“Babal’ifannaan daangaa humnaan taasifamu gufuu misooma keenyaa waan ta’eef haqa bakkatti deebisuun misooma ittifufsiisuun furmaata” – Aadde Ikraam Xahaa

 Godinni Harargee Lixaa godina kanaan dura omisha jimaafi albuudaan daran beekamuudha. Haata’uutii dhiyeenya kana keessumaa waggoota sadan darbanitti misooma jallisiin haala hinbaratamneen inisheetivii qamadii babal’isuun eeggattummaa midhaan nyaataa maqsuun godina seenaa hojjetaa jiruudha.

Omisha jimaatiinis bu’aalee olaanaan kan galmaahan yoo ta’u, sochii misoomaa waliigalaa, nageenyaafi hudhaalee akka godinichaatti jiran ilaalchisuun Bulchituu Godina Harargee Lixaa Aadde Ikraam Xahaa waajirasaaniitti argamuun keessummaa Bariisaa maxxansa kanaa godhanneerraa dubbisa gaarii.

Bariisaa: Godinni Harargee lixaa aanaaleefi gandoota meeqa qaba?

Aadde Ikraam: Godinni Harargee lixaa aanaalee 15, magaalota shaniifi gandoota baadiyyaa 455 kan qabu yoo ta’u, hawaasni qonnaan bulaa, horsiisee bulaafi misoomawwan garagaraarratti bobbahe keessatti argama.

Bariisaa: Wayita maqaan Godina Harargee Lixaa dhahamu omisha jimaa qofaan kan beekamu godhanii kan ilaalan jiruutii isin akkamiin ibsitu?

Aadde Ikraam: Dhugaa dubbaachuuf oggaa maqaan Godina Harargee Lixaa ykn Harargee waamamu misooma jimaa qofaan kan beekamtu godhee kan ilaalu hedduudha.

Haata’uutii Harargee Lixaa misooma jimaatiin ala kuduraafi muduraan, albuudaan dabalataan ammoo waggoota sadan darbanii as inisheetivii omisha qamadiin godina bu’aa guddaa galmeessisaa jirudha.

Namni kan dhagahu qofa haasa’a. Gaafa qaamaan dhufanii arganimmoo haqa jiru baruun salphaa waan ta’eef kallattii misooma qamadii gaaraa kenname hordofuun hojii hojjetameen bara bajataa 2015tti lafti hektaarri kuma 40fi 500 ol qamadiidhaan misoomee sassaabbiif qaqqabeera.

Bariisaa: Kanaan dura wabii midhaan nyaataatiin of danda’uu dhabuurraa kan ka’e aanaalee gara garaatti tajaajilli reeshinii midhaan nyaataa kennamaa ture. Sun amma dhaabateera moo akkami?

Aadde Ikraam: Dhugaa dubbachuuf inisheetiviin misooma qamadiifi kanneen biroo kanneen akka kuduraafi muduraa babal’achuun, misoomni albuudaa jajjabaachaa deemuun eeggattummaan gama wabii midhaan nyaataatiin mudachaa ture dhaabateera. Ummanni keenya xiiqiidhaan misoomatti bahee fayyadamummaasaa mirkaneessaa jira jechuun nidanda’ama.

Bariisaa: Akka godina keessaniitti kanaan dura misoomni qamadii hinbeekamu ture. Milkaa’inni kun akkamiin argame? Keessumaa misooma qamadii bonaa ykn jallisiin akkamiin milkaa’uu dandeessan?

Aadde Ikraam: Gaafa tarsiimoon inisheetivii qamadii diriirfamu akka godinichaatti nimilkaa’a jedhee kan mane muraasa. Sababnisaas barmaanni jiru misooma jimaa qofa waan tureefi.

Haata’uutii karoora xiiqiin guutamnee hojiitti seenuun miira hindanda’amuu hojiitti hiiknee bu’aa guddaa galmaa’eera. Kanaaf galtee guddaa ta’ee kan gargaare tajaajila lammummaatiin misoomni ashaaraa magariisaa babal’achuusaati.

Bariisaa: Misoomawwan biroo fayyadamummaa hawaasa godinichaa dhugoomsaa jiran kamfa’i?

