Qorannoowwan qamadiirratti adeemsifaman milkii omisha qamadii irratti argame ittifufsiisuuf

Waggaa afran har’aa yaadniifi karoorri qamadii hedduminaan omishuu yemmuu ka’u galmoota guguddoo lama milkeessuuf ture. Isaanis; inni jalqabaa fedhii bal’aa biyya keessaa jiru furuudhaan hirkattummaa gargaarsa qamadii biyyoota alaa jalaa bahuuf yemmuu ta’u, inni lammataa immoo fedhii biyya keessaa irraa hafee gara alaatti ergamuudhaan rakkoo yeroorraa yerootti hudhaa dinagdee ta’aa jiru hanqina sharafa alaa furuudha.

Kanaan dura garuu waggaa waggaadhaan isa bifa gargaarsaatiin dhufu dhiifnee kan biyyattiin bittaadhaan biyyatti galchitu waggaa waggaadhaan doolaara Ameerikaa biiliyoona dhibba tokko ture. Karoorri baay’inaan qamadii omishuu kun yeroo ammaatti milkaa’ee fedhii biyya keessaa waan guuteef baasii doolaara biiliyoona dhibba tokkoo kana oolchuun kan danda’ame yemmuu ta’u, fedhii biyya keessaa guutuu bira darbee immoo alattis erguun waan eegalameef doolaara dabalataa biyyattii argamsiisuu eegaleera.

Dabalataanis dinagdee biyyattii sababa sharafa alaatiin mugaa ture hirribaa dammaqsuu keessattis shoora bakka bu’ummaa hinqamne bahachaa jira.

Waggoota dhihoodhaa asi hirkattummaan Itoophiyaan gargaarsa midhaan nyaata alaa dhufurratti ture hir’achaa inumaayyuu akaakuuwwan midhaanii tokko tokkoon fedhii nyaataa biyya keessaa mirkaneeffachuu bira dabartee sadarkaa gabaa alaatiif dhiheessuurra gahuunshee kun qonnaan bultoota biyyattiitiif hamilee, qorattoota damee kanaatiif immoo hojii manaa guddaa omisha caalmaa qabu yeroo yeroon ittifufsiisuuf jiru kenneera.

Handhuura naannawa omisha qamadii kanaan beekkamu Baaletti kan argamu Yunivarsitiin Madda Walaabuu milkiin omishaafi omishtummaa qamadii dabaluu irratti argamaa jiru kun cimee akka ittifufuuf, akkasumas immoo hojiiwwan qorannoofi argannoo sanyiiwwan qamadii akaakuuwwan haaraadhaan dabaalamanii akka adeemaniif omisha kilaastaraa babal’isuurraa kaasee hanga sanyiiwwan fooyya’oo qonnaan bulaaf raabsuutti hojjachaa jira.

Yunivarsitichi qaamuma hojichaa kan ta’e tibbanas simpooziyeemii biyyaaleessaa omishaafi omishtummaa qamadii dabaluurratti xiyyeeffatu tokko qopheesseera. Qorattootni dhaabbilee qorannoorraa babahan, yunivarsitoota bakka bu’aniifi dhaabbileen dhuunfaa omisha qamadii dabaluu keessatti qooda fudhatan simpooziyemicharratti hirmaataniiru.

Waggoota muraasaa as injifannoon biyyattiin gama omisha qamadiitiin argachaa jirtu hojii damee qonnaa qofaan hojjatamee dhufe osoo hintaane, waliin hojjachuu dameen qonnaa dhaabbilee barnoota olaanaa, dhaabbilee qorannoofi qindoomina dhaabbilee dhuunfaa omishtummaa dabaluu keessatti gahee qabaniin ta’uu simpooziyemicharratti kan himan Pirezidaantii Ittaanaa Yunivarsitii Madda Walaabuu Doktar Bazzaabih Wandimmuuti. Injifannoon argame akka boodatti hindeebineefis qindoominni qaamolee kanneenii barbaachisaa ta’uus dubbatu.

Akka ibsasaaniitti; yeroo ammaa akkuma bu’aa omisha dabaluudhaan fedhii biyya keessaa guutuun danda’ame kanatti gammannu, ittifufiinsasaatiifis yaaduu qabna. Milkaa’inni kun kan ittifufuu danda’u ammoo hojiiwwan qorannoo damicharratti adeemsifaman yoo baay’inaafi qulqullinaan hojjatan qofaadha.

Akkuma qonni qaama barbaachisaa ta’eefi omishni qamadii dinagdee biyyaatiif murteessaa ta’etti sodaawwan jiran adda baasuudhaan haalli sodaawwan mudachuu malan qorannoorratti hundaa’uun akka furaman gochuuf simpooziyeemiin hojiiwwan qorannoorratti dhihaatan murteessoodha.

Milkii omishtummaa qamadiirratti argamaa jiruuf dhimmootni akka jijjiirama qilleensaafi asiidummaan biyyoo sodaa guddaa ta’aa jiraachuu kan himan immoo Qorataan Midhaanii Giddugala Qorannoo Qonna Qulumsaa Doktar Nagaash Galataati.

Sodaawwaniifi rakkooleen omishtummaa qamadii hir’isuu danda’an kunniin hojiiwwan qorannootiifi mala furmaataa bu’aa qorannichaarratti hundaa’ee kennamuun ta’uu ibsu.

Akka biyyaatti hojiin qorannoo qonnaa kun erga eegalee waggoottan jahaatama kan laakkofsiisan ta’uu kan yaadachiisan Doktar Nagaash, ergasii kaasee babal’ina dhaabbilee qorannoo hundeeffamaniin akaakuuwwan sanyii qamadii yeroorraa yerootti fo’aa bahaa jiran omisha qamadii akka biyyaatti dabalaa dhufeef deeggarsa guddaa taasisaa jiraachuus ni dubbatu.

Bayyanaa Ibraahimiin

BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016

Recommended For You