Dubartoota haa ga’oomsinu, misoomaafi nageenya haamirkaneessinu

Rakkoolee walxaxoofi dhabiinsa hubannoo addunyaa, ardiifi biyya keenya keessa turaniin dubartootarra dhiibbaawwan kanneen akka dinagdee, siyaasaafi hawaasummaatiif saaxilamaa turuunsaanii nibeekama.

Guyyaan dhiibbaa dubartootarra ga’aa ture kana balaaleffachuu ittijalqabame akka addunyaatti yeroo 113ffaaf, biyya keenyatti ammoo al 48ffaaf mataduree, “Dubartoota haa ga’oomsinu, misoomaafi nageenya haamirkaneessinu” jedhuun sagantaalee addaddaatiin kaleessa kabajameera.

Ayyaanichi oggaa kabajamu bu’uura mirgaafi walqixa fayyadamuu dubartootaa heera RFDI, keeyyata 35rratti tumame gama mirkaneessuutiin keessumaa bu’aalee tarkaanfiilee jijjiirama baatii Bitootessaa bara 2010 as fudhatamaniin galmaa’aniif beekamtii kennuun ta’uu qaba.

Gama mootummaatiin hojiileen dubartoota gara hoggansaatti fiduuf hojjetaman, bu’aalee argamaniifi hanqinoota mul’atanirratti waloon hojjechuudhaan jijjiiramicha ittifufsiisuuf kutattummaan tattaafachuu barbaachisa.

Akka ijoottis jijjiirama akka biyyaatti keessa jiramu duubatti deebisuuf alaa diinonni seenaawwan Itoophiyaa ergamtoota mindeeffamoo biyya keessaa wajjiin ta’uun biyyattii boqonnaa dhorkanii rakkoo keessa galchuudhaan imala guddinaashii gufachiisuuf irradeddeebiin yoo yaalanillee abjuunsaanii maseeneera.

Dubartoonni oggaa biyya keenya waraanni mudatu adda waraanaatti adda durummaan duuluurraa kaasee miseensota raayyaa ittisaa gaafachuufi kunuunsuun akkasumas meeshaalee barbaachisoo dhiyeessuu bira darbee gama kutaalee hawaasaa rakkoolee garagaraatiif saaxilaman utubuutiin ergama namoomaasaanii bahataniiru.

Bu’uuruma kanaan ayyaanichi oggaa kabajamu qabiyyee seenaarraa ka’uun sadarkaa hirmaannaafi sochiin dubartootaa sadarkaa biyyattis ta’e addunyaa ammaan tana irra gahe qorachaafi hubachaa fuulduratti tarkaanfachuun barbaachisaadha.

Kanaanis fedhii babal’ifannaa bittaa ALA 1800 – 1900tti tureen walqabatee akkasumas waa’een mindaa gadaanaafi sa’aatii, mijachuu dhabuu iddoofi haala hojii dhiibbaafi daba dubartootarraan gaheen miidhaa qaqqabsiiseera.

Sababa cunqursaa dubartootarra qaqqabaa tureetiin bara 1908 falmiin siyaasaa cimaan adeemsifamaa ture. Dubartoonni kuma 15 Niiwu Yorkitti addababa’iitti ba’uun sa’aatiin hojii akka hir’atu; kanfaltii fooyya’aaf/ hojii walqixaaf kanfaltii walqixaafi mirgi filachuufi filatamuu akka kabajamuuf sagaleesaanii dhageessisanii turan.

Waggaa tokko boodas Guraandhala 28 bara 1909 Paartiin Soshaalistii Ameerikaa Guyyaa Dubartootaa isa jalqabaa labse. Dubartoonni sosochii idilaaddunyaa hordofees mirga walqixxummaasaanii mirkaneeffachuuf qabsaa’aniiru. Siyaasa dabalatee dameelee addaddaatiin waan guddaa gumaachaniiru.

Fakkeenyaafis dubartoota sirna appaartaayidii balaaleffachuudhaan qabsaa’an keessaa haati warraa pirezidaantii duraanii Afrikaa Kibbaa Winii Maandeellaarraa kaasee weellistuu beekamtuu Maarii Maakeebaa eeruun nidanda’ama.

Gaaffii mirgaa biyyoota Afuritti babal’ateen miirri dorgomummaa dubartootaa waan cimaa dhufeef Elan Joonsan Sarkiliif pirezidaantii dubartii jalqabaa Laayibeeriyaa ta’uu danda’aniiru.

Biyya keenyattis durii kaasee dubartoonni sarbama mirgaafi cunqursaan dhiirotaan irra gahaa ture tattaaffiidhumasaaniitiin cabsanii keessa darbuun seenaa hojjetaa turaniiru. Ogummaa uumamni isaan badhaasteenis ta’e humna, muuxannoofi leenjiidhaan argataniin biyya bulchuudhaan ashaaraasaanii gaariis kaa’anii darbuusaaniif seenaan ragaadha.

Dubartoonni waliigalteefi waljijjiirraa yaadaa gochuufi waliisaaniif waliigaluurratti kennaa qabu. Akka ragaaleen eeranitti yeroo baay’ee dubartoonni oggaa hiriyootasaanii dhiiraa wajjin dorgoman waljijjiirraa yaadaa cimaa gochuufi walumasaaniif waliigaluurrattu dandeettii qabu.

Walumagalatti akka biyya keenyaatti baay’ina ummata biyyattii keessaa %52 qabatan kanneen ga’oomsuun dandeettiisaanii addaa kanas ta’e kaan hojiitti hiikuudhaan misoomaafi nageenya haa mirkaneessinu.

Keessumaa jijjiiramaa as hojiilee gama dubartoota ga’umsa qaban gara hoggansaatti fiduun eegalame fakkeenyaan kan eeramu waan ta’eef wantoota ammayyuu dubartootarraan dhiibbaa ga’an maqsaa fayyadamummaa biyyas ta’e hawaasaa caalaatti mirkaneessuuf jalqabbii abdachiisaan gama hundaan eegalame ittifufuu qaba.

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 / 2016

 

Recommended For You