Aadde Ikraam: Misoomni jimaa karaa qindaa’aa ta’een jechuunis dargaggootaaf sheediwwan daldalaa mijeessuu, giddugala gabaa qopheessuun, misooma bunaan, loon furdisuun, misooma lukkuun, albuuda baasuun, daldalaan, omisha kuduraafi muduraa irratti bobba’uun fayyadamummaa hawaasa keenyaa mirkaneessuuf hojiilee jajjaboon hojjetamaa turaniiru ammas ittuma jirra.

Gama invastimantiinis abbootiin qabeenyaa misoomawwan hawaasa fayyadamoo taasisan gara garaa keessatti akka hirmaatan; kanamalees qonnaan bultoonni fooyya’oonis akka hirmaatan haala mijataa uumameen jijjiiramoonni misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan galmaa’aniru, ammas ittuma jiru.

Bariisaa: Misooma taasifamu kana karaa bilchaataa ta’een gaggeessuufis ta’e bu’aa gaarii argamsiisuuf dhaloota barnoota ammayyaan ga’oome qabaachuun murteessadha. Sochiin gama misooma barnootaatiin jiru maal fakkaata?

Aade Ikraam: Gama misooma barnootaatiin sochii mootummaan taasisaa tureefi kaka’umsa ummataatiin hojiin olaanaa hojjetameera. Kunimmoo daran hawaasa keenya kan boonsu, dhaloota barnoota ammayyaatiin of gahe horachuuf sochii taasifamu jabeessuu keessattis qooda guddaa kan qabudha.

Manneen barnootaa 999 hirmaannaa ummataatiin ijaaramaniiru. Karaa hinbaratamneen daa’imman carraa barnootaa hinarganne hedduun barnoota idileen duraa (BID) keessatti bal’inaan hirmaannaa akka argatan taasifamaniiru. Kun milkaa’ina guddaa gama barnootaatiin galmeesineedha.

Bariisaa: Misoomni manneen barnootaa akkuma jirutti ta’ee barnoonni qulqullina qabu akka lafa qabatuuf sochiin jiru maal fakkaata?

Aadde Ikraam: Barnoota qulqullina qabu waliingahuuf tarkaanfiiwwan gara garaa fudhatamaniiru. Keessumaa barattoota dandeettii addaa qaban ispeeshaal kilaasii galchuun qabxii olaanaan akka galmaa’u taasifameera.

Akka fakkeenyaatti bara 2015 kufaatii barnootaa qaqqabe keessatti godina keenyatti barattoonni dhibbanataa 4.9 gara yunivarsitiitti seenuu dandahaniiru.

Lakkoofsi kun godinaalee biroo waliin walbira qabamee gafa ilaalamu milkaa’ina guddaa waan ta’eef kanaa ol galmeessisuun barnoota qulqullina qabu waliingahuuf hojjetaa jirra.

Barattoota keenyaaf barnoota qulqullina qabu kan waliin hingeenye yoo ta’e oolee bulee ba’aa maatiifi biyyaa waan ta’aniif gamanumaa irratti hojjechuun dirqama hunda keenya ta’uusaatiin cichoominaan hojjetaa jirra.

Dhaloota duuba jiru barnoota qulqullina qabuun waliin gahuuf dirqamni kan barsiisaa qofa miti. Maatiin barataa, hawaasni mana barumsaa kanamalees hudhaa sirna barnootaa keenyarratti jiru furaa deemuun dirqama waan ta’eef hunduu ittigafatamummaa guddaa qaba jechuudha.

Hanga kun hintaanetti barnoota damee barnootaaf qofa kenninee kan teenyu yoo ta’e dhaloota boru biyya kana bakka bu’u dhabuu waan dandeenyuuf misooma barnootaa eegalame cimsuun gamanumaa irratti hojjechuun barbaachisaadha.

Bariisaa: Barattoonni keessumaa BID fi sadarkaa 1ffaarra jiran rakkoo nyaataatiin ogaa barnootasaanii addaan kutan mul’atu. Hudhaa kana furuuf tajaajilli nyaata barattootaa akka godina keessaniitti jiru maal fakkaata?

