Injifannoon Adwaa mo’annaa ummatoonni gurraachonni ittiin boonaniifi agarsiistuu humna tokkummaafi walooti. Injifannichi adeemsa seenaa karaa barame kan jijjiireedhas. Injifannoon Adwaa lammiileen Itoophiyaa dhimma biyyasaaniirratti eenyummaa waloo akka gabbifataniif waan guddaa gumaacheera.
Injifannoon yeroo sana argame lammiilee Itoophiyaatiif onnee ta’ee jalqabarratti weerara Xaaliyaaniin raawwatte adeemsa deebisanii haleeluutiin irra aanuun kan dandeessiseedha. Xaaliyaaniin miira gaabbiitiin weerara yeroo lammataatiif dhuftus waan onneen injifannoo Adwaa hinqabbanoofneef akkuma dhuftetti qaanoftee deebiteetti.
Injifannoon Adwaa lammiileen Itoophiyaa oggaa diinni isaan weeraru tokko ta’anii akka dhaabataniifi manii waloo qabatanii onnee hinmo’amuutiin akka diina waraanan qabatamaan kan taasiseedha.
Kanarraa ka’uun seenaan Injifannoo Adwaa Itoophiyaa bira darbee mo’annaa ummatoonni gurraachonni hundi ittiboonnaniifi humna tokkummaafi waloosaanii ta’ee galmaa’eera.
Injifannoo Adwaa dura sababiin Afrikaanonni Awuroppaanota waraanaan mo’achuu dadhabaniif humna loltummaa cimaafi meeshaa waan hinqabneefi. Itoophiyaan garuu yeroo sanatti humna loltummaa Awuroppaanotatti qormaata ta’e waan ijaarteef mo’achuu akka dandeesseedha hayyoonni dhugaa kan bahan.
Wanti Injifannoo Adwaa adda taasisu Awuroppaanonni haala ilaalanii, yeroo eeggatanii humna loltummaasaanii teknolojiidhaan utubame abdatanii akkasumas qormaata uumamaafi namtolchee keessooshiitti mudate akka carraatti fayyadamanii Afrikaa qircachuuf qo’atanii, waliigalanii hundarra gurraachi koloneeffamuu akka qabu amananiis turan.
Itoophiyaafi ummatashiis garboomsanii bituuf dhufanii yeroo ardittii harka keessa galfanneerra jedhanii yaadanitti saboonni, sablammoonniifi ummatoonni biyyattii tokkummaadhaan waraananii injifachuun seenaa yoomiyyuu hindimimmisne ta’ee dhiiga goototaatiin barreeffameera.
Adwaan Itoophiyaa bira darbee ardittii akkasumas injifannoo cunqurfamtoota dammaqse, faashistii waraananii mo’achuun akka danda’amu barsiise, faayidaa dhimma biyyaatiif walfaanaafi tokkummaan dhaabachuu qabatamaan kan agarsiiseedha.
Dhaloonni ammaa Itoophiyaas Injifannoo Adwaa kanarraa barnootawwan danuu fudhachuu danda’u. Waantonni injifannicha booda raawwataman tokkummaafi walooma ummatichaa eegsise ta’uu hubachuun ni danda’ama.
Sabdaneessummaa tokkummaa seenaarraa dhaalame yaaduufi miira mo’attummaa, ciminaafi gootummaa Injifannoo Adwaarraa fudhatame damee hojiirratti bobba’ame, keessumaa nageenya waaraa mirkaneessuun akka danda’amus irra baratama.
Akkasumas qormaata keessatti cimuu, kutanii keessa darbuu, injifannoofi gootummaa dhaaluun dhabiinsa nageenyaa ammaan tana Itoophiyaafi ummatashii gidirsaa jirurra aanuuf akkuma abbootiifi haadholii keenyaa irree tokkoomeen hojjechuun murteessaa ta’uun nihubatama.
Nageenyaafi misooma Itoophiyaafi ummannishii yeroo ammaa waa hundarra cimsanii hawwaa jiran dhugoomsuuf hayyoonni, dargaggoonni biyya dhaalan taateewwan mara tasgabbii, suutaafi hubannoodhaan mil’achuu qabu. Kanaafis humna biyyaaf qofa dhaabate (qaamolee nageenyaa) maddii dhaabachuun akkuma akaakayyuuwwansaa Itoophiyaaa mallattoo bilisummaafi nageenya ummata injifannoo baree walfaana eeguun barbaachisaadha.
Ayyaanni Adwaa 128ffaan har’a haala ho’aadhaan Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajamu kun kan guutummaa Afrikaati. Injifannoo waloo, guddaafi dhugaa seenaa addunyaa jijjiire, walqixxummaa dhala namaa mirkaneesse, baay’ota qabsoo bilisummaa jalqabsiiseefi gara mo’ichaatti ceessiseedha.
Kabaja ayyaana Injifannoo Adwaa baranaa kan adda taasisu biyyi keenya lammiileeshii gatiifi aarsaa kanfalaniif akka hindaganne, oolmaasanii olqabdee kan kaastu ta’uushii irradeebiin agarsiisuuf borumtaa Godambaa Injifannoo Yaadannoo Adwaa sadarkuma injifannichaatti ilaalamu ijaarsistee eebbisiistetti ta’uusaati.
Kunis birmadummaa biyyaaf ummatootaatiif gatii kanfaluun ulfina akkamii akka nama gonfachiisu hubachuun qabatamaan kan agarsiisu waan ta’eef dhaloonni ammaas miira gootummaa abbootiisaarraa dhaaleen nageenyaafi misooma biyyasaatiif of kennee hojjechuun Adwaa biraa galmeessisuu qaba.
BARIISAA SANBATAA Guraandhala 23 Bara 2016
3 Comments to “ Miira injifannoo Adwaatiin nageenyaafi misoomaan Adwaa biraa galmeessisuu”
Comments are closed.