkuma maqaashee baay’oliif akka ibsitu Waaqayyo galateeffanna.

– (Leensaa Guddinaa, mucaa ishee dhumaa Luba Guddinaa Tumsaafi Aadde Tsahaay Tolasaa)

Aadde Tsahaay Tolasaa reebicha irradeddeebiin irra ga’een qaamnisaanii hamma qaamnisaanii baachuu danda’uu olitti dhiphataniru. Gara kutaa ibidda boba’uu isa itti nama dhiphisaniitti darbatamaniiru. Akkuma Ergamaan Phaawuloos, “Guyyuma guyyaatti sodaa du’aa jalan jira” jedhe guddinni hafuuraa kan argamu jireenya baqachuun otoo hinta’in rakkinaafi gidiraaf of dhiyeessuudhaan yeroo hunda du’a waliin jiraachuu akka ta’e bara keenya qaama uffatee kan ittiin mul’ate keessaa Aadde Tsahaay isaan tokko.

Erga dhugaan kun keessasaanii seenee booda ayyaanasaatti jabaatan. Amantiisaaniittiis duuba hindeebine. Amanti jabaa, abdii jabaafi jaalala jabaa qabu turan. Aangoo dukkanaatiin biyyoo uffatee awwaalamee akka baduuf kan yaadame keessasaanii kan ture sanyiin kiristaanummaa akka yaadan sana badee hinhafne. Hiddasaa gadifageeffatee dukkanicha gargar saaqee, firii kitila/dhuma hinqabne akka ta’uuf tarsaasee ol ba’e. Akkuma baay’oliin dhugaa ba’an kiristaanni akkamitti akka jiraatu beekuuf, akkamitti akka du’u barachuutu irra jira. Kanaaf ammoo kitaabni kun qajeelfama gaariidha.

Nabiyyuu Takkaallinyi (Ogeessa Aartii)

‘Harmeen keenya Maammaa Tsahaay Tolasaa waggoota 50 oliif xoofoo hadhaa’aa dhandhamaa turte kan seenessu kitaaba, “Ibidda Boba’u” jedhamee moggaafame yeroo dubbisne, hammeenyaafi dukkana, hadhaafi gadadoo malee yeroo dheeraaf waan biraa keessatti arguu hindandeenye. Keessumaa nu, maatiishiitiif ulfaatinni maatiishee walxaxaa akka salphaatti hiika hinarganne ture. Umrii daa’umummaarraa kaasee walakkaa jaarraa oliif jireenya yandoon gidiraa irratti walgeeddare hiika maalii qabaachuu danda’a?

Ta’us kun ilaalcha namaati, ilaalchi Waaqaa immoo attami laata? Seenaa hadhaa’aan qulqullootaa Waaqayyoof immoo waltajjiisaati; karooraafi caasaa inni adeemsa jireenya qulqullootaarratti baafatee hojjetuudha.

Maammaan erga mana hidhaatii baatee booda namichi ishee wajjin yeroo sana mana hidhaa keessa ture akka himetti, “Madaa’uufi caba sana booda yeroo Mana Hidhaa Guddichatti ishee deebisanii manicha dukkanaa sana keessatti furguggisanii darbatan, bakka ittidarbatamtee harkifattee, foqoqxee, keenyan qaqqabatee kaatee dhaabattee dhiiga coccobsaa faarfannaa galataa faarfatte. Kun hidhamtoota ishee wajjin turan hunda ajaa’ibsiise”, namichis ergasii deebi’ee hingaddine jedhee ragaa ba’e.

Amantii hinraafamne, hamilee takkaa hincabne; kan ishee seenaan adda ture. Amantiin ishee kan warra Ibroota 11 keessatti galmaa’anii fakkaata. Kanneen hunda keessatti gaaf tokko dogoggoraan Waaqayyorratti hingumgumne. Dukkana keessatti deddeebisanii gombisanii tumanis Yesuus takkaa ittihir’isuu, maqaasaa walittifufiinsaan waamuurraa ishee deebisuu hindandeenye.

Maarree, nuyi gidiraa isheen keessa darbite seenessuufi jabina ibiddaa ishee hadooche qofa bullee kaanee odeessuudhaan seenaashee seenaa isa gadadoo qofaan maaliif uwwisnaree? Ibidda sana keessaa utuu hingubatiin mo’ichaan keessa adeemsisee kan ishee baase Waaqayyo jabaadha.

Karchallee, mana hidhaa guddicha iddoo hidhamtoonni kuma torbaa ol keessa turan yeroo dhaqxu dubartoota dhibbaan lakkaa’aman wajjin kutaa tokko keessatti hidhamuun balbala tajaajilaa saaqeef.

Intala lafichaa

Intalli kun Tsahaay Tolasaa, Aadde “Biiftuu”, intala Tolasaa Boruu haadha warraa Guddinaa Tumsaati. Har’a Tsahaayiin walarguu jechuun giiftii simboo addaa qabdu wajjin walarguu jechuudha. Dheertuu, nama qaama qajeeltuufi nama hawwattuudha.

Waggoota 10f haala suukanneessaadhaan mana hidhaatti dararamuushee boodallee sanuma. Waa’ee wanta keessa dabartee yeroo gaafatamtu, Waaqayyo Waaqa jiraataa kan kakuusaa eegu ta’uusaafi yeroo rakkina hundumaatti akka inni ishee wajjin jiru gammachuudhaan dubbatti.