Aadde Ikraam: Dhugaa dubbachuuf beela’aa barachuun daran ulfaataadha. Kanarraa kan ka’e kanneen barnootasaanii addaan kutan hedduu turan. Sun amma seenaa ta’aa jira. Kanaafis sababni guddaan tajaajilli nyaata barattoota hojiirra ooluusaati.

Akka godina keenyaatti tajaajilichi hojiirra kan oole yoo ta’u, barattoonni barnootasaanii addaan kutaa turanis akka sirnaan baratan gargaareera; fuuldurattis cimee kan ittifufu ta’a.

Bariisaa: Gama misooma fayyaatiin hawaasa fayyabuleessa qabaachuuf sochiin jiru maal fakkaata?

Aadde Ikraam: Dhugaa dubbachuuf fayyaan bu’uura waan hundaati. Barachuuf, hojjetanii jijjiiramuuf biyya ofiis jijjjiiruuf hawaasa fayyabuleessa qabaachuun murteessaadha.

Gama kanaan kenniinsa tajaajila yaalaa si’ataa, qulqullina qabuufi baasii madaalawaan akka tajaajilamuuf ittifayyadamni inshuraansii fayyaa akka lafa qabatu taasifameera.

Haaluma kanaan godinni keenyaa ittifayyadama inshuraansii fayyaatiin sadarkaa 3ffaarra kan jiru yoo ta’u, yaalamaan tajaajila si’ataafi madaalawaan kenniinsa tajaajila wal’aansa fayyaa argataa jira. Du’aatiin haadholiifi daa’immaniis hir’ataa jira. Kun injifannoo guddaadha.

Bariisaa: Hudhaan gama fayyaatiin walqabatu hoo akkamiin ibsama?

Aadde Ikraam: Dhugaa dubbachuuf miseensa inshuraansii fayyaa ta’uuf hawaasni keenya adda durummaan hirmaannaa guddaa taasiseera. Ittiquufisni jirus olaanaadha.

Haata’uutii tajaajila wal’aansa fayyaa argachuuf wayita mana yaalaa deemanitti rakkoo dhiyeessii isaan mudatuun baasii hinmalleef saxilamaa jiru. Kunimmoo ergama inshuraansii fayyaa kan faallessu waan ta’eef irratti hojjetamuu qaban jedha.

Bariisaa: Tarsiimoo rakkoolee hundaaf harka mootummaa hinilaallu jedhuun akka Oromiyaatti tajaajilli Buusaa Gonofaa hojiirra oolee akka godina keessaniitti maalirra jira?

Aadde Ikraam: Akka godina keenyaatti gandoota hundatti tajaajilichi hojiirra ooleera jechuun nidanda’ama. Aadaan walgargaarsaa kun durii kaasee kan tureedha. Ammammoo cimeera. Kutaaleen hawaasaa hundi miseensa. Buusiiwwan gara garaa buufachuun yeroo balaa tasaa, balaa uumamaafi rakkoo hawaasummaa waliin dhaabachuun walhumneessaa jira.

Rakkoo battalaa itti obsuuf hawaasa rakkateef gahuu akka dandeenyuuf nugargaareera. Tajaajilli kun yoomiyyuu caalaa cimuu qaba. Kanamalees mana manguddootaa dulloome haaressuu, ashaaraa magariisaa dhaabuufi kkf irratti bu’aaleen abdii biyyaa ta’an galmaa’aniiru.

Bariisaa: Jiruufi jireenya hawaasummaa keessatti waliin dhaabachuun akkuma jiru walitti bu’uun jira. Isa kanaaf waldhabdee mudatu maqsuuf kenniinsi tajaajila mana murtii aadaa akka godinichaatti jiru maal fakkaata laata?

Aadde Ikraam: Dhugaa dubbachuuf akka Harargee Lixaatti gandoota baadiyyaa maratti tajaajilli mana murtii aadaa hojiirra ooleera jechuun nidanda’ama.

