Aadaa Oromoo Gujii keessatti dubartiin woyyuu

Sirni Gadaa Jarmiyaalee hawaasaa umriidhaan, korniyaan sadarkaa barnootaafi ulaagaa birootiin hinqoodu. Garuu Jarmiyaalee kunneeniif gaheefi ittigaafatamummaawwan garagaraa kenna. Ulfina dubartiif kennamurraa dubartii dura laga hince’an. Duudhaa sirna Gadaatiin dubartootnis ta’e dhiirotni waan eeyyamames ta’e dhorkaman qabu. Daa’immanis akkasuma.

Akka Aadaa Gujiitti, dubartiin guyyaa heerumtee jalqabdee miseensa maatiisheefi iddoo itti heerumte hawaasa keessatti seera mataashee qabdi.

Akka odeeffannoo maxxansa 4ffaa Qorii Sona Aadaa kan Waajjira Aadaafi Turizimii Godina Gujiitti, mirga qabeenya horachuu ilaalchisee Gadaan Gujii dubartootni qabeenya akka horatanif kan jajjabeessuudha. Haati warraa akkuma miseensa maatii kamuu qabeenya dhuunfaashii kan eeyyamashii malee namni biraa itti hinfayyadamneefi nama biraatiif dabarsitee kennuu hindandeenye qabdi.

Qabeenyi kun handhuura gaafa dhalatte kennameefirraa kaasee hanga lubbuun jirtutti kan horatteefi fuula duraafillee horattu hunda dabalata.

Siiqqoon ta haadha manaati

Siiqqeen ka haadha manaati

Sa’i ficee ka haadha manaati

Manni ka haadha manaati

Gulantaan ka haadha manaati

Boolli qayyaa ta haadha manaati

Bonkoon ta haadha manaati

Handhuraan dhoqqee ka haadha manaati

Butteen ta haadha manaati

Manoon ta haadha manaati

Daduun ta haadha manaati

Woyaan Ladduu ta haadha manaati

Itteen ta haadha manaati

Midhoon ta haadha manaati

Finqilaan ka haadha manaati

Sageettuun ta haadha manaati

Mutaan ka haadha manaati

Bittoon ta haadha manaati

Okoleen ka haadha manaati

Gaadiin ka haadha manaati

Samaxeen ta haadha manaati

Illachi ka haadha manaati

Kadheen ta haadha manaati

Geejjibi ka haadha manaati

Teephi ka haadha manaati

Eeleen ta haadha manaati

Distiin ta haadha manaati

Okkoteen ta haadha manaati

Meemmeen ta haadha manaati

Gimbeen ta haadha manaati

Alleen ta haadha manaati

Qoriin ta haadha manaati

Mooqaan ka haadha manaati

Qabeenyawwan haadha warraa kana akkuma qabeenya abbaa warraa eeyyamasheetiin ala namni biraa ittifayyadamuu hindanda’u. Seerri qabeenyawwanii kun yommuu hiikaman Siiqqoon ta haadha warraatti yoo jedhamu, Siiqqoon ulee dubartiiti.

Uleen kun seeraafi aadaa mataasaa qaba. Siiqqoo kan qabatu dubartii heerumte qofa. Dubartiin gaafa Siiqqoo qabattee deemtu heerumaaf deemti ykn heerumtee jirti. Keessummummaaf deemti, sokkaaf deemti, jilawwan adda addaatiif deemti hiikni jedhu waan itti kennamuuf kabaja qabdi.

Siiqqoon ulee dubartii yoo ta’u, Siiqqeen immoo horii dubartiin Siiqqoon dhahattee fudhattu jechuudha. Kanaaf Siiqqeen maqaa raada dubartiin gaafa heerumte barii Siiqqoon dhahattee fudhattuudha. Horii kana kan kennuuf Abbaa Mucaa ishee fuudhee yoo ta’u, dubartiin heerumte raada Isheef kennamtu sana Siiqqoon dhahattee fudhatti.

Guyyaa kanaa kaasee, ameessa ishii waan ta’eef hinjijjiramu; hingurguramu, hintuqamu. Sa’a Ficee jechuun horii intalti gaafa heerumtee mana maatii mucaa fuudheetti galte ganama kaatee

moonaatti baatee ficeen ykn quttoon hiikattuudha. Horii kana maqaansaa ficee jedhamuun beekama.

Ficeen intala durraatiif akka mallattoo durbummaa isiitti ilaalama waan ta’eef, sa’i ficee kun akka horii gatii bantii/ durbummaa isiitiif kennameetti herregama. Haa ta’uu malee, intalti bantii hinqanne horii ficee hinargattu. Manni kan haadha manaati jechuun, Abbaan warraa, ijoolleen ga’ee keessaa hinqaban jechuu adoo hintaane, dhimmi manaafi mana keessaa Abbummaan waan isii ilaallatuufi isiidhaan hogganamuufiidha.

Akka ummanni Oromoo Gujii amanutti, manni gulantaa hin qabnekaayyoo hin qabu; aadaa hin qabu; haadha hin qabu; safuufi saalfii hin qabu. Gulantaan guyyaa eebbaa, jiloota adda addaa haati manaa irra teettee buna qaltu, qodaa damboobaa ykn mijuu kennitu, eebba fudhattu, eebba kennituudha.

Kanaaf, gulantaan dubartiif kabaja guddaa qaba waan ta’eef, abbaa warraatiin woldhabanii yoo gulantaan ol gara dinqaatti dheette abbaan warraa gula darbee hin tuqu; yoo tuqe himattee seeraan ni yakkisiifama.

Bonkoon ta haadha manaati jechuun bonkoon uffata dubartii kan gogaa looniirra hojjatamuudha. Bonkoon dubartiin ykn haati manaa hidhattu wodaareefi Firaaxaa kan jedhaman yoo ta’u, Wodaareen Bonkoo dubartiin hidhattee iddoo barbaadde ittiin deemtu, horiillee ittiin tissitu yoo ta’u. firaaxaan kan guyyaa jilaa qofa hidhatamuudha. Mulluggic

durraa yoo ta’u, kanas kan hidhatu ijoollee durraa qofa.

Seera qabeenya haadha manaa keessaa kan biraa inni cimaan Okkoteefi keloodha. Okkoteefi keloon ta haadha manaati gaafa jedhamu,meeshummaa isii qofa adoo hinta’in; wanta achi keessatti argamu san agarsiisa.

Akka seeraafi aadaa Oromoo Gujiitti, Okkoteefi keloo haati manaa dhaadde Abbaan Worraa hin tuqu. Gaafa inni tuqe “Okkoteefi keloo ifiin dhaabata ykn na biraan dhaabaa/ harka keyaa naa gaafadha”jechuun warraa ykn gosaasaatti himattee adabsiisuu dandeetti. Kanaaf, abbaan warraa okkoteefi keloo tuquun aadmaleedha.

Taammiruu Raggaasaatiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 30 Bara 2016

Recommended For You