Tsahaay akka bulchiinsa yeroo sanaatti kutaa biyyaa Wallaggaa, Magaalaa Naqamteetti bara 1930 keessa dhalatte. Mannisaanii mana citaa naannawa gabaatti argamu ta’ee namoota dhufaniifi deemanin kan guute ture. Maatiinshee kan sadarkaa gaariirra turan sun hojjettoota hedduu mindeessanii hojjechiisu turan.

Hundisaanii mana citaa guddaa, kan guyyaa guyyaa ho’a aduu, halkan halkan ammoo qorra isaanirraa ittisu keessa waliin jiraatu turan. Galgala akkuma aduun dhiiteen irbaanni maatii hundaaf ta’u niqophaa’a. Yeroo kana hunduu mana citaa sanatti walittiqabamee abidda qaammatu arguun nama gammachiisa. Isa booda waliin ta’anii mudannoo guyyaa sanaa guddaafi xiqqaa walharkaa fuudhani haasa’u.

Amalli kun miira hariiroo maatii gidduu jiru haala gaariidhaan kan jajjabeessu ture. Hoggantoonniifi hojjechiiftonnisaanii maatii guddaa kana waliin jiraatu, waliinis hojjetu turan.

Tsahaayiifi obbolootasheetiif yeroon gara fuulduraa kan guute fakkaata ture. Walumaagalatti ijoollee shan turan, dhiirota sadiifi durboota lama. Tsahaayi obboleettiishiifi dhiirota lamatti aantee shanaffaa turte. Ilmi dhiiraa hangafi garuu duraan du’e. Sun waanuma maatii hedduu keessatti ta’uudha. Eenyuyyuu sana nibeeka. Sanarraa kan ka’e namoonni mucaa argatan kamittuu nigammadu turan. Erga Tsahaay dhalattee booda ilmi tokko ilmaan dhiiraa sadii turanitti dabalame. Wanti ta’u akkuma ta’uu qabutti ta’e.

Duumessi dukkanaa’aan inni jalqabaa Tsahaayiin marsuu jalqabe irra buufate. Waraanni xaaliyaanii waliin bara 1935 eegalame. Utuu hinturiin bara 1936 waraanni Xaaliyaanii Naqamtee to’ate. Mootummaan Xaaliyaanii biyya Afrikaa keessa jirtuufi humna waraanaa dadhabaa qabdu kana qabatee albuudota isheen qabdu saamuuf ka’e. Sun garuu salphaa hinturre. Gootota biraa falmii cimaatu isa mudate. Saboonni Itoophiyaa waggoota waraanaa sana dararama guddaa keessa seenanillee birmadummaasaaniitiif wal’aansoo cimaa taasisaniiru.

Walakkaa Magaalaa Finfinneetti siidaan yaadannoo namoonni walirra yaabbatanii jiran irraa mul’atan dhaabameera. Sun jireenya kan mul’isu miti. Yeroo dhiphinaa sana ga’eessotaafi ijoollee warra Xaaliyaaniidhaan utuu lubbuudhaan jiranii gubamaniif yaadannoo ta’ee dhaabate. Siidichi miidhaa warri Xaaliyaanii geessisan haalaan dubbata.

Yeroo sana konkolaataan kutaa biyyaa Wallaggaa waan hinjirreef xaaliyaanonni waan ittiin imalan barbaadu turan. Meeshaaleen gara sana geeffamaa turan buufata tokkorraa gara biraatti geeffamuu qabu turan. Kanaaf Xaaliyaanonni geejibaaf waanuma naannawa sanatti argatan fayyadamuutti ka’an. Daldalaan gaangolii qabu tokko, abbaan Tsahaay namoota kaan waliin humnoota biyyattii qabatanii turan sanaaf akka hojjetan dirqisiifaman. Wanti isaan bakkaa bakkatti geessan sun garuu waan salphaa hinturre.

Tsahaay akkanatti ibsiti: “Guyyaa tokko namoota abbaa koo waliin hojjetan keessaa tokko fiigichaan gara mana keenyaa dhufe gaangolii keessaa tokko karaarraa miliqee kallattiidhaan gara mana keenyaatti ariitiidhaan deema ture. Gaangichi wanta nyaatamu barbaada ture. Yeroo fiigu kana akka tasaa gaangichi ykn ba’aansaa kufuu danda’a. Kun taanaan ammoo balaa guddaatu ta’a. sababiinsaas ba’aan gaangichi baate dhuka’aa (boombii) waan tureef.

Walumaagalatti Gaazexaan Bariisaa seenaa dhugaa Aadde Tsahaay Tolasaa Onkoloolessa 13 bara 2014 boqotanii kitaaba mataduree, “IBIDDA BOBA’U KEESSA” jedhamuun maxxanfamerraa argate yeroo Guyyaan Dubartoota Addunyaa (‘March-8’) kabajamu kanatti gabaabinaan dhiyeesseera. Isa hafe dubbistoonni kitaabichumarraa akka dubbisan affeerra.

Kitaabni kutattummaa agarsiisuufi bu’aa ba’ii waggoota dheeraaf keessa darban dubbisiisu kun jalqaba Afaan Noorweeyiin bara 1992 maxxanfame. Bara 1993 ammoo gara Afaan Jarmanitti hiikame. Kitaabni bara 2023 gara Afaan Oromootti hiikamee haala dubbisaaf toluun matadureewwan adda addaatti qoodamee dhiyaate kun fuulawwan 227 qaba. Kitaabichi gara Amaariffaafi Ingiliffaattis hiikameera.

Charinnat Hundeessaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 Bara 2016

Recommended For You