Tajaajilichi namoota gumaan walbarbaadan; kan manni murtii idilee furuu dadhabe yeroo gabaabaa keessatti kan fure waan ta’eef fala addaafi hawaasa biratti fudhatamummaa guddaa qabudha jechuun nidanda’ama.

Bariisaa: Tajaajila mana murtii idileefi aadaa wanti adda isaan taasisu maali, kamtus filatama jettu?

Aadde Ikraam: Kan idilee deddeebii barbaada; yeroo, maallaqa, humna namaa, dinagdee qisaasessa. Kan aadaa garuu kanarraa bilisa.

Lafuma jiranitti jaarsolii biyyaatiin jechuunis karaa mana murtii aadaa kana kan waldhibe furmaata kan itti argatu yoo ta’u, murteen as keessatti darbu isa miidhes isa miidhames kan gammachiisuudha malee tokko kanitti injifatu tokkommoo yakkamaa ta’ee itti injifatamu miti. Tajaajilichi waldhabdee barootaa kan hiiku, jibba caalaa jaalalaafi dhiifaama kan barsiisu mala filatamaadha.

Lamaanuu walyakkaniiru. Ilaafi ilaameedhaan akka walii dhiisan; araara buusan kan taasisu waan ta’eef fala filatamaa hawaasa birattillee barbaachisummaansaa olaanaa ta’ee ilaalamaa jiruudha.

Bariisaa: Rakkoo nageenyaa mudatu furuuf akkamiin hojjetaa jirtu?

Aadde Ikraam: Rakkoolee nageenyaa hawaasaaf yaaddessoo ta’an battalumatti to’achuuf ijaarsi gaachana sirnaa gargaarsa guddaa taasiseera.

Gaachanni sirnaa ummata keessaa namoota ga’umsa qaban filachuun nagaafi waardiyyaa kan dhaabatan jechuudha. Gachanni kun nageenyaaf kan hiriire yoo ta’u, alseerummaafi seermaleessummaa mudatu rakkoo nageenyaaf kan balaa ta’e to’achuuf kan bobba’eedha. Kun hudhaa akka godinichaatti numudataa ture fureera. Ammas ciminaan irratti hojjetamaa jira.

Bariisaa: Godinni Harargee Lixaa naannolee Affaar, Sumaaleefaa waliin waldaangessiti tarii ittifayyadaama qabeenya uumamaatiin walqabatee walitti bu’insi mudachuu mala. Kana furuuf fala akkamii fayyadamaa jirtu? Haalli qabatamaan jiru hoo maal fakkaata?

Aadde Ikraam: Dhugaadha; ittifayyadama qabeenyaa uumamaatiin walqabatee walitti bu’insi hawaasa Harargee Lixaafi Affaariifi Somaalee waliin inuma mudata. Haaluma kanaan nuyi abbootii Gadaatiin isaanimmoo ugaazotasaanii qabatanii waldhabdee mudatu ilaafi ilaameen furaa waliin hojjetanii misoomaa jiru.

Gama kanaan hariiroon abbootii gadaafi ugazotaa yeroorraa yerootti cimuu qaban jedha. Sababnisaas gama lamaaniinuu akkuma namni gaariin jiru kan yaada faallaa qabus jira. Sunimmo waldhabdee mariin furamuu dandahu babal’isuun hanga dhiiga waldhangalaasisuutti geesisuu mala. Kanaafuu mariidhaan hawaasa naannolee ollaa waldaangessinu waliin taasifamu yeroorraa yerootti gaggeeffamaa jira, fuuldurattis cimee kan ittifufu ta’a.

Bariisaa: Oggaa hanni ykn yakki daangaa darbee mudatu akkamiin furtu?

Aadde Ikraam: Hattuun daangaa darbitu inuma jirti. Kanas ugaazonniifi abbootiin Gadaa qaamonni dhimmisaa ilaallatu naannolee waldaangessan aanaalee dabalatee walitti dhufuun seera tumatanii adabaa jiru. Gabaabaatti hattuufi yakkamaaf ilaalchi dhiifamaa gama ollaa waldaangessaniin mudatu salphaatti kan ilaalamu miti.

Bariisaa: Daangaa bulchiinsaatiin walqabatee gandoota Affaariifi Somaalee waliin ammallee rakkoon jira jedhamaatii isin kana hammam quba qabdu?

Aadde Ikraam: Dhugaa dubbachuuf dhimmi daangaa wajjin walqabatee ka’u kun dhimma xiyyeeffannoo barbaadudha, sababnisaas kaartaan naannoolee bakka jirutti daangaa darbanii babal’ifannaan lafaa ammallee hammaataadha.

Lafti Godina Harargee Lixaa yeroo ammaatti bakki weerarame jira. Sunuu daangaa bulchiinsaa darbanii alaabaa dhaabbachuun keessa jiraachaa jiru. Gochi akkasii kanaan dura hawaasa dhiiga dhangalaassiseera, ammas gara hinmalletti akka hindeemneef karaa abbootii Gadaafi ugaazotaafi qaamolee dhimmi ilaallatuun furuun dirqama.

Waldhabdeen daangaa bulchiinsaa kun akka feeteen kan bira darbamu taanaan hawaasa keenya gatii hinmalle kaffalchiisuu danda’a. Kanaafuu hawaasni keenya haqa barbaada, haqasaammoo tolu ilaafi ilaameen didummoo seeraan bakkatti deebisuun barbaachisaadha.

Akka fakkeenyaatti lafti babal’ifannaan qabamaa jiru kanneen akka lafa Gumbii Bordoddee, Hardiim irra qubachuun alaabaa dhaabbataniiru. Kun alseerummaadha. Daangaa bulchiinsaa darbanii alaabaa dhabbbatanii kiyya jechuun seeraan furmaata argachuu mala. Bakka kaartaan jirutti daangaa darbuun seera faallessuu waan ta’eef gamanumaa qaama dhimmi ilaallatuun furmaanni nikennama jennee abdanna.

Bariisaa: Harargeen Lixaa gama bu’uuraalee misoomaatiin maal fakkaata?

Aadde Ikraam: Misoomawwan bu’uuraa kanneen akka daandii, bishaan dhugaatiifi tajaajilli ibsaa akka godinichaatti jiran kan nama qaanfachiisaniidha.

Keessumaa hawaasni tajaajila bishaan dhugaatiin rakkoo hamaa keessa jira. Kan amma hojiirra jiru kan waggoota dheeraa lakkoofsise, sibiillisaallee kan dammeessa’eefi suphaaf rakkoo ta’eedha.

Hawaasni omishaalee akka jimaa, Loon, kuduraafi muduraa, dammaafi aannan gabaaf dhiyeessu bishaan dheebochuun qaanii waan ta’eef gama kanaan irratti hojjetamuu qaba. Tajaajilli ibsaafi daandiis daran saalfachiisaadha. Guddugala dinagdee biyyaa taanee hudhaa kanaan rakkachuun keenya yaaddessaa waan ta’eef ittiyaadamuu qaban jedha.

Bariisaa: Babal’inni indastirii paarkii guddina biyyaaf murteessaa ta’e akka godinichaatti maal fakkaata?

Aadde Ikraam: Paarkiin indastirii hinjiru. Lafa gahaa qabna. Qaama dhufee misoomsu, ofii fayyadamee godina keenya fayyadu hinqabnu. Gama kanaan mootummaan nuyaadachuu qaban jedha. Misoomuun paarkii indastirii tajaajila hawaasaa olaanaa waan kennuuf hojidhabdummaa hir’isuuf itti yaadamuu qaba. Indastiriin hinjiru. Albuunni jiraatus meeshaan albuuda ittiin baasan jechuunis maashinariiwwan hinjiran. Kun dhimma furmaata waaraa barbaadudha.

Bariisaa: Rakkoo hojidhabdummaa dargaggoota qoraa jiru kana furuuf tooftaa akkamii fayyadamaa jirtu, duubdeebii jiru hoo akkamiin ibsitu?

Aadde Ikraam: Rakkoo hojidhabdummaa dargaggoota keenyaa furuuf qabeenya uumamaa maal qabna? Yoo maal hojjenne isaan jijjiiruu dandeenya isa jedhu ilaallee hojiilee akka lukkuu horsiisuu, loon furdisuu, dammaafi misooma albuudaarratti akka bobba’an gochaa jirra.

Jijjiiramoonni jiran jajjabeessoodha. Kanamalees dargaggoonni keenya araada hinmalleef akka hinsaaxilamneef ijaarsa dandeettii kennaa jirra. Irrajireessaan akka hojiitti galaniif haala mijeessineerra. Haroon Carcar omisha qurxummiitiin kan badhaadheedha. Kanarrattis gurmaa’anii akka dinagdeesaanii cimsan gooneerra ammas ittuma jirra.

Bariisaa: Godinichi gama wiirtuulee hawwata turistiitiin maal fakkaata?

Aadde Ikraam: Kanneen akka Holqaa, Bosona Dindin, Bineensota Bosonaa, bataskaanota umrii dheeraa qaban gara garaatu argama. Kunniin akka tajaajilarra oolaniifi madda galii gochuuf tattaafataa jirra.

Bariisaa: Godinni Harargee Bahaa keessumaa naannawa gammoojjiitti misoomni mimmixaa sharafa argamsiisu jira jedhamaatii isin maal jettu?

Aadde Ikraam: Dhugaa dubbachuuf mimmixni naannawa gammoojjii Harargee Lixaatti omishamu daran hedduu yoo ta’u, hanga Jibuutiitti ergamuun sharafa alaa argamsiisaa jira. Kanarraa kan ka’e dargaggoonni hedduun bakkicha jiran omisha kanaan fayyadamoo ta’aa jiru. Fuuldurattis bal’inaan misoomsuun sharafa alaa argamsiisuuf ciminaan hojjenna.

Bariisaa: Godinni Harargee Lixaa giddugala daldalaati. Kanamalees daldala seeraan alaafi kontirobaandiinis rakkoo keessa jirti jedhama. Kana akkamiin hordofaa jirtu mee?

Aadde Ikraam: Godinni keenya daldaa seeraaan alaa jimaafi kontirobaandii alaa galuun rakkoo hamaa keessa turteetti. Hudhaa kana furuuf sochiin godina keenyaa qofti gahaa waan hintaaneef naannolee nudaangeessan godinaalee Oromiyaa dabalatee hordoffiifi mari’achaa jirra.

Dhimmi kontirobaandii hudhaa godina keenya qoraa jiru keessaa isa tokko yoo ta’u, caasaalee nageenyaa sadarkaa sadarkaan jiran bobbaasuun hordofaafi to’achaa seeratti dhiyeessaa seermaleessummaan gibiraafi taaksiirra qaqqabaa jiru akka dhaabatu hojjetaa jirra. Ta’us gahaa miti. Ammallee akka cimnee hojjechuu qabnu kan nugaafatuudha.

Bariisaa: Godina keessan gama ashaaraa magariisaafi misooma sululaatiin akkamiin ibsitu?

Aadde Ikraam: Sochii tajaajila lammummaan ashaaraan magariisaa babal’ate gaarotaafi lageen godinichaa biqlituu qilleensa naannawaa miidhagsan qofa osoo hintaane kan ijjisaa nyaatamullee dhaabuun dirree qullaa ture magariisatti uwwisnee Harargee Lixaa jijjiiraa jirra.

Gama misooma sululaatiin hojiin hojjetame akkuma biyyaattuu fakkeenyummaan kan ka’u yoo ta’u, shurrubbaa dubartii miidhagee dhahame fakkaata. Omishni achirratti biqilus callaansaa dachaan akka dabalu taasisaa jira. Sochichi jajjaabeessaa omishaafi oomishtummaan akka dabaluufi imalli badhaadhinaa eegalame akka milkaa’u bu’uura kan buusu waan ta’eef kan jajjabeeffamuudha.

Bariisaa: Aarsaa yeroo keessaniif galatoomaa jenna.

Aadde Ikraam: Isinillee sochii misoomaa godina keenyaafi hudhaalee xiyyeeffannoo barbaadanirratti iyyaafannoo nuu gootaniif galatoomaa.

Waasihun Takileetiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 Bara 2016

Recommended For You